Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra Karra Hoolotaa Keessaa Badan Gargaaraa

Warra Karra Hoolotaa Keessaa Badan Gargaaraa

Warra Karra Hoolotaa Keessaa Badan Gargaaraa

“Hoolaa koo ishee na duraa badde waanan argadheef anaaf gammadaa!”—LUQ. 15:6.

1. Yesus tiksee jaalala qabeessa ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

ILMA Yihowaa isa tokkicha kan ta’e Yesus Kiristos, “tiksee hoolotaa isa guddicha” jedhameera. (Ibr. 13:20) Caaffanni Qulqullaa’oon waa’ee dhufaatiisaa raajii kan dubbatan si’a ta’u, inni ‘hoolota mana Israa’elii badan’ barbaaduutti tiksee adda ta’edha. (Mat. 2:1-6; 15:24) Kana malees, akkuma tikseen tokko hoolotasaa balaarraa eeguuf lubbuusaa dabarsee kennu, Yesusis namoota hoolotatti fakkeeffamaniifi aarsaasaarraa faayidaa argachuuf of qopheessaniif furii ta’uudhaan du’eera.—Yoh. 10:11, 15; 1 Yoh. 2:1, 2.

2. Kiristiyaanonni tokko tokko karaa hafuuraa akka dadhaban kan godhe maal ta’uu danda’a?

2 Haata’u malee, namoonni aarsaa Yesus dinqisiifachuudhaan Waaqayyoof of murteessanii turan tokko tokko gumiidhaa baduunsaanii nama gaddisiisa. Abdii kutachuun, dhibeen fayyaa ykn wantoonni garabiraan hinaaffaasaanii laaffisuudhaan karaa hafuuraa akka dadhaban godhee ta’uu danda’a. Ta’us, tasgabbiifi gammachuu Daawit Faarfannaa 23⁠ffaarratti ibse argachuu kan danda’an, karra Waaqayyoo keessa yoo turan qofadha. Fakkeenyaaf Daawit, “Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu!” jechuudhaan faarfateera. (Far. 23:1) Namoonni karra Waaqayyoo keessa jiran karaa hafuuraa homaa hin dhaban; hoolonni karra keessaa badan garuu carraa kana hin argatan. Namoota kana eenyutu gargaaruu danda’a? Isaan gargaaruun kan danda’amu akkamitti? Namoonni kun gara karraatti akka deebi’an gargaaruuf maaltu godhamuu danda’a?

Eenyutu Isaan Gargaaruu Danda’a?

3. Yesus hoolota tika Waaqayyoo keessaa badan oolchuun kan danda’amu akkamitti akka ta’e ibse?

3 Hoolota tika Waaqayyoo keessaa badan oolchuun carraaqqii cimaa gaafata. (Far. 100:3) Yesus akkas jechuudhaan yaada kana ibseera: “Namni tokko hoolota dhibba qabaatee tokko keessaa yoo bade, sagaltamii salganuu gaarota irratti dhiisee isa bade sana barbaacha hin dhaquu ree? Maal isinitti fakkaata? Ani dhuguman isinitti hima, yoo argate sagaltamii salgan warra takkaa karaa irraa hin badin caalaatti, isatti in gammada. Akkasumas isaan xixinnayyoo kana keessaa tokko illee baduun jaalala abbaa keessan isa waaqa irraa miti.” (Mat. 18:12-14) Namoota hoolotatti fakkeeffamaniifi karra Waaqayyoo keessaa badan gargaaruu kan danda’u eenyu?

4, 5. Jaarsoliin karra Waaqayyootiif ilaalcha akkamii qabaachuun isaan barbaachisa?

4 Jaarsoliin hoolota badan gargaaruu yoo barbaadan, karri Waaqayyoo, gumii namoota Yihowaadhaaf of murteessan jechuunis ‘warra tikasaa jala jiran’ ta’uusaanii yaadachuu qabu. (Far. 79:13) Hoolonni akkasii kunuunsi waan isaan barbaachisuuf, tiksitoonni jaalala qabeeyyii ta’an dhuunfaatti isaanii yaaduu qabu. Gaarummaadhaan kaka’anii isaan gaafachuun baay’ee barbaachisaa ta’uu danda’a. Jajjabinni jaarsi tokko jaalalaan kaka’ee isaanii kennu, karaa hafuuraa isaan cimsuufi fedhii karra hoolotaatti deebi’uuf qaban isaanii guddisuu danda’a.—1 Qor. 8:1.

5 Eegdonni karra hoolota Waaqayyoo, hoolota badan barbaaduufi gargaaruuf itti gaafatamummaa qabu. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan itti gaafatamummaa jaarsolii gumii Efesoonirra jiru ibseera: “Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa!” (HoE. 20:28) Phexrosis Kiristiyaanota dibamoo jaarsolii gumii ta’an akkas jechuudhaan gorseera: “Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana, giddiidhaan utuu hin ta’in, jaalalaan, akka Waaqayyo barbaadutti, bu’aa nama yeellaasisu irraa argachuuf utuu hin ta’in, of kennuudhaan egaa! Hoolota karra sanaaf fakkeenya ta’uudhaan egaa malee, warra tika keessan jala jiran irratti gooftummaa argisiisuudhaan miti.”—1 Phe. 5:1-3.

6. Hoolonni Waaqayyoo keessumaa yeroo ammaatti kunuunsa jaarsolii argachuun kan isaan barbaachisu maaliifi?

6 Jaarsoliin fakkeenya Yesus isa ‘tiksee gaarii’ hordofuu qabu. (Yoh. 10:11) Inni, hoolota Waaqayyootiif baay’ee kan yaadu yommuu ta’u, Simi’oon Phexrosiin “hoolota koo tiksi” jechuudhaan isaan kunuunsuun barbaachisaa ta’uusaa ibseera. (Yohannis 21:15-17 dubbisi.) Seexanni amanamummaa namoota Waaqayyoof of murteessanii laaffisuuf carraaqqii cimaa gochaa waan jiruuf, keessumaa yeroo ammaatti hoolota kanaaf kunuunsi akkasii ni barbaachisa. Seexanni foonsaanii isa dadhabaafi biyya lafaatti gargaaramee, hoolonni Waaqayyoo cubbuu akka raawwatan kakaasuuf yaala. (1 Yoh. 2:15-17; 5:19) Warri karaa hafuuraa dadhaban, hoolota kaan caalaa salphaatti waan miidhamaniif, ‘hafuuraan geggeeffamanii akka jiraatan’ gorsa isaanii kenname hojiirra oolchuuf gargaarsi isaan barbaachisa. (Gal. 5:16-21, 25) Hoolota kana gargaaruun, gargaarsa Waaqayyoofi qajeelfama hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu, akkasumas Dubbiisaatti sirriitti itti fayyadamuu gaafata.—Fak. 3:5, 6; Luq. 11:13; Ibr. 4:12.

7. Jaarsoliin hoolota isaan jala jiraniif eegumsa gochuunsaanii hangam barbaachisaadha?

7 Bara durii Israa’el keessatti tiksituun tokko hoolotasaa karaa qabsiisuuf ulee hookkootti fayyadama ture. Hoolonni yommuu gurannoosaaniitti galaniifi yommuu achii ba’an ‘ulee tiksituu jala’ waan darbaniif tiksituun sun isaan lakkaa’uu danda’a ture. (Lew. 27:32; Mik. 2:12; 7:14) Kiristiyaanni tiksituu ta’e tokkos, karra hoolota Waaqayyoo warra isa jala jiran akka gaariitti beekuufi haala isaan keessa jiran hubachuunsaa barbaachisaadha. (Fakkeenya 27:23 waliin ilaali.) Kanaafuu, hoolota gaafachuun dhimma barbaachisaa qaamni jaarsolii irratti mari’achuu qabu keessaa isa tokkodha. Kunimmoo hoolota badan gargaaruuf qophii gochuus ni dabalata. Yihowaaniyyuu hoolotasaa warra badan akka barbaaduufi kunuunsa barbaachisu akka isaanii godhu dubbateera. (His. 34:11) Kanaaf jaarsoliin akkumasaa hoolaan bade tokko karratti akka deebi’u gargaaruuf yommuu carraaqqii godhan Waaqayyo ni gammada.

8. Jaarsoliin dhuunfaatti hoolotaaf gargaarsa gochuu kan danda’an karaawwan kamiini?

8 Yommuu obboleessi tokko dhukkubsatu, jaarsi tokko isa gaafachuunsaa gammachuufi jajjabina isaaf argamsiisuu danda’a. Hoolaan karaa hafuuraa dhukkubsate tokkos, yommuu dhuunfaatti xiyyeeffannaan kennamuuf akkasuma itti dhaga’amuu danda’a. Jaarsoliin warra karaa hafuuraa dadhabanii wajjin ta’uudhaan, caqasawwan dubbisuu, mataduree tokkorratti mari’achuu, yaadawwan ijoo walga’iirratti dhihaatan ibsuu, isaanii wajjin kadhachuufi k.k.f gochuu danda’u. Akkasumas, miseensonni gumii walga’iirratti utuu isaan arganii akka gammadan itti himuu danda’u. (2 Qor. 1:3-7; Yaq. 5:13-15) Dhaqanii gaafachuun, bilbila bilbiluufi xalayaa barreessuun namoota kana gargaaruu danda’a. Hoolaa karra keessaa bade tokkoof dhuunfaatti gargaarsa gochuun, jaarsa gumii gara laafessa ta’e sanaafis gammachuu argamsiisuu danda’a.

Hundi Keenya Isaan Gargaaruuf Carraaqqii Gochuu Dandeenya

9, 10. Hoolaa badeef kunuunsa gochuun hojii jaarsoliidhaaf qofa dhiifame miti kan jettu maaliifi?

9 Yeroo muddamaafi rakkisaa ta’e keessa waan jiraannuuf, namni hidhata amantaa keenya ta’e tokko gumiirraa fagaachuusaa hin hubannu ta’a. (Ibr. 2:1) Yihowaan garuu hoolotasaatiif bakka guddaa kenna. Akkuma tokkoon tokkoon qaama keenyaa, isaanis dhuunfaatti gatii guddaa qabu. Kanaaf, hundi keenya obboloota keenyaaf yaaduufi wal gargaaruun nu barbaachisa. (1 Qor. 12:25) Atoo ilaalcha akkasii qabdaa?

10 Jaarsoliin hoolota badan barbaadanii gargaaruurratti dursa kan fudhatan ta’us, obboloota hidhata amantaa keenyaa gumiidhaa badaniif yaaduu kan qaban isaan qofadha jechuu miti. Warri kaanis tiksitoota kana deggeruu danda’u. Obboloota keenya warra karra Waaqayyotti deebi’uuf gargaarsi isaan barbaachisu jajjabeessuufi karaa hafuuraa gargaaruu dandeenya; kanas gochuu qabna. Gargaarsa akkasii gochuu kan dandeenyu akkamitti?

11, 12. Nama karaa hafuuraa dadhabe gargaaruuf mirga akkamii argachuu dandeessa?

11 Yeroo tokko tokko, jaarsoliin nama karaa hafuuraa dadhabee tureefi gargaarsa gaafateef, babal’istoonni muuxannoo qaban dhuunfaatti Macaafa Qulqulluu akka isa qayyabsiisan qophii gochuu danda’u. Kaayyoon qophii kanaa, namoonni kun ‘jaalala dur qaban’ deebisanii akka argisiisan gargaaruudha. (Mul. 2:1, 4) Hidhattoonni amantaa kun, barumsa yeroo gumiirraa hafanii turanitti isaan darbe irra deebi’anii qayyabachuudhaan karaa hafuuraa jajjabaachuu danda’u.

12 Jaarsoliin, nama karaa hafuuraa jajjabinni isa barbaachisu tokko akka qayyabsiistu yoo si gaafatan, Yihowaan carraaqqiikee akka sii eebbisu kadhadhu. “Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in ba’a.” (Fak. 16:3) Caqasawwan Macaafa Qulqulluufi yaadawwan gaggaarii namoota karaa hafuuraa gargaarsi barbaachisuu wajjin irratti mari’atturratti xiinxali. Fakkeenya gaarii Phaawulos kaa’erratti yaadi. (Roomaa 1:11, 12 dubbisi.) Phaawulos Kiristiyaanonni Roomaa jabaatanii akka jiraataniif, kennaa hafuuraa isaanii kennuuf jecha isaan arguuf hawwee ture. Isaanirraas jajjabina argachuuf ni hawwa ture. Hoolaa karra Waaqayyoo keessaa bade tokko yommuu gargaarru ilaalcha akkasii qabaachuu hin qabnuu?

13. Nama karaa hafuuraa dadhabee wajjin waa’ee maalii mari’achuu dandeessa?

13 Yommuu qayyabsiistu, “Akkamitti dhugaa dhageesse?” jettee isa gaafachuu dandeessa. Namni karaa hafuuraa dadhabe kun yeroo gaarii walga’ii gumiirratti, hojii lallabaafi walga’iiwwan gurguddaarratti dabarse akka dubbatu jajjabeessuudhaan, gammachuu argachaa ture akka yaadatu gargaari. Yeroo gaarii sochiiwwan hafuuraarratti waliin dabarsaa turtan dubbadhu. Gammachuu Yihowaatti dhihaachuu keetiin argatte itti himi. (Yaq. 4:8) Waaqayyo keessumaa yeroo rakkinaatti jajjabinaafi abdii nuu kennuudhaan, akkaataa sabasaa itti kunuunsuuf galateeffannaa qabdu ibsi.—Rom. 15:4; 2 Qor. 1:3, 4.

14, 15. Namoota karaa hafuuraa dadhaban eebbawwan kanaan dura argachaa turan kamfaa isaan yaadachiisuun gaariidha?

14 Namni karaa hafuuraa dadhabe sun, yeroo gumii keessa turetti eebbawwan argate tokko tokko isa yaadachiisuun gaariidha. Fakkeenyaaf, beekumsa Dubbiifi kaayyoo Waaqayyootiin guddachuun eebba guddaa ture. (Fak. 4:18) Yommuu ‘hafuuraan geggeeffamee jiraachaa’ turetti, qorumsa akka cubbuu hojjetu isarra ga’u mo’uun salphaa akka ture beekamaadha. (Gal. 5:22-26) Yaada garaa qulqulluu qabaachuunsaammoo kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuuf isa dandeessisee kan ture ennaa ta’u, ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaarra caalu, isa garaa keenyaafi yaada keenya eegu’ qabaachuufis isa gargaaree ture. (Filp. 4:6, 7) Yaadawwan kana sammuutti qabachuufi garaadhaa isaaniif yaaduudhaan, hamma sii danda’ame obboloonnikee karra hoolotaatti akka deebi’an jajjabeessi.—Filiphisiiyus 2:4 dubbisi.

15 Fakkeenyaaf jaarsa warra karaa hafuuraa dadhaban gaafachaa jirtudha haa jennu. Hiriyoonni gaa’elaa karaa hafuuraa dadhaban, yeroo jalqaba Dubbii Waaqayyoorraa dhugaa itti baratan akka yaadatan gochuu dandeessa. Yeroo sana dhugaan baay’ee gaarii, sirrii, kan nama gammachiisuufi karaa hafuuraa birmaduu kan nama baasu hin turree? (Yoh. 8:32) Yommuu waa’ee Yihowaa, jaalalasaafi kaayyoosaa isa guddaa baratan, garaansaanii galateeffannaadhaan guutamee hin turree? (Luqaas 24:32 waliin ilaali.) Namoonni kun walitti dhufeenya cimaa kanaan dura Yihowaa wajjin qaban akka yaadatan godhi; akkasumas Waaqayyoof kan of murteessan waan ta’aniif mirga kadhannaa akka qaban isaan yaadachiisi. Namoonni karaa hafuuraa dadhaban deebisanii, “wangeela isa waa’ee ulfina Waaqayyoo eebbifamaa” akka fudhatan garaadhaa jajjabeessi.—1 Xim. 1:11.

Jaalala Isaanitti Argisiisuu Keessan Itti Fufaa

16. Nama tokko karaa hafuuraa gargaaruun, bu’aa argamsiisuu akka danda’u fakkeenya tokko dubbadhu.

16 Yaadawwan olitti ibsaman kun dhuguma faayidaa qabuu? Eeyyee. Fakkeenyaaf, dargaggeessi yeroo umriinsaa waggaa 12 turetti babal’isaa ta’e tokko, umrii waggaa 15⁠tti karaa hafuuraa dadhabee ture. Haata’u malee, yeroo booda jabaachuudhaan waggoota 30 oliif tajaajilaa yeroo guutuu ta’eera. Karaa hafuuraa jajjabaachuu kan danda’e keessumaa gargaarsa jaarsi tokko isaaf godheen ture. Gargaarsa jaarsi kun isaa godheef baay’ee galateeffata.

17, 18. Nama karra Waaqayyoo keessaa bade tokko gargaaruuf amalawwan akkamii qabaachuutu si barbaachisa?

17 Warri karaa hafuuraa dadhaban gara gumiitti akka deebi’an gargaaruuf Kiristiyaanota kan kakaasu jaalaladha. Yesus duuka buutotasaatiin, “Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yoh. 13:34, 35) Eeyyee jaalalli mallattoo Kiristiyaanonni dhugaan ittiin beekamanidha. Jaalala akkasii, Kiristiyaanota cuuphamaniifi karaa hafuuraa dadhabaniif qabaachuu hin qabnuu? Qabaachuu qabna! Haata’u malee, gargaarsa barbaachisaa ta’e gochuun, amalawwan Waaqayyoon gammachiisan addaddaas argisiisuu kan gaafatudha.

18 Nama karra Waaqayyoo keessaa bade tokko akka gargaartu utuu gaafatamtee, amalawwan akkamii qabaachuu qabda? Jaalala malees, gara laafina, gaarummaa, garraamummaafi obsa qabaachuun si barbaachisa. Yeroo dhiifama gochuun itti si barbaachisus jiraachuu danda’a. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa! Waliif danda’aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa! Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!”—Qol. 3:12-14.

19. Warri hoolotatti fakkeeffaman gumiitti akka deebi’an gargaaruuf, carraaqqiin godhamuu kan qabu maaliifi?

19 Matadureen ittaanu sababiiwwan namoonni tokko tokko karra Waaqayyoo keessaa itti badaniifi warri gumiitti deebi’animmoo simannaa akkamii eeguu akka danda’an ibsa. Yommuu mataduree sana qayyabattuufi isa kanarratti yaaddu, namoonni hoolotatti fakkeeffaman gara gumii Kiristiyaanaatti akka deebi’an gargaaruun, wanta carraaqqiin godhamuufii qabu akka ta’e hin dagatin. Namoonni hedduun biyya lafaa kanarratti jireenyasaanii guutuu qabeenya hedduu walitti qabachuuf carraaqqii cimaa godhu. Haata’u malee, qarshii addunyaarra jiru hundarra lubbuu nama tokkootu caala. Yesus fakkeenya hoolaa badde ilaalchisee dubbaterratti yaada kana ibseera. (Mat. 18:12-14) Hoolonni Yihowaa warri jaallatamoon karra hoolotaa keessaa badan akka deebi’an gargaaruuf, garaa guutuufi atattamaan carraaqqii yommuu gootu, qabxiiwwan kana yaadatti qabadhu.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Jaarsoliin, namoota karra Waaqayyoo keessaa badan gargaaruuf jaalalaan kaka’anii carraaqqii godhu

[Fakkii fuula 11rra jiru]

Maal Jettee Deebista?

• Kiristiyaanonni tiksitoota ta’an, hoolota karra keessaa badan ilaalchisee itti gaafatamummaa akkamii qabu?

• Namoota gumii dhufuu dhiisan gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

• Namoota gumiidhaa badan gargaaruuf amalawwan akkamii qabaachuun barbaachisaadha?