Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Humni Waaqayyoo Urjootarratti Ni Mul’ata

Humni Waaqayyoo Urjootarratti Ni Mul’ata

Humni Waaqayyoo Urjootarratti Ni Mul’ata

“Mee ol jedhaatii ija keessaniin ilaalaa! Urjoota kana hundumaa eenyutu uume? Macca isaanii lakkoobsaan eenyutu gad yaasa? Hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama, inni humna-qabeessaa fi aango-qabeessa waan ta’eef, isaan keessaa kan dhabamu tokko illee hin jiru.”—ISAAYAAS 40:26.

ADUUN urjii guddinnishee giddu galeessa ta’edha. Kanumayyuu ta’ee, lafarra harka 330,000 caalti. Urjiiwwan naannoo aduutti argaman baay’eensaanii isheerra ni xinnaatu. Urjiiwwan kaan garuu isheerra ni guddatu. Fakkeenyaaf urjiin V382 Siignii jedhamu aduurra gara harka 27 ni caala.

Aduun humna hammamii maddisiisti? Ibiddi fageenya kiilomeetirii 15 fagaaturratti boba’u utuu sitti ho’ee hangam cimaa akka ta’e yaadi. Aduun lafarraa gara kiilomeetirii miliyoona 150 fagaatti. Ta’us guyyaa aduu cimaan jirutti ho’ishee gogaa namaa waxala! Kan nama ajaa’ibsiisu, humna aduun maddisiistu keessaa gara lafaa kan dhufu biliyoona keessaa gara harka tokkoo qofadha. Ta’us, humni kun jireenya lafarratti argamu jiraachisuuf ga’aadha.

Humni aduu, pilaanetoota akka lafaa tiriliyoona 31 ta’aniif ga’aa akka ta’e saayintiistonni hubachuu danda’aniiru. Humna guddaa kana jecha garabiraadhaan ibsuuf, humni aduun maddisiistu sekoondii tokkoof qofa utuu walitti qabamee, Yuunaayitid Isteetis “humna elektiriikii waggoota 9,000,000iif ta’u akka argattu ishee gargaara” jechuudhaan Weeb saayitiin Ispees Weezar Priidiikshin Seentar (SWPC) jedhamu ibseera.

Handhuura aduutti jechuunis bakka nuwkulariin maddutti atoomonni walitti rukutamanii humna hangana hin jedhamne uumu. Aduun baay’ee guddoofi handhuurrisheemmoo gobbuu waan ta’eef, humni iddoo sanaa madde gubbaasheetti ba’uuf waggoota miliyoonaan lakkaa’aman fudhata. “Amma, aduun humna maddisiisuu utuu dhaabdee, humni kun dhaabachuunsaa kan nutti beekamu waggaa 50,000,000 boodadha” jechuudhaan Weeb saayitiin SWPC jedhamu ibseera.

Mee ammammoo dhugaa kana ilaali: Halkaniin samii yommuu ol ilaaltu, urjiiwwan kumaan lakkaa’amaniifi akkuma aduu humna guddaa maddisiisuu danda’an argita. Saayintiistonni, uumama cufaa keessa urjiiwwan biliyoona hedduutti lakkaa’aman akka jiran ibsaniiru!

Urjiiwwan kun hundi eessaa dhufan? Hayyoonni qorannaa godhan hedduun, uumamni cufti waggoota biliyoona 14 dura akkuma tasaa jiraachuu jalqabe jedhanii kan amanan ta’uyyuu, sababii kun itti ta’uu danda’e hubachuu hin dandeenye. Macaafni Qulqulluun salphaadhumatti, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedha. (Uumama 1:1) Qaamni urjoota humna guddaa maddisiisan uume “humna-qabeessa” jedhamuu akka danda’u hin shakkisiisu.—Isaayaas 40:26.

Waaqayyo Humnasaatti Akkamitti Fayyadama?

Yihowaan warra fedhasaa raawwatan gargaaruuf humnasaatti fayyadama. Fakkeenyaaf, Phaawulos humna argatetti fayyadamee waa’ee Waaqayyoo warra kaan barsiiseera. Phaawulos namoota kaan caalaa humna kan qabu hin turre; ta’uyyuu, utuu mormii cimaan irra ga’uu hojii gaarii hedduu raawwachuu danda’eera. Akkamitti? ‘Humna humna gararraa’ Waaqayyo biraa akka argate dubbateera.—2 Qorontos 4:7-9.

Yihowaan warra seera inni amalaaf baase ta’e jedhanii cabsan balleessuufis humnasaatti fayyadameera. Yesus Kiristos, Yihowaan humnasaatti fayyadamuudhaan warra hamoota qofa akka balleessu ibsuuf, badiisa Sodoomiifi Gomoraa akkasumas Bishaan Badiisaa bara Nohitti ga’e caqaseera. Yesus, Yihowaan dhiheenyattis humnasaatti fayyadamuudhaan warra seerasaa tuffatan akka balleessu raajii dubbateera.—Maatewos 24:3, 37-39; Luqaas 17:26-30.

Beekumsi Kun Maaltu Akka Sitti Dhaga’amu Godha?

Daawit Mootichi, “Ani gara bantiiwwan waaqa keetii warra harka keetiin hojjetamanii, gara ji’aa fi urjoota warra ati dhaabdee yeroon ilaalu, ‘Ati akka isa yaadattuuf namni maali? Ati akka isaaf dhimmituufis ilmi namaa maali?’ jedhee nan gaafadha” jedheera. Atis humna Waaqayyoo isa urjootarratti mul’aturratti erga xiinxaltee booda, akkuma Daawit sitti dhaga’amuu danda’a.—Faarfannaa 8:3, 4.

Eeyyee, yommuu uumama cufaa wajjin waliin ilaalamnu baay’ee xinnoo akka taane hubanna. Haata’u malee, humna akka hin qabne nutti dhaga’amuu hin qabu. Yihowaan, jechoota armaan gadiitti argamaniifi nama jajjabeessan akka barreessu Isaayaasiin kakaaseera. Isaayaas akkas jedhe: “Inni warra dadhabaniif humna in kenna, warra aangoo hin qabneefis jabina in kenna; ijoollonni in dadhabu, in mudhukus, dargaggoonnis gufatanii in kufu; warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka’u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.”—Isaayaas 40:29-31.

Fedha Waaqayyoo raawwachuuf fedhii qabda taanaan, Waaqayyo fedhasaa gochuukee akka itti fuftu si gargaaruuf hafuura qulqulluu akka sii kennu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa. Haata’u malee hafuura kana argachuuf kadhachuu qabda. (Luqaas 11:13) Gargaarsa Waaqayyootiin qorumsa akkamiiyyuu mo’uufi wanta sirrii ta’e gochuuf humna argachuu dandeessa.—Filiphisiiyus 4:13.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 7rra jiru]

Gargaarsa Waaqayyootiin humna wanta sirrii ta’e gochuuf si dandeessisu argachuu dandeessa

[Fakkii fuula 7rra jiru]

Suuraan olitti argamu gubbaadhaa jalqabee bitaadhaa gara mirgaatti: Whirlipul gaalaaksii, Pliyaadiis Istaar kilaastar, Oriyoon Neebuulaa, Andiroomeedaa gaalaaksii

[Fakkii fuula 7rra jiru]

Aduun lafarra harka 330,000 caalti

[Madda fakkii fuula 7rra jiru]

Piliyaadiis: NASA, ESA fi AURA/Caltech; kan olitti argaman hundi: National Optical Astronomy Observatories