Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Biruukliin Bet’el Seenaa Waggaa 100

Biruukliin Bet’el Seenaa Waggaa 100

Biruukliin Bet’el Seenaa Waggaa 100

BARRI 1909, magaalaa Niwuu Yoorkiif yeroo bakki guddaan kennamuuf ture. Riqichi magaalaa Kuwiinsibooroo Maanhaantanii wajjin wal qabsiisu, akkasumas riqichi Maanhaantaniin Biruukiliinii wajjin wal qabsiisu tajaajila kennuu kan jalqaban wagguma kanattidha.

Waggaan kun seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessattis bakki guddaan kan kennamuufidha. Isaan dura, Pireezidaantii Waldaa Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluufi Tiraaktii kan ta’e Chaarlis Teez Raasil, misraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuuf korporeshiniin seera qabeessi Dhugaa Baatonni Yihowaa itti fayyadaman babal’achuu akka qabu hubatee ture. (Maatewos 24:14) Kana gochuufis, waajjirri muummee dhaabbata kanaa Piitisbargi, Pensilvaaniyaatii gara Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti jijjiiruun barbaachisaa akka ta’e itti dhaga’amee ture. Kanaafis qophiin bara 1908⁠tti kan jalqabame si’a ta’u, waajjirri muummee kun jalqabaa waggaa ittaanuutti Biruukiliiniitti jijjiirame.

Biruukiliiniitti Kan Jijjiirame Maaliifi?

Obboloonni yeroo sanatti hojii lallabaa olaantummaan to’atan, lallabawwan gaazexaarratti maxxansuun dhugaa Macaafa Qulqulluu babal’isuuf bu’a qabeessa ta’uusaa hubatanii turan. Bara 1908, lallabni Raasil Macaafa Qulqulluurratti hundaa’ee dhiheessu torban torbaniin gaazexaawwan 11⁠rratti kan ba’an si’a ta’u, walumatti torbanitti gaazexaawwan 402,000 ta’antu maxxanfama ture.

Haata’u malee, Raasil akkas jechuudhaan barreessee ture: “Obboloonni akkaataa gaazexoonni hojiisaanii itti raawwatan beekan . . . akka nuu mirkaneessanitti lallabawwan torban torbaniin dhihaatan kun [magaalaa guddaa] keessatti kan qophaa’an utuu ta’ee, guutummaa Yuunaayitid Isteetis keessatti maxxanfamuuf carraa argatu; karaa kanaan waggaa tokko keessatti gaazexoonni dhibbaan lakkaa’aman lallabawwan kana utuu walirraa hin kutin maxxansuu danda’u.” Kanaaf, bakka hojii lallabaa kana babal’isuuf mijaa’aa ta’e barbaaduu jalqaban.

Biruukiliin maaliif filatame? Raasil akkas jedheera: “Hundi keenya qajeelfama Waaqayyoo argachuuf erga kadhannee booda, Biruukiliin, Niiwu Yoorki jiraattota hedduu kan qabduufi . . . ‘Magaalaa Waldootaa’ jedhamuun kan beekamtu waan taateef, hojii midhaan sassaabuuf bakka baay’ee mijaa’aa nuuf taati jennee murteessuuf sababii ga’aa arganneerra.” Bu’aawwan yeroo sana booddee argaman murtoon kun sirrii ta’uusaa mirkaneessu. Yeroo muraasa gidduutti, gaazexoonni 2,000 ta’an lallaba Raasil maxxansuu jalqaban.

Sababii gaarii magaalaan Niiwu Yoorki itti filatamte garabiraanis jira. Bara 1909, waajjiraaleen damee Biritaaniyaa Guddittii, Jarmaniifi Awustiraaliyaatti, baay’ee utuu hin turinis bakkawwan biraatti banamanii turan. Kanaaf, waajjirri muummee magaalaa karaawwan hedduu, daandiiwwan baaburaa akkasumas bakka dooniin buufatu qabdutti jijjiiramuunsaa sirrii ture.

Bet’el Kan Jedhame Maaliifi?

Waajjirri muummee Waldaa Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluufi Tiraaktii inni jalqabaa kan hundeeffame bara 1880aniitti Aalgeenii, (amma kutaa Piitisbargi taate), Pensilvaaniyaatti ture. Yeroo sanatti, Mana Macaafa Qulqulluu jedhama ture. Bara 1896, gamoo kana keessa obboloota 12 qofatu hojjeta ture.

Dhaabbatichi bara 1909 Biruukiliiniitti yeroo jijjiiramu, manni jireenyaa haaraan obboloonni waliin hojjetan kun Bet’el jedhamee moggaafame. * Bet’el kan jedhame maaliifi? Gamoon Waldaan Masaraa Eegumsaa Daandii Hiiksi 13-17⁠rratti argamu bite, qabeenyaa luba beekamaa Heenarii Waard Biichar jedhamuu si’a ta’u, Bet’el Biichar jedhama ture. Dhaabanni kun gamoo jireenyaa Biichar isa duraa 124 Kolombiyaa Heeyitsi argamus bitee ture. Maxxansi Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 1, 1909, akkas jedheera: “Bet’el Beechar isa duraa, achiis akka tasaammoo gamoo jireenyaasaa bituun keenyaa baay’ee kana nama ajaa’ibsiisudha. . . . Mana isa haaraa ‘Bet’el,’ waajjiraafi galma walga’ii isa haaraammoo ‘Godoo Qulqullaa’aa Biruukiliin’ jennee kan moggaasne si’a ta’u, kun maqaa isa ‘Mana Macaafa Qulqulluu’ jedhu kan bakka bu’udha.”

Yeroo har’aatti, gamoowwan gurguddaan Biruukiliin, akkasumas Niiwu Yorki Isteetis keessa Woolkiiliifi Paatarsanitti argaman, manneen jireenyaa, manneen maxxansaafi biiroowwan ta’anii tajaajilanis Bet’el jedhamanii waamamu. Amma addunyaa maratti, manneen Bet’el biyyoota 113 keessatti argamu. Manneen kana keessa tajaajiltoonni 19,000lii ol ta’an kan jiraatan si’a ta’u, isaanis hojii barumsawwan Macaafa Qulqulluu babal’isuurratti hirmaatu.

Daawwattoonni Gammachuudhaan Simataman

Gamoowwan kun tajaajila Yihowaatiif kan murteeffaman Amajjii 31, 1909⁠tti ture. Wiixata, Fulbaana 6, 1909, namoonni Bet’eliin akka daawwatan ni heyyamame. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sanatti Bartoota Macaafa Qulqulluu jedhamuun beekamaniifi dhibbaan lakkaa’aman gamoowwan kana daawwatanii turan. Baay’eensaanii kan dhufan walga’iin koonyaa Saaraatoogaa Ispiriingis, Kaaba Niiwu Yoorki Siitiirraa kiiloo meetira 320 fagaattee argamtutti godhamu akkuma xumurameen ture. Chaarlis Teez Raasil baga nagaan dhuftan jechuudhaan daawwattoota sana harka qabee isaan simateera. *

Har’as namoonni Bet’eliin daawwatan simatamuunsaanii itti fufeera. Waggaatti namoonni 40,000 ol ta’an gamoowwan Bet’el Biruukiliin jiran ni daawwatu. Bet’el inni Biruukiliin jiru hojiiwwan Mootummaa Yihowaa babal’isuurratti ga’ee guddaa raawwachuusaa kan itti fufe si’a ta’u, kunis namoota miliyoonaan lakkaa’amaniif eebba hangana hin jedhamne argamsiiseera.

[Miiljaleewwan]

^ key. 11 Jechi afaan Ibrootaa “Bet’el” jedhu “Mana Waaqayyoo” jechuudha. Macaafa Qulqulluu keessatti, Bet’el magaalaa Israa’el ishee beekamtuu turte. Magaalaan Macaafa Qulqulluu keessatti Bet’el caalaa yeroo baay’ee caqasamte Yerusaalem qofadha.

^ key. 14 Seenaa kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Jihoovas Wiitnesis—Pirooklemarsi oov Goodsi Kiingidam jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e, fuula 718-723 ilaali.

[Saanduqa/Fakkii fuula 19rra jiru]

Waa’ee Waach Tawar Baayibil endi Tiraakti Soosaayitii Maal Beekta?

Korporeeshiniin yeroo ammaatti Waach Taawar Baayibil endi Tiraakti Soosaayitii oov Pensilvaaniyaa jedhamuun beekamu, bara 1884 Zaayansi Waach Taawar Baayibil endi Tiraakti Soosaayitii jedhama ture. Kaayyoonsaas, irra caalaatti barreeffamootatti fayyadamuudhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu addunyaa maratti babal’isuudha. Yeroo har’aattis, Korporeeshiniin seera qabeessi Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti itti fayyadamaa jiran keessaa tokko, Waach Taawar Baayibil endi Tiraakti Soosaayitiidha. *Filiphisiiyus 1:7.

Waach Taawar Baayibil endi Tiraakti Soosaayitiin Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an afaan 473n qopheessa. Macaafni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa guutummaatti ykn gar tokkoonsaa afaan 72n, koppii miliyoona 150 ol ta’uun maxxanfameera. Dhaabbanni kun Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa malees, hiikawwan Macaafa Qulqulluu armaan gadii ofiisaatii maxxanseera ykn lammata akka maxxanfamaniif qarshii kaffaleera: za Ameerikaan Istaandardi Varshin, Za Baayibil Iin Liiviingi Ingilish, Za Imfaatiik Diyaagloot, Hoolmaansi Liiniyar Paaralaal Ediishin, za Kiingi Jamis Varshin (Baayibil Istudantis Ediishinii dabalatee), akkasumas Za Niiwu Teestaamanti Niiwulii Tiraansileetid endi Kiriitikaalii Imfasaayizid Maxxansa lammaffaa.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu maxxansuu malees, waggoottan kurnan darban qofatti, kitaabota, barruulee, tiraaktii, Siidii, DVDiifi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an biliyoona 20 ol ta’an maxxansaniiru. * Barreeffamawwan kun harki caalaansaanii kan maxxanfaman, kan fe’amaniifi kan ergaman manneen Bet’el biyyoottan armaan gadiitti argamanittidha: Afriikaa Kibbaa, Arjantiinaa, Awustiraaliyaa, Biraaziil, Biritaaniyaa, Filippiinsi, Fiinlaandi, Hindi, Ispeen, Jaappaan, Jarmani, Kaanaadaa, Kolombiyaa, Kooriyaa, Maaniyaamaar, Meksikoo, Naayijeeriyaa, Xaaliyaaniifi Yuunaayitid Isteetis.

[Miiljaleewwan]

^ key. 21 Bara 2008titti Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 236 keessatti argaman 7,124,443 turan. Isaanis gumiiwwan 103,267 keessatti gurmeeffamaniiru.

^ key. 23 Barreeffamoonni kun hin gurguraman. Hojiin Macaafa Qulqulluu barsiisuu Dhugaa Baatonni Yihowaa geggeessan, buusii qarshii namoonni fedhiidhaan kennaniin deggerama.

[Chaartii]

1998-2008 MAXXANFAMAN

Kitaaba 458,230,708

Barruulee 11,292,413,199

Tiraaktii 7,996,906,376

Birooshura 862,050,233

Siidii/MP3 34,621,130

DVD 13,500,125

Kan biraa 129,083,031

Dimshaasha 20,786,804,802

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Gamoo Bet’el 122-124 Kolombiyaa Heeyitisitti argamu

[Fakkii fuula 16rra jiru]

13-17 Daandii Haayikis (1909-1918)

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Lallabawwan Raasil gaazexaarratti ba’an

[Fakkii fuula 16rra jiru]

35 Daandii Maaritil (1920-1922)

[Fakkii fuula 17rra jiru]

18 Daandii Koonkordi (1922-1927)

[Fakkii fuula 17rra jiru]

117 Daandii Addaamis (1927 hanga har’aatti jiru)

[Fakkii fuula 18rra jiru]

25-30 Kolombiyaa Heeyitis

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Mana Maxxansaa Woolkiil jiru

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Wiirtuu Barumsaa Paatarson