Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Hafuura Biyya Lafa Kanaa” Mormaa

“Hafuura Biyya Lafa Kanaa” Mormaa

“Hafuura Biyya Lafa Kanaa” Mormaa

“Hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne malee, hafuura biyya lafa kanaa hin fudhanne.”—1 QOR. 2:12.

1, 2. (a) Biyya Biriitaaniyaatti simbirroonni kaanaarii jedhaman bakka albuudni ba’u keessa kan kaa’aman maaliif ture? (b) Kiristiyaanonni balaa akkamiitiif saaxilamaniiru?

BARA 1911⁠tti, abbootiin taayitaa biyya Biriitaaniyaa, namoota albuuda baasan balaarraa eeguuf seera tokko baasanii turan. Bakka albuudni ba’u hunda keessa, simbirroonni kaanaarii jedhaman lama jiraachuu qabu turan. Maaliif? Bakka albuudaa sanatti ibiddi yoo ka’e, namoonni lubbuu baraarsan simbirroota kana qabatanii achi keessa galu. Simbirroonni xixinnoon kun, gaazii summaa’aa kan akka kaarbon monoksaayidii keessa yeroo xinnoodhaafillee turuu hin danda’an. Qilleensi gaazii akkasiitiin yoo faalame, simbirroonni kun kan dhiphatan ta’uusaarrayyuu, qooxiisaaniirraa kufuu danda’u. Kun mallattoo akeekkachiisaa baay’ee barbaachisaa ta’e ture. Kaarbon monoksaayidiin, gaazii halluufi urgaa hin qabnedha. Gaaziin kun, seeliin dhiiga diimaa kutaawwan qaama keenyaatti dhiiga geessuu akka dhaabu gochuudhaan nama ajjeesa. Warri lubbuu baraarsan kun balaa isaanitti dhufaa jiru hin beekan taanaan, utuu isaanitti hin beekamin of wallaalanii du’uu danda’u.

2 Wanti namoota albuuda baasanirra ga’u Kiristiyaanotas mudachuu danda’a. Akkamitti? Yesus bartoonnisaa addunyaa maratti misiraachicha akka lallaban yeroo ajaje, naannoo balaa geessisu, isa to’annaa Seexanaafi hafuura biyya lafaa jala jirutti akka isaan erge beeka ture. (Mat. 10:16; 1 Yoh. 5:19) Kanaafuu Yesus, bartootasaatiif baay’ee yaadee waan tureef, galgala du’uusaa dura turetti Abbaasaatiin, “Isa hamaattii akka isaan eegduuf malee, biyya lafaa keessaa akka isaan baaftuuf si hin kadhadhu” jedheera.—Yoh. 17:15.

3, 4. Yesus bartootasaatiif akeekkachiisa akkamii kenne? Kunoo xiyyeeffannaa keenya harkisuu kan qabu maaliifi?

3 Yesus, bartoonnisaa karaa hafuuraa muguudhaan balaa du’a fiduuf akka of hin saaxille isaan akeekkachiisee ture. Wanti inni dubbate, warra yeroo dhuma biyya lafaa keessa jiraannuuf baay’ee barbaachisaadha. Yesus, “Dammaqaa, wanta ta’uuf jedhu kana hundumaa jalaa ba’uudhaaf, ilma namaa duras dhaabachuudhaaf” jechuudhaan bartootasaa gorseera. (Luq. 21:34-36) Yesus, Abbaansaa wanta baratan isaan yaadachiisuuf, akkasumas dammaqanii akka jiraataniifi akka jabaatan isaan gargaaruuf hafuura qulqulluu akka isaanii kennu abdachiisuunsaas nama gammachiisa.—Yoh. 14:26.

4 Yeroo ammaattoo hafuurri qulqulluun kun nu gargaaraa? Kan nu gargaaru yoo ta’e, hafuura kana argachuuf maal gochuu qabna? Hafuurri biyya lafaa maalidha? Kan hojjetuhoo akkamitti? Hafuura biyya lafaa kana akka gaariitti mo’uu kan dandeenyu akkamitti?—1 Qorontos 2:12 dubbisi.

Hafuura Qulqulluutiinmoo Hafuura Biyya Lafaatiin Geggeeffamtu?

5, 6. Hafuurri qulqulluun maal nuu gochuu danda’a? Hafuura kana argachuufoo maal gochuu qabna?

5 Hafuurri qulqulluun kan kenname Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif qofa miti. Hafuurri kun yeroo har’aas kan kennamu yommuu ta’u, innis wanta sirrii ta’e akka hojjennuufi tajaajilarratti jabina akka argannu nu gargaara. (Rom. 12:11; Filp. 4:13) Kana malees, amalawwan gaggaarii jaalala, arjummaafi gaarummaa fakkaataniifi ‘ija hojii hafuuraa’ ta’an qabaachuuf nu gargaara. (Gal. 5:22, 23) Haata’u malee Yihowaan, namoota fedhii hin qabneef hafuurasaa dirqamaan hin kennu.

6 Kanaafuu, ‘Hafuura qulqulluu argachuuf maal gochuun danda’a?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun wanti gochuu dandeenyu baay’een akka jiru dubbata. Tarkaanfiin jalqabaa barbaachisaa ta’e, hafuura kana argachuuf Waaqayyoon kadhachuudha. (Luqaas 11:13 dubbisi.) Tarkaanfiin inni kaanimmoo, gorsa Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuurasaatiin barreeffame keessa jiru qayyabachuufi hojiirra oolchuudha. (2 Xim. 3:16) Namni tokko Macaafa Qulqulluu dubbisuu qofaadhaan hafuura Waaqayyoo akka hin arganne beekamaadha. Kanaa mannaa, Kiristiyaanni garaa qajeelaa qabu tokko Dubbii Waaqayyoo ennaa qayyabatu, miiraafi ilaalcha Dubbicha keessatti ibsame ni hubata. Kana malees, Yihowaan Yesusiin bakka bu’aasaa godhee akka muudeefi hafuurasaa kan kennus karaasaa akka ta’e amanuu qabna. (Qol. 2:6) Kanaafuu, fakkeenya Yesus hordofuufi barumsasaa wajjin wal simnee jiraachuu qabna. (1 Phe. 2:21) Kiristosiin fakkaachuuf baay’ee yoo carraaqne, hafuura qulqulluu baay’inaan arganna.

7. Hafuurri biyya lafaa namootarratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?

7 Hafuurri biyya lafaa garuu, namoonni amala Seexanaa akka qabaatan dhiibbaa isaanirratti godha. (Efesoon 2:1-3 dubbisi.) Hafuurri biyya lafaa karaawwan hedduudhaan mul’ata. Haala naannoo keenyarraa hubachuun akka danda’amutti, hafuurri kun, seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo hordofuu akka didnu nu jajjabeessa. ‘Hawwii foonii, hawwii ijaafi jireenyaan kooruu’ babal’isa. (1 Yoh. 2:16) Hojiiwwan foonii, halalummaa, waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, hinaaffaa, dheekkamsaafi machii fakkaatan akka raawwannu nu jajjabeessa. (Gal. 5:19-21) Akkasumas dubbii gantummaa isa wanta qulqulluu ta’een mormu babal’isa. (2 Xim. 2:14-18) Namni tokko dhiibbaa hafuura biyya lafaatiif mo’amaa yommuu adeemu, amala Seexanaa qabaachaa akka dhufu beekamaadha.

8. Hundi keenya filannaa akkamii gochuu dandeenya?

8 Dhiibbaawwan alaa nutti dhufanirraa guutummaatti walaba ta’uu hin dandeenyu. Namni hundumtuu, hafuura qulqulluu ykn hafuura biyya lafaa keessaa, isa jireenyasaarratti dhiibbaa akka geessisu barbaadu filachuu qaba. Namoonni yeroo ammaatti hafuura biyya lafaatiin mo’amanii jiran dhiibbaasaarraa walaba ta’uufi hafuurri qulqulluun jireenyasaanii akka geggeessu gochuu danda’u. Karaa kanarraa faallaa ta’eenimmoo, namoonni yeroo tokko hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaa turan, hafuura biyya lafaatiif mo’amuu danda’u. (Filp. 3:18, 19) Hafuura biyya lafaa akkamitti mo’uu akka dandeenyu haa ilaallu.

Mallattoowwan Akeekkachiisa Jalqabaa Ta’an Hubadhaa

9-11. Mallattoowwan hafuura biyya lafaatiin mo’amaa akka jirru argisiisan tokko tokko kamfa’i?

9 Namoonni Biriitaaniyaatti albuuda baasan, simbirroonni kaanaarii jedhaman gaazii summaa’aan jiraachuusaa dursanii akka isaan akeekkachiisan godhu turan. Namni albuuda baasu tokko, simbirri kun qooxiisheerraa ennaa kuftu yoo arge, lubbuusaa oolchuuf dafee tarkaanfii fudhachuu akka qabu beeka. Jireenya Kiristiyaanummaa keenyaa wajjin haala wal qabateenoo, mallattoowwan jalqabaa hafuura biyya lafaatiin dhiibbaan nurra ga’aa akka jiru argisiisan maalfa’i?

10 Yeroo jalqaba dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu barannee Yihowaadhaaf of murteessine, Macaafa Qulqulluu fedhii guddaadhaan dubbisaa turre ta’a. Utuu walirraa hin kutin kadhannaa garaadhaa madde dhiheessaa turre ta’a. Akkasumas, walga’iiwwan gumii akkuma jannata lafa onaa keessatti argamuutti kan nama haaromsan goonee waan ilaalluuf, walga’iiwwan kanarratti argamuun baay’ee nu gammachiisa ture ta’a. Kana gochuun keenya, hafuura biyya lafaarraa bilisa ba’uufi kanumaan itti fufuuf nu gargaareera.

11 Ammahoo guyyuma guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuuf carraaqqii ni goonaa? (Far. 1:2) Yeroo hundaafi garaa guutuudhaan ni kadhannaa? Torbanitti walga’iiwwan gumii shananirratti argamuudhaan, walga’iiwwan kana akka jaallannu ni argisiisnaa? (Far. 84:10) Moo amalawwan gaggaarii kana keessaa tokko tokko dhiisneerra? Dhimmiwwan yeroofi humna keenya barbaadan baay’een akka jiraniifi kunimmoo sochiiwwan waaqeffannaa wajjin wal qabatan guutummaatti akka hin raawwanne nu dhowwuu akka danda’u beekamaadha. Haata’u malee, amalawwan gaggaarii kanaan dura qabnu keessaa tokko tokko dhiisuun keenya, hafuura biyya lafaatiin mo’amaa akka jirru kan argisiisu ta’innaa laata? Barsiifata gaggaarii kanaan dura qabnutti deebi’uuf carraaqqii cimaa ni goonaa?

‘Ba’aa Ofitti Hin Fidinaa’

12. Yesus bartootasaatiif gorsa akkamii kenne? Maaliif?

12 Hafuura biyya lafaa mo’uuf wanti gochuu dandeenyu kan biraan maalidha? Yesus bartoonnisaa ‘akka dammaqan’ itti himuusaa dura, balaawwan tokko tokko ilaalchisee akeekkachiisa isaanii kennee ture. “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba’aa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa” isaaniin jedheera.—Luq. 21:34, 35.

13, 14. Nyaataafi dhugaatii ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii of gaafachuun barbaachisaadha?

13 Mee waa’ee akeekkachiisa kanaa yaadi. Yesus nyaataafi dhugaatiitti gammaduu balaaleffachuusaa turee? Lakki! Yesus wanta Solomoon, “Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka; namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyooti” jechuudhaan dubbate beeka ture. (Lal. 3:12, 13) Haata’u malee Yesus, hafuurri biyya lafaa nyaataafi dhugaatiirratti of to’achuun hin barbaachisu yaada jedhu akka babal’isu beeka.

14 Biyyi lafaa kun garmalee nyaachuufi dhuguurratti dhiibbaa nurraan geessisaa akka hin jirre akkamitti beekuu dandeenya? Gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuu dandeenya: ‘Albaadhessa ta’uu ilaalchisee gorsan Macaafa Qulqulluurraa ykn barreeffamoota keenyarraa argadhu nan fudhadhaa? Tarii, gocha kootiif sababii hin taane dhiheessuudhaan, gorsi kun akka na hin ilaallanne ykn garmalee cimaa akka ta’e yaaduudhaan, gorsa kana fudhachuu nan dhiisaa? * Dhugaatii alkoolii utuu hin baay’isin dhuguufi ‘machiirraa’ guutummaatti fagaachuu ilaalchisee gorsi ennaa naa kennamu maaltu natti dhaga’ama? Gorsi kun na hin ilaallatu jedhee nan tuffadhaa? Warri kaan akkaataan dhugaatiikoo sirrii akka hin taane yoo natti himan, nan falmaa? Yookiinimmoo nan aaraa? Warri kaan gorsawwan Macaafa Qulqulluu akkasiitiif xiyyeeffannaa akka hin laanne nan godhaa?’ Eeyyee, ilaalchi nama tokkoo, namni sun hafuura biyya lafaatiin mo’amuu ykn dhiisuusaa argisiisa.—Roomaa 13:11-14 waliin ilaali.

Yaaddoodhaan Hudhamuurraa Of Eegaa

15. Yesus waa’ee maalii akeekkachiise?

15 Hafuura biyya lafaa mo’uuf tarkaanfiin fudhannu inni kaan, akkaataa yaaddoo jireenyaatiif furmaata itti laannu kan dabalatudha. Yesus, cubbamoo waan taaneef wantoota jireenyaaf nu barbaachisanitti akka dhiphannu beeka. Jaalalaan kaka’ee bartootasaatiin, “Hin yaadda’inaa!” jedheera. (Mat. 6:25) Waaqayyoon gammachiisuu, itti gaafatama Kiristiyaanummaa keenyaa raawwachuufi wanta maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuu dabalatee, wantoonni barbaachisaa ta’an akka nu yaaddessan beekamaadha. (1 Qor. 7:32-34) Akeekkachiisa Yesus kennerraa maal barachuu dandeenya?

16. Hafuurri biyya lafaa namoota baay’eerratti maal fida?

16 Hafuurri biyya lafaa namoonni jireenya naaf haa arganii akka jiraatan godhu kun, namoonni baay’een akka dhiphatan godheera. Biyyi lafaa kun, qarshiin tasgabbii akka nuu argamsiisuufi namni tokko bakka guddaa qabaachuunsaa kan madaalamu, amalawwan Kiristiyaanummaasaatiin utuu hin ta’in baay’inaafi akaakuu qabeenyasaatiin akka ta’e nu amansiisuu barbaada. Namoonni olola akkasiitiin gowwoomfaman, qabeenya argachuuf waan hundumaa kan godhan ta’uusaarrayyuu, yeroo hundumaa wanta haaraa, wanta guddaafi kan ammayyaa ta’e argachuuf dhiphatu. (Fak. 18:11) Namni tokko qabeenyaaf ilaalcha dogoggoraa akkasii qabaachuunsaa, dhiphina isatti fiduudhaan karaa hafuuraa akka hin guddanne isa hudhuu danda’a.—Maatewos 13:18, 22 dubbisi.

17. Dhiphinaan hudhamuurraa ooluu kan dandeenyu akkamitti?

17 Ajaja Yesus, “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa!” jechuudhaan kennee hojiirra yoo oolchine, dhiphinaan hudhamuurraa ooluu dandeenya. Yesus, kana yoo goone wanta nu barbaachisu hunda akka argannu nuu mirkaneesseera. (Mat. 6:33) Abdii kanarratti amantaa qabaachuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya? Karaan inni tokko qajeelummaasaa barbaaduu yommuu ta’u, kunis qarshii wajjin haala wal qabateen, seera bu’uuraa Waaqayyo wanta sirriifi dogoggora ta’e ilaalchisee baase hordofuudha. Fakkeenyaaf, dhimmawwan daldalaa wajjin wal qabatanirratti, qaraxa kaffaluu qabnu hir’isuuf jecha ykn wantootuma “xixinnoodhaanillee” sobuurraa fagaanna. Liqiiwwan nurra jiran kaffaluu ilaalchisee, ‘Eeyyeen keenya Eeeyyee’ akka ta’u gochuudhaan, qarshii wajjin haala wal qabateen waadaa galle raawwachuu qabna. (Mat. 5:37; Far. 37:21) Amanamummaan akkasii namni tokko dureessa akka hin taane gochuu danda’a. Haata’u malee, Waaqayyo biratti fudhatama nuu argamsiisuu, yaada garaa qulqulluu akka qabaannu gochuufi dhiphina nurraa hir’isuu danda’a.

18. Yesus fakkeenya gaarii akkamii nuu ta’a? Fakkeenyasaa hordofuudhaan faayidaa kan argannu akkamitti?

18 Dursanii Mootummaa Waaqayyoo barbaaduun, jireenya keenya keessatti wanti hundarra caalaa barbaachisaa ta’e maal akka ta’e beekuu dabalata. Fakkeenya Yesus ilaalaa. Yeroo tokko tokko wayyaa gaggaarii uffata ture. (Yoh. 19:23) Michootasaa wajjin nyaachuufi wayinii dhuguudhaan ni gammada ture. (Mat. 11:18, 19) Haata’u malee, qabeenyiifi bashannanni, isaaf akkuma qimamiiti malee akka nyaataa hin turre. Nyaanni Yesus, fedha Yihowaa raawwachuu ture. (Yoh. 4:34-36) Fakkeenya Yesus kan hordofnu yoo ta’e, jireenyi keenya eebba kan nuu argamsiisu ta’a. Namoonni cunqurfaman Caaffata Qulqullaa’oorraa jajjabina akka argatan gargaaruudhaan gammachuu arganna. Gumiirraa jaalalaafi deggersa ni arganna. Garaa Yihowaa ni ciibsina. Wantoota dursa kennuufii qabnu kan beeknu yoo ta’e, qabeenyaafis ta’e gammachuudhaaf garba hin taanu. Qabeenyis ta’e gammachuun, wantoota Yihowaa waaqeffachuuf kan nu gargaaranidha. Hojii Mootummaa Waaqayyoo deggerurratti caalaatti ennaa hirmaannu, hafuura biyya lafaatiin mo’amuu keenya dhiisaa adeemna.

‘Yaada Keessan Fedha Hafuuraatti Hidhaa’ Jiraadhaa

19-21. ‘Yaada keenya fedha hafuuraatti hidhuu’ kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuu kan qabnuhoo maaliifi?

19 Gocharra yaadatu dursa. Wanti namoonni baay’een utuu itti hin yaadin goone jedhan, yeroo baay’ee gocha yaada fooniirraa maddedha. Kanaafuu, Phaawulos yaada keenya eeguun akka nu barbaachisu nu yaadachiiseera. Phaawulos, “Warri akka fedha fooniitti jiraatan, yaada isaanii fedha foonii irra dhaabaniiru; warri akka fedha hafuuraatti jiraatan garuu, waa’ee waan hafuuraa in yaadu” jechuudhaan barreesseera.—Rom. 8:5.

20 Jalqaba yaanni keenya, achiis gochi keenya, hafuura biyya lafaatiin akka hin mo’amne gochuu kan dandeenyu akkamitti? Hamma dandeenye olola biyya lafaarraa fagaachuufi yaada keenya to’achuudhaan, sammuu keenya eeguu dandeenya. Fakkeenyaaf, wantoota ittiin bashannannu ennaa filannu, sagantaawwan addaggummaa ykn hammina jajjabeessaniifi sammuu keenya xureessanirraa fagaachuu qabna. Hafuurri Waaqayyoo inni qulqulluun, sammuu xuraa’aa keessa akka hin jiraanne beekna. (Far. 11:5; 2 Qor. 6:15-18) Kana malees, yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan, kadhachuudhaan, xiinxaluufi walga’iiwwan gumiirratti argamuudhaan, hafuurri Waaqayyoo sammuu keenya keessa akka jiraatu goona. Yeroo hunda hojii lallabaarratti hirmaachuudhaanis hafuura kanaa wajjin ni hojjenna.

21 Dhugumayyuu, hafuura biyya lafaafi fedhii foonii inni jajjabeessu mo’uu qabna. Akkuma Phaawulos jedhe, “yaada ofii fedha fooniitti hidhuun du’a in fida; yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida.” Kanaafuu, fedhii foonii mo’uun wanta carraaqqiin godhamuufii qabudha.—Rom. 8:6.

[Miiljalee]

^ key. 14 Albaadhummaan, ilaalcha namni tokko sassatuufi garmalee nyaachuudhaan argisiisudha. Kanaafuu, albaadhummaan guddina qaama nama tokkootiin utuu hin ta’in, ilaalcha inni nyaataaf qabuun beekama. Namni tokko qaamnisaa giddu galeessa ykn huuqqataa ta’uyyuu, albaadhessa ta’uu danda’a. Karaa gara biraatiinimmoo, garmalee furdachuun dhukkuba ykn wanta sanyiidhaan namatti darbu ta’uu danda’a. Namni tokko qaamnisaa hammamiyyuu yoo ga’e, wanti dogoggora ta’e, nyaatarratti garmalee sassataa ta’uusaati.—Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 2004⁠rraa “Gaaffii Dubbistootaa” ilaali. (Amaariffa)

Ni Yaadattaa?

• Hafuura qulqulluu argachuuf maal gochuu qabna?

• Hafuurri biyya lafaa karaawwan kamiin dhiibbaa nurraan ga’uu danda’a?

• Hafuura biyya lafaa mo’uu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Gara hojii ykn mana barumsaa dhaquukee dura, hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhu

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Hojii daldalaarratti waan gaarii hojjechuufi amala gaarii qabaachuudhaan, garaan keenya qulqulluu akka ta’u gochuu qabna