Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Lafa Gabaatti Lallabuu

Lafa Gabaatti Lallabuu

Lafa Gabaatti Lallabuu

JAARRAA JALQABAATTI, Phaawulos ergamaan, namoota isa dhaggeeffatan hundatti misiraachoo waa’ee Yesus Kiristos lallabuudhaaf, guyyuma guyyaadhaan gara gabaa magaalaa Ateenaa dhaqa ture. (HoE. 17:17) Phaawulos iddoo sana kan filate, namoonni Ateenaa bakka gabaatti yeroo dheeraa waan dabarsaniif ture.

Waggoota 2,000 ta’an booda, har’as sabni Yihowaa ergaa Mootummaa Waaqayyoo babal’isuuf bakka gabaatti ni lallabu. Maaliif? Namoonni baay’een achitti waan argamaniifi. Yeroo har’aatti bakki gabaa, galmawwan daldalli itti raawwatamu kan dabalatu ta’uu danda’a. Dhugaa Baatonni tokko tokko, hogganaa ykn abbaa qabeenyaa bakka sanaarraa heyyama erga argatanii booda, namoonni mi’a bitachuu dhufan akka arganitti barreeffamoota Macaafa Qulqulluu minjaalarra kaa’aniiru.

Fakkeenyaaf, galma daldalaa Niiwu Jarsii Yuunaayitid Isteetsitti, barreeffamni matadureensaa, “Maatii Keessatti Amala Gaarii Qabaachuun Kan Danda’amu Akkamitti?” jedhu bakka xiyyeeffannaa namootaa harkisu akka kaa’amu qophiin godhamee ture. Bu’aa maaliitu argame? Guyyaa tokkotti, kitaabonni 153 afaanota ja’aan raabsamaniiru.

Dubartiin tokko bakka barreeffamoonni kaa’aman dhuftee, ibsa Dhugaa Baatuun tokko isheedhaa kennite xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatteetti. Dubartiin kun, jireenya keenyaafi maatii keenya keessatti Waaqayyoof iddoo kennuun barbaachisaa ta’uusaarratti walii galteetti. Achiis kitaabota, Barsiisaa Guddicharraa Baradhaa, Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?, Gaaffiiwwan Dargaggootaafi Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Danda’an, jedhaman fudhatteetti.

Sa’aatii boodammoo, namni tokko gara galma daldalaa itti aanee jiruu dhaquudhaaf, karaa barreeffamoonni kun kaa’aman sana darbe. Kitaaba Gaaffii Dargaggootaa jedhamu yommuu ilaalu xiyyeeffannaansaa ni harkifame. Obboleettiin barreeffamoota sana bira dhaabachaa turte, fedhii qabaachuusaa argitee, “Kitaabni fudhachuu barbaaddu jiraa?” jettee isa gaafatte. Mataasaa oliif gadi raasaa kitaaba Gaaffii Dargaggootaatti quba qabe. Isheenis kitaaba ofiisaatiif fudhachuuf itti hiixatee ture kana kenniteef. Ijoollee sadii akka qabu isheetti hime. Mareensaanii itti fufaa yommuu adeemu, ijoolleesaa kanaa wajjin torbanitti al tokko akka mari’atu dubbate. Ijoolleensaa lamaan, waggoota umrii kurnanii keessatti argamu. Kitaabicha gaggaragalchee ilaalaa, marii maatiisaa wajjin godhurratti akka qajeelfamaatti itti fayyadamuu akka danda’u dubbate. Babal’istuun kun, kitaabni Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti? jedhamu, inniifi haati manaasaa maatiisaanii ilaalchisee murtoo godhanirratti gorsa gaarii akka isaanii kennu isaaf mirkaneessuudhaan, kitaabicha itti argisiiste. Namichi yaada isaa kennameef kan galateeffateefi buusii kan godhe yommuu ta’u, namni tokko manasaa dhaqee akka isaan haasofsiisu fedhii akka qabu ibseera.

Dhugaa Baatonni sun, guyyaa bakka kanatti itti lallaban sana ilaalchisee maaltu isaanitti dhaga’ame? Obboleettiin tokko, “Ani mala lallabaa kanatti baay’ee gammadeera. Muuxannoo gaariin argadhe!” jetteetti. Obboleettiin garabiraanimmoo, “Yihowaan misiraachichi hamma andaara lafaatti ni lallabama jedheera. Har’a, Paaraamaas, Niiwu Jarsiitti, misiraachoon kun garaa namoota afaan addaddaa dubbatanii tuqeera. Qophii godhame kanarratti hirmaachuun, kan nama gammachiisudha. Warri hojii kanarratti hirmaanne hundi baay’ee gammanne. Yommuu dhihettillee, tokkoon keenyayyuu achii deemuu hin barbaanne” jetteetti.

Misiraachicha karaawwan addaddaatiin lallabuu ni dandeessaa? Karaan hundarra caalu, manaa gara manaa dhaquudha. (HoE. 20:20) Haata’u malee, gabaatti ykn galma daldalaatti lallabuuf maaliif yaalii hin gootu?