Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Dammaqaa”

“Dammaqaa”

“Dammaqaa”

“Dhumni waan hundumaa dhi’aateera. . . . kadhataafis dammaqaa.” —1 PHE. 4:7, hiika bara 1899.

1. Ijoon barumsa Yesus maal ture?

YESUS KIRISTOS yeroo lafarra ture, ijoon barumsasaa Mootummaa Waaqayyoo ture. Yihowaan, Mootummaa kanatti fayyadamee olaantummaasaa mirkaneessa; maqaansaas akka qulqullaa’u godha. Kanaaf, Yesus bartoonnisaa, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhanii Waaqayyoon akka kadhatan barsiiseera. (Mat. 4:17; 6:9, 10) Bulchiinsi Mootummaa kanaa, biyya lafaa Seexanni seerratu dhiheenyatti erga balleessee booda, jaalalli Waaqayyoo addunyaa maratti akka raawwatamu gochuurratti olaantummaadhaan hojjeta. Daani’el, Mootummaan Waaqayyoo, “mootummoota sana [warra amma jiran] hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata” jechuudhaan raajii dubbateera.—Dan. 2:44.

2. (a) Duuka buutonni Yesus, inni aboo Mootummaasaatiin akka argame hubachuu kan danda’an akkamitti? (b) Milikkinni kun waan garabiraa akkamii kan argisiisudha?

2 Mootummaan Waaqayyoo dhufuunsaa duuka buutota Yesusiif baay’ee barbaachisaa waan tureef, “Nutti himi, kun yoom ta’a? Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” jedhanii gaafataniiru. (Mat. 24:3) Kiristos yommuu aboo Mootummaasaatiin argamu namoonni lafarra jiran isa arguu waan hin dandeenyeef, milikkinni argamuusaa mul’isu jiraachuu qaba. Milikkitawwan kun Caaffata Qulqullaa’oo keessatti bifawwan addaddaatiin ibsamaniiru. Kanaaf, duuka buutonnisaa yeroo sana turan Yesus samiirratti bulchuu jalqabuusaa hubachuu danda’aniiru. Akkasumas, milikkinni kun yeroon Macaafa Qulqulluu keessatti “guyyoota gara dhumaa” jedhameefi sirni hamaan biyya lafa to’achuudhaan beekamu jalqabuusaas kan argisiisu ture.—2 Xim. 3:1-5, 13; Mat. 24:7-14.

Guyyoota Gara Dhumaa Kanatti Dammaqoo Ta’aa

3. Kiristiyaanonni dammaqoo ta’uu kan qaban maaliifi?

3 Phexros, “Dhumni waan hundumaa dhi’aateera. Kanaafis hubadhaa kadhataafis dammaqaa” jechuudhaan barreesseera. (1 Phe. 4:7) Duuka buutonni Yesus, haalawwan biyya lafaarratti raawwatamaniifi aboo Mootummaasaatiin argamuusaa mirkaneessan dammaqinaan eeguun isaan barbaachisa. Dhumni sirna biyya lafaa isa hamaa kanaa waan dhihaateef, yeroo kamiyyuu caalaa dammaqoo ta’uunsaanii barbaachisaadha. Yesus ergamootasaatiin, “Egaa dammaqaa! Abbaan manaa [biyya lafaa Seexanni seerratutti faraduuf] yoom akka dhufu . . . hin beektan” jedheera.—Mar. 13:35, 36.

4. Ilaalcha addaddaa namoota kutaa biyya lafaa isa Seexanni seerratuu ta’aniifi tajaajiltoota Yihowaa gidduu jiru ibsi. (Yaada saanduqichaa dabalii dubbadhu.)

4 Walumaa galatti namoonni hedduun to’annaa Seexanaa jala kan jiran yommuu ta’u, wantoonni biyya lafaarratti raawwatamaa jiran hiika maalii akka qaban hin beekan. Kiristos aboo Mootummaasaatiin argamuusaa hin hubatan. Duuka buutonni Kiristos warri dhugaan garuu, dammaqoo waan turaniif, wantoonni jaarraawwan darbanitti raawwataman hiika maalii akka qaban sirriitti hubataniiru. Bara 1925 kaasee, Dhugaa Baatonni Yihowaa Waraanni Addunyaa Tokkoffaafi wantoonni isatti aansanii raawwataman, Kiristos bara 1914 kaasee aboo Mootummaasaatiin samiirratti argamuusaa kan argisiisu akka ta’e hubataniiru. Kanaaf, guyyoonni gara dhumaa sirna biyya lafaa isa hamaa Seexanni seerratu yeroo kanatti jalqabe jechuudha. Namoonni haala kana argan hedduun, hiikasaa beekuu baatanis, Waraana Addunyaa Tokkoffaafi yeroo isa booda ture gidduu garaagarummaa guddaan akka jiru hubataniiru.—Saanduqa “Yeroon Jeequmsaan Guutame Ni Jalqabe” jedhu ilaali.

5. Dammaqoo taanee jiraachuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

5 Gara naannoo jaarraa tokkoof, wantoonni sodaachisoon addunyaarratti raawwatamaa jiran guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru mirkaneessu. Kiristos ergamoota humna guddaa qaban geggeessuudhaan biyya lafaa Seexanni seerraturratti tarkaanfii akka fudhatuuf, yeroo itti Yihowaan ajaja isaa kennu baay’ee dhihaateera. (Mul. 19:11-21) Kiristiyaanonni dhugaan dammaqoo ta’anii akka jiraatan gorfamaniiru. Kanaaf, badiisa sirna kanaa yeroo hawwiidhaan eeggannu kanatti, dammaqoo taanee itti fufuun keenya baay’ee barbaachisaadha. (Mat. 24:42) Dammaqoo taanee jiraachuufi qajeelfama Kiristos hordofuudhaan hojii addunyaa maratti akka hojjennu nuu kenname raawwachuu qabna.

Hojii Addunyaa Maratti Hojjetamu

6, 7. Guyyoota gara dhumaa kanatti hojiin lallaba Mootummichaa kan guddate akkamitti?

6 Hojii tajaajiltoonni Yihowaa akka hojjetan raajiidhaan dubbatame, milikkita guyyoota gara dhumaa sirna hamaa keessa jiraachuu keenya mirkaneessan keessaa tokkodha. Yesus yommuu waa’ee wantoota addaddaa guyyoota gara dhumaatti raawwataman ibse, waa’ee hojii addunyaa maratti hojjetamu kanaas dubbatee ture. Raajiiwwan hiika guddaa qabaniifi inni dubbate keessaa tokko akkas jedha: “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.”—Mat. 24:14.

7 Haalawwan raajii Yesus dubbate kanaa wajjin wal qabateen guddina argamaa jiru tokko tokko ilaali. Guyyoonni gara dhumaa bara 1914⁠tti yeroo jalqabe, lakkoofsi namoota misiraachoo kana lallabanii baay’ee muraasa ture. Yeroo ammaatti lakkoofsi namoota kanaa baay’ee dabaleera. Dhugaa Baatonni Yihowaa 7,000,000 ol ta’an, gumiiwwan 100,000 caalan keessatti gurmaa’anii addunyaa maratti misiraachicha lallabaa jiru. Bara 2008⁠tti namoonni 10,000,000 ta’an garabiraan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Ayyaana Yaadannoo du’a Kiristos kabajuuf walga’anii turan. Lakkoofsi kun baay’ina namoota waggaa darbe ayyaana kanarratti argamanirra hedduu kan caaludha.

8. Mormiin, hojiin lallabaa akka hin milkoofne gochuu kan hin dandeenye maaliifi?

8 Dhuma sirna biyya lafaa kana dura, misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo saba hundaaf guutummaatti lallabamaa jira! Seexanni inni “waaqayyicha bara si’anaa” utuma jiruu hojiin kun raawwatamaa jira. (2 Qor. 4:4) Seexanni sirnawwan siyaasaa, amantiifi daldalaarratti dhiibbaa geessisuudhaan ololasaa geggeessa. Ta’us hojiin kun milkaa’ina guddaa argachuu kan danda’e maaliifi? Deggersa Yihowaa waan qabuufidha. Kanaaf, Seexanni hojii lallaba Mootummichaa dhaabsisuuf yaalus, hojiin kun haala dinqisiisaa ta’een hojjetamuusaa itti fufeera.

9. Badhaadhinni karaa hafuuraa arganne dinqiidha kan jennu maaliifi?

9 Milkaa’inni lallaba hojii Mootummichaa, akkasumas guddinniifi badhaadhinni sabni Yihowaa karaa hafuuraa argatan akka dinqiitti kan ilaalamudha. Qajeelfama kennuufi sabasaaf eegumsa gochuu dabalatee, Waaqayyo utuu isaan hin gargaarre ta’ee, hojiin lallabaa kun hin raawwatamu ture. (Maatewos 19:26 dubbisi.) Hafuurri Waaqayyoo, namoota dammaqinaan hojii lallabaarratti hirmaachuuf fedhii qaban keessatti hojjechaa waan jiruuf, hojiin kun hanga ‘dhumni dhufutti,’ karaa bu’a qabeessa ta’een akka itti fufu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Yeroon kunis saffisaan dhihaachaa jira.

“Rakkina Guddaa”

10. Yesus rakkina guddaa dhufuuf jiru maal jechuudhaan ibse?

10 Dhumni sirna hamaa kanaa, guyyaa ‘rakkina isa guddaatti’ xumurama. (Mul. 7:14) Macaafni Qulqulluun yeroon kun hangam akka turu nutti himuu baatus, Yesus akkas jedheera: “Yommus rakkinni guddaan ta’uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi’ees hin ta’u.” (Mat. 24:21) Rakkinni kanaan dura biyya lafaa kanarra ga’ee ture, jechuunis Waraanni Addunyaa Lammaffaa tilmaamaan lubbuu namoota miliyoona 50 hanga 60 ta’an kan galaafate yommuu ta’u, rakkinni guddaan gara fuulduraatti dhufu garuu kanarra kan caalu ta’a. Rakkinni kun waraana Armaagedoonirratti xumurama. Yeroos Yihowaan sirna biyya lafaa Seexanni seerratu akka balleessaniif ergamootasaa warra firdii raawwachiisan gad lakkisa.—Mul. 16:14, 16.

11, 12. Milikkitawwan rakkinni guddaan jalqabuusaa ibsan maalfa’i?

11 Raajiin Macaafa Qulqulluu rakkinni guddaan guyyaa isa kamitti akka jalqabu ibsuu baatus, milikkita dinqisiisaa yeroo rakkinni guddaan kun itti jalqabutti raawwatamu ni ibsa. Innis humnoonni siyaasaa amantii sobaa hundumaa kan balleessan ta’uusaaniiti. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu Mul’ata boqonnaa 17fi 18⁠rratti, amantiin sobaa, sirna siyaasaa biyya lafaa wajjin akka ejjitutti ibsamteetti. Mul’anni 17:16 akka argisiisutti humnoonni siyaasaa yeroo dhihootti, “ishee ejjituu sana jibbuuf jiru; isaan onsanii qullaatti ishee in hambisu; isaan foon ishee in nyaatu, ibiddaanis ishee in gubu.”

12 Yeroo raawwiin kanaa ga’u, Waaqayyo amantii sobaa hundumaa balleessuuf “akeeka Waaqayyoo hojii irra akka oolchaniif, inni kana garaa isaanii [bulchitoota siyaasaa] keessa” kaa’a. (Mul. 17:17) Kanaaf badiisni kun Waaqayyo biraa dhufe jechuun ni danda’ama. Dhaabbilee amantii of hin arginee ta’aniifi yeroo dheeraadhaaf wanta jaalala Waaqayyoo wajjin wal faallessu barsiisaa, akkasumas tajaajiltootasaa ari’achaa turanirratti ni farada. Biyyi lafaa, badiisni kun amantii sobaarratti ni ga’a jedhee hin eegu. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo ta’an garuu kun akka ta’u ni eegu. Kanaan kan ka’es guyyoonni gara dhumaa kun erga jalqabanii asitti waa’ee kanaa namootatti himaa jiru.

13. Badiisni amantii sobaa hatattamaan akka ga’u maaltu argisiisa?

13 Namoonni yommuu amantiin sobaa baddu argan guddaa rifatu. Akka raajiin Macaafa Qulqulluu argisiisutti, “Mootonni biyya lafaa” tokko tokko, badiisashee ilaalchisee, “Wayyoo! Wayyoo! Sa’aatii tokko keessatti kan badde taateetti!” jedhu. (Mul. 18:9, 10, 16, 19) Macaafni Qulqulluun, haalli kun hamma tokko hatattamaan kan raawwatamu ta’uusaa argisiisuuf, jecha “sa’aatii tokko” jedhutti fayyadama.

14. Diinonni Yihowaa tajaajiltootasaarratti yommuu waraana banan Waaqayyo maal godha?

14 Amantiin sobaa erga balleeffamtee booda, tajaajiltoota Yihowaa warra ergaa firdii inni fidu lallabanirratti waraanni ni banama. (His. 38:14-16) Waraanni kun yeroo jalqabu, qaamonni waraana banan kun, Yihowaa isa sabasaa warra amanamoo ta’an eeguuf waadaa galee wajjin walitti ba’u. Yihowaan, “Ani hinaaffaa koo fi aarii koo isa akka ibiddaa boba’uun . . . nan dubbadha. . . . yommus ani Waaqayyo akkan ta’e isaan in beeku” jedheera. (Hisqi’el 38:18-23 dubbisi.) Waaqayyo Macaafa Qulqulluurratti, “Namni isin [tajaajiltootasaa warra amanamoo] tuqu agartuu ija kootii tuqa” jechuudhaan dubbateera. (Zak. 2:8) Kanaaf, diinonnisaa sabasaa warra addunyaa mara jiranirratti yeroo waraana banan, Yihowaan tarkaanfii fudhata. Tarkaanfiin yeroo kanatti fudhatamu, xumurri rakkina guddaa, jechuunis Armaagedoon akka dhufu godha. Ergamoonni Waaqayyoo warri humna guddaa qaban, abboommii Kiristos kennuun, addunyaa Seexanaa kanarratti firdii Yihowaa raawwatu.

Kun Maal Gochuuf Nu Kakaasuu Qaba?

15. Badiisni sirna hamaa kanaa akka dhihaate beekuun keenya maal akka goonu nu kakaasuu qaba?

15 Dhumni sirna kanaa saffisaan dhihaachaa akka jiru beekuun keenya maal akka goonu nu kakaasuu qaba? Phexros akkas jechuudhaan barreesseera: “Wanti kun hundinuu akkasitti wal in gad dhiisa erga ta’ee, isin namoota attamii ta’uutu isiniif ta’a ree? Jireenya qullaa’aa, jireenya namoota Waaqayyoof ta’u jiraachuun isin irra jira.” (2 Phe. 3:11) Jechoonni kun, yeroo hunda amala keenya ulaagaalee Waaqayyoo wajjin walsimsiisuufi hojiiwwan nama Waaqayyoo akka taane argisiisan raawwachuudhaan, jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuun keenya barbaachisaa ta’uusaa ibsu. Hojiin kun, dhumni dhufuusaa dura misiraachoo Mootummichaa hanga dandeenye lallabuuf carraaquus kan dabalatudha. Kana malees Phexros, “Dhumni waan hundumaa dhi’aateera. . . . kadhataafis dammaqaa” jechuudhaan barreesseera. (1 Phe. 4:7) Yeroo hunda Yihowaa ni kadhanna; akkasumas karaa hafuura qulqulluufi gumii addunyaa maraa, qajeelfama akka nuu kennu gaafachuudhaan isatti dhihaachuufi jaalala isaaf qabnu argisiisuu dandeenya.

16. Gorsa Waaqayyoo akka gaariitti hordofuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

16 Yeroo sodaachisaa kanatti, gorsa Macaafa Qulqulluu akkas jedhu hordofuu qabna: “Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa! Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta’aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!” (Efe. 5:15, 16) Hammeenyi yeroo kamiyyuu caalaa babal’ateera. Seexanni namoonni jaalala Yihowaa akka hin raawwanne ykn wantoota garabiraarratti akka xiyyeeffatan gochuuf malawwan hedduutti fayyadama. Nuyi garuu tajaajiltoota Waaqayyoo waan taaneef, wanta kana sirriitti beekna; kanaaf, wanti tokkoyyuu amanamummaa Isaaf qabnu akka nu jalaa hir’isu heyyamuu hin barbaannu. Kana malees, dhiheenyatti maaltu akka raawwatamu waan beeknuuf, Yihowaafi kaayyoosaarratti amantaa qabna.—1 Yohannis 2:15-17 dubbisi.

17. Namoonni Armaagedoonirraa oolan yeroo du’aa ka’uun raawwatamu maaltu akka isaanitti dhaga’amu ibsi.

17 “Warra qajeelotaa fi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun akka jiru” ilaalchisee, abdii dinqisiisaan Waaqayyo namoota du’an gara jireenyaatti deebisuuf kenne akka raawwatamu beekna. (HoE. 24:15) Abdiin ‘Du’aa ka’uun jira’ jedhu, hammam amansiisaa akka ta’e qalbeeffadhu! Kana kan dubbate Yihowaa waan ta’eef, abdiin kun akka raawwatamu homaa hin shakkisiisu! Isaayaas 26:19 abdii, “Warri kan keetii garuu in jiraatu, . . . isin warri awwaala keessa ciiftan, ka’aa, gammadaa faarfadhaa!” jedhu kenna. Jechoonni kun yeroo sabni Waaqayyoo durii biyyasaaniitti deebi’an raawwiisaa isa jalqabaa kan argatee si’a ta’u, addunyaa haaraa keessattimmoo abdiin kun kallattiidhaan akka raawwatamu nuu mirkaneessa. Namoonni du’an, du’aa ka’anii michootasaanii lubbuudhaan jiranii wajjin yeroo wal argan gammachuu guddaatu ta’a! Eeyyee, dhumni sirna biyya lafaa Seexanni seerratu kanaa dhihaateera; addunyaa haaraan Waaqayyo fidus yeroo dhihootti ni dhufa. Dammaqoo taanee jiraachuun keenyaa baay’ee barbaachisaadha!

Ni Yaadattaa?

• Ijoon barumsa Yesus maal ture?

• Yeroo ammaatti hojiin lallaba Mootummichaa hangam babal’ateera?

• Dammaqoo ta’uun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

• Abdii Hojii Ergamootaa 24:15⁠rra jirurraa jajjabina akkamii argatte?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/Fakkii fuula 16rra jiru]

Yeroon Jeequmsaan Guutame Ni Jalqabe

Namni Alaan Giriinispaan jedhamu, bara 2007⁠tti kitaaba Za Eej oov Tarbulansi: Adveencharsi iin ee Niiwu Worlid jedhamu qopheessee ture. Namni kun, sirna hojii baankii guutummaa biyyattii olaantummaadhaan to’atuufi waajjira Yuunaayitid Isteetis Fedaraal Risarvi Boordi jedhamu keessatti hogganaa ta’ee naannoo waggaa 20tiif tajaajileera. Giriinispaan garaagarummaa haala addunyaa bara 1914 dura tureefi sana booda jiru yeroo ibsu akkas jedheera:

“Gabaasawwan bara 1914 dura qophaa’an akka argisiisanitti, wal kabajuufi aadaan wanti tokkollee hanga isaan ittisuu hin dandeenye fakkaatutti sadarkaa guddaarra ga’anii turan. Hawaasni ilmaan namootaa sadarkaa mudaa hin qabne fakkaaturra ga’ee ture. Jaarraa kudha salgaffaatti daldalli garbaa inni jibbisiisaan dhaabatee ture. Mirga namummaa sarbuun kan hir’ate fakkaatee ture. . . . Jaarraa kudha salgaffaatti addunyaa maratti teknooloojiin guddachuusaatiin daandiiwwan baaburaa, bilbilli, ibsaan elektiriikaa, siniimaan, konkolaataan mootaraan hojjetuufi mi’awwan manaa hangana hin jedhamne hojjetamaniiru. Guddinni saayinsii fayyaa, nyaanni madaalamaaniifi bishaan dhugaatii qulqulluun, umriin namootaa akka dheeratu gumaacha godhaniiru. . . . Namoonni addunyaa maratti argaman guddinni kun akkasumaan itti fufa jedhanii yaadanii turan.”

Garuu . . . “Waraanni Addunyaa Lammaffaa lubbuu namootaafi qabeenyaarratti miidhaa guddaa kan geessise si’a ta’u, Waraanni Addunyaa Tokkoffaa wal kabajuu, aadaafi yaada namootaas caalaatti mancaaseera. Waggoota Waraana Addunyaa Tokkoffaa dura turaniifi yeroo ilmaan namootaa guddina saffisiisaa walirraa hin cinne itti godhan fakkaatan sana hin irraanfadhu. Ilaalchi yeroo ammaatti qabnu, ilaalcha jaarraa tokko dura turerraa guutummaatti addadha; kunis kan ta’e ilaalchi yeroo ammaatti qabnu, dhugaa yeroo ammaatti jiru kan argisiisu waan ta’eef ta’uu danda’a. Waraanni Addunyaa Tokkoffaa, addunyaa yeroo sana dura turerratti jijjiirama fideera. Shororkeessitummaan, ho’inni lafaa dabaluunsaa ykn yaanni namoota jireenya gad aanaa jiraataniif dursa kennuun barbaachisaadha jedhuufi yeroo ammaatti babal’achaa dhufe, bara giloobaalaayizeeshinii isa jireenya namootaa fooyyesse kanarrattis jijjiirama fidaa laata? Eenyuyyuu waa’ee kanaa afaan guutee dubbachuu hin danda’u.”

Giriinispaan barataa yeroo turetti, Piroofeesara Ikonoomiksii kan ta’e Beenjaamiin Eem. Andarsan akkas jechuusaa yaadata (1886-1949): “Namoonni haala Waraana Addunyaa Tokkoffaa dura ture beekan, waa’ee yeroo sanaa yommuu yaadatan baay’ee gaabbu. Namoonni yeroo sanaa, tasgabbii sana booda matumaa itti dhaga’amee hin beekne qabu turan.”—Ikonoomiksi eendi za Pabliik Welfeer.

Kitaabni Ee Worlid Andan jedhamuufi bara 2006⁠tti Jeeraaldi Jee. Meeyariin qophaa’es yaaduma kanaa wajjin wal fakkaatu ibsa. Akkas jedha: “Yeroo baay’ee wantoonni seenaa keessatti raawwataman, ‘waan hundumaa jijjiiru’ jedhamee yaadama. Waraanni Guddaan [1914-1918] raawwatames kun dhugaa ta’uusaa mirkaneessa. Waraanni sun wantoota hundumaa, jechuunis daangaa, mootummootaafi hiree sabootaa qofa utuu hin ta’in, ilaalcha namoonni addunyaa kanaafis ta’e ofiisaaniitiif qaban jijjiireera. Waraanni kun, addunyaa sana dura tureefi tasgabbii qaburraa adda ta’e, jechuunis addunyaa haaraa tokko uumeera.”

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Armaagedoonitti, Yihowaan ergamootasaa warra humna guddaa qaban erga