Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abbaa Firdii Yeroo Hundumaa Wanta Sirii Ta’e Raawwatu

Abbaa Firdii Yeroo Hundumaa Wanta Sirii Ta’e Raawwatu

Waaqayyootti Dhihaadhu

Abbaa Firdii Yeroo Hundumaa Wanta Sirii Ta’e Raawwatu

Uumama 18:22-32

FIRDII QAJEELAA. Sirrii. Kan hin loogne. Amalawwan gaggaariin kun si hin gammachiisanii? Namoonni karaa sirrii ta’een akka nu qaban akka barbaannu beekamaadha. Biyya lafaa kana keessatti garuu firdii jal’isuun kan babal’ate ta’uunsaa kan nama gaddisiisudha. Ta’us abbaan Firdii guutummaatti isarratti amanamuu qabnu jira; innis Yihowaadha. Inni yeroo hundumaa waan sirrii ta’e raawwata. Maree Yihowaafi Abrahaam gidduutti godhameefi Uumama 18:22-32⁠rratti ibsamerraa kana hubachuun ni danda’ama. *

Yihowaan haala Sodoomiifi Gomoraa qoruuf akka yaade Abrahaamitti yeroo himu, Abrahaam Loox isa mucaa obboleessasaa ta’e dabalatee namoonni qajeeloon magaalaawwan kana keessa jiraatan eegumsa argachuunsaanii isaa yaaddessee ture. Kanaaf, Abrahaam akkas jedhee Yihowaa gaafate: “Dhuguma nama qajeelaa nama jal’aa wajjin lafa irraa balleessuuf jettaa? Namoonni qajeelonni shantamni mandarattii keessa jiru ta’a; egaa . . . sababii namoonni qajeelonni shantamni achi keessa jiraniif jettee hin dhiiftuufii?” (Lakkoofsa 23, 24) Waaqayyo namoonni qajeeloon 50 ta’an yoo jiraatan magaalaawwan sana akka hin balleessine itti hime. Abrahaam lakkoofsisaa hanga gara kudhanitti hir’atutti sana boodas al shan Yihowaa gaafateera. Yeroo kana hundatti, qajeelonni hamma sana ta’an yoo jiraatan magaalaawwan kana akka hin balleessine dubbate.

Abrahaam Waaqayyoon mormuusaa turee? Matumaa! Utuu isaan mormeera ta’ee, akka of tuuletti ilaalama. Akkaataan Abrahaam Waaqayyootti itti dubbate kan isa sodaatuufi kan gad of qabu ta’uusaa argisiisa. Ani, “biyyoo dha, daaraadhas” ofiin jedheera. (Lakkoofsa 27, 30-32) Kana malees, wanti Abrahaam dubbate Yihowaan waan sirrii akka raawwatu isatti kan amanamu ta’uusaa argisiisa. Waaqayyo qajeelota hamootaa wajjin balleessuun, “isa irraa haa fagaatu” akkasumas “firdii ta’u in kenna mitii ree” jedheera. Abbaa amantaa amanamaa kan ta’e Abrahaam, “Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa, firdii ta’u in kenna” jechuudhaan amanannaa jabaa qabu ibseera.—Lakkoofsa 25.

Wanti Abrahaam dubbate sirrii turee? Eeyyees lakkiis jechuu dandeenya. Sodoomiifi Gomoraa keessa yoo xinnaate namoonni qajeeloon kudhan jiru jedhee yaaduunsaa dogoggora ture. Waaqayyo tasumaa ‘nama qajeelaa nama jal’aa wajjin akka hin balleessine’ dubbachuunsaa garuu sirrii ture. Booda, Waaqayyo magaalota hamoo sana yeroo balleessutti, Looxiifi ijoolleensaa qajeeloo turan gargaarsa ergamootaatiin oolaniiru.—2 Phexros 2:7-9.

Seenaan kun waa’ee Yihowaa maal nu barsiisa? Yihowaan haala magaalota kanaa qoruuf akka jedhu Abrahaamitti himuudhaan yaadasaa akka dubbatu isaaf heyyameera. Achiis, michuunsaa Abrahaam wanta isa yaaddesse yeroo isatti himu, obsaan isa dhaggeeffateera. (Isaayaas 41:8, hiika bara 1899) Kun, Yihowaan Waaqa gad of qabuufi tajaajiltootasaa lafarra jiraniif ulfina kennu ta’uusaa nu barsiisa! Kana malees, Yihowaa isa Abbaa Firdii yeroo hundumaa wanta sirrii ta’e raawwatutti amanamuuf sababii ga’aa akka qabaannu godha.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Yeroo sanatti Yihowaan, ergamaan tokko akka Isaaf dubbatu godhee ture. Fakkeenya biraa Uumama 16:7-11, 13⁠rraa ilaali.

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Abrahaam waa’ee Sodoomiifi Gomoraa Yihowaa kadhateera