Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Inni Rakkina Keenya Ni Hubata

Inni Rakkina Keenya Ni Hubata

Waaqayyotti Dhihaadhu

Inni Rakkina Keenya Ni Hubata

Lewwoota 5:2-11

OBBOLEETTIIN tokko wanta Yihowaa gammachiisuudhaaf raawwatte ilaalchisee, “Hamma humnikoo danda’u carraaqeera, ta’us wantin godhe ga’aa akka ta’e natti dhaga’amee hin beeku” jechuudhaan dubbatteetti. Yihowaan, carraaqqii waaqeffattoonnisaa hamma danda’an godhanitti ni gammadaa? Dandeettii isaan qabaniifi haalawwan isaan keessa jiran xiyyeeffannaa keessa ni galchaa? Deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf, aarsaawwan dhihaachuu qaban tokko tokko ilaalchisee, yaadawwan Seera Musee keessatti kennamaniifi Lewwoota 5:2-11⁠rra jiran haa ilaallu.

Waaqayyo, Seericha keessatti dhiifama cubbuu argachuuf aarsaawwan addaddaa akka dhihaatan gaafata ture. Caqasni armaan olii, namoonni utuu hin beekin ykn utuu itti hin yaadin cubbuu akka hojjetan ibsa. (Lakkoofsa 2-4) Namni tokko cubbuu hojjechuusaa erga hubatee booda garuu, cubbuu hojjete sana ni himata; cubbuusaatiifis “hoolaa goromtii yookiis reettii goromtii” aarsaa godhee dhiheessa. (Lakkoofsa 5, 6) Namichi kun harka qalleessa waan ta’eef, hoolaa ykn reettii hin qabu yoo ta’ehoo? Seerichi namni kun horii aarsaadhaaf dhihaatu liqeeffatee akka dhiheessuufi idaa keessa akka galu gaafataa? Yookiinimmoo qarshii horii kana bituuf isa dandeessisu hojjetee hamma argatutti, cubbuusaatiif aarsaa utuu hin dhiheessin turuu qabaa?

Seerichi Yihowaan baay’ee akka nuuf yaadu yommuu ibsu akkas jedha: “Namichi cubbuu isa hojjete sanaaf aarsaa sababii yakkaatiif dhi’aatuuf xobbaallaa hoolaa dhi’eessuu yoo dadhabe, gugee horaa lama yookiis gugee ishee kaan sosokkee lama, . . . ana Waaqayyoof haa dhi’eessu!” (Lakkoofsa 7) Jechi “dhiheessuu yoo dadhabe” jedhu, “harka qalleessa yoo ta’e” jedhamees hiikamuu ni danda’a. Namni Israa’el tokko hiyyeessa xobbaallaa hoolaa dhiheessuu hin dandeenye yoo ta’e, wanta humnisaa danda’e, jechuunis gugee horaa lama ykn gugee sosokkee lama yoo dhiheesse Waaqayyo aarsaa kanatti ni gammada ture.

Namni tokko simbirroota lamallee dhiheessuu hin danda’u yoo ta’e maal godha? Seerichi, “Aarsaa isaatiif daakuu qamadii ba’eessaa eefaa tokko keessaa harka kurnaffaa haa dhi’eessu!” jedha. (Lakkoofsa 11) Yihowaan, namoonni harka qalleeyyii ta’an aarsaa dhiiga hin qabne akka dhiheessan heyyamuudhaan, qophii adda ta’e godheera. * Israa’el durii keessatti hiyyummaan, namni tokko dhiifama cubbuu akka hin arganne ykn Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii akka hin qabaanne gochuu hin danda’u ture.

Seera, aarsaa sababii yakkaatiif dhihaatu ilaalchisee kennamerraa waa’ee Yihowaa maal baranna? Waaqayyo, Waaqa gara laafessaafi rakkina waaqeffattootasaa hubatudha. (Faarfannaa 103:14) Waaqayyo, haalawwan rakkisaa kanneen akka, dulluma, dhibee fayyaa, itti gaafatamummaa maatii ykn kan biroo qabaannus, isatti akka dhihaannuufi isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaannu barbaada. Yihowaan wanta humni keenya danda’u yommuu raawwannu akka gammadu beekuun keenya nu jajjabeessuu danda’a.

[Miiljaleewwan]

^ key. 7 Cubbuu raawwatameef dhiifama kan argamsiisu dhiiga horii waan ta’eef, Waaqayyo dhiiga kana akka qulqulluutti ilaala. (Lewwoota 17:11) Kana jechuun garuu, daakuun qamadii namni harka qalleessi tokko aarsaadhaaf dhiheessu gatii hin qabu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Yihowaan, namoota gad of deebisaniifi fedhiidhaan aarsaa akkasii dhiheessaniif bakka guddaa kenna. Kana malees, Guyyaa Araaraa waggaatti al tokko godhamutti hiyyeessota dabalatee, Israa’eloota hundaaf aarsaan dhiifama cubbuu argamsiisu Waaqayyoof ni dhihaata ture.—Lewwoota 16:29, 30.