Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sababiiwwan Shanan Nama Utuu Hin Ta’in Waaqayyoon Itti Sodaannu

Sababiiwwan Shanan Nama Utuu Hin Ta’in Waaqayyoon Itti Sodaannu

Sababiiwwan Shanan Nama Utuu Hin Ta’in Waaqayyoon Itti Sodaannu

DARGAGGEESSICHI matumaa wanti hin yaadamne waan isa mudateef dhimmi kun baay’ee isa dinqisiiseera. Maree inni Dhugaa Baatota Yihowaa lamaa wajjin godhe wanta haaraa tokko isa hubachiiseera. Gaaffiin Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame? jedhu waggoota dheeraadhaaf isa dhiphisaa kan ture ta’us, amma garuu Macaafa Qulqulluurraa deebii ifa ta’e argateera. Macaafni Qulqulluun barumsa baay’ee barbaachisaafi gammachiisaa ta’e akka qabate hin beeku ture.

Namoonni kun erga deemanii daqiiqaa muraasa booda dubartiin mana kireessiteef, aariidhaan kutaasaatti ol seentee, “Namoonni kun maal gochuu dhufan?” jettee isa gaafatte.

Dargaggeessichi gaaffiinshee waan isa ajaa’ibsiiseef deebii hin kennineef.

“Eenyummaa namoota kanaa beeka, lammata qe’ee kana geenyaan, mana garabiraa barbaaddachuu dandeessa!” jettee itti iyyite.

Achiis balbalicha humnaan cuftee adeemte.

Duuka Buutonni Kiristos Mormiin Akka Irra Ga’u Beeku

Wanti dargaggeessa kanarra ga’e haaraa miti. Macaafni Qulqulluun, “Karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ari’atamuuf jira” jechuudhaan dubbata. (2 Ximotewos 3:12) Walumaa galatti, Kiristiyaanonni dhugaa, bara duriittis ta’e yeroo ammaatti argaman namoota biratti ni jibbamu. Maaliif? Yohannis ergamaan Kiristiyaanota hidhata amantiisaa ta’aniin, “Nuyi kan Waaqayyoo akka taane, guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru in beekna” jedheera. Kana malees, Seexanni “akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna’a” jedhamee ibsameera. (1 Yohannis 5:19; 1 Phexros 5:8) Nama sodaachuun meeshaawwan Seexanni akka gaariitti itti gargaaramu keessaa tokkodha.

Yesus Kiristos inni namootaaf wanta gaarii godheefi cubbuu hin raawwannellee itti ga’isameera, mormiinis irra ga’eera. Yesus, “Sababiidhuma malee na jibban” jedhee dubbateera. (Yohannis 15:25) Galgala du’asaa dura turetti, akkas jechuudhaan bartootasaa wanta isaanirra ga’uuf jiruuf qopheesseera: “Biyyi lafaa yoo isin jibbe, isin dura akka ana jibbe beekaa! Dubbii ani, ‘Hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu’ jedhee isinitti hime yaadadhaa! Kanaaf na ari’atanii yoo jiraatan isinis in ari’atu.”—Yohannis 15:18, 20.

Namoonni baay’een akeekkachiisa kana sodaachuudhaan waaqeffannaa dhugaa deggeruurraa duubatti jedhaniiru. Macaafni Qulqulluun waa’ee namoota yeroo tokko Yesusiin barbaachaa turan yommuu ibsu, “Yihudoota warra Yesusiin morman waan sodaataniif, isaan keessaa namni tokko illee waa’ee isaa mul’isee hin dubbanne” jedha. (Yohannis 7:13; 12:42) Geggeessitoonni amantii yeroo sana turan, namni Kiristositti amanu kamiyyuu mana sagadaa keessaa akka baafamu sossodaachisu turan. Kanaaf, namoonni baay’een nama sodaachuunsaanii Kiristiyaana akka hin taane isaan dhowweera.—Hojii Ergamootaa 5:13.

Kiristiyaanummaan erga hundeeffamee boodas, gumii Yerusaalem keessa jirurratti “ari’atamuu guddaatu ka’e” yaada jedhu dubbisna. (Hojii Ergamootaa 8:1) Bulchiinsa Roomaa hundaa keessatti Kiristiyaanotarra ari’atamni ga’ee ture. Namoonni beekamoon Roomaa keessa jiraachaa turan Phaawulosiin, “Warra amantii keenya irraa addaan cabsate kanaan garuu, iddoo halletti akka ittiin morman in beekna” jedhaniiru. (Hojii Ergamootaa 28:22) Eeyyee, Kiristiyaanonni dhugaa bakka hundaatti ni ari’atamu turan.

Yeroo har’aattis, Seexanni namoonni baay’een sodaa namaatiin qabamanii, duuka buutota Kiristos warra dhugaa akka hin taane gochuuf yaala. Namoonni garaa qajeelaa qabaniifi Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jiran, mana barumsaatti, bakka hojiitti, naannoo jiraatanitti ykn hawaasicha keessatti mormiin irra ga’a ykn itti ga’isama. Namoonni kun, mormiin akkasii ulfina, hiriyyummaafi gargaarsa warra kaanii nu dhabsiisa jedhanii sodaatu ta’a. Naannoowwan baadiyyaa tokko tokkotti qonnaan bultoonni, ollaawwan keenya yeroo midhaan sassaabamutti nu hin gargaaran ykn loon keenya nuu hin tiksan jedhanii sodaatu ta’a. Sodaan akkasii jiraatullee, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman fakkeenya Yesus Kiristos hordofuudhaan, Waaqayyotti amanamuufi karaa Dubbiisaa wajjin walsimuun jiraachuuf murtoo godhaniiru. Kana gochuusaaniitiinis eebba Yihowaa argataniiru.

Nama Utuu Hin Ta’in, Waaqayyoon Sodaachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon malee nama akka hin sodaanne nu jajjabeessa. “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti” jedha. (Faarfannaa 111:10) ‘Sodaan’ akkasii, Waaqa isa jireenya nuu kenne gaddisiisuurraa fagaachuuf nu gargaara. Sodaan kun Waaqayyoon jaallachuu wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba. Waaqayyoon malee nama sodaachuu kan hin qabne maaliifiree? Mee sababiiwwan shan haa ilaallu.

1 Yihowaan Waaqa Hundumaa Danda’udha. Yihowaan ilmaan namootaa caalaa humna guddaa qaba. Waaqayyoon sodaachuudhaan, Waaqa Waan Hundumaa Danda’u isa ‘saba lafarraa akka copha qodaa bishaaniirraa cophuutti’ lakkaa’u akka waaqeffannu argisiisuu dandeenya. (Isaayaas 40:15) Waaqayyo hundumaa waan danda’uuf, namoota isaaf amanamoo ta’an ‘balleessuuf mi’a waraanaa qopheeffame’ hunda fashaleessuu danda’a. (Isaayaas 54:17) Jireenya barabaraa argachuu kan malu eenyu akka ta’e kan murteessu Waaqayyo waan ta’eef, homtinuu waa’eesaa barachuufi jaalalasaa raawwachuurraa duubatti akka nu deebisu gochuu hin qabnu.—Mul’ata 14:6, 7.

2 Waaqayyo nu gargaara, nu eegas. Macaafni Qulqulluun Fakkeenya 29:25⁠rratti, “Nama sodaachuun kiyyootti nama galcha, Waaqayyoon amanachuun garuu fayyina” jedha. Nama sodaachuun amantii Waaqayyorratti qabnu ifatti akka hin dubbanne waan nu taasisuuf, kiyyootti nama galcha. Waaqayyo nu fayyisuu akka danda’u akkas jechuudhaan nuu mirkaneesseera: “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na’in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.”—Isaayaas 41:10.

3 Waaqayyo namoota isatti dhihaatan ni jaallata. Phaawulos ergamaan jecha armaan gaditti argamuufi garaa nama tuqu barreesseera: “Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda’us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka. Wanti ol ka’ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda’ee gargar nu hin baasu.” (Roomaa 8:37-39) Waaqayyotti yoo amanamneefi isaaf yoo ajajamne, Waaqni inni uumama cufarratti olaantummaa qabu jaalala guddaa nuuf qabaata. Kun mirga guddaa mitii?

4 Wanta Waaqayyo nuu godhe hunda ni dinqisiifanna. Yihowaan Uumaa keenya isa jireenya nuu kennedha. Wantoota jireenyaaf nu barbaachisan qofa utuu hin ta’in, wantoota nu gammachiisanis nuu kenneera. Dhugumayyuu, inni Madda kennaa gaarii hundaati. (Yaaqoob 1:17) Daawit inni amanamaan, gaarummaa Waaqayyootiif dinqisiifannaa qabu akkas jechuudhaan barreesseera: “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baay’ifteetta; . . . isaan wanta lakkaa’amuu danda’u gararraa in ta’u.”—Faarfannaa 40:5.

5 Namoonni nu morman tokko tokko ni jijjiiramu. Ejjennookee laaffisuudhaan utuu hin ta’in, Waaqayyoon sodaachuufi isa jaallachuukee itti fufuudhaan, namoota si morman gargaaruu dandeessa. Firoota Yesus akka fakkeenyaatti ilaali. Jalqabarratti waan isatti hin amanneef, “Innoo qalbii dabarse” ittiin jedhan. (Maarqos 3:21; Yohannis 7:5) Yesus du’ee erga ka’ee booda garuu, baay’eensaanii amantoota ta’aniiru. Obbolootasaa kan ta’an Yaaqoobiifi Yihudaan kutaawwan Caaffata Qulqullaa’oo keessaa muraasasaanii barreessaniiru. Saa’ol inni Kiristiyaanota ari’achaa tures, yeroo booda duuka buutuu Kiristos ta’eera. Namoonni yeroo har’aatti rakkina nurraan ga’an tokko tokkos, amanamoo ta’uu keenya yommuu argan, amantii dhugaa akka qabnu hubachuu danda’u.—1 Ximotewos 1:13.

Fakkeenyaaf, dubartiin Itoophiyaa keessa jiraattuufi Abarraash jedhamtu dhugaa argachuuf kadhannaa gooti turte. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yommuu jalqabdu, miseensota maatiisheefi geggeessitoota amantiirraa mormii cimaatu isheerra ga’e. Firoottanshee warri Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabanis, sodaa namaatiin mo’amanii qayyabannaasaanii dhaaban. Abarraash, Waaqayyo humnaafi ija jabina akka isheedhaaf kennu jabeessitee kadhachaa waan turteef, yeroo booda cuuphamte Dhugaa Baatuu Yihowaa taateetti. Kanarraa bu’aa akkamiitu argame? Tarkaanfii isheen fudhatteen, firoottanshee keessaa namoonni saddeet ija jabina argisiisuudhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqaban si’a ta’u, yeroo ammaatti karaa hafuura guddina argisiisaa jiru.

Sodaa Namaa Mo’uu Dandeessa

Sodaa namaatiin mo’amuurraa fagaachuuf, jaalala Waaqayyoof qabdu jabeessuuf wanta dandeessu hunda godhi. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, akkasumas caqasa akka Ibroota 13:6⁠rratti argamuufi “Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu danda’a ree?” jedhurratti xiinxaluudhaan, kana gochuu dandeessa. Nama utuu hin ta’in Waaqayyoon sodaachuun sirriifi ogummaarratti kan hundaa’edha kan jennu maaliif akka ta’e sababawwan olitti ibsaman hin dagatin.

Eebbawwan hedduu wantoota Macaafa Qulqulluurraa baratte hojiirra oolchuunkee siif argamsiisu yaadadhu. Gaaffiiwwan barbaachisoo ta’aniif deebii quubsaa argachuu dandeessa. Ogummaa rakkoowwankee mo’uuf si gargaaru argatta. Haala rakkisaa yeroo har’aatti argamu keessattillee, abdii dinqisiisaa argachuu dandeessa. Kana malees, yeroo kamittiyyuu, Waaqa waan hundumaa danda’utti kadhannaadhaan dhihaachuu dandeessa.

Yohannis ergamaan, “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 2:17) Yeroo ammaatti jabaannee dhaabachuufi Waaqayyoon sodaachuudhaan deddeebi’uu qabna. Sodaa namaatiin amantiinkee akka laafu gochuu mannaa, gorsa Waaqayyo, “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuuf filachuu dandeessa. (Fakkeenya 27:11) Kun mirga guddaa mitii?

Macaafni Qulqulluun, “Gad of deebisuu fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaaf in kenna” waan jedhuuf, wanta Waaqayyo namoota isa sodaataniif kennu eenyuyyuu sii kennuu akka hin dandeenye yaadadhu.—Fakkeenya 22:4.

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Ija jabina Abarraash argisiisteen, firoottanshee saddeet Macaafa Qulqulluu qayyabachuusaanii itti fufaniiru