Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abbootiin Manaa Jaalala Akka Kiristos Qabaadhaa!

Abbootiin Manaa Jaalala Akka Kiristos Qabaadhaa!

Abbootiin Manaa Jaalala Akka Kiristos Qabaadhaa!

YESUS galgala jireenyasaa lafarraa xumuruuf jedhetti, bartootasaa amanamoo ta’aniin akkas jedheera: “Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku.” (Yoh. 13:34, 35) Eeyyee, Kiristiyaanonni dhugaan wal jaallachuu qabu.

Phaawulos abbootii manaa Kiristiyaana ta’aniin akkas jedheera: “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!” (Efe. 5:25) Keessumaa abbaan manaa haadha manaa Yihowaadhaaf of murteessite qabu tokko, gorsa Caaffata Qulqullaa’aa kana hojiirra oolchuu kan danda’u akkamitti?

Kiristos Gumiidhaaf Ni Dhimma

Macaafni Qulqulluun, “Abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta’aaf” jedha. (Efe. 5:28, 29) “Namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata. Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe.” (Efe. 5:28, 29) Yesus bartootasaa baay’ee jaallata, isaaniifis ni dhimma ture. Mudaa kan qaban ta’anillee, gaarummaadhaan isaan qaba ture. ‘Waldaasaa ulfinaan of dura dhaabuu’ waan barbaaduuf, amalawwan gaarii bartoonnisaa qabanirratti xiyyeeffateera.—Efe. 5:27.

Akkuma Kiristos jaalala gumiidhaaf qabu argisiise, abbaan manaas jaalala haadha manaasaatiif qabu jechaafi gochaan argisiisuu qaba. Haati manaa abbaan manaashee yeroo hunda akka ishee jaallatu ibsuuf tokko, akka isheedhaaf dhimmu waan hubattuuf ni gammaddi. Karaa biraammoo, dubartiin wanti hundi guutameef tokko, abbaan manaashee xiyyeeffannaa hin kennuuf taanaan baay’ee gadduu dandeessi.

Abbaan manaa haadha manaasaatiif akka dhimmu kan argisiisu akkamitti? Yommuu warra kaanii wajjin ta’an, haala ulfina qabuun namootaa wajjin wal ishee barsiisa; gargaarsa gootuufis ishee galateeffata. Haati manaasaa milkaa’ina maatichaatiif ga’ee guddaa raawwatteetti taanaan, warra kaanitti himuurraa of qusachuu hin qabu. Yeroo kophaasaanii ta’an, jaalala isheef qabaachuufi dhiisuusaa hubachuu dandeessi. Harkaan qaqqabuu, fuula ifaadhaan haasofsiisuu, hammachuufi galateeffachuun waan salphaa fakkaatullee, dubartii tokkoof iddoo guddaa qaba.

“‘Obboloota Koo’ Jedhee Isaan Waamuu Hin Yeella’u

Kiristos Yesus duuka buutotasaa warra dibamoo ta’an, “‘obboloota koo’ jedhee isaan waamuu hin yeella’u.” (Ibr. 2:11, 12, 17) Lamaan keessaniyyuu Kiristiyaana yoo taatan, haati manaakee obboleettiikees ta’uushee yaadadhu. Haati manaakee kan cuuphamte, utuu sitti hin heerumin duras ta’e, erga sitti heerumtee booda yoo ta’e, Yihowaadhaaf of murteessuunshee waadaa gaa’elaasheerra akka caalu hubadhu. Obboleessi walga’ii geggeessu yommuu haadha manaakee deebii gaafatu, “Obboleettii keenya” jedhee waamuunsaa sirriidha. Haati manaakee Galma Mootummaa keessatti qofa utuu hin ta’in, manattis obboleettii keeti. Akkuma Galma Mootummaa keessatti godhamu, manattis gaarummaafi kabajaan ishee haasofsiisuun barbaachisaadha.

Gumii keessatti mirgawwan tajaajilaa dabalataa yoo qabaatte, yeroo tokko tokko itti gaafatamummaa gumiifi maatii wal cina raawwachuun si rakkisuu danda’a ta’a. Jaarsoliifi tajaajiltoota gidduu qindoominni gaariin yoo jiraateefi itti gaafatamummaakee warra kaaniif kan hirtu yoo ta’e, haadha manaakee ishee caalaatti si barbaadduu wajjin ta’uuf yeroo ga’aa argachuu dandeessa. Obboloonni hojii gumii keessatti sii kenname hojjechuu danda’an hedduun akka jiran beekamaadha; haadha manaakeetiif hiriyaa gaa’elaa kan ta’e garuu si qofadha.

Irra caalaammoo ati mataa haadha manaa keeti. Macaafni Qulqulluun, “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa” akka ta’e ibsa. (1 Qor. 11:3) Itti gaafatamummaa mataa ta’uudhaan qabdu raawwachuun kan sirra jiru akkamitti? Caqasa armaan olii irra deddeebitee caqasuufi ulfina naa kenni jechuudhaan utuu hin ta’in, jaalalaan ta’uu qaba. Itti gaafatamummaa mataa ta’uudhaan qabdu sirriitti raawwachuu kan dandeessu, fakkeenya Yesus hordofuudhaan haadha manaakee akka gaariitti yoo qabdedha.—1 Phe. 2:21.

“Isin Michoota Koo Ti”

Yesus akkas jechuudhaan bartoonnisaa michootasaa akka ta’an dubbateera: “Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota [“michoota,” hiika bara 1899] koo ti. Ani garboota isiniin hin jedhu, garbichi waan gooftaan isaa godhu hin beeku’o; ani garuu firoota [“michoota,” hiika bara 1899] koo isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhaga’e hundumaas isin beeksiseera.” (Yoh. 15:14, 15) Yesusiifi bartoonnisaa akka gaariitti waliin haasa’u turan. Wantoota baay’ees waliin hojjetu turan. “Yesuusii fi bartoonni isaa” cidha Qaanaatti godhamerratti afeeramanii turan. (Yoh. 2:2) Iddoo akka dhaaba ashaakiltii Getesemaanee waliin dhaquu jaallatu turan. Macaafni Qulqulluun, “Yesus yeroo baay’ee bartoota isaa wajjin achitti wal arga” ture jechuudhaan dubbata.—Yoh. 18:2.

Haati manaa abbaa manaasheetiif hiriyaa dhihoo akka taate itti dhaga’amuu qaba. Abbaan manaafi haati manaa waliin gammaduun keessan barbaachisaadha! Waliin ta’uudhaan Waaqayyoon tajaajilaa. Macaafa Qulqulluu waliin qayyabachuutti gammadaa. Waliin adeemuu, haasa’uufi nyaachuudhaan yeroo dabarsaa. Hiriyaa gaa’elaa qofa utuu hin ta’in michoota walii ta’aa.

“Hamma Dhumaatti Jaalala Guutuu Isaan Argisiise”

Yesus bartootasaa ‘hamma dhumaatti jaallateera.’ (Yoh. 13:1) Abbootiin manaa tokko tokko gama kanaan Kiristosiin fakkaachuu dhiisaniiru. ‘Haadha manaa qeerrummaasaanii’ dhiisuudhaan, ishee ijoollee taate fuudhu.—Mil. 2:14, 15.

Namoonni akka Viiliimmoo Kiristosiin ni hordofu. Haati manaa Viilii fayyaa dhabuusheetiin kan ka’e, waggoota hedduuf kunuunsi ishee barbaachisee ture. Viiliin haala kanaaf ilaalcha akkamii qaba ture? Akkas jedhe: “Haadha manaakoo yeroo hundumaa akka kennaa Waaqayyorraa naa kennamtetti waanan ilaaluuf, bakka guddaan isheedhaa kenna. Kana malees waggaa 60 dura, yeroo gaariittis ta’e yeroo gadheetti, ishee kunuunsuuf waadaa galeera. Waadaa kana tasumaa hin irraanfadhu.”

Abbootiin manaa Kiristiyaana taatan jaalala akka Kiristos qabaadhaa. Haadha manaa, obboleettiifi hiriyaa keessan ishee Waaqayyoon sodaattuuf dhimmaa.

[Fakkii fuula 20rra jiru]

Atiifi haati manaakee michuu waliitii?

[Fakkii fuula 20rra jiru]

‘Haadha manaakee jaalladhu’