Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Warra Isaaf Amanamoo Ta’an Hin Gatu

Yihowaan Warra Isaaf Amanamoo Ta’an Hin Gatu

Yihowaan Warra Isaaf Amanamoo Ta’an Hin Gatu

“[Yihowaan] warra isaaf of kennanis [“amanamoo ta’an,” NW] hin gatu; isaan bara baraan in eegamu.”—FAR. 37:28.

1, 2. (a) Haala Dh.K.D. jaarraa kurnaffaatti ture kamtu, tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo ta’anitti qorumsa ta’ee ture? (b) Yihowaan namoota isaaf amanamoo turan kan eege haalawwan rakkisaa akkamii sadii keessatti ture?

YEROONSAA Dh.K.D. jaarraa kurnaffaatti yommuu ta’u, yeroo sabni Waaqayyoo murtoo tokko itti godhan ture. Gosa Israa’el warra kaabaatiif mirgi ofiin of bulchuu waan kennameef waraanni Israa’eloota gidduutti ka’uuf ture xinnumaaf hafeera. Mootiisaanii isa haaraa kan ta’e Yerobi’aam, amantii Mootummaa hundeessuudhaan yeruma sana aangoosaa jajjabeeffachuu jalqabe. Namoonni bulchiinsasaa jala jiran guutummaatti akka isaaf abboomaman dirqisiisuutti ka’e. Yeroo kanatti tajaajiltoonni Yihowaa warri amanamoon maal godhu laata? Waaqasaaniitiif amanamoo ta’anii itti fufuu? Namoonni kumaan lakkaa’aman amanamoo ta’anii kan itti fufan yommuu ta’u, Yihowaanis eegumsa isaanii godheera.—1 Mot. 12:1-33; 2 Sen. 11:13, 14.

2 Yeroo keenya kanattis amanamummaan saba Waaqayyoo qoramaa jira. Macaafni Qulqulluun, “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna’a” jechuudhaan akeekkachiisa. ‘Amantiitti jabaannee Seexanaan mormuutti’ milkaa’ina argachuu ni dandeenyaa? (1 Phe. 5:8, 9) Wantoota naannoo Yerobi’aam Mootichi Dh.K.D. bara 997⁠tti moosifame raawwataman tokko tokkoofi barumsa wantoota kanarraa argannu haa ilaallu. Tajaajiltoonni Yihowaa warri amanamoon yeroo rakkisaa sanatti cunqurfamanii turan. Utuma gantoonni dhiibbaa isaanirraan ga’anii hojii gurguddaa Yihowaan isaanii kenne hojjetu turan. Yihowaan namoota haala rakkisaa sana keessatti isaaf amanamoo ta’an hin gatne; har’as hin gatu.—Far. 37:28.

Yeroo Cunqurfamanitti

3. Bulchiinsi Daawit Mootichaa kan nama hin cunqursine maaliif ture?

3 Dura, yommuu Yerobi’aam moosifame haalli akkamii akka ture haa ilaallu. Fakkeenyi 29:2, “Warri jal’oonni yommuu biyya bulchan . . . namoonni in gaddu” jedha. Namoonni bulchiinsa Daawit Mooticha Israa’el durii jala turan gammachuu qabu turan. Daawit cubbuu kan dhaale ta’uyyuu, Waaqayyoof amanamaa, akkasumas isatti kan of kenne ture. Bulchiinsi Daawit kan nama cunqursu hin turre. Yihowaan, “Manni kee fi mootummaan kee fuula koo dura bara baraan jabaatee in jiraata, teessoon kees bara baraan jabaatee in dhaabata” jechuudhaan Daawitii wajjin kakuu galee ture.—2 Sam. 7:16.

4. Eebbi bara bulchiinsa Solomoonitti argame maalirratti kan hundaa’e ture?

4 Bulchiinsi Solomoon ilma Daawit, jalqabarratti nagaafi badhaadhinaan kan beekamu waan tureef, Bulchiinsa Barkumee Yesus isa gara fuulduraatiif fakkeenya ta’uu danda’eera. (Far. 72:1, 17) Yeroo sanatti gosti saba Israa’el 12an, sababii fincila itti kaasan hin qaban turan. Ta’us, Solomoonis ta’e Israa’eloonni eebba kan argatan yoo ajajaman qofa ture. Yihowaan Solomooniin akkas jedhee ture: “Akka seerrata kootti yoo deddeebite, wanta ana duratti qajeelaa ta’e yoo goote, akka ati ittiin jiraatuuf isa ani si abboome hundumaas yoo eegde, . . . isan abbaa kee Daawitiin abdachiise karaa kee nan raawwadha; ani saba koo Israa’el gidduu nan jiraadha, ani isaan hin gatu.”—1 Mot. 6:11-13.

5. Solomoon Yihowaa ganuunsaa rakkina akkamii fide?

5 Solomoon, bara dullumaasaatti Yihowaa ganee waaqeffannaa sobaarratti hirmaachuu jalqabe. (1 Mot. 11:4-6) Suutuma suuta seerawwan Yihowaatiif ajajamuu diduudhaan garmalee namoota kan cunqursu ta’e. Haalli kun baay’ee isaan dhiphisee waan tureef, erga inni du’ee booda sabichi Ilmasaa Rehobiyaamitti dhimmasaa himachuudhaan furmaata akka isaanii kennu gaafatanii turan. (1 Mot. 12:4) Yeroo Solomoon gantuu ta’u Yihowaatti maaltu dhaga’ame?

6, 7. Solomoon fudhatama kan dhabe ta’uyyuu, Yihowaan warra isaaf amanamoo ta’an kan gargaare akkamitti?

6 Macaafni Qulqulluun, “Solomoon sababii Waaqayyo gooftaa Israa’el isa si’a lama isatti mul’atee ture irraa yaada isaa deebiseef, Waaqayyo isatti in dheekkame” jechuudhaan nutti hima. Yihowaan Solomooniin, “Erga ati . . . kakuu anaa wajjin galtee fi seerrata koo isa ani si abboome cabsitee, ani dhugumaan mootummaa kee irraa cabsee, hojjetoota kee keessaa isa tokkoof nan kenna” jedheen.—1 Mot. 11:9-11.

7 Sana booda Yihowaan, Ahiiyaa raajichi nama isaan furu akka isaanii muudu isa erge. Namni kun, Yerobi’aam isa beekaa bara bulchiinsa Solomoonitti turedha. Yihowaan kakuu Mootummaa Daawitii wajjin galeef amanamaa kan ture ta’uyyuu, mootummaan gosoota kudha lamaanii bakka lamatti akka hiramu heyyameera. Gosti kurnan Yerobi’aamiif kan kenname ennaa ta’u, gosti lamammoo maatii Daawit isa yeroo sanatti Rehobiyaam Mootichaan bakka buufameef kenname. (1 Mot. 11:29-37; 12:16, 17, 21) Yihowaan Yerobi’aamiin akkas jedhee ture: “Daawit garbichi koo akkuma godhe, atis abboommota koo fi seerrata koo eeguudhaan, wantan si abboome hundumaa yoo goote, karaa koo irra yoo adeemte, wanta ana duratti qajeelaa ta’es yoo goote, yommus ani sii wajjin nan ta’a; akkuman mootummaa Daawit jabeesse mootummaa kees immoo nan jabeessa. Israa’elinis siif nan kenna.” (1 Mot. 11:38) Yihowaan sabasaatiif jecha tarkaanfii kan fudhate si’a ta’u, karaa itti hacuuccaa jalaa ba’anis isaanii qopheesseera.

8. Yeroo har’aa qorumsa akkamiitu saba Waaqayyoorra ga’a?

8 Yeroo har’aattis hacuuccaafi jal’inni babal’ateera. Lallabni 8:9, “Yeroon inni tokko warra kaan irratti mo’ee isaan miidhu” akka jiru dubbata. Daldalli sassatarratti hundaa’eefi bulchiinsi gadheen, rakkinni dinagdee akka uumamu gochuu danda’a. Geggeessitoonni biyyaa, daldalaafi amantii, yeroo baay’ee amala saba Waaqayyootiif rakkisaa ta’e argisiisu. Kanaafuu, akkuma Loox, namoonni amanamoon yeroo har’aatti argamanis “gad-dhiisatti jiraachuu warra jal’ootaatti yaadaan rakkachaa” jiru. (2 Phe. 2:7) Kana malees, seera Waaqayyoo hordofnee jiraachuuf ennaa carraaqnu, yeroo baay’ee bulchitoonni hamoo ta’an nu ari’atu.—2 Xim. 3:1-5, 12.

9. (a) Yihowaan sabasaa fayyisuuf maal godheera? (b) Yesus amanamaa akka ta’u mirkanaa’oo kan taanu maaliifi?

9 Haata’u malee, Yihowaan namoota isaaf amanamoo ta’an akka hin dhiisne beekna. Fakkeenyaaf, mee bulchitoota biyya lafaa jal’oota ta’an bakka buusuuf tarkaanfiiwwan inni hamma ammaatti fudhate yaadi. Mootummaan Masiihichaa Yesus Kiristosiin geggeeffamu hundeeffameera. Yesus Kiristos bulchuu erga jalqabee gara naannoo waggaa dhibbaa ta’eera. Warra maqaa Waaqayyoo sodaataniif dhiheenyatti boqonnaa guddaa argamsiisa. (Mul’ata 11:15-18 dubbisi.) Yesus hamma du’aattillee amanamaa ta’uusaa argisiiseera. Akka Solomoonitti namoota Mootummaasaa jala jiraatan hin gaddisiisu.—Ibr. 7:26; 1 Phe. 2:6.

10. (a) Mootummaa Waaqayyootiif bakka guddaa kennuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya? (b) Yommuu qorumsi nurra ga’u waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

10 Mootummaan Waaqayyoo, bulchiinsa dhugaa hacuuccaa hunda balleessudha. Yihowaafi Mootummaasaatiif amanamoo ta’uu qabna. Mootummicharratti guutummaatti amanamuudhaan, biyya lafaa Waaqayyo malee jiraatu kanarraa ni fagaanna; hinaaffaadhaan hojiiwwan gaarii hojjenna. (Tit. 2:12-14) Xuraa’ummaa biyya lafaarraa of eeggannee jiraachuuf carraaqqii goona. (2 Phe. 3:14) Qorumsi akkamiyyuu yoo nu mudate, Yihowaan karaa hafuuraa miidhaarraa akka nu eegu beekna. (Faarfannaa 97:10 dubbisi.) Kana malees, Faarfannaan 116:15, tuutaanis ta’e dhuunfaadhaan ‘duuti warra isaaf qulqullaa’anii, ija Waaqayyoo duratti ulfaataa ta’uusaa’ dubbata.

Dhiibbaa Gantootaatiif Ennaa Saaxilamnu

11. Yerobi’aam gantuu kan ta’e akkamitti?

11 Bulchiinsi Yerobi’aam Mootichaa, saba Waaqayyootiif boqonnaa argamsiisuu danda’a ture. Kanaa mannaa garuu, wanti inni raawwate amanamummaa isaan Waaqayyoof qaban qoreera. Yerobi’aam, ulfinniifi mirgi argate waan isa hin geenyeef, karaa aangoosaa itti cimsu barbaaduu jalqabe. “Jarri kun mana qulqullummaa keessatti aarsaa dhi’eessuudhaaf Yerusaalemitti yoo ol ba’an, yaadni isaanii gara gooftaa isaanii Rehobiyaam mootii Yihudaatti in deebi’a; ana in ajjeesu, ofii isaaniitii immoo gara Rehobiyaam mootii Yihudaatti in deebi’u” jedhee yaade. Kanaafuu, Yerobi’aam jiboota lama warqeerraa tolchisiisuudhaan amantii haaraa jalqabsiise. “Jiboota warqee irraa tolchisiise sana isa tokko Bet’el keessa, isa kaan immoo Daan keessa in dhaabe. Namoonni jiboota sanatti sagaduudhaaf, hamma Bet’elitti, hamma Daanittis waan dhaqaniif, kun cubbuu itti in ta’e. Yerobi’aam iddoowwan ol ka’oo irratti galma keessatti sagadan ijaaree, gosa Lewwii keessaa yoo ta’uu dhaabaatan iyyuu gosuma arge keessaa luboota waaqayyolii tolfamoo isaa akka ta’aniif in fo’e.” Kun utuu isa hin ga’in, “ayyaanicha akka ayyaaneffataniif Israa’elootaaf dhaabee” “aarsaa dhi’eessuudhaaf . . . ixaana aarsuudhaaf iddoo aarsaatti ol in ba’e.”—1 Mot. 12:26-33.

12. Yeroo Yerobi’aam Israa’el keessatti waaqeffannaa jibootaa hundeesse, namoonni Waaqayyoof amanamoo turan maal godhan?

12 Namoonni Waaqayyoof amanamoo ta’aniifi mootummaa gosoota kurnanii keessa jiraatan yeroo kanatti maal godhu laata? Lewwoonni bulchiinsa mootummaa gosoota kurnanii keessa, magaalaawwan isaanii kennaman keessa jiraatan, akkuma abbootiisaanii warra amanamoo dafanii tarkaanfii fudhataniiru. (Bau. 32:26-28; Lak. 35:6-8; Kes. 33:8, 9) Dhaalasaanii dhiisanii, maatiisaanii fudhatanii Yihudaa kibbaatti galuudhaan, rakkina tokko malee Yihowaa waaqeffachuusaanii itti fufaniiru. (2 Sen. 11:13, 14) Israa’eloonni yeroodhaaf Yihudaa keessa jiraachaa turan kaanis, gara biyyasaaniitti deebi’uu mannaa achuma jiraachuu filataniiru. (2 Sen. 10:17) Yihowaan, ijoolleen boodarratti mootummaa gosoota kurnanii keessatti dhalatan, waaqeffannaa jibootaa dhiisanii Yihudaatti deebi’anii waaqeffannaa dhugaarratti hirmaachuu akka danda’an haalasaa mijeesseefii ture.—2 Sen. 15:9-15.

13. Yeroo ammaatti dhiibbaan gantoonni geessisan saba Waaqayyoo kan qoru akkamitti?

13 Yeroo har’aa, gantoonnis ta’an dhiibbaan isaan geessisan saba Waaqayyoo balaadhaaf saaxiluu danda’u. Bulchitoonni tokko tokko, namoota bulchiinsasaanii jala jiran amantii Mootummaa akka fudhatan dirqisiisuuf yaalii godhaniiru. Luboonni saba Kiristiyaanaafi geggeessitoonni amantii of tuulan kaan, luboonni dhugaan nudha jedhanii dubbatu. Haata’u malee, “luboota mana mootummaa” kan ta’an, Kiristiyaanota dhugaa keessatti qofa kan argaman ennaa ta’u, isaanis warra hafuura qulqulluudhaan dibamanidha.—1 Phe. 2:9; Mul. 14:1-5.

14. Yaada gantootaa akkamitti ilaaluu qabna?

14 Akkuma Lewwoota amanamoo Dh.K.D. jaarraa kurnaffaatti turanii, namoonni yeroo har’aa Waaqayyoof amanamoo ta’anis yaada gantootaatiin hin gowwoomfaman. Kiristiyaanonni dibamooniifi michoonnisaanii, yaada gantootaarraa dafanii fagaatu. (Roomaa 16:17 dubbisi.) Dhimmawwan amantiidhaan ala ta’aniin bulchitoota mootummaatiif gammachuudhaan kan ajajamnu ta’us, walitti bu’iinsa akkamii keessayyuu hin gallu, Mootummaa Waaqayyootiifis amanamoo taana. (Yoh. 18:36; Rom. 13:1-8) Namoota Waaqayyoon akka tajaajilan dubbachaa gochasaaniitiin isa salphisan hin dhaggeeffannu.—Tit. 1:16.

15. ‘Hojjetaa amanamaafi ogeessaaf’ amanamoo ta’uu kan qabnu maaliifi?

15 Yihowaan, namoonni garaa qajeelaa qaban biyya lafaa hamaa kana keessaa ba’anii, jannata hafuuraa inni qopheesse keessa akka galan gochuusaas yaadi. (2 Qor. 12:1-4) Garaadhaa galateeffachuudhaan, ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa, gooftaan isaa naa’ota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaanii akka isaaniif kennuuf manasaarra kaa’ateetti’ maxxannee jiraanna. Kiristos, hojjetaa kana “qabeenya isaa hundumaa irratti” ajajjuu godheera. (Mat. 24:45-47) Kanaafuu, dhuunfaa keenyaan, ejjennoon kutaan hojjetaa kun fudhatu guutummaatti yoo nuu galuu baatellee, kun ta’uunsaa ejjennoosaa kana diduuf ykn addunyaa Seexanaatti deebi’uuf sababii hin ta’u. Kanaa mannaa, amanamoo ta’uun keenya, akka gad of deebisnuufi hamma Yihowaan dhimmawwan kana nuu ibsutti akka eeggannu nu kakaasa.

Hojii Waaqayyo Nuu Kenne Yeroo Hojjennu

16. Raajii biyya Yihudaa tokkoof hojii akkamiitu kenname?

16 Yihowaan Yerobi’aamiin gocha gantummaasaatiif isa balaaleffateera. Raajiin tokko Yihudaadhaa ka’ee karaa kaabaa gara Bet’el akka dhaquufi Yerobi’aam utuu aarsaa dhiheessuu akka isa argatu godhe. Raajichi, Yerobi’aamitti ergaa firdii himuu qaba ture. Kun hojii rakkisaa akka ta’e beekamaadha.—1 Mot. 13:1-3.

17. Yihowaan raajiisaa tokko kan eege akkamitti?

17 Yerobi’aam, Yihowaan isa balaaleffachuusaa ennaa dhaga’u aaree boba’e. Nama Waaqayyo erge sanatti quba qabee, “Namicha kana qabaa!” jedhee namoota isa bira turanitti iyye. Haata’u malee, utuu isaan homaa hin godhin yeruma sana, “harki isaa inni namichatti qabame qaratti gogee waan hafeef, mootichi dachaafachuu hin dandeenye. . . . Iddoon aarsaa sun dho’ee gargar in ba’e, daaraan iddoo aarsaa sana irraas gad in dhangala’e.” Yerobi’aam, raajichi Yihowaan akka garaa isaaf laafuufi harkasaa akka isaa fayyisu akka isaa kadhatu gaafachuuf dirqame. Raajichi akkuma gaafatame kan godhe si’a ta’u, harki Yerobi’aamis fayyeera. Akka kanaan Yihowaan raajiisaa sanaaf eegumsa godheera.—1 Mot. 13:4-6.

18. Yihowaan, yeroo ija jabinaan tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessinu kan nu eegu akkamitti?

18 Hojii lallabaafi bartoota gochuurratti ennaa hirmaannu, yeroo tokko tokko jibbi ykn miidhaan nurra ga’uu danda’a. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Ta’uyyuu, fudhatama dhabna jennee sodaachuudhaan, hinaaffaa tajaajilaaf qabnu hir’isuu hin qabnu. Akkuma raajicha bara Yerobi’aamitti tureefi maqaansaa hin ibsamne kanaa, nuyis ‘sodaa malee Yihowaadhaaf hojjechuu’ dandeenya. * (Luq. 1:74, 75) Yeroo ammaatti Yihowaan dinqii ni raawwata jennee eeguu baannuyyuu, Dhugaa Baatotasaa waan taaneef ammayyuu hafuura qulqulluufi ergamootasaatiin eegumsa nuu godha. (Yohannis 14:15-17; Mul’ata 14:6 dubbisi.) Waaqayyo namoota ija jabinaan dubbiisaa lallabuusaanii itti fufan hin gatu.—Filp. 1:14, 28.

Yihowaan Namoota Isaaf Amanamoo Ta’an Ni Eega

19, 20. (a) Yihowaan matumaa akka nu hin gatne mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi? (b) Mataduree itti aanurratti waa’ee maalii mari’anna?

19 Yihowaan Waaqa amanamaadha. “Hojii isaa hundumaattis gaarummaa [“amanamummaa,” NW] in argisiisa.” (Far. 145:17) Kana malees Macaafni Qulqulluun, “Karaa warra isaaf of kennaniis [“amanamoo ta’anii,” NW] in eega” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Fak. 2:8) Namoonni Waaqayyoof amanamoo ta’an, yeroo qorumsi isaanirra ga’u, yaanni gantootaa isaan qoru ykn yeroo hojii rakkisaa ta’e raawwatan, Yihowaan akka isaan qajeelchuufi isaan deggeru mirkanaa’oo ta’uu danda’u.

20 Amma dhuunfaadhaan gaaffii: Qorumsi narra ga’us Yihowaadhaaf amanamaa ta’ee jiraachuuf maaltu na gargaara? Yookiin, amanamummaan Waaqayyoof qabu akkamittan jabeeffachuu danda’a? jedhurratti xiyyeeffachuu qabna.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

^ key. 18 Raajichi Yihowaadhaaf ajajamuu itti fufuufi dhiisuusaa, akkasumas maaltu akka isarra ga’e mataduree itti aanu keessatti ilaalla.

Maal Jettee Deebista?

• Yihowaan namoonni isaaf amanamoo ta’an yommuu hacuucaman akka isaan hin gatne kan argisiise akkamitti?

• Gantootaafis ta’e yaadasaaniitiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

• Yihowaan, namoonni isaaf amanamoo ta’an tajaajila Kiristiyaanummaarratti ennaa hirmaatan kan isaan eegu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Kaartaa/​Fakkii fuula 5rra jiru]

(For fully formatted text, see publication)

MOOTUMMAA KAABAA

(Yerobi’aam)

Daan

SHEEKEM

Bet’el

MOOTUMMAA KIBBAA

(Rehobiyaam)

YERUSAALEM

[Fakkii]

Yerobi’aam waaqeffannaa jibootaa yeroo hundeessetti, Yihowaan warra isaaf amanamoo ta’an hin gatne

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Solomooniifi sabni Israa’el eebba kan argatan yoo ajajaman qofa ture