Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Lafa Hoolichi Dhaqu Hundumaatti Isa Duukaa Bu’u’

‘Lafa Hoolichi Dhaqu Hundumaatti Isa Duukaa Bu’u’

‘Lafa Hoolichi Dhaqu Hundumaatti Isa Duukaa Bu’u’

“Warri lafa hoolichi dhaqu hundumaatti isa duukaa bu’an isaan kana.”—MUL. 14:4.

1. Bartoonni Yesus warri dhugaan, isa duukaa bu’uuf ilaalcha akkamii qabu turan?

YESUS tajaajilasaa jalqabee gara waggaa lamaafi walakkaa booda, ‘Qifirnaahomitti namoota baay’ee barsiisaa ture.’ Wanti inni dubbate waan isaan naasiseef, “bartoota isaa keessaa baay’een gara booddee deebi’an; ergasiis isaa wajjin hin adeemne.” Yesus bartoonnisaa 12anis deemuu akka barbaadaniifi akka hin barbaanne yeroo isaan gaafate, Simi’oon Phexros, “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa’ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba’o. Nuyi isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneerras” jedhe. (Yoh. 6:48, 59, 60, 66-69) Bartoonnisaa warri dhugaan, isa duukaa bu’uurraa duubatti hin jenne. Hafuura qulqulluudhaan erga dibamanii boodas, qajeelfama Yesusiif ajajamuusaanii itti fufaniiru.—HoE. 16:7-10.

2. (a) “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” ykn ‘hojii adeemsiftuu amanamaan’ eenyu? (b) Hojjetaan kun ‘Hoolicha duukaa bu’uudhaan’ seenaa gaarii kan galmeessise akkamitti?

2 Kiristiyaanonni dibamoon yeroo keenyatti argamanoo Yesus duukaa bu’uuf ilaalcha akkamii qabu? Yesus, ‘milikkita dhufasaafi dhuma barichaa’ ilaalchisee kennerratti, duuka buutonnisaa warri hafuuraan dibamaniifi lafarratti argaman tuutaan, ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ ykn ‘hojii adeemsiftuu amanamaa’ akka ta’an dubbatee ture. (Mat. 24:3, 45; Luq. 12:42) Kutaan hojjetaa kun, akka tuutaatti ‘lafa hoolichi dhaqu hundumaatti isa duukaa bu’uudhaan’ seenaa gaarii galmeessiseera. (Mul’ata 14:4, 5 dubbisi.) Miseensonni kutaa kanaa, amantiiwwaniifi gochawwan “Baabiloon Guddittii” bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraatiin of xureessuurraa fagaachuudhaan, karaa hafuuraa qeerrota duudaa ta’anii jiraataniiru. (Mul. 17:5) Barumsi amantii sobaa “afaan isaanii keessatti hin argamne;” addunyaa Seexanaarraa of eeguudhaan “warra mudaa hin qabne” ta’aniiru. (Yoh. 15:19) Dibamtoonni lafarratti argaman kun, gara fuulduraatti Hoolichaa wajjin gara samiitti ‘isa duukaa bu’u.’—Yoh. 13:36.

3. Kutaa hojjetaa kanaa amanuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

3 Yesus, hojjetaa amanamaafi ogeessa kana, “mana isaa” jechuunis miseensota kutaa hojjetaa kanaatiif, “yeroodhaan nyaata isaanii akka isaanii kennuuf” muudeera. Kana malees, Yesus hojjetaa kana “qabeenya isaa hundumaa irratti” ajajjuu isa godheera. (Mat. 24:45-47) ‘Qabeenyisaa’ kun “tuuta sonaan baay’ee” “hoolota kan biraa” ta’an kan dabalatudha. (Mul. 7:9; Yoh. 10:16) Miseensonni dibamtootaas ta’an, ‘hoolonni kan biraan’ isa isaanirratti muudame kana amanuu hin qabanii? Hojjetaa kana amanuuf sababiiwwan hedduu qabna. Sababiiwwan gurguddaan lamaan: (1) Yihowaan hojjetaa kana ni amana. (2) Yesus hojjetaa kana ni amana. Mee amma Yihowaanis ta’e Yesus Kiristos, hojjetaa amanamaafi ogeessa kana guutummaatti akka amanan ragaawwan argisiisan haa ilaallu.

Yihowaan Hojjetaa Kana Ni Amana

4. Nyaata hafuuraa hojjetaa amanamaafi ogeessi nuu dhiheessurratti amantaa qabaachuu kan dandeenyu maaliifi?

4 Hojjetaan amanamaaniifi ogeessi, nyaata hafuuraa nu barbaachisu yeroosaatti akka dhiheessu kan isa dandeessise maal akka ta’e ilaali. Yihowaan, “Waan gochuun siif ta’u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta’u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to’adha” jedheera. (Far. 32:8) Eeyyee, Yihowaan hojjetaa kanaaf qajeelfama ni kenna. Kanaaf beekumsa, hubannaafi qajeelfama Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’aniifi hojjetaa kanarraa argannutti guutummaatti amanuu dandeenya.

5. Hafuurri Waaqayyoo, kutaa hojjetaa kanaa akka gargaaru kan argisiisu maalidha?

5 Yihowaan hafuura qulqulluu kennuudhaanis kutaa hojjetaa kanaa ni eebbisa. Hafuurri Yihowaa ijatti kan hin mul’anne ta’uyyuu, wanti inni raawwatu garuu ni mul’ata. Mee wanta hojjetaan amanamaaniifi ogeessi kun, waa’ee Yihowaa, waa’ee Ilmasaafi waa’ee Mootummichaa addunyaa maratti dhugaa ba’uudhaan raawwate yaadi. Waaqeffattoonni Yihowaa, biyyoottaniifi odoolawwan 230 ol ta’anitti ergaa Mootummichaa dammaqinaan labsaa jiru. Ragaan kun, haffuurri Waaqayyoo hojjetaa kanaaf humna akka kennu kan argisiisu mitii? (Hojii Ergamootaa 1:8 dubbisi.) Kutaan hojjetaa kanaa, saba Yihowaa addunyaa maratti argamaniif yeroosaatti nyaata hafuuraa dhiheessuuf, murtoowwan barbaachisaa ta’an hedduu gochuu qaba. Hojjetaan kun murtoowwan akkasii gochuufi isaaniinis hojiirra oolchuuf, amalawwan akka jaalalaa, garraamummaafi amalawwan ija hojii hafuuraa kaan ni argisiisa.—Gal. 5:22, 23.

6, 7. Yihowaan hojjetaa amanamaarratti amantaa hammamii qaba?

6 Yihowaan hojjetaa amanamaa kana hangam akka amanu hubachuuf, abdii inni miseensota hojjetaa kanaatiif gale yaadi. Phaawulos ergamaan, “Malakanni in afuufama, warri du’an immoo bifa hin badneen in kaafamu. Wanti hin badne, iddoo wanta badu kanaa, wanti hin duune iddoo wanta du’u kanaa bu’uutu ta’a” jedheera. (1 Qor. 15:52, 53) Dibamtoonni duuka buutota Kiristos ta’aniifi amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilan, qaama badu qabaatanii kan du’an ta’us, qaama ergamoota Waaqayyoorra caalu qabaatanii jireenya barabaraatiif du’aa ka’u. Sana booda kan hin duune ta’u; kana jechuunis jireenya dhuma hin qabneefi hin badne argatu. Kana malees qaama hin badne jechuunis qaama manca’uu hin dandeenyeefi of danda’ee jiraatu ni argatu. Mul’anni 4:4, namoonni du’aa ka’an kun teessoorra akka taa’aniifi mataasaaniirraa gonfoo warqee akka qaban ibsa. Kiristiyaanonni dibamoon mootota ta’uudhaan gara fuulduraatti ulfina argatu. Waaqayyo dibamtoota kana akka amanu ragaan argisiisu garabiraanis jira.

7 Mul’anni 19:7, 8, “Guyyaan gaa’ela hoolichaa ga’eera, misirroon isaas isaaf of qopheessiteetti! Uffata quncee talbaa irraa hojjetame, calaqqisaa fi qullaa’aa uffachuun isheedhaaf kennameera” erga jedhee booda, “Uffanni quncee talbaa sunis hojii warra Waaqayyoof qulqullaa’anii isa qajeelaa dha” jedha. Yihowaan, gara fuulduraatti Ilmasaatiif misirroo akka ta’aniif Kiristiyaanota dibamoo filateera. Kan hin badne, kan hin duune, mootota, “gaa’ela hoolichaa,” kun hundi mirga guddaa mitii? Wantoonni kun, Waaqayyo dibamtoota “lafa hoolichi dhaqu hundumaatti isa duukaa bu’an” akka amanu argisiisu.

Yesus Hojjetaa Kana Ni Amana

8. Yesus duuka buutotasaa warra dibamoorratti amantaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

8 Yesus duuka buutotasaa warra dibamoo guutummaatti akka amanu kan argisiisu maalidha? Yesus galgala ajjeefamuusaa dura turetti, ergamootasaa amanamoo ta’an 11f akkas jechuudhaan waadaa galee ture: “Isin qorama koo keessatti warra anaa wajjin turtanii dha. Abbaan koo mootummaa akka anaaf kaa’e, anis immoo akkasuma isiniif nan kaa’a. Mootummaa kootti maaddii koo irraa in nyaattu, in dhugdu, teessota irra teessanii gosa Israa’el kudha lamaan keessatti firdii in kennitus.” (Luq. 22:28-30) Kakuun Yesus yeroo sanatti warra 11f gale, Kiristiyaanota dibamoo 144,000 ta’an hundaaf ni hojjeta. (Luq. 12:32; Mul. 5:9, 10; 14:1) Yesus utuu isaan hin amanu ta’ee, aangoo Mootummaasaarraa isaanii hiruuf waadaa gala turee?

9. “Qabeenya [Kiristos] hundumaa” kan jedhame maalfaa dabalata?

9 Kana malees, Yesus Kiristos hojjetaa amanamaafi ogeessa kana “qabeenya isaa hundumaa irratti,” jechuunis qabeenya Mootummichaa isa lafarratti argamu hundarratti muudeera. (Mat. 24:47) Qabeenyi kun, gamoowwan waajjira muummeefi waajjira damee, Galmawwan Walga’ii Gurguddaafi Galmawwan Mootummaa, akkasumas hojii lallabaafi bartoota gochuus kan dabalatudha. Namni tokko qabeenyasaa akka isaaf eeguufi akka itti fayyadamuuf, nama amantaa irratti hin qabne tokkotti kennataa?

10. Yesus Kirsitos duuka buutotasaa warra dibamoo wajjin akka jiru kan argisiisu maalidha?

10 Dhaloota Kiristos Booda, Niisaan 16 bara 33⁠tti, Yesus inni du’aa ka’e bartootasaa amanamootti erga mul’atee booda, “Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” jechuudhaan waadaa isaanii gale. (Mat. 28:20) Yesus waadaa gale kana eegeeraa? Waggoottan 15 darbanitti, gumiin Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maraa, dhibbeentaa 40 guddina argisiisuudhaan, naannoo 70,000 ka’ee gara 100,000 olii ta’eera. Duuka buutota haaraa meeqatu dabalame? Waggoottan 15 darbanitti duuka buutonni gara miliyoona 4.5 ta’an cuuphamaniiru. Kana jechuun guyyaatti giddu galeessaan namoonni 800 ol ta’an cuuphamaniiru jechuudha. Guddinni dinqisiisaan kun, Kiristos duuka buutotasaa warra dibamoo wajjin walga’iiwwan gumiisaaniirratti isaanii wajjin akka ta’uufi hojii bartoota gochuu isaan hojjetanis deggeraa akka jiru kan argisiisudha.

Hojjetaan Kun Amanamaafi Ogeessadha

11, 12. Hojjetaan kun amanamaafi ogeessa ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

11 Yihowaanis ta’e Yesus Kiristos, hojjetaa amanamaafi ogeessa kana kan amanan erga ta’ee, nuyis hojjetaa kanaaf ilaalcha akkasii qabaachuu hin qabnuu? Hojjetaan kunis hojii isaaf kenname raawwachuudhaan, amanamaa ta’uusaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, barruun Masaraa Eegumsaa gara waggaa 130tiif maxxanfamaa tureera. Walga’iiwwan gumiifi walga’iiwwan gurguddaan Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan, yeroo hundumaa karaa hafuuraa nu jajjabeessu.

12 Hojjetaa amanamaan kun, Yihowaan qajeelfama utuu hin kennin, dursee tarkaanfii tokko hin fudhatu ykn qajeelfamni ifa ta’e utuu jiruu duubatti hin hafu. Fakkeenyaaf, geggeessitoonni amantii sobaa, gocha ofittummaafi hojii gadhee namoonni biyya lafaa raawwatan dhoksaadhaan ykn ifatti deggeru. Hojjetaan kun garuu, kiyyoowwan biyya lafaa isa hamaa Seexanni seerratu kanaarraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. Hojjetaan kun Yihowaafi Yesus Kiristos biraa eebba waan argatuuf, yeroo barbaachisaatti akeekkachiisa ogummaarratti hundaa’e kenna. Kanaan kan ka’es, hojjetaa kanatti guutummaatti amanamuu qabna. Haata’u malee, hojjetaa amanamaafi ogeessa kanatti amanamuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya?

Dibamtoota Hoolicha Duukaa Bu’anii ‘Wajjin Dhaqaa’

13. Raajii Zakaariyaas keessatti akkuma ibsame, hojjetaa amanamaafi ogeessa amanuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Macaafni Zakaariyaas “namoonni kudhan” “nama Yihudii tokko” bira dhaqanii, “Isinii wajjin dhaquu feena, [hiika bara 1899]” akka jedhan dubbata. (Zakaariyaas 8:23 dubbisi.) ‘Namichi Yihudiin’ kun, “isin” waan jedhameef tuuta namootaa kan argisiisudha. Namichi kun, bara keenyatti Kiristiyaanota dibamoo lafarratti argaman, jechuunis kutaa “Israa’el Waaqayyoo” kan argisiisudha. (Gal. 6:16) ‘Namoonni kurnan saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa’ dhufanimmoo, tuuta sonaan baay’ee hoolota kan biraa ta’an argisiisu. Akkuma Kiristiyaanonni dibamoon lafa Yesus dhaqu hundumaatti isa duukaa bu’an, tuutni sonaan baay’ees, hojjetaa amanamaafi ogeessaa ‘wajjin dhaqu.’ Hoolonni kan biraan, warra ‘waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaatan’ deggeruusaaniitti matumaa yeella’uu hin qaban. (Ibr. 3:1) Yesus, “obboloota koo” jedhee dibamtoota waamuu hin yeellaane.—Ibr. 2:11.

14. Obboloota Kiristos amanamummaadhaan deggeruun kan danda’amu akkamitti?

14 Yesus Kirsitos deggersa obbolootasaatiif godhamu akkuma isaaf godhametti ilaala. (Maatewos 25:40 dubbisi.) Namoonni barabaraaf lafarra jiraachuuf abdatan, obboloota Kirsitos warra hafuuraan dibaman karaawwan kamiin deggeruu danda’u? Karaan kana itti godhan inni guddaan, hojii lallabaarratti isaan gargaaruudha. (Mat. 24:14; Yoh. 14:12) Waggoottan kurnan darbanitti, lakkoofsi dibamtoota lafarratti argamanii hir’achaa kan adeeme yommuu ta’u, lakkoofsi hoolota kan biraa garuu dabalaa dhufeera. Warri lafarra jiraachuuf abdatan, yoo danda’ame lallabdoota wangeelaa yeroo guutuu ta’uudhaan, hojii dhugaa ba’uurratti yommuu hirmaatan, dibamtoonni kun hojii bartoota gochuuf isaanii kenname akka raawwatan isaan gargaaraa jiru jechuudha. (Mat. 28:19, 20) Hojii kana deggeruuf, karaa addaddaa buusii qarshii gochuunis akka laayyootti kan ilaalamu miti.

15. Kiristiyaanni tokko, nyaata hafuuraa yeroosaatti dhihaatuufi jaarmiyaa kana ilaalchisee murtoowwan hojjetaan kun dabarsuuf, ilaalcha akkamii qabaachuu qaba?

15 Nyaata hafuuraa hojjetaa amanamaan karaa barreeffamootaafi karaa walga’iiwwan Kiristiyaanaa yeroosaatti nuu dhiheessuuf, dhuunfaatti ilaalcha akkamii qabna? Nyaata kana galateeffannaadhaan ni soorannaa? Wanta barannehoo yeruma sana hojiirra ni oolchinaa? Jaarmiyaa kana ilaalchisee murtoowwan hojjetaan kun godhu ni deggerraa? Qajeelfama nuu kennamuuf fedhiidhaan abboomamuun keenya, qophii Yihowaatti akka amanamnu argisiisa.—Yaq. 3:17.

16. Kiristiyaanonni hundi obboloota Yesus dhaga’uu kan qaban maaliifi?

16 Yesus, “Hoolonni koo sagalee koo in dhaga’u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu’u” jedheera. (Yoh. 10:27) Kiristiyaanonni dibamoon kana ni godhu. Warri isaanii ‘wajjin dhaqanoo’ maal gochuu qabu? Namoonni kunis Yesusiin dhaga’uu qabu. Kanarra darbaniis obbolootasaa dhaga’uu qabu. Nageenya hafuuraa saba Waaqayyootiif adda durummaadhaan itti gaafatamummaan obbolootasaa kanaaf kennameera. Sagalee obboloota Kiristos dhaga’uun maal dabalata?

17. Kutaa hojjetaa kanaa dhaggeeffachuun maal dabalata?

17 Yeroo ammaatti, hojjetaan amanamaafi ogeessi Qaama Olaanaatiin kan bakka buufamu yommuu ta’u, Qaamni Olaanaan kunis hojii lallabaa Mootummichaa addunyaa maratti raawwatamu geggeessaafi qindeessaa jira. Miseensonni Qaama Olaanaa, jaarsolii muuxannoo qabaniifi hafuuraan dibamanidha. Namoonni kun adda durummaadhaan ‘warra nu geggeessan’ jedhamuu danda’u. (Ibr. 13:7) Ilaaltonni olaanaan hafuuraan dibaman kun, yeroo ammaatti babalistoota Mootummichaa gara 7,000,000 ta’aniifi gumiiwwan 100,000 ol keessatti argaman olaantummaadhaan waan geggeessaniif, ‘hojii gooftaa caalchisanii hojjechaa’ jiru jedhamuu danda’a. (1 Qor. 15:58) Kutaa garbicha kanaa dhaggeeffachuu jechuun, Qaama Olaanaa wajjin guutummaatti walii galanii hojjechuu jechuudha.

Warri Hojjetaa Kana Dhaga’an Eebbifamaniiru

18, 19. (a) Warri hojjetaa amanamaafi ogeessa dhaga’an eebba akkamii argatu? (b) Murtoon keenya maal ta’uu qaba?

18 Hojjetaan amanamaaniifi ogeessi erga muudamee jalqabee, ‘namoota baay’ee gara qajeelinaatti deebiseera.’ (Dan. 12:3) Namoonni kun, warra badiisa sirna si’anaa kanarratti dhufu jalaa ooluuf abdatan ni dabalatu. Waaqayyo duratti qajeelota ta’uun mirga guddaa mitii?

19 Gara fuulduraatti ‘Yerusaalem mandarri qulqulluun isheen haaraan [dibamtoota 144,000 qabatte] Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa akka misirroo dhirsa isheetiif kaadhimamteetti qophooftee yommuu gad buutu,’ warri sagalee hojjetaa kanaa dhaga’an maal argatu? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waaqayyo isaaniis ta’uuf jira. Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!” (Mul. 21:2-4) Dhugumayyuu, Kiristosiinis ta’e obbolootasaa warra hafuuraan dibamaniifi amanamoo ta’an dhaga’uuf sababii ga’aa qabna.

Maal Baratte?

• Yihowaan, hojjetaa amanamaafi ogeessa akka amanu kan argisiisu maalidha?

• Yesus Kiristos kutaa hojjetaa kana guutummaatti akka amanu kan argisiisu maalidha?

• Hoji adeemsiftuu amanamaarratti amantaa qabaachuu kan qabnu maaliifi?

• Hojjetaa kana akka amannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Yihowaan, gara fuulduraatti misirroo Ilmasaa akka ta’aniif kan filate eenyuun akka ta’e beektaa?

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Yesus Kiristos, hojjetaa amanamaafi ogeessa “qabeenyasaa” hundumaarratti ajajjuu godheera

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Hojii lallabaarratti yommuu hirmaannu, warra hafuuraan dibaman deggerra