Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ga’ee Maariyaam Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabdu

Ga’ee Maariyaam Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabdu

Ga’ee Maariyaam Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabdu

YESUS utuu tajaajilarra jiruu, dubartiin tokko tuuta keessaa sagaleeshee dhageessiftee, “Gadameessi si baatee fi harmi ati hoote haa gammadan!” jetteen. Yesus haadhasaatiif ulfinni addaa akka kennamu utuu barbaadee, carraa kanatti fayyadamee namoonni kaan kana akka godhan jajjabeessa ture. Inni garuu, “Dubbii Waaqayyoo dhaga’anii kan raawwatan haa gammadan!” jedhee deebiseef.—Luqaas 11:27, 28.

Yesus haadhasaatiif ulfina addaa hin kennine; duuka buutonnisaas kana akka godhan matumaa hin barsiifne. Kun ulfina addaa namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun Maariyaamiif kennanii wajjin wal hin faallessuu? Mee haadha Yesus ilaalchisee barumsa yeroo ammaatti babal’atee jiru, wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuu wajjin walbira qabnee haa qorru.

“Ayyaana-qabeettii!” “Dubartoota Hundumaa Irra Eebbifamtuu”

Gabri’el ergamaan, Maariyaam kaayyoo Waaqayyoo keessatti ga’ee maalii akka qabdu itti himeera. Yeroo kanatti, “Waaqayyo gooftaan sii wajjin jira’o, nagaan siif haa ta’u, yaa ayyaana-qabeettii!” jedheenii ture. (Luqaas 1:28) Kana booda utuu baay’ee hin turin, Elsaabex “Ati dubartoota hundumaa irra eebbifamtuu dha; mucaan ati garaatti baattus eebbifamaa dha” jettee Maariyaamiin nagaa gaafatte. (Luqaas 1:42) Maarree jechoonni kun Maariyaam ulfina addaa argachuu akka qabdu hin argisiisanii?

Dhugaa dubbachuuf taanaan hin argisiisan. Warri Kaatolikii, jechoota kana kadhannaa Maariyaamiif dhiheessan keessatti kan dabalan ta’anis, Macaafni Qulqulluun isheedhaaf kadhannaan dhihaachuu akka qabu hin dubbatu. Gabri’eliifi Elsaabex, Maariyaam Masiihicha da’uuf mirga guddaa argachuushee dubbatanis, Caaffanni Qulqullaa’oon isheedhaaf kadhannaa dhiheessuu akka qabnu hin ibsan. Kanaa mannaa, ergamoonnisaa akkamitti kadhachuu akka qaban yommuu isa gaafatan, Yesus kadhannaan gara Abbaasaatti dhihaachuu akka qabu ibseera. Yesus kadhannaa beekamaa jecha, “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa!” jedhuun jalqabu kan barsiise kanaaf ture.—Maatewos 6:9.

Bulchitoota Keessaa Tokko Taateetti

Yeroo ammaatti barumsi beekamaan Maariyaamiin ilaalchisee barsiifamu isheen, “Mootittii samiirraa” ta’uushee kan ibsudha. Macaafni Qulqulluun matumaa maqaa ulfinaa akkasiitiin ishee hin waamu. Ta’us, bulchiinsa samiirratti iddoo addaa akka qabdu ni ibsa. Iddoo addaa akkamii qabdi?

Yesus bartootasaa warra amanamoo ta’an keessaa tokko tokko, Mootummaasaa keessatti isaa wajjin akka bulchan dubbateera. (Luqaas 22:28-30) Namoota isaa wajjin bulchuuf filataman kanaaf, ‘Waaqayyo keenyaaf luboota akka ta’aniifi lafarratti akka mo’an’ gochuudhaan aboo isaanii kenna. (Mul’ata 5:10) Macaafni Qulqulluun, Maariyaam namoota mirga guddaa akkasii argatan keessaa tokko ta’uushee akka hubannu nu gargaara. Kana kan jennu maaliifi?

Maariyaam, Yesus erga du’ee booda, bartootasaafi obboloota Yesusii wajjin ‘kadhataaf of kennuushee’ ni yaadatta ta’a. Yeroo sanatti, “dubartoota” muraasa dabalatee, namoonni 120 ta’an kaayyoo kanaaf walitti qabamanii turan. (Hojii Ergamootaa 1:12-15) Macaafni Qulqulluun, utuu “Ayyaanni Phenxeqostee” godhamaa jiruu, ennaa hafuurri qulqulluun isaanirra bu’eefi dandeettii afaan garaagaraa dubbachuu isaaniif kennetti, “hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan” jedha.—Hojii Ergamootaa 2:1-4.

Maariyaam namoota hafuura qulqulluudhaan guutaman keessaa tokko ta’uunshee, Yesusii wajjin Mootummaa samiirratti bulchuuf filatamuushee argisiisa. Kanaan kan ka’es, Maariyaam yeroo ammaatti ulfina isa waaqarraa argattee, Yesus cina teesseetti jennee amanuuf sababii ga’aa qabna. (Roomaa 8:14-17) Isheeniifi warri Yesusii wajjin bulchuuf mirga addaa argatan, raawwii kaayyoo Waaqayyoo keessatti ga’ee akkamii akka qaban wantoota tokko tokko haa ilaallu.

Eebba Dinqisiisaa Dhangalaasuu

Macaafni Mul’ataa, namoonni 144,000 ta’an du’aa ka’anii ulfina samii argachuudhaan, Yesusii wajjin luboota, abbootii firdiifi mootota akka ta’an dubbata. (Mul’ata 14:1, 4; 20:4, 6) Namoonni kun luboota waan ta’aniif, bu’aawwan aarsaa Yesusirraa argaman namoota ajajamoo ta’an hundaaf dhangalaasuudhaan, ilmaan namootaa karaa hafuuraa, karaa amalaafi qaamaan mudaa kan hin qabne akka ta’an godhu. (Mul’ata 21:1-4) Waaqeffattoonni Yihowaa amanamoo ta’an, yeroo gaarii kana arguunsaanii mirga guddaadha! *

Maariyaam raawwii kaayyoo Waaqayyoo keessatti ga’ee qabdi turte; ammas qabdi. Maariyaam akka haadha tokkootti ga’eeshee yommuu raawwattu, gad of deebisuu, amantii, abboomamuu, jaalala ofittummaarraa walaba ta’eefi jabinni isheen qorumsa mo’uurratti argisiiste nuufis fakkeenya gaarii ta’a. Masiihicha da’uufi ilmaan namootaatiif eebba barabaraa dhangalaasuudhaan ga’een isheen qabdu, ulfina guddaa akka isheedhaaf laannu nu kakaasa.

Haata’u malee, Maariyaam akkuma tajaajiltoota Waaqayyoo warra kaanii, Yihowaa qofa kan waaqeffatte ta’uusheerraa barumsa guddaa arganna. Maariyaamis warra Kiristosii wajjin samiirratti bulchan duukaa sagaleeshee ol fudhattee, “Hooqubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra taa’ee jiru sanaaf [Yihowaadhaaf], hoolichaafis [Yesus Kiristosiif] baraa hamma bara baraatti haa ta’u!” jedhan keessaa tokkodha.—Mul’ata 5:13; 19:10.

[Miiljaleewwan]

^ key. 13 Eebbawwan kana ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e boqonnaa 8 ilaali.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 10rra jiru]

Fakkeenya Maariyaam hordofuudhaan gad of deebisuu, amantii qabaachuufi abboomamuu qabna