Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qajeelonni Barabaraaf Waaqayyoon Jajatu

Qajeelonni Barabaraaf Waaqayyoon Jajatu

Qajeelonni Barabaraaf Waaqayyoon Jajatu

“Namni qajeelaan . . . in yaadatama. . . . Qajeelummaan isaa yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.”—Far. 112:6, 9.

1. (a) Warra Waaqayyo akka qajeelootti ilaalu hunda, yeroo gammachiisaa akkamiitu isaan eeggata? (b) Gaaffii maal jedhutu ka’a?

NAMOOTA Waaqayyo akka qajeelootti ilaalu yeroo dinqisiisaa ta’etu isaan eeggata! Waa’ee amalawwan Yihowaa dinqisiisaa ta’anii caalaatti barachuudhaan barabaraaf gammadu. Waa’ee uumamawwan Waaqayyoo caalaatti barachaa yommuu deeman, garaansaanii galateeffannaadhaan guutama. Yeroo gara fuulduraa dinqisiisaa ta’e kanatti jiraachuuf ulaagaan barbaachisu inni guddaan, “qajeelummaa” Faarfannaa 112 keessatti ibsamedha. Haata’u malee, Waaqni qulqulluufi qajeelaa ta’e Yihowaan, ilmaan namootaa cubbamoo ta’an akka qajeelootti ilaaluu kan danda’u akkamitti? Waan sirrii ta’e gochuuf hammamiyyuu yoo carraaqne, dogoggora, yeroo tokko tokkommoo dogoggora cimaa ni raawwanna.—Rom. 3:23; Yaq. 3:2.

2. Yihowaan jaalalaan kaka’ee dinqiiwwan lamaan kam raawwate?

2 Yihowaan jaalalaan kaka’ee ilmaan namootaa cubbamoo ta’an akka qajeelootti ilaaluuf qophii godheera. Akkamitti? Jalqaba, lubbuu Ilmasaa isa jaallatamaa samiirraa gara gadameessa durba tokkootti naannessuudhaan, Ilmisaa nama mudaa hin qabne ta’ee akka dhalatu gochuudhaan dinqii hojjeteera. (Luq. 1:30-35) Achiis, Yihowaan erga Yesus diinotasaatiin ajjeefamee booda uumama hafuuraa ulfina qabeessa ta’e godhee du’aa isa kaasuudhaan dinqii kan biraa raawwateera.—1 Phe. 3:18.

3. Waaqayyo, Ilmasaatiif samiirratti jireenya kennuudhaan isa kiisuun kan isa gammachiise maaliifi?

3 Yihowaan Ilmasaatiif wanta nama ta’uusaa dura hin qabne, jechuunis, samiirratti jireenya baduu hin dandeenye isaa kennuudhaan isa kiiseera. (Ibr. 7:15-17, 28) Yesus, qorumsa cimaa keessatti guutummaatti amanamaa waan ta’eef, Yihowaan kana gochuun isa gammachiisee ture. Seexanni, namoonni Waaqayyoon kan tajaajilan ofittummaadhaan kaka’aniiti malee isaaf jaalala dhugaa qabaatanii miti jechuudhaan soba dubbata. Yesus, Abbaansaa soba Seexanaa kanaaf deebii quubsaa akka kennu godheera.—Fak. 27:11.

4. (a) Yesus gara samiitti deebi’ee maal nuuf godhe? Yihowaanoo maal godhe? (b) Wanta Yihowaaniifi Yesus siif jecha raawwatan ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama?

4 Yesus samii erga dhaqee booda wanta kana caalu raawwateera. Gatii “dhiiga ofii isaa” qabatee ‘Waaqayyo duratti nuuf mul’ateera.’ Abbaan keenya inni samiis, aarsaa Yesus isa gati jabeessa ta’e, “furee cubbuu keenyaa” godhee gaarummaadhaan fudhateera. Kanaafuu, ‘yaada garaa qullaa’aadhaan’ ‘Waaqayyo isa jiraataadhaaf hojjechuu’ dandeenya. Kun, wanta Faarfatichi jalqaba Faarfannaa 112⁠rratti, “Waaqayyoon jajadhaa!” jechuudhaan dubbate raawwachuuf sababii guddaa mitii!—Ibr. 9:12-14, 24; 1 Yoh. 2:2.

5. (a) Waaqayyo biratti akka qajeelootti ilaalamuuf maal gochuu qabna? (b) Faarfannaan 111fi 112 kan wal fakkaatan akkamitti?

5 Waaqayyo biratti akka qajeelootti ilaalamuuf, dhiiga Yesus isa dhangala’erratti amantaa qabaachuu keenya itti fufuu qabna. Yihowaan baay’isee nu jaallachuusaatti utuu isa hin galateeffatin guyyaan tokkoyyuu akka nu darbu gochuu hin qabnu. (Yoh. 3:16) Akkasumas, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuu keenya itti fufuufi haala ergaasaa wajjin wal simuun jiraachuuf hamma dandeenye carraaquu qabna. Faarfannaan 112, warra Waaqayyo duratti yaada garaa qulqulluu qabaachuu barbaadan hundaaf gorsa gaarii kenna. Faarfannaan kun Faarfannaa 111 wajjin wal fakkaata. Lamaanuu “Waaqayyoon jajadhaa!” ykn “Halleeluyaa” jechuudhaan jalqabu. *

Wanta Gammaduuf Sababii Ta’u

6. “Namni” Faarfannaa 112⁠rratti caqasame kan eebbifame akkamitti?

6 “Namni Waaqayyoon sodaatu, inni abboommiin isaa guddaa itti tolus haa gammadu! Sanyiin isaa biyyicha keessatti guddaa [“lafarratti jabaa,” hiika bara 1899] in ta’a, dhaloonni warra gara-qajeelotaa in eebbifama.” (Far. 112:1, 2) Faarfatichi jalqabarratti waa’ee ‘nama’ tokkoo dubbachaa kan ture ta’us, dhuma lakkoofsa 2⁠rratti, “gara-qajeelota” jechuudhaan namoota baay’ee ibsuusaa hubadhu. Kun ta’uunsaa, Faarfannaan 112 tuuta namoota baay’ee of keessaa qabu argisiisu akka danda’u ibsa. Phaawulos ergamaanis, walitti dhufeenya Waaqayyo Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa wajjin qabu ilaalchisee Faarfannaa 112:9⁠rraa caqasuunsaa yaada kana kan deggerudha. (2 Qorontos 9:8, 9 dubbisi.) Faarfannaan kun, duuka buutonni Kiristos yeroo ammaa jiran akkamitti gammachuu argachuu akka danda’an akka gaariitti kan ibsudha!

7. Tajaajiltoonni Waaqayyoo isa sodaachuu kan qaban maaliifi? Abboommiiwwan Waaqayyoo ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama?

7 Faarfannaa 112:1⁠rratti akka ibsametti, Kiristiyaanonni dhugaan ‘Waaqayyoon sodaatanii’ jiraachuudhaan gammachuu guddaa argatu. Akka isa hin gaddisiisne sodaachuunsaanii, hafuura biyya lafaa isa Seexanni seerratuu mo’uuf isaan gargaara. Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi abboommiisaatiif ajajamuun ‘guddaa isaanitti tola.’ Abboommiiwwan kana keessaa tokko, guutummaa lafaarratti misiraachoo Mootummichaa akka lallabnu kan kennamedha. Kiristiyaanonni dhugaan, saba hundumaa keessaa namoota duuka buutota Kiristos gochuuf, akkasumas guyyaa firdii Waaqayyoo isa dhufaa jiru ilaalchisee namoota hamoo akeekkachiisuuf carraaqqii guddaa godhu.—His. 3:17, 18; Mat. 28:19, 20.

8. (a) Yeroo har’aa namoonni Waaqayyoof bulan hinaaffaa argisiisaniif kan badhaasaman akkamitti? (b) Warra lafarra jiraachuuf abdii qaban, eebba akkamiitu isaan eeggata?

8 Tajaajiltoonni Waaqayyoo abboommiiwwan akkasii hojiirra oolchuusaaniitiin, yeroo ammaa addunyaa maratti lakkoofsisaanii miliyoona torbaa ol ta’eera. Sabnisaa “lafarratti jabaa” ta’uusaanii eenyutu haaluu danda’aree? (Mul. 7:9, 14; Yoh. 10:16) Yeroo Waaqayyo kaayyoosaa galmaan ga’uttimmoo kana caalaa ‘eebbifamu!’ Warri lafarra jiraachuuf abdii qaban akka tuutaatti, “rakkina guddaa” dhufu keessaa ba’anii, “lafa haaraa” “qajeelummaan keessa buufatu” hundeessu. Warri Armaagedoon jalaa oolan kun, sana boodas caalaatti ‘eebbifamu.’ Namoota du’aa ka’aniifi miliyoonaan lakkaa’aman simachuuf qophaa’oo ta’u. Abdii baay’ee nama gammachiisu mitii! Warri abboommiin Waaqayyoo “guddaa itti tolu” dhumarratti cubbuurraa guutummaatti walaba ta’u; akkasumas “gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabanii” ga’u.—2 Phe. 3:13; Rom. 8:21.

Qabeenyatti Ogummaadhaan Fayyadamuu

9, 10. Kiristiyaanonni dhugaan qabeenya hafuuraasaaniitti kan fayyadaman akkamitti? Qajeelummaan yeroo hundumaaf jabaatee kan dhaabatu akkamitti?

9 “Badhaadhummaa fi soorumni mana isaa keessa jira, qajeelummaan isaas yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata. Inni araara-qabeessa, oo’a-qabeessa, qajeelaas waan ta’eef, warra gara-qajeelotaaf ifni dukkana keessatti in ba’aaf.” (Far. 112:3, 4) Bara duriitti tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko badhaadhummaasaaniitiin beekamu turan. Karaa gara biraatiin garuu, namoonni Waaqayyo biratti fudhatama argatan, karaa foonii ta’uu baatus badhaadhummaa isa dhugaa argataniiru. Namoota Waaqayyo duratti gad of deebisan keessaa baay’eensaanii, akkuma warra bara Yesus turanii hiyyeessota ta’uufi tuffatamuu danda’u. (Luq. 4:18; 7:22; Yoh. 7:49) Haata’u malee, namni tokko karaa foonii baay’ees qabaatu xinnoo, karaa hafuuraa sooressa ta’uu danda’a.—Mat. 6:20; 1 Xim. 6:18, 19; Yaaqoob 2:5 dubbisi.

10 Kiristiyaanonni dibamooniifi hidhattoonnisaanii, qabeenya hafuuraa qaban ofiif qofa hin hambifatan. Kanaa mannaa, addunyaa Seexanaa dukkanaa’aa ta’e kana keessatti “warra qajeelotaaf” ‘ifa’ ta’aniiru. Kana kan godhan, warri kaanis ogummaa hafuuraafi beekumsa Waaqayyoorraa faayidaa akka argatan gargaaruudhaani. Mormitoonni, hojii lallaba Mootummichaa dhaabsisuuf yaalanis isaaniif hin milkoofne. Kanaa mannaa, iji hojii qajeelaa kanaa “yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.” Tajaajiltoonni Waaqayyoo karaa qajeelaa kanarra ‘yeroo hundumaaf jabaatanii dhaabachuudhaan’ barabaraaf jiraachuu danda’u.

11, 12. Sabni Waaqayyoo qabeenyasaaniitti karaawwan kamiin fayyadamu?

11 Dibamtoota kutaa hojjetaa amanamaa ta’aniifi “tuuta sonaan baay’ee” dabalatee sabni Waaqayyoo hundi, qabeenya foonii wajjin haala walqabateen arjaa ta’uusaanii mirkaneessaniiru. Faarfannaan 112:9, “Inni arjummaadhaan warra dhabaniif in kenna” jedha. Kiristiyaanonni dhugaan yeroo har’aa, warra hidhatasaanii ta’aniifis ta’e namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf yeroo baay’ee buusii godhu. Yeroo balaan ga’uttis qabeenyasaaniitti fayyadamanii deggersa godhu. Akkuma Yesus jedhe, kana gochuunsaanii gammachuu isaanii argamsiisa.—Hojii Ergamootaa 20:35; 2 Qorontos 9:7 dubbisi.

12 Kana malees, baasii barruu kana afaan 172n maxxansuuf ba’u yaadi. Afaanota kana keessaa baay’eesaanii namoota hiyyeeyyii ta’antu dubbata. Barruun kun afaan mallattoo garagaraa namoonni gurrisaanii hin dhageenyee itti fayyadamaniifi Bireeyilii namoonni qara dhabeeyyiin itti fayyadamaniinis akka qophaa’u hubadhu.

Oo’a Qabeessaafi Qajeelaa

13. Oo’aan kennuudhaan fakkeenya hunda caalu kan nuu ta’an eenyufa’i? Nuhoo fakkeenyasaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

13 ‘Namni arjaan in oo’a in liqeessas.’ (Far. 112:5, hiika bara 1899) Namni warra kaan gargaaru hundi oo’a qabeessa akka hin taane hubatteetta ta’a. Namoonni tokko tokko akka qaban argisiisuuf kennu ykn erga kennanii booda ni gaabbu. Nama, gad aanaa akka taate akka sitti dhaga’amu godhu ykn akka isa rakkisteefi ba’aa itti taate akka sitti dhaga’amu godhurraa gargaarsa fudhachuun si hin gammachiisu. Nama oo’a qabeessa ta’erraa gargaarsa fudhachuun garuu baay’ee nama gammachiisa. Yihowaan oo’aafi gammachuudhaan kennuudhaan fakkeenya hunda caaludha. (Yaq. 1:5, 17) Yesus Kiristosis oo’a argisiisuudhaan guutummaatti fakkeenya Abbaasaa hordofeera. (Mar. 1:40-42) Nuyis Waaqayyo akka qajeelotaatti akka nu ilaalu yoo barbaanne, keessumaa namoonni waa’ee Yihowaa akka baratan gammachuufi oo’aan isaan gargaarra.

14. Karaa ‘jiruu keenya qajeeltootti geggeeffachuu’ dandeenyu keessaa tokko tokko kamfa’i?

14 “Inni jiruu isaa qajeeltootti in geggeeffata!” (Far. 112:5) Akkuma raajiidhaan dubbatame, kutaan hojii adeemsiftuu amanamaa kanaa, qajeelummaa Yihowaa wajjin haala wal simuun qabeenya gooftichaa ni kunuunsa. (Luqaas 12:42-44 dubbisi.) Kun, qajeelfama Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’eefi jaarsolii yeroo tokko tokko cubbuu cimaa gumii keessatti raawwatame hiikaniif kennamerratti ibsameera. Hojjetaan amanamaan qajeelaa ta’uunsaa gumiiwwan hundi, manneen misiyoonotaa, akkasumas maatiin Bet’el haala akkamii qabaachuu akka qabu qajeelfama Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kennuusaatiinis ni mul’ata. Jaarsolii qofa utuu hin ta’in, Kiristiyaanonni kaanis akkaataa waliisaanii itti qaban, akkasumas dhimmawwan daldalaa dabalatee hariiroo warra kaanii wajjin qabaniin qajeeloo ta’uu qabu.—Miikiyaas 6:8, 11 dubbisi.

Eebba Qajeelonni Argatan

15, 16. (a) Oduu gadheen biyya lafaa, warra qajeeloo ta’anirra dhiibbaa akkamii geessisa? (b) Tajaajiltoonni Waaqayyoo maal gochuusaanii itti fufuuf murteessaniiru?

15 “Inni yoom iyyuu hin mittiqu, namni qajeelaanoo bara baraan in yaadatama. Oduu hamaa dhaga’uu hin sodaatu, Waaqayyoon waan amanatuuf garaan isaa hin shakku. Hamma warra isa cunqursan irratti wanta dhufu argee gammadutti, garaan isaa cimsee amanateera, hin sodaatu.” (Far. 112:6-8) Waraana, shororkeessummaa, dhukkuboota haaraafi dhukkuboonni dur turan deebi’anii dhufuusaanii, hammeenya, hiyyummaafi manca’ina badii fidu dabalatee, oduu gadheen akka yeroo ammaatti baay’inaan dhaga’amee hin beeku. Oduuwwan gadheen kun namoota Waaqayyo akka qajeelootti ilaalu tuquunsaanii kan hin oolle ta’us, yeroo gara fuulduraa garmalee akka sodaatan isaan hin taasisan. Kanaa mannaa, addunyaa haaraan qajeelummaan keessa buufatu dhiheenyatti akka dhufu beekanii yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan yommuu eeggatan, garaansaanii “hin shakku” akkasumas “cimsee amanateera.” Balaan yoo uumame gargaarsa Yihowaatti waan amanamaniif warra kaan caalaa jabaatanii dhaabatu. Yihowaan, namoota qajeeloo ta’aniif gargaarsaafi jabina hamma dhumaatti amanamoo ta’uuf isaan gargaaru kennaaf malee, tasumaa ‘akka mittiqan’ hin heyyamu.—Filp. 4:13.

16 Kana malees, namoonni Waaqayyo duratti qajeelota ta’an, jibbaafi soba mormitoonnisaanii isaanirratti babal’isan danda’uu qabu; diinonnisaanii kana gochuunsaanii lallabasaanii isaan hin dhaabsisne, gara fuulduraattis hin dhaabsisu. Kanaa mannaa tajaajiltoonni Waaqayyoo hojii Yihowaan isaanii kennerratti, jechuunis hojii misiraachicha lallabuufi namoota fedhii qaban bartoota gochuurratti, cimsanii Yihowaa amanatu malee hin shakkan. Guyyaan dhumaa dhihaachaa yeroo deemu, mormiin warra qajeeloorra ga’u dabalaa akka deemu beekamaadha. Jibbi akkasii kun yeroo Seexanni Goog isa biyya Maagoog ta’uudhaan addunyaa maratti waraana banutti sadarkaa olaanaarra ga’a. Achiis dhumarratti yommuu salphinaan mo’aman, ‘warra nu cunqursanirratti wanta dhufu ni argina.’ Maqaan Yihowaa guutummaatti yommuu qulqulleeffamu arguun baay’ee nama hin gammachiisuu!—His. 38:18, 22, 23.

“Ulfinaan Ol In Qabama”

17. Qajeelonni ‘ulfinaan kan ol qabaman’ akkamitti?

17 Diiyaabilosiifi biyya lafaa kansaa ta’e kanarraa mormiin utuu nurra hin ga’in, tokkummaadhaan Yihowaa jajachuun hammam nama gammachiisa laata? Namoonni Waaqayyo duratti qajeeloo ta’an hundi, barabaraaf gammachuu akkasii argatu. Yihowaan “gaanfi mataa” qajeelotaa ‘ulfinaan akka ol qabamu’ waadaa waan galeef, mo’amanii hin salphatan. (Far. 112:9) Warri Yihowaa biratti qajeelota ta’an, olaantummaa Yihowaarratti diinota kan ta’an hundi mo’amuusaanii yommuu argan injifannoodhaan isa jajatu.

18. Yaanni dhumaa Faarfannaa 112 raawwiisaa kan argatu akkamitti?

18 “Namni jal’ aan kana argee in aara, ilkaan isaa walitti in qara, ofii isaatiis gad in dhuma; fedhi warra jal’ootaa waan tokkotti kan hin galle in ta’a.” (Far. 112:10) Warri saba Waaqayyoo mormuusaanii itti fufan hundi, dhiheenyatti hinaaffaafi jibbasaaniitiin ‘gad in dhumu.’ ‘Rakkina guddaa’ dhufaa jirutti, fedhiin isaan hojii keenya dhaabsisuuf qaban ni raawwata.—Mat. 24:21.

19. Waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

19 Namoota gammadoo yeroo injifannoo guddaa sanatti jiraatan keessaa tokko ni taataa? Yookiinimmoo biyyi lafaa harka Seexanaa jala jiru kun baduusaa dura dhukkuba ykn dullumaan yoo duute, “qajeelota” du’aa kaafaman keessaa tokko ni taataa? (HoE. 24:15) Akkuma namoota ‘nama’ qajeelaa Faarfannaa 112⁠rratti ibsameen bakka buufamanii, aarsaa furii Yesusitti kan amantuufi fakkeenya Yihowaa hordofuukee kan itti fuftu taanaan, deebiinkee eeyyee kan jedhu ta’uu danda’a. (Efesoon 5:1, 2 dubbisi.) Yihowaan namoonni akkasii akka ‘yaadataman’ godha malee, qajeelummaan isaan raawwatan akka dagatamu hin godhu. Yihowaan barabaraaf isaan yaadata, isaan jaallatas.—Far. 112:3, 6, 9.

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Faarfannaawwan lamaan kun, bifaafi qabiyyeesaaniitiin wal fakkaatu. Faarfannaa 111 keessatti amalawwan Waaqayyootiif bakki guddaan kan kenname yommuu ta’u, barreessaan Faarfannaa 112 inni Waaqayyoon sodaatus fakkeenya kana fudhateera. Faarfannaa 111:3, 4 Faarfannaa 112:3, 4 wajjin wal bira qabnee ilaaluudhaan kana hubachuu dandeenya.

Gaaffiiwwan Irratti Xiinxallu

• “Halleeluyaa” jechuuf sababiiwwan akkamii qabna?

• Guddina bara keenyatti argame kamtu Kiristiyaanota dhugaa guddaa gammachiisa?

• Yihowaan namoota haala akkamiitiin kennan jaallata?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Waaqayyo biratti akka qajeelootti ilaalamuuf, dhiiga Yesus isa dhangala’etti amanuu qabna

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Buusiin fedhiidhaan godhamu, hojii gargaarsaafi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qopheessuuf gargaaruu danda’a