Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seenaan Waa’ee Nohiifi Bishaan Badiisaa Dubbatu Afoola Utuu Hin Ta’in Dhugaadha

Seenaan Waa’ee Nohiifi Bishaan Badiisaa Dubbatu Afoola Utuu Hin Ta’in Dhugaadha

Seenaan Waa’ee Nohiifi Bishaan Badiisaa Dubbatu Afoola Utuu Hin Ta’in Dhugaadha

ADDUNYAA namoonni nagaadhaan keessa jiraatan, bakka waraanni, yakkiifi cunqursaan hin jirre keessa jiraachuu ni hawwitaa? Taanaan, seenaa tarii atis akka gaariitti beektu tokkorraa jajjabina argachuu dandeessa. Seenaan kun waa’ee Nohi kan ibsudha. Nohi nama gaarii yommuu ta’u, markaba ijaaruudhaan bishaan badiisaa addunyaa mararra ga’eefi hamoota balleesserraa ofiisaas ta’e maatiisaa oolcheera.

Seenaan Nohi bakka hedduutti beekama jechuun ni danda’ama. Yeroo sanatti Nohirratti maaltu akka raawwatame, Macaafa Uumamaa boqonnaa 6 hanga 9⁠rratti ibsameera. Seenaan kun Quraana keessatti kan argamu ta’uusaarrayyuu, afoola saboota addunyaa maratti argaman hedduu keessattis ni dubbatama. Bishaan Badiisaa dhugumaan ta’eeramoo, afooluma namoonni wanta gaarii akka godhan jajjabeessuuf dubbatamedha? Namoonni waa’ee amantii barsiisaniifi saayintistoonni, jaarraawwan hedduudhaaf dhimma kanarratti wal falmaa turaniiru. Haata’u malee, Dubbii Waaqayyoo kan ta’e Macaafni Qulqulluun, seenaan kun afoola utuu hin ta’in dhugaa ta’uusaa ibsa. Yaadawwan armaan gaditti ibsaman ilaali.

Macaafni Uumamaa waggaa, ji’aafi guyyaa Bishaan Badiisaa kun itti jalqabe, markabichi yoomiifi eessa akka buufate, akkasumas bishaanichi lafarraa yoom akka goge sirriitti nutti hima. Kana malees markabichi maal akka fakkaatu, guddinasaafi maalirraa akka hojjetame sirriitti nutti hima. Seenaan afoolaan dubbatamu garuu yeroo baay’ee ifa miti.

Seenaan hidda dhalootaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame lama, Nohi nama lubbuudhaan jiraate ta’uusaa nuu mirkaneessa. (1 Seenaa 1:4; Luqaas 3:36) Seenaa dhalootaa kana kan barreessan Izraaniifi Luqaas, namoota ofeeggannoodhaan qorannaa godhan turan. Luqaas, Yesus Kiristos karaa hidda dhalootaa Nohi akka dhufe caqaseera.

Raajota keessaa Isaayaasiifi Hisqi’el, ergamoota Yesus keessaammoo Phaawulosiifi Phexros, seenaa waa’ee Nohi ykn waa’ee Bishaan Badiisaa dubbatu caqasaniiru.—Isaayaas 54:9; Hisqi’el 14:14, 20; Ibroota 11:7; 1 Phexros 3:19, 20; 2 Phexros 2:5.

Yesus Kiristos, “Bara Nohitti akkuma ta’ee ture, bara ilma namaattis akkasuma in ta’a. Namoonni hamma guyyaa Nohi markabatti galetti, bishaan badiisaas dhufee hunduma isaanii balleessetti, nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan” jechuudhaan waa’ee Bishaan Badiisaa kanaa dubbateera. (Luqaas 17:26, 27) Bishaan Badiisaa utuu hin geenye ta’ee, Yesus “bara ilma namaa” jedhee dubbachuunsaa hiika hin qabaatu ture.

Phexros ergamaan, “ga’iftoonni” wanta Macaafni Qulqulluun dubbatutti qoosan akka dhufan raajii dubbateera. Itti aansuudhaanis, namoonni “akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan . . . Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana [bara Nohitti] ture sun liqimfamee akka balleeffame hin yaadanne” jedheera. Nutoo seenaa kana ‘yaadachuu’ hin qabnuu? Yaadachuu qabna! Achiis Phexros, “Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo . . . ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaa’amanii jiru” jedheera.—2 Phexros 3:3-7.

Gara fuulduraattis Waaqayyo hamoota kan balleessu yommuu ta’u, yeroo kanattis namoonni badiisarraa oolan ni jiraatu. Fakkeenya Nohi hordofuudhaan, qajeelota badiisarraa oolanii addunyaa haaraatti galan keessaa tokko ta’uu dandeenya.