Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaadawwan Ijoo Macaafa Galaatiyaa, Efesoon, Filiphisiiyusiifi Qolosaayis

Yaadawwan Ijoo Macaafa Galaatiyaa, Efesoon, Filiphisiiyusiifi Qolosaayis

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha

Yaadawwan Ijoo Macaafa Galaatiyaa, Efesoon, Filiphisiiyusiifi Qolosaayis

PHAAWULOS ERGAMAAN, Kiristiyaanonni tokko tokko dhiibbaa namoonni amantii Yihudii babal’isan isaanirraan ga’aniin kan ka’e waaqeffannaa dhugaa dhiisuusaanii waan dhaga’eef, “waldaa kristiyaanaa kutaa biyya Galaatiyaatiif” xalayaa cimaa barreessee ture. (Gal. 1:2) Xalayaan Dh.K.B. bara 50-52 gidduutti barreeffame kun, gorsa ifaafi cimaa ta’ee qabatee ture.

Phaawulos, waggoota kudhan booda yeroo “waa’ee Kristos Yesusiif hidhamee” turetti, gumiiwwan Efesoon, Filiphisiiyusiifi Qolosaayis keessa turaniif, jaalalaan kaka’ee gorsa gaariifi jajjabina kennuuf xalayaa isaanii barreesseera. (Efe. 3:1) Nuyis yeroo har’aa, ergaa macaafa Galaatiyaa, Efesoon, Filiphisiiyusiifi Qolosaayis keessatti argamuuf xiyyeeffannaa kennuudhaan faayidaa argachuu dandeenya.—Ibr. 4:12.

‘QAJEELOO TA’ANII LAKKAA’AMUU’—AKKAMITTI?

(Gal. 1:1–6:18)

Namoonni amantii Yihudii babal’isan haxxummaadhaan maqaa Phaawulos balleessuu waan barbaadaniif, Phaawulos seenaa jireenyaasaa gadi fageenyaan ibsuudhaan ergamaa Yesus ta’uusaa ilaalchisee mormii isarratti ka’eef deebii kenneera. (Gal. 1:11–2:14) Phaawulos, “namni tokko illee Yesus Kristositti amanuudhaan malee, wanta seerri isa irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee akka hin lakkaa’amne” dubbachuudhaan, barumsa sobaasaanii fashaleesseera.—Gal. 2:16.

Phaawulos, Kiristos ‘warra seera jala jiran furuudhaan,’ birmaduu Kiristiyaanummaa isaanii argamsiisuusaa dubbateera. “Itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!” jechuudhaan Kiristiyaanota Galaatiyaatiif gorsa cimaa kenneera.—Gal. 4:4, 5; 5:1.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:

3:16-18, 28, 29—Kakuun Abrahaamii wajjin galame ammayyuu faayidaa qabaa? Eeyyee qaba. Kakuun Seerichaa, kakuu Waaqayyo Abrahaamii wajjin galetti kan dabalame malee, kan isa bakka bu’u hin turre. Kanaafuu, kakuun Abrahaamii wajjin galame, erga Seerichi ‘namootarraa ka’ee’ boodallee faayidaa qaba. (Efe. 2:15) Abdiin kakuu kanaa, “hidda” Abrahaam isa dhugaa kan ta’e Yesus Kiristosiifi warra ‘kan Kiristos ta’anitti’ darbeera.

6:2—“Seera Kiristos” kan jedhame maalidha? Seerri kun, wantoota Yesus barsiiseefi ajaje hunda kan qabatedha. Keessumaammoo ajaja ‘akka wal jaallannu’ nuu kenne ni dabalata.—Yoh. 13:34.

6:8—‘Akka yaada hafuuraatti kan facaasnu’ akkamitti? Karaa hafuurri Waaqayyoo akka nurratti hojjetu godhuun jiraachuudhaan kana gochuu dandeenya. Akka yaada hafuuraatti facaasuun, sochiiwwan hafuurri qulqulluun akka gaariitti akka dhangala’u godhanirratti garaa guutuudhaan hirmaachuus ni dabalata.

Barumsa Akkamii Arganna?

1:6-9. Jaarsoliin, rakkinni tokko gumii keessatti ennaa uumamu dafanii tarkaanfii fudhachuu qabu. Caaffata Qulqullaa’ootti fayyadamanii ragaa amansiisaa dhiheessuudhaan, ilaalcha dogoggoraa dafanii saaxiluu qabu.

2:20. Furichi kennaa Waaqayyo dhuunfaatti nuu kennedha. Kennaa kana akkasitti ilaaluu qabna.—Yoh. 3:16.

5:7-9. Hiriyummaa gadheen, ‘dhugaadhaaf akka hin abboomamne nu dhowwuu’ danda’a.’ Kanaaf, hiriyoota akkasiirraa fagaachuun gamnummaadha.

6:1, 2, 5Warri ‘hafuuraan geggeeffamanii jiraatan,’ haala rakkisaa ykn ulfaataa utuu hin beekin keessa galle tokko hiikuurratti nu gargaaruu danda’u. Itti gaafatamummaa hafuuraa keenya garuu, ofuma keenyaa baachuu qabna.

‘WANTA HUNDUMAA HARKA KIRISTOS JALATTI WALITTI QABUU’

(Efe. 1:1–6:24)

Phaawulos xalayaa warra Efesooniif barreesserratti waa’ee tokkummaa Kiristiyaanotaa ennaa addeessu, ‘barri murame yeroo guututti, Waaqayyo akka ittiin fayyisuuf akeeketti, wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti akka walitti qabu’ dubbateera. Kiristos, hundi ‘tokkummaa amantii akka qabaatan’ gochuuf, “dhiirota kennaa ta’an” kenneera.—Efe. 1:10; 4:8, NW, 13.

Kiristiyaanonni Waaqayyoof ulfina kennuufi tokkummaa uumuuf, ‘namummaa haaraa uffachuu,’ akkasumas ‘Kiristosiin safeeffachuudhaan waliif abboomamuu’ qabu. Kana malees, mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuudhaan, “haxxummaa Seexanaatiin mormuu” qabu.—Efe. 4:24; 5:21; 6:11.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:

1:4-7—Kiristiyaanonni dibamoon dhalachuusaanii yeroo dheeraa dura yaadaan kan qabaman akkamitti? Yaadaan kan qabaman dhuunfaadhaan utuu hin ta’in tuutaan ykn gareedhaan ture. Namoonni kun yaadaan kan qabaman, cubbuun Addaamiifi Hewwaanirraa ilmaan namootaatti darbuusaa duradha. Raajiin Uumama 3:15⁠rratti galmeeffame kan dubbatame, daa’imni jalqabaa garaatti hafuusaa dura ture. Raajiin kun, kaayyoo Waaqayyo duuka buutonni Kiristos tokko tokko isaa wajjin akka bulchan gara samiitti fudhachuuf qabus kan dabalatudha.—Gal. 3:16, 29.

2:2—Hafuurri biyya lafaa akka qilleensaa kan ta’e akkamitti? Biyya lafaarratti aboo qabaachuusaa kan argisiisuhoo akkamitti? ‘Hafuurri biyya lafaa,’ jechuunis fedhiin ofiin of bulchuufi ajajamuu diduun, akkuma qilleensaa bakka hunda jira. (1 Qor. 2:12) Hafuurri kun, dhiibbaa cimaa walirraa hin cinne geessisuudhaan, biyya lafaarratti gooftummaa ykn aboosaa argisiisa.

2:6—Kiristiyaanonni dibamoon lafarra utuu jiranii “waaqa keessa” jiraachuu kan danda’an akkamitti? Asirratti jechi “waaqa keessa” jedhu, dhaala waaqarratti abdachiifaman kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, jireenya hafuuraasaanii isa ulfina qabeessa ta’eefi ‘hafuura qulqulluu isa abdachiifameen mallatteeffamuusaaniitiin’ argatan kan argisiisudha.—Efe. 1:13, 14.

Barumsa Akkamii Arganna?

4:8, 11-15. Yesus Kiristos, “boojuu booji’ee,” jechuunis dhiirota to’annaa Seexanaa jalaa baasee, gumii Kiristiyaanaa akka jajjabeessan kennaa godhee kenne. Namoota nu geggeessaniif ajajamuufi bitamuudhaan, akkasumas qophiiwwan gumii wajjin walii gallee hojjechuudhaan, ‘jaalalaan, karaa hundumaan gara Kristositti guddachuu’ dandeenya.—Ibr. 13:7, 17.

5:22-24, 33. Haati manaa, abbaa manaasheetiif bitamuu malees isa kabajuu qabdi. “Hafuura garraamummaafi gabii” qabaachuudhaan, waa’eesaa waan gaarii dubbattee isa kabajchiisuuf carraaquudhaan, akkasumas murtoonsaa akka milkaa’u gochuudhaan kana gochuu dandeessi.—1 Phe. 3:3, 4; Tit. 2:3-5.

5:25, 28, 29. Abbaan manaa akkuma of “soorutti” karaa foonii, karaa miiraafi hafuuraa wanta haadha manaasaatiif barbaachisu dhiheessuu qaba. Kana malees, ishee wajjin yeroo ga’aa dabarsuufi dubbiidhaanis ta’e gochasaatiin gaarummaadhaan ishee kunuunsuudhaan, bakka guddaa akka isheedhaa kennu argisiisuu qaba.

6:10-13. Hafuurota xuraa’oo mo’uuf, garaa guutuudhaan mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo hidhachuun keenya barbaachisaadha.

‘ISA BIRA GEENYETTI NI DEDDEEBINA’

(Filp. 1:1–4:23)

Xalayaan Phaawulos warra Filiphisiiyusiif barreesse jaalalarratti kan xiyyeeffate ture. “Jaalalli keessan ogummaa qabaachuutti, dubbii gargar baasee hubachuuttis baay’isee itti caalaa akka adeemu nan kadhadha” jedheera. “Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom’aan itti fufaa hojjedhaa!” jechuudhaan, balaa garmalee ofitti amanamuun fidurraa akka fagaatan isaan gorseera.—Filp. 1:9; 2:12.

Phaawulos, namoonni ga’eessota ta’an ‘akeeka sana bira ga’anii gonfoo warra mo’anii argachuudhaaf akka kaatan’ isaan jajjabeesseera. “Kottaa isa bira geenye duwwaatti qabamnee in deddeebina” jedheera.—Filp. 3:14-16.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:

1:23—‘Yaanni lamaan’ Phaawulosiin dhiphise maal ture? Innoo furmaata akkamii argachuuf hawwee ture? Phaawulos haala keessa tureen kan ka’e, carraawwan lama keessaa tokko jechuunis jiraachuuf ykn du’uuf filachuun isa rakkisee ture. (Filp. 1:21) Maal akka filatu ibsuu baatuyyuu, “biyya lafaa kana dhiisee adeemuu, Kristos bira jiraachuus” akka hawwu ibseera. (Filp. 3:20, 21; 1 Tas. 4:16) Phaawulos, yeroo argama Kiristositti badhaasa Yihowaan isaaf qopheesse fudhachuudhaan furmaata argata.—Mat. 24:3.

2:12, 13—Waaqayyo ‘fedha akka qabaannuufi akka hojjennu’ kan godhu akkamitti? Hafuurri qulqulluun, tajaajila Yihowaarratti hamma dandeenye akka hojjennu fedhii keenya dabaluuf, garaafi sammuu keenya kakaasuu danda’a. Kanaafuu, ‘hojii fayyina keenyaa wajjin walii galu hojjechuu keenya yommuu itti fufnu’ gargaarsa arganna.

Barumsa Akkamii Arganna?

1:3-5. Kiristiyaanonni Filiphisiiyus karaa foonii hiyyeeyyii kan turan ta’us, arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya gaarii nuu ta’u.—2 Qor. 8:1-6.

2:5-11. Fakkeenya Yesusirraa akka hubannutti, gad of deebisuun dadhabina utuu hin ta’in cimina kan argisiisudha. Kana malees, Yihowaan namoota gad of deebisaniif ulfina ni kenna.—Fak. 22:4.

3:13. ‘Wanti nu booddeetti hafe,’ tarii hojiin mindaa gaarii argamsiisu, maatii dureessa ykn cubbuu cimaa kanaan dura hojjenneefi qalbii geddarachuudhaan ‘dhiqannee’ irraa qulqulloofne ta’uu danda’a. (1 Qor. 6:11) Wantoota kana irraanfachuu, jechuunis waa’eesaanii yaaduu dhiisuufi ‘wanta nu dura jirutti hiixachuu’ qabna.

“AMANTIITTI DHAABAMAA!”

(Qol. 1:1–4:18)

Phaawulos xalayaa warra Qolosaayisiif barreesserratti, ilaalcha dogoggoraa barsiistota sobaa saaxileera. Fayyinni kan argamu ulaagaawwan Seerichaa eeguudhaan utuu hin ta’in, ‘amantiitti jabaachuudhaan’ akka ta’e ibseera. Phaawulos “[Kiristositti] jiraadhaa! . . . Hundee keessan gad fageeffadhaa, isatti ijaaramaatii amantiitti dhaabamaa!” jechuudhaan warra Qolosaayis jajjabeesseera. Amantiitti dhaabamuun kun isaanirratti jijjiirama akkamii fida?—Qol. 1:23; 2:6, 7.

Phaawulos, “Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa! Nagaan Kristos, inni isin dhagna tokko ta’uudhaaf itti waamamtan, garaa keessan keessatti haa mo’u” jechuudhaan barreesseera. Sana boodas, “Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta’in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!” isaaniin jedheera. Namoota gumiidhaa ala jiranii wajjin, “akka itti jiraattan ogummaadhaan amaleeffadhaa!” isaaniin jedheera.—Qol. 3:14, 15, 23; 4:5.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:

2:8—Wantoonni Phaawulos akka irraa fagaannu nu akeekkachiiseefi “biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaataman” maal fa’i? Wantoonni kun, wantoota ykn seerawwan bu’uuraa biyya lafaa kan Seexanaa ta’e kana hundeessaniifi geggeessanidha. (1 Yoh. 2:16) Kunis yaada mataa namootaa keessaa ba’e, qabeenya jaallachuufi amantiiwwan sobaa addunyaa kanaa kan dabalatudha.

4:16—Xalayaan namoota Laa’odiiqeyaatiif barreeffame, Macaafa Qulqulluu keessatti kan hin dabalamne maaliifi? Xalayaan kun ergaa barbaachisaa bara keenyaaf ta’u waan hin qabanneef ta’uu danda’a. Yookiin, yaadawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kaanis achi keessatti irra deebi’amanii waan ibsamaniif ta’uu danda’a.

Barumsa Akkamii Arganna?

1:2, 20. Furichi, jechuunis qophiin Waaqayyo gaarummaasaatiin nuu godhe, yaada garaa qulqulluufi keessa keenyatti nagaa nuu argamsiisuu danda’a.

2:18, 23. Namni sobaan ‘gad of deebisu,’ jechuunis xiyyeeffannaa warra kaanii harkisuuf wantoota foonii tokko tokko dhiisuudhaan ykn of miidhuudhaan kan dhuguma gad of deebisu fakkaachuu barbaadu tokko, ‘sababii ga’u utuu hin qabaatin yaaduma garaasaatiin of bokoksa.’