Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Musee Guddicha Beekuufi Dinqisiifachuu

Musee Guddicha Beekuufi Dinqisiifachuu

Musee Guddicha Beekuufi Dinqisiifachuu

“Anaan akkuma kaase, Waaqayyo gooftaan keessan obboloota keessan keessaa raajii tokko isiniif in kaasa, waan inni isinitti himu hundumaa dhaggeeffachuun isin irra jira.”—HOE. 3:22.

1. Yesus Kiristos seenaarratti jijjiirama guddaa kan fide akkamitti?

WAGGAA kuma lamaan dura, mucaan dhiiraa tokko dhalachuusaatiin ergamoonni samiirra jiran hedduun Waaqayyoon kan faarfatan si’a ta’u, kanas tiksitoonni tokko tokko dhaga’aa turan. (Luq. 2:8-14) Mucaan sun waggaa soddoma booda ga’eessa ta’uudhaan, tajaajilasaa isa waggaa sadiifi walakkaa qofa turuyyuu seenaa ilmaan namootaarratti jijjiirama guddaa fide jalqabe. Barreessaa seenaa jaarraa 19⁠ffaa kan ture Filiippi Shaaf waa’ee Yesus Kiristos akkas jedhee barreessuuf kaka’ee ture: ‘Yesus ofiisaa waan tokkoyyuu kan hin barreessine ta’us, wanti inni godheefi dubbate namoonni kitaabota, faarfannaawwaniifi haasaawwan barreessan, akkasumas artiistonni hojiidhaaf akka kaka’an godheera. Kun ta’uunsaa, seenaa ilmaan namootaarratti jijjiirama guddaa fiduusaa argisiisa.’

2. Yohannis ergamaan waa’ee Yesusiifi tajaajilasaa maal jedhee ture?

2 Yohannis ergamaan seenaa Yesus erga barreessee booda dhumarratti, “Kana malees, kan biraa Yesus kan hojjete waan baay’een jiru; hundumti isaanii tokko tokkoon utuu caafamanii, biyyi lafaa macaafota isaan itti caafaman fudhachuu hin danda’u anatti fakkaata” jedheera. (Yoh. 21:25) Yohannis, wanta Yesus waggoota sadiifi walakkaa wanti baay’een itti raawwatame sanatti dubbateefi godhe keessaa galmeessuu kan danda’u baay’ee muraasa qofa akka ta’e beeka ture. Ta’uyyuu wantoonni Yohannis Wangeelasaa keessatti galmeesse, faayidaa guddaa kan qabanidha.

3. Gahee Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu caalaatti hubachuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Wangeelota arfan malees, kitaabonni Macaafa Qulqulluu kaan jireenya Yesus ilaalchisee ibsa amantaa namaa jabeessu qabataniiru. Fakkeenyaaf, seenaan Macaafa Qulqulluu waa’ee namoota Yesus dura jiraatan tokko tokkoo dubbatu, gahee Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu caalaatti akka hubannu nu gargaara. Isaan keessaa tokko tokko haa ilaallu.

Namoota Amanamoo Bara Durii Yesusiif Gaaddidduu Ta’an

4, 5. Yesusiif gaaddidduu kan ta’an eenyufa’i? Karaa kamiin?

4 Yohannisiifi barreessitoonni Wangeelaa sadan, Museen, Daawitiifi Solomoon, Yesus Isa Waaqayyo dibeefi Mootii gochuuf filateef gaaddidduu akka ta’an ibsaniiru. Tajaajiltoonni Waaqayyoo durii kun, Yesusiif gaaddidduu kan ta’an akkamitti? Nuhoo seenaawwan kanarraa maal baranna?

5 Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun, Museen raajii, araarsaafi fayyisaa akka ture nutti hima. Yesusis akkasuma. Daawit tikseefi mootii diinota Israa’el injifate ture. Yesusis saba Waaqayyoo waan geggeessuuf tikseefi mootii injifataadha. (His. 37:24, 25) Solomoon yeroo amanamaa turetti, bulchaa ogeessa waan tureef, Israa’eloonni bulchiinsasaa keessa turan nagaa argataniiru. (1 Mot. 4:25, 29) Yesusimmoo Solomoon caalaa ogeessa ta’uusaarrayyuu, “angafa nagaa” jedhameera. (Isa. 9:6) Ifatti hubachuun akka danda’amutti, gaheen Yesus Kiristosiifi namoonni durii kun qaban wal fakkaatus, gaheen Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu garuu kan hundasaaniirra ni caala. Jalqaba, Yesusiifi Musee walbira qabnee haa ilaallu; achiis kana gochuun keenya gahee guddaa Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu guutummaatti hubachuuf akkamitti akka nu gargaaru ilaalla.

Musee—Isa Yesusiif Gaaddidduu Ta’e

6. Phexros ergamaan Yesusiin dhaggeeffachuun barbaachisaa ta’uusaa kan ibse akkamitti?

6 Guyyaa Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33 kabajame booda baay’ee utuu hin turin, Phexros ergamaan raajii Museen dubbateefi Yesus Kiristosirratti raawwatame tokko caqase. Phexros mana qulqullummaa keessa Yihudoota hedduu fuuldura dhaabatee ture. Phexrosiifi Yohannis nama qarshii kadhachaa tureefi yeroo dhalatee kaasee naafa ture tokko ennaa fayyisan, ‘namoonni hundinuu dinqisiifatanii’ wanta raawwatame ilaaluu fiigan. Phexros, gochi dinqisiisaan kun kan raawwatame hafuura qulqulluu isa karaa Yesus Kiristosiin hojjetuun akka ta’e ibseera. Achiis Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa caqasuudhaan, “Museen iyyuu, ‘Anaan akkuma kaase, Waaqayyo gooftaan keessan obboloota keessan keessaa raajii tokko isiniif in kaasa, waan inni isinitti himu hundumaa dhaggeeffachuun isin irra jira’ . . . jedhee ture” jedhe.—HoE. 3:11, 22, 23; Keessa Deebii 18:15, 18, 19 dubbisi.

7. Namoonni Phexrosiin dhaggeeffachaa turan, wanta inni waa’ee raajii Museerra caaluu dubbate hubachuu kan danda’an maaliif ture?

7 Wanti Museen dubbate sun dhaggeeffattoota Phexrosiif haaraa kan ture hin fakkaatu. Yihudoota waan ta’aniif Museedhaaf bakka guddaa kennu turan. (Kes. 34:10) Raajiin Musee caalu dhufuusaa hawwii guddaadhaan eeggatu turan. Raajiin kun, nama akka Musee fayyisaa ta’e qofa utuu hin ta’in, Masiihicha jechuunis “Masiihii isa Waaqayyo fo’ate” ture.—Luq. 23:35.

Karaa Yesusiifi Museen Itti Wal Fakkaatan

8. Jireenyi Museefi jireenyi Yesus karaawwan kamiin wal fakkaata?

8 Jireenyi Yesus inni lafarraa karaa tokko tokkoon kan Musee wajjin wal fakkaata. Fakkeenyaaf, daa’imummaasaaniitti Museenis ta’e Yesus mootii hamaa ta’een ajjeefamuu jalaa oolaniiru. (Bau. 1:22–2:10; Mat. 2:7-14) Kana malees, lamaanuu ‘Gibxii keessaa waamamaniiru.’ Hose’aa raajichi, “Israa’el ijoollee yeroo turetti ani isa nan jaalladhe, biyya Gibxii keessaas ilma koo nan waame” jechuudhaan wanta Yihowaan dubbate barreesseera. (Hos. 11:1) Hose’aan waa’ee yeroo Waaqayyo ‘ilmasaa’ jechuunis saba Israa’el, Museedhaan geggeessee Gibxii itti baase sanaa dubbachuusaa ture. (Bau. 4:22, 23; 12:29-37) Haata’u malee, wanti Hose’aan dubbate kun waa’ee wanta darbee qofa utuu hin ta’in wanta gara fuulduraatti ta’uus kan ibsu ture. Raajiin kun, yeroo Yoseefiifi Maariyaam Herodis Mootichi erga du’ee booda Yesusiin qabatanii Gibxii deebi’anitti kan raawwatamedha.—Mat. 2:15, 19-23.

9. (a) Museefi Yesus dinqiiwwan akkamii raawwataniiru? (b) Karaawwan Yesusiifi Museen itti wal fakkaatan kan biraa ibsi. (Saanduqa, “Karaawwan Dabalataa Yesusiifi Museen Itti Wal Fakkaatan” jedhu fuula 26⁠rraa ilaali.)

9 Museenis ta’e Yesus, dinqiiwwan raawwachuudhaan deggersa Yihowaa akka qaban argisiisaniiru. Museen dinqii raawwachuudhaan nama jalqabaati. (Bau. 4:1-9) Fakkeenyaaf, Museen bishaan Abbayyaafi bishaanonni ciisan dhiiga akka ta’an, Galaanni Diimaan bakka lamatti akka hiramuufi lafa onaa keessatti dhagaa qarsaa keessaa bishaan akka yaa’u ajajuudhaan bishaanirratti dinqii raawwateera. (Bau. 7:19-21; 14:21; 17:5-7) Yesusis bishaanii wajjin haala wal qabateen dinqiiwwan raawwateera. Dinqiin jalqaba raawwate, cidha tokkorratti bishaan gara wayiniitti jijjiiruu ture. (Yoh. 2:1-11) Booddees, bubbee cimaan bishaan Galiilaarratti ka’e gabii akka qabaatu godheera. Yeroo biraattimmoo bishaanirra deemeera! (Mat. 8:23-27; 14:23-25) Karaan Museeniifi Musee Guddicha kan ta’e Yesus itti wal fakkaatan kan biraan, saanduqa fuula 26⁠rratti argama.

Gahee Kiristos Raajii Ta’uudhaan Raawwatu Hubachuu

10. Raajiin dhugaa tokko maalfaa raawwata? Museen raajii dhugaa ture kan jennu maaliifi?

10 Namoonni baay’een, raajii yeroo jedhamu nama wanta gara fuulduraatti raawwatamu dubbatu qofa isaanitti fakkaata; hojiin raajii tokkoo garuu kana qofa miti. Raajii dhugaan, hafuuraan geggeeffamee Yihowaa bakka bu’uudhaan “hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa” kan beeksisudha. (HoE. 2:11, 16, 17) Hojiiwwan raajiin dhugaa hojjetu keessaa tokko tokko, wanta gara fuulduraatti ta’u beeksisuu, kaayyoo Yihowaa ibsuu ykn firdii Waaqayyoo labsuu ta’uu danda’a. Museen raajii akkasii ture. Dha’ichawwan kurnan Gibxiirratti dhufan tokkoon tokkoonsaanii dursee dubbateera. Siinaatti kakuu Seerichaa beeksiseera. Sabichas fedha Waaqayyoo barsiiseera. Yeroo booda garuu raajiin Musee caalu dhufuu qaba ture.

11. Yesus gahee raajii Museerra caalu tokkorraa eegamu kan raawwate akkamitti?

11 Booddee, Dh.K.D. jaarraa jalqabaatti, Zakkaariyaas ilmasaa Yohannis ilaalchisee kaayyoon Waaqayyoo maal akka ta’e ibsuudhaan raajii dubbateera. (Luq. 1:76) Ilmisaa kun Yohannis Cuuphaa ta’e. Innis raajiin Musee caalu, jechuunis Yesus Kiristos inni yeroo dheeraadhaaf eegamaa ture akka dhufu beeksiseera. (Yoh. 1:23-36) Yesus raajii waan ta’eef waan gara fuulduraatti ta’u hedduu dubbateera. Fakkeenyaaf, akkamitti akka du’u, eessatti akka du’uufi eenyu akka isa ajjeesu dubbachuudhaan waa’ee du’asaa raajii dubbateera. (Mat. 20:17-19) Yesus Yerusaalemiifi manni qulqullummaashee akka balleeffaman raajii dubbachuunsaa dhaggeeffattootasaa ajaa’ibsiisee ture. (Mar. 13:1, 2) Raajiiwwan bara keenyatti raawwatamanis dubbateera.—Mat. 24:3-41.

12. (a) Yesus hojii lallabaa addunyaa maraatiif bu’uura kan kaa’e akkamitti? (b) Yeroo har’aa fakkeenya Yesus kan hordofnu akkamitti?

12 Yesus wanta gara fuulduraatti raawwatamu kan dubbatu qofa utuu hin ta’in, lallabaafi barsiisaas ture. Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabeera; namni akkasaatti ija jabina guddaadhaan dubbate hin turre. (Luq. 4:16-21, 43) Barsiisuutti kan isaan qixxaatu hin turre. Namoonni isa dhaga’an tokko tokko, “Akka namicha kanaatti takkaa namni dubbatee hin beeku” jedhaniiru. (Yoh. 7:46) Yesus carraaqqii misiraachicha labsuuf godhurratti hinaaffaa argisiiseera; duuka buutonnisaas Mootummichaaf hinaaffaa akkasii akka qabaatan kakaaseera. Kana gochuudhaan, hojii lallabuufi bartoota gochuu addunyaa maraa hanga ammaatti itti fufaa jiru kanaaf bu’uura kaa’eera. (Mat. 28:18-20; HoE. 5:42) Waggaa darbe, duuka buutonni Kiristos gara miliyoona torbaa ta’an, misiraachoo Mootummichaa lallabuufi namoota fedhii qaban dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuurratti gara sa’aatii 1,500,000,000 dabarsaniiru. Hojii kanarratti hamma dandeesse hirmaachaa jirtaa?

13. ‘Dammaqoo’ taanee jiraachuuf maaltu nu gargaara?

13 Yihowaan raajii akka Musee akka kaasu raajii dubbate akka raawwate beekamaadha. Kana beekuunkee maal gochuuf si kakaasa? Raajiin kun raawwatamuusaa beekuunkee, raajii waa’ee gara fuulduraa dubbatamerratti caalaatti amanannaa akka qabaattu si godhaa? Eeyyee, fakkeenya Yesus isa Musee Guddichaarratti xiinxaluun keenya, wanta Waaqayyo dhiheenyatti raawwatuu wajjin haala wal qabateen ‘akka dammaqnuufi akka of qabnu’ nu gargaara.—1 Tas. 5:2, 6.

Gahee Kiristos Araarsaa Ta’uudhaan Raawwatuuf Bakka Guddaa Kennuu

14. Waaqayyo kakuu Seerichaa dhaabuuf Museetti kan fayyadame akkamitti?

14 Yesus akkuma Musee araarsaa ture. Namni araarsaa ta’e tokko, qaamota lama gidduutti akka riqichaatti tajaajila. Yihowaan Israa’elootaa wajjin kakuu Seeraa yeroo dhaabe Museetti fayyadameera. Ilmaan Yaaqoob seerawwan Yihowaatiif ajajamaniiru utuu ta’ee, saba addumaan dhuunfaa Waaqayyoo ta’an, jechuunis gumiisaa ta’anii itti fufu turan. (Bau. 19:3-8) Kakuun sun hojiirra kan oole Dh.K.D. bara 1513 kaasee hanga Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti ture.

15. Yesus araarsaa isa guddaa kan ta’e akkamitti?

15 Dhaloota Kiristos booda bara 33, Yihowaan Israa’el haaraa jechuunis “Israa’el Waaqayyoo” isa gumii addunyaa maraa Kiristiyaanota dibamoorraa hundeeffame wajjin kakuu haaraa dhaabe. (Gal. 6:16) Kakuun karaa Musee dhaabate seerawwan Waaqayyo dhagaarratti barreesse kan dabalatu yommuu ta’u, kakuun karaa Yesus dhaabame garuu caalmaa qaba. Waaqayyo seerawwan kakuu haaraa kan barreesse garaa namootaa keessatti. (1 Ximotewos 2:5; Ibroota 8:10 dubbisi.) Kanaaf, “Israa’el Waaqayyoo” saba addumaan dhuunfaa Waaqayyoo ta’e, jechuunis “saba” Mootummaa Masiihichaatiif ‘ija godhatu’ ta’eera. (Mat. 21:43) Miseensonni saba hafuuraa kanaa, kakuu haaraa keessatti ni hirmaatu. Kakuu haaraa kanarraa faayidaa kan argatu garuu isaan qofa miti. Kakuun kun caalmaa waan qabuuf, namoonni hangana hin jedhamnes ta’e amma du’anii jiran hedduun faayidaa barabaraa irraa argatu.

Yesus Fayyisaa Waan Ta’eef Bakka Guddaa Kennaafii

16. (a) Yihowaan, saba Israa’el fayyisuuf Museetti kan fayyadame karaawwan kamiini? (b) Akka Ba’uun 14:13 jedhutti, Maddi fayyinaa eenyu?

16 Israa’eloota keessaa tokko tokko galgala isa dhumaa Gibxii ba’uusaanii dura turetti, balaa guddaadhaaf saaxilamanii turan. Ergamaan Waaqayyoo Gibxii keessa darbee mana hundumaa keessaa hangafa ajjeesa. Yihowaan, Israa’eloonni dhiiga hoolaa Faasikaadhaaf qalanirraa fuudhanii michichilaafi buusaa mataa balbalasaanii yoo diban angafni manasaanii akka hin ajjeefamne Museetti hime. (Bau. 12:1-13, 21-23) Wanti ta’es kanuma ture. Booddee guutummaan sabichaa balaa guddaadhaaf saaxilame. Galaana Diimaafi konkolaattota waraanaa Gibxii duubaan isaaniitti dhufaa jiran gidduu galanii dhiphatanii turan. Yeroo kanattis Yihowaan, Museen dinqiidhaan bishaan laga sanaa bakka lamatti akka hiru godhee isaan oolche.—Bau. 14:13, 21.

17, 18. Yesus furee Musee caalu kan ta’e karaawwan kamiini?

17 Gochi fayyinaa yeroo sana raawwatame guddaa ta’us, fayyinni karaa Yesusiin raawwatamu caalaatti guddaadha. Yesus karaa namoonni ajajamoo ta’an garbummaa cubbuu jalaa itti furamanidha. (Rom. 5:12, 18) Fureen kunis “furee bara baraa[ti].” (Ibr. 9:11, 12) Maqaan Yesus jedhu “Yihowaan Fayyisaadha” kan jedhudha. Yesus Furee ykn Fayyisaa keenya ta’uudhaan cubbuu kanaan dura hojjennerraa nu oolchuu qofa utuu hin ta’in, gara fuulduraatti haala gaariidhaan akka jiraannus karaa nuu baneera. Yesus duuka buutotasaa garbummaa cubbuu jalaa furuudhaan, dheekkamsa Waaqayyoo jalaa akka oolaniifi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaatan godha.—Mat. 1:21.

18 Yesus cubbuurraa nu furuunsaa, yeroo booda bu’aa hamaa cubbuun fide, jechuunis dhukkubaafi du’arraallee birmaduu nu baasa. Haalli kun maal akka fakkaatu hubachuuf, Yesus gara mana Yaayiros isa intallisaa waggaa 12 jalaa duutee yeroo dhaqu wanta ta’e haa ilaallu. Yesus, “Hin sodaatin, amani duwwaa! Isheenis in fayyiti” jechuudhaan Yaayirosin jajjabeesse. (Luq. 8:41, 42, 49, 50) Akkuma inni jedhe intalattiin du’aa kaate! Warrishee hammam akka gammadan tilmaamuu dandeessaa? Taanaan, gammachuu guddaan yeroo ‘warri du’anii awwaalaman sagalee Yesus dhaga’anii awwaala keessaa ba’an’ nutti dhaga’amu maal akka fakkaatu tilmaamuu dandeessa jechuudha. (Yoh. 5:28, 29) Dhugumayyuu, Yesus Fayyisaafi Furee keenya!—Hojii Ergamootaa 5:31 dubbisi; Tit. 1:4; Mul. 7:10.

19, 20. (a) Gahee Yesus Musee Guddicha ta’uudhaan raawwaterratti xiinxaluun maal gochuuf nu kakaasa? (b) Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii baranna?

19 Namoonni wantoota Yesus nu furuuf jecha godhurraa akka fayyadaman gargaaruu akka dandeenyu beekuun keenya, hojii lallabaafi bartoota gochuurratti hirmaachuuf nu kakaasa. (Isa. 61:1-3) Kana malees, gahee Yesus Musee Guddicha ta’uudhaan raawwaturratti xiinxaluun keenya, yeroo inni namoota hamoorratti faraduu dhufu duuka buutotasaa akka oolchu amanannaa qabnu nuu cimsa.—Mat. 25:31-34, 41, 46; Mul. 7:9, 14.

20 Eeyyee, Yesus Musee Guddichadha. Wantoota dinqisiisaa Museen hin raawwanne baay’ee hojjeteera. Dubbiin Yesus raajii ta’uudhaan dubbateefi wantoonni inni araarsaa ta’uudhaan raawwate, guutummaa ilmaan namootaarratti jijjiirama fideera. Yesus Furee ta’uudhaan ilmaan namootaatiif yeroodhaaf qofa utuu hin ta’in barabaraaf fayyina argamsiisa. Wanti namoota amanamoo bara duriirraa waa’ee Yesus barannu garuu kana qofa miti. Mataduree ittaanu keessatti, Yesus Daawit Guddichaafi Solomoon Guddicha kan ture akkamitti akka ta’e baranna.

Ibsuu Dandeessaa?

Yesus

• raajii,

• araarsaa,

• furee

ta’uudhaan Musee kan caalu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/Fakkii fuula 26rra jiru]

KARAAWWAN DABALATAA Yesusiifi Museen Itti Wal Fakkaatan

◻ Lamaanuu Yihowaafi sabasaa tajaajiluuf jecha iddoo guddaa qaban dhiisaniiru.—2 Qor. 8:9; Filp. 2:5-8; Ibr. 11:24-26.

◻ Lamaanuu Yihowaadhaan kan muudaman turan.—Mar. 14:61, 62; Yoh. 4:25, 26; Ibr. 11:26, NW.

◻ Lamaanuu bakka buutota Yihowaa ta’aniiru.—Bau. 3:13-16; Yoh. 5:43; 17:4, 6, 26.

◻ Lamaanuu kan gad of deebisan turan.—Lak. 12:3, NW; Mat. 11:28-30.

◻ Lamaanuu namoota hedduudhaaf nyaata dhiheessuurratti qooda fudhataniiru.—Bau. 16:12; Yoh. 6:48-51.

◻ Lamaanuu abboota firdii ta’uufi seera kennuudhaan tajaajilaniiru.—Bau. 18:13; Mil. 4:4; Yoh. 5:22, 23; 15:10.

◻ Lamaanuu mana Waaqayyoorratti itti gaafatamtoota ta’aniiru.—Lak. 12:7; Ibr. 3:2-6.

◻ Lamaanuu Yihowaadhaaf dhugaa baatota amanamoo akka ta’an ibsameera.—Ibr. 11:24-29; 12:1; Mul. 1:5.

◻ Museenis ta’e Yesus yeroo du’an, Waaqayyo reeffasaanii dhokseera.—Kes. 34:5, 6; Luq. 24:1-3; HoE. 2:31; 1 Qor. 15:50; Yih. 9.