Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Biratti Gatii Guddaa Qabna

Waaqayyo Biratti Gatii Guddaa Qabna

Waaqayyotti Dhihaadhu

Waaqayyo Biratti Gatii Guddaa Qabna

Luqaas 12:6, 7

‘GARAAN keenya nutti faraduu danda’a.’ Jechoonni Macaafa Qulqulluu keessatti argaman kun, yeroo tokko tokko garaan keenya garmalee nu ceepha’uu akka danda’u argisiisu. Jaalalaafi kunuunsa Waaqayyoo argachuun kan nuuf hin malle akka ta’e nu amansiisuuf yaala. Macaafni Qulqulluun garuu, “Waaqayyo garaa keenya irra caalee waan hundumaa akka hubatu in beekna” jedha. (1 Yohannis 3:19, 20) Waaqayyo hanga nuti of beeknu caalaa nu beeka. Ilaalchi inni nuuf qabu, ilaalcha nuti ofiif qabnurraa baay’ee adda ta’uu danda’a. Ilaalchi Yihowaan nuuf qabu wanta bakki guddaan kennamuufidha. Maarree inni ilaalcha akkamii nuuf qaba? Deebiin gaaffii kanaa, fakkeenya gaarii Yesus yeroo addaddaa lamatti dubbaterraa argama.

Yeroo tokko Yesus, “Simbirroonni lama akka saantiima tokkootti in gurguramu mitii ree?” jedhee ture. (Maatewos 10:29, 31) Luqaas 12:6, 7⁠rrattimmoo, “Simbirroonni shan akka saantiima lamaatti in gurguramu mitii? Garuu isaan keessaa tokko iyyuu Waaqayyo duratti kan dagatamu hin jiru. . . . Kanaafis hin sodaatinaa, isinoo simbirroota baay’ee irra guddaa in caaltu” jechuudhaan dubbateera. Fakkeenyi salphaan garaa namaa tuqu kun, Yihowaan waaqeffattootasaa hundaaf ilaalcha akkamii akka qabu nu hubachiisa.

Simbirroonni asirratti ibsaman simbirroota nyaataaf oolan hunda caalaa rakasa turan. Yesus, tarii haadhasaa dabalatee dubartoonni hiyyeeyyii ta’an, maatiisaanii sooruuf simbirroota xixinnoo ta’an kana yommuu gabaadhaa bitan arguu hin oolu. Asaariyooniin durii tokko, yeroo har’aatti meezoo tokkoo gadi ta’a. Namni tokko asaariyoonii tokkoon simbirroota lama bituu danda’a ture. Simbirroonni kun baay’ee rakasa waan ta’aniif namni tokko asaariyoonii lamaan afur utuu hin ta’in shan bita ture. Akka kanaan simbirroon tokko gatii waan hin baasneef akka eebbaatti kennamti turte jechuudha.

Yesus simbirroon tokkoyyuu ‘Waaqayyo duratti akka hin dagatamne’ ykn yaada Abbaa ‘malee akka lafa hin buune’ dubbateera. (Maatewos 10:29) Yihowaan yeroo simbirroon tokko tarii dhukkubsattee lafarra buutu ykn nyaata barbaacha lafarra qubattu ni hubata. Yihowaan simbirroota gatii hin qabne fakkaatan kana akkuma xixinnoodha jedhee uumuu hin dhiisne, isaan yaadachuus hin dhiisu. Uumamawwan jaallatamoo lubbu qabeeyyii waan ta’aniif, Yihowaan iddoo guddaa isaanii kenna. Barumsa fakkeenya Yesusirraa argamu hubatteettaa?

Yesus yeroo baay’ee, waan xinnoofi waan guddaa walbira qabee barsiisa ture. Fakkeenyaaf, “Qurruu ilaalaa, hin facaasan, hin haamanis; gombisaa hin qaban, gumbiis, garuu Waaqayyo isaan in soora; isin immoo allaattii irra guddaa in caaltu” jechuudhaan dubbateera. (Luqaas 12:24) Ergaan Yesus simbirroota fakkeenya godhachuudhaan dabarsuu barbaade ifadha. Yihowaan simbirroota xixinnoo akkasiitiif kan yaadu erga ta’ee, ilmaan namootaa isa jaallataniifi isa waaqeffataniif caalaatti ni yaada.

Jechoota Yesusirraa hubachuun akka danda’amutti, Waaqayyo inni “garaa keenyarra caalu” nu beekuufi nuuf yaaduunsaa kan nuuf hin malledha jenne yaaduu hin qabnu. Uumaan keenya wanta nuti of keessatti arguu hin dandeenye, nu keessatti arguu akka danda’u beekuun kan nama jajjabeessu mitii?

[Madda fakkii fuula 17rra jiru]

Simbirroota: © ARCO/D. Usher/age fotostock