Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Haaraa Dhalachuun Filannoo Dhuunfaarratti Kan Hundaa’edhaa?

Haaraa Dhalachuun Filannoo Dhuunfaarratti Kan Hundaa’edhaa?

Haaraa Dhalachuun Filannoo Dhuunfaarratti Kan Hundaa’edhaa?

NAMNI tokko haaraa akka dhalatu kan taasisu eenyudha? Labsitoonni tokko tokko namoonni isaan dhaggeeffatan lammata akka dhalatan yeroo gorsan jecha Yesus, “Lammata dhalachuu qabdu” jechuudhaan dubbate caqasu. (Yohannis 3:7, NW) Labsitoonni kun “Lammata Dhaladhaa!” jechuudhaan jecha Yesus kana akka ajajaatti itti fayyadamu. Kanaaf, Yesusiif ajajamuudhaan haaraa dhalachuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuu kan qabu namuma sanadha jedhanii barsiisu. Akka ilaalcha namoota kanaatti haaraa dhalachuun filannoo dhuunfaarratti kan hundaa’edha. Haata’u malee, wanti Yesus Niqoodemositti dubbate ilaalcha kanaa wajjin walsimaa?

Wanta Yesus dubbate xiyyeeffannaadhaan yoo dubbisne, haaraa dhalachuun filannoo nama tokkoorratti kan hundaa’edha jedhee akka hin barsiisne qalbeeffachuu dandeenya. Akkas kan jennu maaliifi? Jechi afaan Giriikii “lammata dhalachuu” jedhu, Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo keessatti “olii dhalachuu” jedhamee hiikameera. * Kanaaf, akka hiika kanaatti haaraa dhalachuun “olii,” jechuunis “samiirraa,” ykn “Abbaa biraa” kan argamudha. (Yohannis 19:11; Yaaqoob 1:17) Eeyyee, akka haaraa dhalatan kan godhu Waaqayyodha.—1 Yohannis 3:9.

Jechi “olii” jedhu ifa nuu taanaan, haaraa dhalachuun filannoo dhuunfaa namni tokko godhurratti kan hundaa’e akka hin taane hubachuun nutti hin ulfaatu. Akkamitti akka dhalattee mee yaadi. Filannookeetiin dhalattee? Waawuu! Dhalachuu keetiif sababii kan ta’e abbaakeeti. Haaraa dhalachuu kan dandeenyus Abbaan keenya inni samii haaraa akka dhalannu yoo godhe qofadha. (Yohannis 1:13) Kanaaf Phexros ergamaan akkas jechuunsaa sirrii ture: “Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta’u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, . . . haaraa godhee nu dhalachiiseera.”—1 Phexros 1:3.

Ajaja Turee?

Namoonni tokko tokko, ‘Namni tokko lammata dhalachuuf filannoo dhuunfaa gochuu hin danda’u taanaan, Yesus “Lammata dhalachuu qabdu” jedhe kan ajaje maaliifi?’ jedhanii gaafatu. Kun gaaffii gaafatamuu maludha. Wanti Yesus dubbate ajaja taanaan, wanta gochuu hin dandeenye akka raawwannu gaafachaa jira jechuu ta’a. Kunimmoo waan fakkaatu miti. Akkas taanaan, jechi “lammata dhalachuu” qabdu jedhu akkamitti hubatamuu qabaree?

Afaan jalqaba ittiin barreeffameen, jechi kun karaa ajaja argisiisuun itti hin hojjetamne. Kanaa mannaa, dhugaa tokko ibsuuf kan dubbatamedha. Karaa biraatiin, Yesus “lammata dhalachuu qabdu” yommuu jedhu, dhugaa tokko ibsaa ture malee ajaja kennaa ture miti. Gabaabaadhumatti, “Olii dhalachuun isiniif in ta’a” jechuusaa ture.—Yohannis 3:7.

Kun ajaja ta’uufi dhiisuusaa hubachuuf, fakkeenya armaan gadii ilaali. Mee waa’ee magaalaa manneen barumsaa hedduu qabdu tokko yaadi. Manneen barumsaa kana keessaa tokko barattoota magaalicharraa fagaatanii jiraataniif kan qophaa’edha. Gaaf tokko, mucaan naannoo magaalicharraa fagaatanii jiran kana keessatti hin dhalanne, “Mana barumsaa kana galuun barbaada” jedhee hogganaa mana barumsichaa gaafate. Hoggantichis, “Mana barumsaa kana galuuf namoota naannoo magaalicharraa fagaatanii jiran keessaa tokko taatee dhalachuu qabda” jedhee deebisaaf. Jechi hogganaa kanaa ajaja akka hin taane beekamaadha. “Naannoo kanatti dhaladhu!” ittiin jechuusaa hin turre. Kanaa mannaa mana barumsaa kana galuuf ulaagaansaa maal akka ta’e itti himuusaa ture. Haaluma wal fakkaatuun, Yesus “Lammata dhalachuu qabdu” yeroo jedhu, “Mootummaa Waaqayyootti” galuuf ulaagaan guutamuu qabu maal akka ta’e dubbachuusaa ture.

Haala haaraa dhalachuu wajjin walqabateen dhimmi garabiraan Yesus dubbate waa’ee Mootummaa Waaqayyooti. Kunimmoo, kaayyoon haaraa dhalachuu maalidha? gaaffii jedhuuf deebii argachuuf nu gargaara. Deebii gaaffii kanaa beekuun keenya, lammata dhalachuu jechuun maal jechuu akka ta’e sirriitti hubachuuf nu gargaara.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduun Yohannis 3:3 karaa kanaan hiiku. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun afaan Oromoo “eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u” jedhee hiikeera.

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Haaraa dhalachuufi nama ta’anii dhalachuu wanti wal fakkeessu maalidha?