Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Kiristos” Duukaa Bu’uu Kan Qabnu Maaliifi?

“Kiristos” Duukaa Bu’uu Kan Qabnu Maaliifi?

“Kiristos” Duukaa Bu’uu Kan Qabnu Maaliifi?

“Eenyu illee na duukaa bu’uu yoo fedhe, waa’ee ofii isaa dhiisee . . . yeroo hundaa ana duukaa haa bu’u.”—LUQ. 9:23.

1, 2. Sababiiwwan “Kiristos” duukaa bu’uu qabnurratti yaaduun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

YIHOWAAN, isin warri haaraaniifi dargaggoonni, sabasaa hedduu lafarratti argamanii wajjin yommuu isa waaqeffattan baay’ee gammada! Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, yeroo hunda walga’ii gumiirratti argamuu, akkasumas beekumsa dhugaa jireenya barabaraa argamsiisuufi Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuun guddachaa yommuu adeemtan, afeerrii Yesus dhiheesserratti yaaduun isin barbaachisa. Yesus, “Eenyu illee na duukaa bu’uu yoo fedhe, waa’ee ofii isaa dhiisee fannoo isaa baatee, yeroo hundaa ana duukaa haa bu’u” jedheera. (Luq. 9:23) Yesus, waa’ee ofii keessanii dhiistanii duuka buutuusaa ta’uuf hawwuu akka qabdan dubbachuusaati. Kanaaf, “Kiristos” duukaa bu’uu kan qabnu maaliif akka ta’e qoruun keenya barbaachisaadha.—Mat. 16:13-16.

2 Warri faana Yesus Kiristos duukaa bu’uu jalqabnehoo maal gochuu qabna? Kana gochuu keenya ‘caalchifnee akka itti fufnu’ gorfamneerra. (1 Tas. 4:1, 2) Waaqeffannaa dhugaa kan fudhanne dhiheenyattis ta’e waggoota hedduu dura, sababiiwwan Kiristos duukaa itti buunurratti yaaduun keenya, gorsa Phaawulos kenne hojiirra oolchuufi yeroo kamiyyuu caalaatti Yesus duukaa bu’uuf nu gargaara. Mee sababiiwwan Kiristos duukaa bu’uu itti qabnu shan haa ilaallu.

Caalaatti Yihowaatti Dhihaachuuf

3. Yihowaa beekuu kan dandeenyu karaawwan lamaan kamiini?

3 Phaawulos, “gaara Aariyophaagos walakkaa dhaabatee” namoota Ateenaatiin akkas jedheera: “[Waaqayyo] bara isaaniitti sanyii namaa iddoo taa’umsa isaaniittis daarii itti godhe. Kanas Waaqayyoon akka isaan barbaadaniif qaqqabataniis akka isa argataniif godhe; amma illee Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo miti.” (HoE. 17:22, 26, 27) Waaqayyoon barbaaduufi isa beekuu dandeenya. Fakkeenyaaf yommuu wantoota uumaman ilaallu, waa’ee amalawwaniifi dandeettiisaa waan hedduu baranna. Hojiiwwan harkasaarratti dinqisiifannaadhaan yoo xiinxalle, waa’ee Uumaa keenyaa waan hedduu barachuu dandeenya. (Rom. 1:20) Yihowaan, Macaafa Qulqulluu keessattis waa’ee ofiisaa wantoota hedduu nuu ibseera. (2 Xim. 3:16, 17) ‘Hojiisaa yaada keenya keessa yoo keenyeefi wanta inni hojjeterratti yoo yaadne,’ caalaatti Yihowaa beekuu dandeenya.—Far. 77:12.

4. Kiristos duukaa bu’uun, caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

4 Karaan caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaaru inni guddaanimmoo, Kiristos duukaa bu’uudha. Mee “utuu biyyi lafaa hin uumamin” dura, ulfina Yesus Abbaasaa biratti qabu yaadaa. (Yoh. 17:5) Yesus “isa wanti Waaqayyo uume hundinuu biraa ka’e[dha.]” (Mul. 3:14) Inni “uumama hundumaa dura dhalate” waan ta’eef, waggoota hammana hin jedhamneef Abbaasaa Yihowaa wajjin samiirra jiraateera. Yesus nama ta’ee dhalachuusaa dura, hojii malee Abbaasaa wajjin samiirra jiraachaa hin turre. Inni michuu Waaqayyoo ture. Kana malees, Isa Hundumaa Danda’uu wajjin gammachuudhaan hojjechaa ture; kanaan kan ka’es jaalalli hundarra caalu gidduusaaniitti uumamee ture. Yesus Abbaansaa akkamitti akka hojjetu ilaaluufi miirasaa, akkasumas amalawwansaa hubachuu qofa utuu hin ta’in, waa’ee Abbaasaa wanta barate hunda fudhatee hojiirra oolcheera. Kanaan kan ka’es Ilmi abboomamaa ta’e kun akkuma Abbaasaa waan ta’eef, Macaafni Qulqulluun Yesus “bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul’atu” akka ta’e ibsa. (Qol. 1:15) Akka gaariitti Kiristos duukaa bu’uudhaan, caalaatti Yihowaatti dhihaachuu dandeenya.

Caalaatti Yihowaa Fakkaachuuf

5. Caalaatti Yihowaa fakkaachuuf kan nu gargaaru maalidha? Kan akkas jennu maaliifi?

5 ‘Akka bifa Waaqayyoofi akka fakkaattiisaatti’ waan uumamneef, amalawwan Waaqayyoo qabaachuu dandeenya. (Uma. 1:26) Phaawulos, Kiristiyaanonni ‘akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo akka fudhatan’ gorseera. (Efe. 5:1) Eenyuyyuu Yesus caalaa yaadaafi gocha Yihowaa calaqqisuu, akkasumas waa’ee Yihowaa akka gaariitti nu barsiisuu hin danda’u. Kanaaf Kiristos duukaa bu’uun, fakkeenya Abbaa keenya isa samii hordofuuf nu gargaara. Yesus yommuu lafarra ture, maqaa Yihowaa beeksisuu qofa utuu hin ta’in, Waaqayyo amalawwan akkamii akka qabus ibseera. (Maatewos 11:27 dubbisi.) Yesus, gochasaatiin, jechasaatiin barumsaafi fakkeenyasaatiin kana godheera.

6. Barumsawwan Yesus, waa’ee Yihowaa maal nu hubachiisu?

6 Yesus, wanta Waaqayyo nurraa barbaaduufi waaqeffattootasaatiif akka yaadu nu barsiiseera. (Mat. 22:36-40; Luq. 12:6, 7; 15:4-7) Fakkeenyaaf, Yesus Abboommiiwwan Kurnan keessaa tokko kan ta’eefi “Hin ejjin” jedhu erga caqasee booda, wanta namni tokko cubbuu kana hojjechuusaa dura garaasaatti yaaduuf, Waaqayyo ilaalcha akkamii akka qabu ibseera. “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jedhee ture. (Bau. 20:14; Mat. 5:27, 28) Fariisonni Seericha isa “Fira kee jaalladhu, diina kees jibbi!” jedhu dogoggoraan hubatanii kan turan si’a ta’u, Yesus garuu, “Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa!” jechuudhaan ilaalcha Yihowaan qabu ibseera. (Mat. 5:43, 44; Bau. 23:4; Lew. 19:18) Ilaalchaafi miira Waaqayyoo beekuun, akkasumas wanta inni nurraa barbaadu hubachuun keenya, caalaatti isa fakkaachuuf nu gargaara.

7, 8. Fakkeenya Yesusirraa waa’ee Yihowaa maal baranna?

7 Yesus amalawwan Abbaansaa qabu jireenyasaatiin argisiiseera. Yesus warra dhabaniif garaa laafuusaa, warra rakkataniif gadduusaafi bartootasaa warra mucoolii ifatanitti dheekkamuusaa yommuu Wangeelotarraa dubbisnu, Abbaansaas miira akkasii akka qabu hubanna. (Mar. 1:40-42; 10:13, 14; Yoh. 11:32-35) Gochi Yesus, amalawwan Waaqayyoo warra gurguddaa hubachuuf akkamitti akka nu gargaaru yaadaa. Dinqiiwwan Kiristos raawwate, humna guddaa qabaachuusaa kan argisiisan mitii? Haata’u malee, humnasaa kanaan faayidaa argachuuf ykn warra kaan miidhuuf itti hin fayyadamne. (Luq. 4:1-4) Daldaltoota sassatoo mana qulqullummaatii ari’uunsaa, wanta qajeelaa ta’e akka jaallatu argisiisa! (Mar. 11:15-17; Yoh. 2:13-16) Dubbii gaarii afaansaa keessaa ba’utti fayyadamee garaa namootaa tuquunsaa, ogummaadhaan ‘Solomoonirra akka caalu’ argisiisa. (Mat. 12:42) Macaafni Qulqulluun, ‘Namni tokko kana caalaa jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u’ jechuudhaan, jaalala Yesus lubbuusaa namootaaf dabarsee kennuudhaan argisiise ibsa.—Yoh. 15:13.

8 Ilmi Waaqayyoo, jechaanis ta’e gochasaa hundaan guutummaatti Yihowaa waan bakka bu’eef, “Namni ana arge abbaa arge” jechuu danda’eera. (Yohannis 14:9-11 dubbisi.) Kiristos duukaa bu’uun, Yihowaa duukaa bu’uu jechuudha.

Yesus Isa Yihowaan Dibedha

9. Yesus kan dibame yoomiifi akkamitti?

9 Yesus umrii waggaa 30⁠tti jechuunis, Dh.K.B. bara 29 waqtii arfaasaatti yommuu gara Yohannis Cuuphaa dhufe wanta raawwatame ilaalaa. “Yesus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo, bantiiwwan waaqaa hundinuu isaaf banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isaa in arge.” Yeroo sanatti Kiristos ykn Masiihii ta’e. Yeroo kanatti Yihowaan, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jechuudhaan Yesus kan dibame ta’uusaa beeksise. (Mat. 3:13-17) Kun, Yesus duukaa bu’uuf fedhii akka qabaannu sababii gaarii nuuf hin ta’uu?

10, 11. (a) Maqaan ulfinaa “Kiristos” jedhu, Yesusii wajjin haala wal qabateen akkamitti itti hojjetame? (b) Yesus Kiristos duukaa bu’uu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

10 Macaafa Qulqulluu keessatti maqaan ulfinaa “Kiristos” jedhu, Yesusii wajjin haala wal qabateen karaa addaddaa kan itti hojjetame si’a ta’u, isaanis Yesus Kiristos, Kiristos Yesusiifi Kiristos kan jedhanidha. Yeroo jalqabaatiif maqaa “Yesus Kiristos” jedhutti kan fayyadame Yesus yommuu ta’u, bakka kanatti maqaatti aansee maqaa ulfinaa caqaseera. Kadhannaa Abbaasaatiif dhiheesserratti, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera. (Yoh. 17:3) Caqasni kun, isa Waaqayyo ergeefi diberratti xiyyeeffata. Akkuma “Kiristos Yesus” jedhamu, maqaan ulfinaa yommuu maqaa dura galu, caalaatti xiyyeeffannaan kan kennamu maqaasaatiif utuu hin ta’in, ulfina ykn aangoosaatiif ta’uusaa argisiisa. (2 Qor. 1:1) Maqaa Yesus jedhu utuu hin galchin, maqaa ulfinaa “Kiristos” jedhutti fayyadamuunis, Masiihicha ta’uudhaan aboo inni qabu kan argisiisudha.—Yoh. 4:29.

11 Maqaan ulfinaa “Kiristos” jedhu, Yesusii wajjin haala wal qabateen karaa kamiiniyyuu yoo itti hojjetame, yaada armaan gadii nuu ibsa: Ilmi Waaqayyoo nama ta’ee gara lafaa dhufuudhaan fedha Abbaasaa kan beeksise ta’uyyuu, inni nama iddoo guddaan hin kennamneef ykn raajii tokko qofa hin turre; kanaa mannaa Isa Yihowaan Dibedha. Isa dibame kana duukaa bu’uu keenya itti fufuu qabna.

Fayyinni Kan Argamu Karaa Yesus Qofadha

12. Yesus du’uusaa dura, Toomaasitti wanta barbaachisaa akkamii hime?

12 Sababii guddaan Yesus duukaa bu’uu qabnuuf kaanimmoo, wanta Yesus du’uusaa dura duuka buutotasaa warra amanamootti dubbate keessatti argama. Yesus, akka adeemuufi iddoo akka isaanii qopheessu yommuu dubbatetti, gaaffii Toomaas kaaseef yeroo deebii kennu, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jedheera. (Yoh. 14:1-6) Yesus yeroo sanatti ergamootasaa amanamoo 11⁠tti dubbachaa ture. Yesus, samiirra akka jiraatan abdii kan isaanii kenne ta’us, wanti inni dubbate kun namoota barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qabaniifis hiika guddaa qaba. (Mul. 7:9, 10; 21:1-4) Kana kan jennu maaliifi?

13. Yesus ‘karicha’ kan jedhame maaliifi?

13 Yesus Kiristos ‘karichadha.’ Kana jechuun, Waaqayyotti dhihaachuun kan danda’amu karaasaa qofadha jechuudha. Yaanni kun kadhannaarrattis ni hojjeta. Waaqayyo fedhasaa wajjin haala walsimuun yommuu isa kadhannu deebii kan nuu kennu, karaa Yesus yoo isatti dhihaanne qofadha. (Yoh. 15:16) Haata’u malee, Yesus sababii ‘karicha’ itti jedhame garabiraas qaba. Cubbuun, ilmaan namootaa Waaqayyorraa fageesseera. (Isa. 59:2) Yesus, “lubbuu isaa furii namoota baay’eedhaaf” kenneera. (Mat. 20:28) Kanaan kan ka’es Macaafni Qulqulluun, “Dhiigni . . . Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa” jechuudhaan ibsa. (1 Yoh. 1:7) Kanaaf Yesus Waaqayyoo wajjin akka araaramnu karaa nuu baneera. (Rom. 5:8-10) Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandeenyu, Yesusitti yoo amanneefi isaaf yoo abboomamnedha.—Yoh. 3:36.

14. Yesus “dhugaa” kan jedhame maaliifi?

14 Yesus “dhugaa” kan jedhame, yeroo hunda dhugaa waan dubbateefi dhugaatti waan jiraateef qofa utuu hin ta’in, raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee barreeffaman hundis isarratti waan raawwatamaniifidha. Phaawulos, “Abdiin Waaqayyoo hundinuu karaa Kristos ‘haa ta’u’ jedhamanii in raawwatamu” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 1:20) Wantoonni Seera Musee keessatti ibsamaniifi “gaaddidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran” jedhaman, Yesus Kiristosirratti raawwatamaniiru. (Ibr. 10:1; Qol. 2:17) Raajiiwwan hundi Yesusirratti kan xiyyeeffatan si’a ta’u, isaanis raawwii kaayyoo Waaqayyoo keessatti ga’ee guddaa Yesus qabu hubachuuf nu gargaaru. (Mul. 19:10) Kaayyoo Waaqayyo nuu qopheesserraa faayidaa argachuu yoo barbaanne, Masiihicha duukaa bu’uu qabna.

15. Yesus “jireenya” kan jedhame maaliifi?

15 Yesus dhiigasaatiin ilmaan namootaa waan biteefi Waaqayyo kennaa jireenya barabaraa kan nuu kennu “karaa Kristos Yesus Gooftaa keenyaa” waan ta’eef, inni “jireenya” jedhameera. (Rom. 6:23, NW) Yesus namoota du’aniifis ‘jireenya.’ (Yoh. 5:28, 29) Mee wanta Yesus Hangafa Lubootaa ta’uudhaan bulchiinsasaa isa Barkumeetti raawwatu yaadaa. Yesus namoota lafarra jiraataniifi isaaf abboomaman, barabaraaf cubbuufi du’a jalaa ni oolcha.—Ibr. 9:11, 12, 28.

16. Yesus duukaa bu’uuf sababii akkamii qabna?

16 Deebiin Yesus Toomaasiif deebise nuufis hiika guddaa qaba. Karichi, dhugaan jireenyis Yesusidha. Inni isa biyyi lafaa karaasaa fayyina akka argatuuf Waaqayyo gara biyya lafaatti ergedha. (Yoh. 3:17) Eenyuyyuu karaasaa yoo ta’e malee gara Abbaa dhufuu hin danda’u. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibsa: “Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne.” (HoE. 4:12) Kanaafuu, wanti kanaan dura itti amanaa turre maaliyyuu yoo ta’e, Yesusitti amanuufi isa duukaa bu’uudhaan jireenya argachuun keenya ogummaadha.—Yoh. 20:31.

Kiristosiin Akka Dhageenyu Abboomamneerra

17. Ilma Waaqayyoo dhaga’uun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

17 Phexros, Yohannisiifi Yaaqoob Yesus haala dinqii ta’een yommuu jijjiiramu arganiiru. Yeroo sanatti sagalee, “Kun ilma koo isa ani fo’adhee dha, isa dhaga’aa!” jedhu samiirraa dhaga’aniiru. (Luq. 9:28, 29, 35) Abboommii Masiihicha akka dhageenyu nuu kennameef ajajamuun keenya baay’ee barbaachisaadha.—Hojii Ergamootaa 3:22, 23 dubbisi.

18. Yesus Kiristosiin kan dhageenyu akkamitti?

18 Yesusiin dhaga’uun, ‘isarraa ija buqqifachuu dhiisuufi fakkeenyasaa yaadatti qabachuu’ dabalata. (Ibr. 12:2, 3) Kanaaf, Yesusiin ilaalchisee wantoota Macaafa Qulqulluurraas ta’e barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessurraa dubbisnu, akkasumas waa’eesaa wanta walga’iiwwan gumiirratti dhageenyu, “caalchifnee yaadaan duukaa bu’uu” qabna. (Ibr. 2:1; Mat. 24:45) Tiksee keenya kan ta’e Yesusiin dhaga’uufi isa duukaa bu’uuf fedhii haa qabaannu!—Yoh. 10:27.

19. Yeroo hunda Yesus duukaa bu’uuf kan nu gargaaru maalidha?

19 Rakkinni fedheyyuu yoo nu mudate, Yesus duukaa bu’uutti milkaa’uu dandeenyaa? ‘Amantiifi jaalala karaa Kiristos Yesus argamutti qabamnee geggeeffamuufi’ wanta baranne hojiirra oolchuudhaan, ‘dubbii sirrii sana geggeessaa godhannee duukaa bu’uutti’ milkaa’ina argachuu dandeenya.—2 Xim. 1:13.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Barumsi Yesus yaada Yihowaa isa guddaa argisiisa

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Amanamummaadhaan Yesus Isa Yihowaan Dibe duukaa bu’uu qabna

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Yihowaan, ‘Kun Ilmakooti isa dhaga’aa’ jedheera

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Maal Baratte?

• “Kiristos” duukaa bu’uun, caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

• Yesusiin fakkaachuun, Yihowaa fakkaachuu wajjin tokko kan ta’e maaliifi?

• Yesus ‘karicha, dhugaafi jireenya’ kan ta’e akkamitti?

• Isa Yihowaan Dibe dhaga’uu kan qabnu maaliifi?