Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummaan Waaqayyoo Waan Garaa Namaa Keessa Jirudhaa?

Mootummaan Waaqayyoo Waan Garaa Namaa Keessa Jirudhaa?

Gaaffii Dubbistootaa

Mootummaan Waaqayyoo Waan Garaa Namaa Keessa Jirudhaa?

Yeroo har’aa namoonni baay’een, gaaffii armaan oliitiif deebii eeyyee jedhu kennu. Fakkeenyaaf, Za Kaatolik Insaayikilooppeediyaan akkas jechuudhaan dubbata: “Mootummaa Waaqayyoo jechuun . . . bulchiinsa Waaqayyoo garaa keenya keessa jirudha.” Geggeessitoonni amantii yaada akkasii barsiisu. Macaafni Qulqulluun, Mootummaan Waaqayyoo garaa namaa keessa akka jiraatu barsiisaa?

Namoonni tokko tokko, yaada Mootummaan Waaqayyoo garaa namootaa keessa jira jedhu Yesus biraa madde jedhanii yaadu. Yesus, “Mootummaan Waaqayyoo gidduu keessan jira” jedhee ture. (Luqaas 17:21) Hiikni Macaafa Qulqulluu tokko tokko yaada kana, “Mootummaan Waaqayyoo isin keessa jira” jedhanii hiikaniiru. Kun yaada Yesus dubbate sirriitti kan ibsudhaa? Dhugumaan Yesus, Mootummaan Waaqayyoo garaa namootaa keessa jira jechuusaa turee?

Jalqaba, garaan namootaa maal akka ta’e hubadhu. Macaafa Qulqulluurratti akka ibsametti, garaan keenya inni fakkeenyaan ibsame, namummaa keenya isa keessaa, madda yaadaa, ilaalchaafi miira nama tokkoo kan argisiisudha. Jechi Mootummaan Waaqayyoo inni qulqulluun namootarratti jijjiirama gaarii waan fiduuf garaa namootaa keessa jira jedhu gaarii fakkaatuyyuu, wanti kun dhugumaan sirriidhaa?

Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Garaan namaa waan hundumaa irra jal’aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda’u.” (Ermiyaas 17:9) Yesusiyyuu akkas jedheera: “Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba’a; isaan immoo, halalummaa, hanna, nama ajjeechaa, ejjummaa, sassata, hammina.” (Maarqos 7:20-22) Mee yaadi: Rakkina addunyaarratti arginu keessaa caalaansaa garaa hamaa cubbamaa ta’erraa kan maddan mitii? Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo inni mudaa hin qabne, akkamitti bakka kanaa madduu danda’aree? Akkuma kosorruurraa harbuu argachuu hin dandeenye, Mootummaan Waaqayyoo garaa ilmaan namootaa keessatti argamuu hin danda’u.—Maatewos 7:16.

Lammaffaammoo, Yesus yaada Luqaas 17:21⁠rratti argamu kan dubbate eenyufa’itti akka ta’e yaadi. Yaanni isa dura jiru, “Yesus, mootummaan Waaqayyoo yoom akka dhufu warra Fariisotaatiin gaafatamee, deebii isaaniif deebise” jedha. (Luqaas 17:20) Fariisonni diinota Yesus turan. Yesus, Fariisonni of hin argineen sun Mootummaa Waaqayyootti akka hin galle ibseera. (Maatewos 23:13) Fariisonni sun Mootummaa Waaqayyootti erga hin gallee, Mootummichi garaasaanii keessa jiraachuu ni danda’aa? Kun waan ta’uu hin dandeenyedha! Yesus maal jechuusaa ture?

Hiikni Macaafa Qulqulluu ofeeggannoodhaan hiikaman hedduun, jecha Yesus kana yeroo hiikan, ibsa Hiika Addunyaa Haaraa wajjin walfakkaatutti fayyadamaniiru. Isaan keessaa tokko tokko, Mootummichi “isin gidduu jira” jedhu. Mootummaan Waaqayyoo Fariisota dabalatee namoota yeroo sana turan gidduu kan ture akkamitti? Yesus, Mootummaa Waaqayyoorratti Mootii akka ta’u Yihowaan isa dibeera. Yesus Mootii Filatame ta’ee achuma isaan gidduutti argama ture. Mootummichi maal akka raawwatu argisiisuuf, waa’ee Mootummaa Waaqayyoo barsiiseera, dinqiiwwanis raawwateera. Kanaafuu Mootummichi gidduusaanii ture jechuun ni danda’ama.

Yaada Mootummaan Waaqayyoo garaa namootaa keessa jira jedhuuf Caaffata Qulqullaa’oorraa deggersi akka hin argamne ifadha. Kanaa mannaa, akkuma raajonni dubbatan bulchiinsa dhugaa lafarratti jijjiirama dhugaa fidudha.—Isaayaas 9:6, 7; Daani’el 2:44.