Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaadawwan Ijoo Macaafota Yohannisiifi Yihudaa

Yaadawwan Ijoo Macaafota Yohannisiifi Yihudaa

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha

Yaadawwan Ijoo Macaafota Yohannisiifi Yihudaa

ERGAAWWAN Yohannis sadan, kutaa dhumaa Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura qulqulluun Dh.K.B. bara 98 Efesoonitti barreeffaman jedhamee yaadama. Ergaawwan jalqabaa lamaan Kiristiyaanonni ifa keessa deddeebi’uu akka itti fufaniifi gantummaarraa akka fagaatan kan jajjabeessudha. Yohannis ergaasaa isa sadaffaarratti Kiristiyaanonni dhugaatti qabamanii jiraachuu qofa utuu hin ta’in tokkummaa akka qabaatan jajjabeesseera.

Obboleessa Yesus kan ture Yihudaan ergaasaa kan barreesse Dh.K.B. naannoo bara 65 Filisxeemitti hin ta’in hin oolu. Namoota hamoo lo’anii gumiitti seenan ilaalchisee, Kiristiyaanota hidhatasaa ta’aniif akeekkachiisa kenneera. Dhiibbaa gadhee isaan geessisan akkamitti mo’uu akka danda’amu ilaalchisees gorsa kenneera. Ergaawwan Yohannis sadaniifi ergaa Yihudaaf xiyyeeffannaa kennuun, wantoonni gufuu nutti ta’an jiraatanis amantiitti cimuuf nu gargaaru.—Ibr. 4:12.

IFA, JAALALAAFI AMANTIIN DEDDEEBI’UU KEESSAN ITTI FUFAA

(1 Yohannis 1:1–5:21)

Ergaan Yohannis inni duraa, namoonni Kiristosii wajjin tokkummaa qaban hundi, gorsa gantummaa akka morman, dhugaafi qajeelummaatti jabaatanii akka itti fufan gargaaruuf kan barreeffamedha. Ifa, jaalalaafi amantiin deddeebi’uun barbaachisaa ta’uusaa addeesseera.

Yohannis, “Akka [Waaqayyo] ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna” jechuun barreesseera. Ergamaan kun Waaqayyo Madda jaalalaa waan ta’eef, “kottaa wal in jaallannaa!” jedheera. “Waaqayyoon jaallachuu[n]” “abboommota isaa eeguu[f]” kan nu kakaasu si’a ta’u, “amantii” Yihowaa, Macaafa Qulqulluufi Ilmasaarratti qabnuun biyya lafaa moona.—1 Yohannis 1:7; 4:7; 5:3, 4.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oofi Deebiisaanii:

2:2; 4:10—Yesus “furee cubbuu” kan ta’e akkamitti? Furuu jechuun “araarsuu” ykn “qabbaneessuu” jechuudha. Yesus lubbuusaa furee godhee kennuudhaan, ulaagaa murtoo qajeelaan gaafatu araarseera ykn guuteera. Waaqayyo aarsaa kanarratti hundaa’ee, namoota Yesusitti amananiif cubbuusaanii dhiisuufii danda’a.—Yoh. 3:16; Rom. 6:23.

2:7, 8—Abboommiin Yohannis isa “moofaa” fi isa “haaraa” jechuun dubbate kamidha? Yohannis kan dubbate waa’ee abboommii jaalala obbolummaa isa fedhii ofii aarsaa gochuu gaafatudha. (Yoh. 13:34) Yesus abboommii kana kan kenne Yohannis ergaasaa isa duraa barreessuusaa waggaa 60 dura waan ta’eef “moofaa” jedhee waameera. Kanaaf, amantoonni Kiristiyaana erga ta’anii “jalqabee” abboommii kana beeku turan. Abboommiin kun isa “nama akka ofii keetiitti jaalladhu” jedhu caalaa fedhii ofii aarsaa gochuu kan dabalatu waan ta’eefis, “haaraa” jedhamuu danda’a.—Lew. 19:18; Yoh. 15:12, 13.

3:2—Wanti Kiristiyaanota dibamootti hin ‘mul’anne’ maalidha? “Inni akka jirutti” kan argan eenyuuni? Qaama hafuuraa uffatanii yommuu du’aa ka’an maal fakkaachuu akka danda’an isaanitti hin mul’anne. (Filp. 3:20, 21) Garuu, “yommuu [Waaqayyo] mul’atu inni akka jirutti” “hafuura” akka ta’e ‘arguufi akkasaas’ akka ta’an beeku.—2 Qor. 3:17, 18.

5:5-8—Bishaan, dhiigniifi hafuurri “Yesus Ilma Waaqayyoo” ta’uusaa kan dhugaa ba’an akkamitti? Yesus bishaaniin yeroo cuuphamu bishaan dhugaa ba’ee kan ture si’a ta’u, Yihowaanis Ilmisaa isa duratti fudhatama akka qabu ibseera. (Mat. 3:17) Dhiigni Yesus ykn jireenyisaa “furii nama hundumaa” akka ta’uuf waan kennameef Yesus Ilma Waaqayyoo ta’uusaa argisiiseera. (1 Xim. 2:5, 6) Yeroo inni cuuphametti hafuurri qulqulluun waan isarra bu’eef Yesus Ilma Waaqayyoo ta’uusaa mirkaneesseera; akkasumas ‘inni naanna’ee hojii gaarii akka hojjetuufi Seexanaan kan cunqurfaman akka fayyisu’ isa gargaareera.—Yoh. 1:29-34; HoE. 10:38.

Barumsa Maalii Arganna?

2:9-11; 3:15. Kiristiyaanni tokko wanti ykn namni kamiyyuu jaalaala obbolootasaatiif qabu akka jalaa mancaasu kan heyyamu taanaan, dukkana keessa deddeebi’aa jira, gara itti adeemus hin beeku.

‘DHUGAA DUUKAA BU’UU’ KEESSAN ITTI FUFAA

(2 Yohannis 1-13)

Yohannis ergaasaa isa lammaffaa, “Ana isa maanguddicha biraa, haa ga’u gara haadha warraa ishee fo’atamtee fi gara ijoollee ishee” jedhuun jalqaba. ‘Ijoolleeshee keessaa kaan dhugicha duukaa utuu bu’anii argachuun’ baay’ee akka isa gammachiise ibseera.—2 Yoh. 1, 4.

Yohannis jaalala akka qabaatan erga gorsee booda, “Jaalala jechuun akka abboommii Waaqayyootti jiraachuu dha” jedhee barreesseera. ‘Isa nama wallaalchisuufi Kiristosiin mormu’ ilaalchisees akeekkachiisa kenneera.—2 Yoh. 5-7.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oofi Deebiisaanii:

1, 13—“Haadha warraa Ishee fo’amte” kan jedhamte eenyu? Jecha afaan Giriikii Kiiriyaa “haadha warraa” jedhu caqasuudhaan dubartii tokko argisiisuu barbaadee ta’uu danda’a. Yookiin namoota isa ari’atan wallaalchisuuf mala kanaan gumii tokkoof barreessuu barbaadee ta’uu danda’a. Waa’ee gumii tokkoo dubbachaa kan jiru taanaan, ijoolleeshee kan jedhaman miseensota gumichaa si’a ta’an, ‘ijoollee obboleettiishee’ kan jedhamanimmoo miseensota gumii kan biraati jechuudha.

7—Yohannis asirratti “dhufuu” Yesus isa kam dubbachuusaa ture? Warri nama wallaalchisan ‘amananii kan isa hin beeksifne’ akkamitti? “Dhufuu” kan jedhame, Yesus gara fuulduraatti haala hin argamneen dhufuusaa kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, fooniin dhufuusaafi Kiristos ta’ee dibamuusaa kan argisiisudha. (1 Yoh. 4:2) Warri nama wallaalchisan fooniin dhufuusaa hin amanan. Yesus lafarra jiraachuusaa ykn hafuura qulqulluun dibamuusaa gananii ta’a.

Barumsa Akkamii Arganna?

2, 4. “Dhugichi” jechuunis, barumsa Kiristiyaanummaa Macaafa Qulqulluurra jiru hunda beekuufi haala isaa wajjin walsimuun jiraachuun fayyina keenyaaf murteessaadha.—3 Yoh. 3, 4.

8-11. ‘Ayyaana, araara, nagaa Waaqayyo abbaa biraa, Yesus Kiristos ilma abbaa biraa,’ akkasumas michooma hidhata amantii keenyaa dhabuu hin barbaannu taanaan, ‘of eeguufi’ ‘nama barsiisa Kiristosiif qabamuu dhiiserraa’ fagaachuu qabna.—2 Yoh. 3.

‘DUBBII DHUGAA KEESSATTI HIDHATA’ WALII TA’UU

(3 Yohannis 1-14)

Yohannis ergaasaa isa sadaffaa michuusaa Gaayosiif barreesse. “Ijoolleen koo dhugaatti qabamanii jiraachuu isaanii dhaga’uun gammachuu koo ti; gammachuu kana irra caalus hin qabu” jechuun barreessera.—3 Yoh. 4.

Yohannis, Gaayos obboloota daawwattoota ta’an gargaaruurratti ‘amanamummaan waan hojjeteef’ isa galateeffateera. Ergamaan kun “Nuyi dubbii dhugaa kana keessatti hidhata isaanii ta’uudhaaf namoota akkasii kana simannee gargaaruun nuuf in ta’a” jedheera.—3 Yoh. 5-8.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oofi Deebiisaanii:

11—Namoonni tokko tokko hamaa kan hojjetan maaliifi? Namoonni barumsa Kiristiyaanummaatti ejjennoo cimaa hin qabne tokko tokko, ija qalbiisaaniitiin Waaqayyoon arguun isaanitti ulfaata. Ijasaaniin isa arguu waan hin dandeenyeef inni nu hin argu jedhanii kan yaadan si’a ta’u, gochisaanii ilaalcha akkasii akka qaban argisiisa.—His. 9:9.

15, hiika bara 1899—‘Michoota’ kan jedhaman eenyufa’i? Jechi asirratti ‘michoota’ jedhu namoota hariiroo cimaa qaban qofa kan argisiisu miti. Yohannis dimshaashumatti namoota hidhatasaa ta’an caqasuusaa ture.

Barumsa Akkamii Arganna?

4. Kiristiyaanonni karaa hafuura ga’eessa ta’an, ijoolleen gumii keessa jiran “dhugaatti qabamanii jiraachuusaanii” yeroo argan guddaa gammadu. Warri ijoolleensaanii Yihowaa akka tajaajilan gargaarsi isaan godhan yeroo milkaa’u arguu caalaa wanti isaan gammachiisu hin jiru!

5-8. Kiristiyaanota jaalala obbolootasaaniifi Yihowaaf qabaniin kaka’anii jabinaan tajaajilan, daawwattoota olaanaa, misiyoonota, Bet’el ykn waajjira damee keessatti kan tajaajilaniifi qajeelchitoota kan dabalatudha. Amantii isaan argisiisan hordofuun barbaachisaa ta’uusaarrayyuu, jaalalaan isaan deggeruun barbaachisaadha.

9-12. Fakkeenya Demeexros isa amanamaa ture malee, Diyotreefes isa maqaa namaa balleessaa ture hordofuu hin qabnu.

“JAALALA WAAQAYYOO KEESSATTI OF EEGAA”

(Yihudaa 1-25)

Yihudaan namoota gara gumiitti lo’anii seenan ilaalchisee akkas jedheera: “Waan hundumaatti in guungumu, waan hundumaas in komatu, akka kajeellaa isaaniitti in jiraatu, afaaniin guddisanii of in jaju, warra waa irraa abdatan immoo sobanii in saadu.”—Yih. 4, 16.

Kiristiyaanonni dhiibbaa gadhee mo’uu kan danda’an akkamitti? Yihudaan, “Michoota ko, dubbii ergamoonni gooftaa keenyaa Yesus Kristos kanaan dura dubbatan yaadadhaa!” jechuun barreesseera. Dabalees, “Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegaa” jedheera.—Yih. 17-21.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oofi Deebiisaanii:

3, 4—Yihudaan Kiristiyaanonni ‘amantiif akka lolan’ kan jajjabeesse maaliifi? ‘Warri Waaqayyo malee jiraatan lo’anii gara gumiitti galanii’ waan turaniifidha. Namoonni kun, “Ayyaana Waaqayyo keenyaa argachuun ‘Gad-dhiisatti jiraachuu dha’ jedhanii yaada isaanii diddiiranii” turan.

20, 21—‘Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu’ kan dandeenyu akkamitti? Karaa sadiin jechuunis: (1) Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti qo’achuufi hojii lallabaarratti hinaaffaan hirmaachuun, ‘amantii keenya isa hundumaa caalaa qulqulluutti’ cimuun, (2) ‘hafuura qulqulluun geggeeffamanii’ kadhachuudhaan ykn hafuurri kun jireenya keenya akka jijjiiru heyyamuun, akkasumas (3) aarsaa furii Yesus Kiristos isa jireenya barabaraa argamsiisutti amanuudhaan jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu dandeenya.—Yoh. 3:16, 36.

Barumsa Akkamii Arganna?

5-7. Hamoonni firdii Yihowaa jalaa milquu danda’uu? Akeekkachiisaa Yihudaan kenne sadanirraa akkuma hubannu kun tasumaa hin danda’amu.

8-10. Fakkeenya Mikaa’el isa angafa ergamootaa hordofuudhaan, namoota Waaqayyo muudeef ulfina kennuu qabna.

12, NW. Akkuma kattaan bishaan keessa dhokate dooniirra ykn nama bishaan daakurra balaa geessisu, gantoonni waan nu jaallatan fakkaatanii nutti dhihaatanis amantii keenyarra balaa guddaa geessisu. Barsiistonni sobaa arjaa fakkaatanis, gama hafuuraatiin duwwaa waan ta’aniif duumessa bokkaa hin qabnee wajjin tokkodha. Namoonni akkasii akkuma muka yeroo ija kennuun isaaf ta’utti ija dhabeeti. Akkuma mukti hundeedhaan buqqa’e badu badiisatu isaan eeggata. Gantootarraa fagaachuun baay’ee barbaachisaadha.

22, 23. Kiristiyaanonni dhugaa wanta hamaa ni jibbu. Kiristiyaanonni gumii keessatti argamaniifi ga’eessota ta’an, keessumaa ilaaltuu olaanaa ta’anii kan muudaman “warra maman” ibidda keessaa, jechuunis badiisa barabaraarraa oolchuuf jecha karaa hafuuraa isaan gargaaruuf carraaquu qabu.

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Bishaan, hafuurriifi dhiigni, “Yesus Ilma Waaqayyoo ta’uusaa” dhugaa ba’aniiru