Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fakkeenya Yesus Hordofuudhaan Waaqeffannaa Fudhatama Qabu Dhiheessaa

Fakkeenya Yesus Hordofuudhaan Waaqeffannaa Fudhatama Qabu Dhiheessaa

Fakkeenya Yesus Hordofuudhaan Waaqeffannaa Fudhatama Qabu Dhiheessaa

Waaqayyo jaalalaan kaka’ee, namoonni “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan” akka isa waaqeffatan afeereera. (Mul. 7:9, 10; 15:3, 4) Namoonni afeerrii Yihowaa kana fudhatan, “gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu” danda’u. (Far. 27:4; 90:17) Akkuma faarfatichaa sagaleesaanii ol fuudhanii, “Kottaa in sagannaa gadis in jennaa, Waaqayyo uumaa keenya durattis in jilbeenfannaa!” jechuudhaan Yihowaa faarfatu.—Far. 95:6.

Waaqeffannaa Bakka Guddaa Qabu

Yesus Ilma Waaqayyoo isa tokkicha waan ta’eef, ilaalcha, seerawwan bu’uuraafi ejjennoo Abbaasaa barachuuf carraa guddaa qaba ture. Kanaafuu, Yesus karaa sirriin Yihowaa itti waaqeffatan isa kam akka ta’e namootatti himuu danda’a. “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jedheera.—Yoh. 1:14; 14:6.

Yesus, gad of deebisee Abbaasaatiif bitamuudhaan fakkeenya gaarii nuu ta’eera. “Ani isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee, ofiin homaa akka ani hin hojjennes in hubattu” jedheera. Itti dabaluudhaanis, ‘Ani yeroo hundumaa waan isa gammachiisu nan hojjedha’ jedhe. (Yoh. 8:28, 29) Yesus Abbaasaa kan gammachiise karaawwan kamiin ture?

Karaan inni tokko, Yesus guutummaatti Abbaasaatiif bitamuusaati; kunimmoo waaqeffannaa Waaqayyoof dhihaatu keessatti wanta bakka guddaan kennamuufidha. Yesus aarsaa guddaa kan isa kaffalchiisu ta’us, fedha Abbaasaa raawwachuufi isaaf ajajamuudhaan, Abbaasaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabu argisiiseera. (Filp. 2:7, 8) Wanti guddaan Yesus waaqeffannaasaa keessatti raawwate inni kaanimmoo, warri amananis ta’e hin amanne Barsiisaa jedhanii hamma isa waamanitti, hojii bartoota gochuurratti yeroo hundumaa kan hirmaatu ta’uusaa ture. (Mat. 22:23, 24; Yoh. 3:2) Kana malees Yesus, yeroofi humnasaa warra kaan gargaaruuf oolcheera. Fedhii ofii aarsaa gochuunsaa ofiisaatiif yeroo isa dhabsiisuyyuu, warra kaan tajaajiluunsaa isa gammachiisa ture. (Mat. 14:13, 14; 20:28) Yesus hojiin kan itti baay’atu ta’uyyuu, kadhannaadhaan Abbaasaa isa samii haasofsiisuuf yeroo ni ramada ture. (Luq. 6:12) Waaqeffannaan Yesus Waaqayyo biratti bakka guddaa akka qabu beekamaadha!

Waaqayyoon Gammachiisuuf Carraaqqii Gochuu

Yihowaan amala Ilmasaa kan hubate si’a ta’u, jaalala isaaf qabus ibseera. (Mat. 17:5) Haata’u malee, Seexannis amanamummaa Yesus hubateera. Kanaan kan ka’es, Seexanni Yesusirratti garmalee xiyyeeffatee ture. Maaliif? Kun kan ta’e, hamma yeroo sanaatti namni Waaqayyoof guutummaatti abboomamuudhaan karaa inni barbaaduun isa waaqeffachuu danda’e waan hin jirreefi. Seexanni, Yesus waaqeffannaa Yihowaadhaaf malu akkasii akka hin dhiheessine gochuu barbaadee ture.—Mul. 4:11.

Seexanni ejjennoo Yesus laaffisuu waan barbaadeef, afeerrii isa qoru tokko isaa dhiheesse. “Gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaaniis itti argisiise.” Achiis, “Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna” jedheen. Yeroo kanatti Yesus maal godhe? “Seexana nana, argaa koo duraa turi! ‘Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!’ kan jedhu caafameera” jedheen. (Mat. 4:8-10) Eeyyee, Yesus, kana gochuun faayidaa akkamiiyyuu kan argamsiisu yoo ta’e, Seexanaaf sagaduun waaqa sobaa waaqeffachuu akka ta’e beeka ture. Yihowaadhaan alatti eenyuufiyyuu waaqeffannaa dhiheessuu dideera.

Nuuf garuu Seexanni, waaqeffannaa keenya nu dhiisisuuf mootummoota biyya lafaa hundumaafi ulfinasaanii nuu kennuuf afeerrii hin dhiheessu ta’a. Haata’u malee, waaqeffannaa Kiristiyaanonni garaa qajeelaa qaban Waaqayyoof dhiheessan mancaasuuf ammas carraaqqii gochaa jira. Seexanni qaama ykn wanta tokko kan biraa akka waaqeffannu barbaada.—2 Qor. 4:4.

Yesus Kiristos hamma du’aattillee amanamaa ta’uusaa argisiiseera. Yesus Waaqayyoof amanamaa ta’ee jiraachuudhaan, eenyuyyuu caalaa Yihowaadhaaf ulfina argamsiiseera. Nuyis Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, Waaqeffannaa Uumaa keenyaaf dhiheessinu waan hundumaarra caalchisuudhaan, akkuma Yesus amanamoo ta’uu qabna. Dhugumayyuu, walitti dhufeenyi gaariin Waaqayyoo wajjin qabnu, qabeenya keenya isa hundarra caaludha.

Eebbawwan Waaqeffannaa Fudhatama Qabu Dhiheessuudhaan Argaman

‘Waaqeffannaa qullaa’aan Waaqayyo biratti xurii hin qabne’ eebbawwan baay’ee argamsiisa. (Yaq. 1:27, hiika bara 1899) Fakkeenyaaf, kan jiraannu yeroo namoonni baay’een “ofittoo, sassatoota, of jajoo” ta’aniifi “warra waan gaarii jibban” ta’anitti. (2 Xim. 3:1-5) Maatii Waaqayyoo keessatti garuu, namoota qulqulluu ta’aniif namatti tolan, akkasumas seera bu’uuraa Waaqayyo akkaataa itti waaqeffatamu ilaalchisee baase hordofuuf carraaqanii wajjin jiraachuuf mirga arganneerra. Kun baay’ee kan nama jajjabeessu mitii?

Eebbi kan biraanimmoo, biyyi lafaa kun akka nu hin xureessine of eeggachuudhaan yaada garaa qulqulluu qabaachuu keenyadha. Seerawwan bu’uuraa Waaqayyo qajeelummaadhaaf baaseef bitamuudhaan, akkasumas seerawwan mootummaa warra seera Waaqayyoo wajjin wal hin faallessineef ajajamuudhaan, yaada garaa qulqulluu qabaannee jiraachuu barbaanna.—Mar. 12:17; HoE. 5:27-29.

Waaqeffannaan garaa guutuudhaan dhihaatu, eebba kan biraas ni argamsiisa. Fedha keenya caalaa fedha Waaqayyoo gochuurratti kan xiyyeeffannu yoo ta’e, jireenyi keenya kaayyoo kan qabuufi gammachuudhaan kan guutame ta’a. “Bor waan duunuuf, kottaa in nyaannaa, in dhugnas!” hin jennu. Kanaa mannaa, lafa jannata taaturra barabaraaf jiraachuuf abdii amansiisaa qabna.—1 Qor. 15:32.

Macaafni Mul’ataa, namoonni Yihowaa duratti qulqullinaan jiraatan, “rakkina guddaa keessaa” akka ba’an dubbata. Itti fufuudhaan, “Inni teessoo irra taa’us godoo isaa diriirsee isaan irra in jiraata” jedha. (Mul. 7:13-15) Inni teessoorra taa’e, Yihowaa isa uumama cufa keessatti hunda caalaa ulfina qabeessa ta’e malee eenyuyyuu miti. Miidhaa akkamiirraayyuu eegumsa sii gochuudhaan godoosaa keessatti yeroo si simatu, gammachuu akkamii akka argattu yaadi. Ammumallee, hamma tokko eegumsaafi kunuunsasaa argachuu dandeenya.

Kana malees, namoonni waaqeffannaa Waaqayyo biratti fudhatama qabu dhiheessan hundi, “gara burqaa bishaan jireenya kennuutti” geeffamaa akka jiran ibsameera. Burqaan nama gammachiisu kun, qophii Yihowaan namoonni jireenya barabaraa akka argatan gochuuf qopheesse hunda kan argisiisudha. Eeyyee, Waaqayyoo furii Kiristositti fayyadamuudhaan, “imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa.” (Mul. 7:17) Ilmaan namootaa, cubbuurraa walaba akka ta’an gargaarsa kan argatan yommuu ta’u, kunimmoo namoota barabaraaf lafarra jiraachuuf abdataniif gammachuu hangana hin jedhamne argamsiisa. Yeroo ammaattillee, namoonni Waaqayyoon waaqeffatan gammachuu kan qaban yommuu ta’u, dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabanis ibsaa jiru. Namoonni kun warra samiirratti, “Yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, hojiin kee guddaa dha, dinqisiisaa dhas! Ati yaa mootii saba hundumaa, karaan kee hundinuu qajeelaa dha dhugaa dhas! Yaa gooftaa! Namni si hin sodaanne, maqaa kees kan hin guddifne eenyu? Si duwwaatu qulqulluu dha; sabni hundinuu in dhufu, siifis in sagadu; gochaan kee inni qajeelaan mul’ifameera!” jechuudhaan faarfatanii wajjin isa waaqeffachaa jiru.—Mul. 15:3, 4.

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Seexanni waaqeffannaa keenya nu dhiisisuuf afeerrii akkamii nuu dhiheessa?