Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhugaa Namatti Dubbadhaa!

Dhugaa Namatti Dubbadhaa!

Dhugaa Namatti Dubbadhaa!

“Namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu!”—EFE. 4:25.

1, 2. Namoonni hedduun dhugaaf ilaalcha akkamii qabu?

DHUGAAN waggoota hedduudhaaf namoota wal falmisiisaa tureera. Dh.K.D. jaarraa ja’affaatti, Aalkaaliyos inni barreessaa walaloo Giriikii ta’e, “Dhugaan wayinii keessatti argama” jechuudhaan barreesseera. Kana jechuun, namni tokko dhugaa kan dubbatu yoo wayinii dhugee machaa’eefi tariimmoo dubbachuuf yeroo hawwii guddaa qabaatu qofadha jechuudha. Bulchaa warra Roomaa jaarraa jalqabaa kan ture Philaaxosis, Yesusiin “Dhugaan maal inni?” jedhee gaafachuunsaa dhugaadhaaf ilaalcha sirrii kan hin qabne ta’uusaa argisiisa.—Yoh. 18:38.

2 Bara keenyattis dhugaa ilaalchisee ilaalchawwan wal faallessan hedduutu jira. Namoonni hedduun jechi “dhugaa” jedhu, hiika baay’ee qaba ykn akkuma ilaalcha namootaatti addaddadha jedhu. Kaanimmoo, dhugaan kan dubbatamu faayidaa kan argamsiisu ykn rakkinarra kan nama hin buufne yoo ta’e qofadha jedhu. Kitaabni Za Impoortaansi oov Laayiingi jedhamu akkas jedha: “Dhugaa dubbachuun amala bakki guddaan kennamuuf ta’us, qabsoo jireenyaaf godhamurratti ooluufi nageenya ofii eeguuf garuu faayidaa hin qabu. Gama kanaan namni filannoo baay’ee hin qabu—jiraachuuf sobuu qaba.”

3. Dhugaa dubbachuu ilaalchisee, Yesus fakkeenya gaarii nuu ta’a kan jennu maaliif?

3 Ilaalchi bartoota Kiristos garuu kanarraa addadha! Dhugaa ilaalchisee yaadawwan armaan olitti ibsaman, ilaalcha Yesus dhugaaf qabu wajjin kan wal faallessanidha. Inni yeroo hundumaa dhugaa dubbata ture. Dinoonnisaallee, “Yaa barsiisaa, akka ati dhuga-qabeessa taate, karaa Waaqayyoos dhugaadhumaan akka barsiiftu beekna” jedhaniinii turan. (Mat. 22:16) Kiristiyaanonni dhugaa yeroo har’aatti argamanis fakkeenya Yesus hordofu. Yoomiyyuu dhugaa dubbachuurraa duubatti hin jedhan. Gorsa Phaawulos namoota hidhata amantiisaa ta’an akkas jechuudhaan gorsee garaa guutuudhaan fudhatu: “Namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu!” (Efe. 4:25) Mee gorsa Phaawulos kenne kallattii sadiin haa qorru. Tokkoffaa, nama kan jedhame eenyu? Lammaffaa, dhugaa dubbachuu jechuun maal jechuudha? Sadaffaa, gorsa kana jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

Nama Kan Jedhame Eenyu?

4. Haala geggeessitoota Yihudootaa jaarraa jalqabaarraa faallaa ta’een, Yesus ilaalcha Yihowaan namootaaf qabu kan argisiise akkamitti?

4 Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti geggeessitoonni Yihudootaa tokko tokko, “nama” jedhanii kan waaman Yihudoota ykn michootasaanii qofa ture. Yesus garuu, amalaafi ilaalcha Abbaasaa akka gaariitti argisiiseera. (Yoh. 14:9) Waaqayyo sanyii ykn lammii tokko isa kaanirra akka hin caalchisne bartootasaatti argisiiseera. (Yoh. 4:5-26) Kana malees, Phexros ergamaan waan hafuurri qulqulluu isatti mul’ise, “Waaqayyo akka nama wal hin caalchifne . . . Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa dha” jedhuudhaan ibseera. (HoE. 10:28, 34, 35) Kanaaf, diinoota keenya dabalatee namoota hundumaa jaallachuu qabna.—Mat. 5:43-45.

5. Namootatti dhugaa dubbachuu jechuun maal jechuudha?

5 Haata’u malee, Phaawulos namootatti dhugaa akka dubbannu yeroo nu gorsu maal jechuusaa ture? Dhugaa dubbachuun, odeeffannoo sirrii gowwoomsaarraa walaba ta’e dubbachuu kan dabalatudha. Kiristiyaanonni dhugaan namoota dogoggorsuuf dhugaasaa hin jal’isan ykn hin micciiran. ‘Waan hamaa in jibbu, wanta gaarii ta’etti qabamanii jiraatu.’ (Rom. 12:9) Fakkeenya “Waaqa dhugaa” hordofuudhaan, dubbii keenyaanis ta’e gocha keenyaan amanamoo ta’uufi dhugaasaa utuu hin jal’isin ifatti dubbachuuf carraaquu qabna. (Far. 15:1, 2; 31:5, hiika bara 1899) Kan nama saalfachiisu ykn kan namatti hin tolle ta’ullee waan dubbannu of eeggannoodhaan filachuudhaan, utuu hin sobin dhimma sana malaan hiikuun ni danda’ama.—Qolosaayis 3:9, 10 dubbisi.

6, 7. (a) Dhugaa dubbachuu qabna jechuun, nama dhimma dhuunfaa keenyaa nu gaafate hundaaf deebii kennuu qabna jechuudhaa? Ibsi. (b) Gaaffii gaafataniif deebii guutuu argachuuf mirga kan qabnu eenyufa’itti?

6 Namootatti dhugaa dubbanna jechuun, dhimma tokko ilaalchisee nama nu gaafate kamiifiyyuu waan beeknu hunda himuu qabna jechuudhaa? Ta’uu dhiisuu danda’a. Yesus yeroo lafarra turetti, namoota tokko tokkoof kallattiidhaan deebii kennuun ykn dhimmawwan murtaa’an isaanitti himuun barbaachisaa akka hin taane argisiiseera. Yesus geggeessitoonni amantii of hin arginee ta’an, humna ykn aangoo maaliitiin milikkitaafi dinqii akka raawwatu yeroo isa gaafatanitti, “Ani dubbii tokkon isin gaafadha, anaaf deebisaa! Anis gooftummaa maaliitiin kana hundumaa akkan godhu isinitti nan hima” jedhee deebiseefii ture. Barsiisonni seeraafi maanguddoonni deebii kennuu yeroo didanitti, Yesus “Egaa anis kana hundumaa gooftummaa maaliitiin akkan godhu isinitti hin himu” isaaniin jedhe. (Mar. 11:27-33) Gochisaanii manca’aa waan ta’eefi amanamoo waan hin taaneef, gaaffii isaan gaafatan deebisuuf dirqamni akka isarra hin jirre itti dhaga’ameera. (Mat. 12:10-13; 23:27, 28) Haaluma wal fakkaatuun yeroo har’aas, sabni Yihowaa gantootaafi namoota hamoo kaayyoo dhuunfaasaaniitiif haxxummaadhaan nama gowwoomsanirraa fagaachuu qabu.—Mat. 10:16; Efe. 4:14.

7 Phaawulosis namoota nu gaafatan tokko tokkoof guutummaatti deebii kennuun barbaachisaa akka hin taane ibseera. “Jette-jettee in baay’isu, dhimma namaa keessas in lixu, wanta dubbachuun isaaniif hin taanes in dubbatu” jechuudhaan ibseera. (1 Xim. 5:13) Namoonni, namoota dhimma namaa keessa lixanitti ykn iccitii eeguu hin dandeenyetti, waa’ee dhimma dhuunfaasaanii dubbachuu akka hin barbaanne beekamaadha. Gorsa Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Jireenya gabii jiraachuu, maayii keessan dhimma baafachuu . . . ulfinatti lakkaa’adhaa!” jechuudhaan kenne hordofuun baay’ee barbaachisaadha. (1 Tas. 4:11) Al tokko tokko garuu, jaarsoliin gumii hojii isaanitti kenname raawwachuuf jecha, dhimmawwan dhuunfaa keenya ilaalchisee gaaffii nu gaafatu ta’a. Yeroo akkasiitti, dhugaa dubbachuu keenya kan dinqisiifatan ta’uusaaniirrayyuu, akkas gochuun keenya hojiisaanii salphisaaf.—1 Phe. 5:2.

Maatii Wajjin Haala Wal Qabateen Dhugaa Dubbachuu

8. Dhugaa dubbachuun miseensonni maatii akka walitti dhihaatan kan gargaaru akkamitti?

8 Yeroo baay’ee hariiroo cimaa kan qabaannu miseensota maatii keenyaa wajjinidha. Hariiroo kana jabeessuuf, dhugaa walitti dubbachuun baay’ee barbaachisaadha. Rakkoofi wal hubachuu dhabuu gidduu keenyatti uumaman hedduun, ifattiifi gaarummaan dubbachuudhaan hir’isuu ykn hambisuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, yeroo dogoggora tokko raawwannu hiriyaa gaa’elaa, ijoollee ykn miseensota maatii keenya kaanitti himuurraa duubatti jennaa? Garaadhaa dhiifama gaafachuun maatii keessatti nagaafi tokkummaan akka dagaagu gargaara.—1 Phexros 3:8-10 dubbisi.

9. Dhugaa dubbachuun miira namootaatiif of eeggannoo utuu hin godhin, waanuma afaanitti nu dhufe dubbachuuf sababa ta’uu kan hin qabne maaliifi?

9 Dhugaa dubbanna jechuun of eeggannoo tokko utuu hin godhin waanuma afaanitti nu dhufe dubbanna jechuu miti. Wanti dubbannu dhugaa yoo ta’eyyuu, akkaataan itti dubbannu yaanni keenya fudhatama akka argatu ykn akka dhabu gochuu danda’a. Phaawulos akkas jedheera: “Hadhaa’ummaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu! Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!” (Efe. 4:31, 32) Karaa gaarummaafi ulfina qabuun dubbachuun keenya, wanti dubbannu fudhatama akka argatuufi namoota itti dubbannu akka kabajnu argisiisa.—Mat. 23:12.

Gumii Wajjin Haala Wal Qabateen Dhugaa Dubbachuu

10. Dhugaa dubbachuu ilaalchisee jaarsoliin gumii fakkeenya Yesusirraa maal barachuu danda’u?

10 Yesus karaa salphaafi ifa ta’een ergamootasaa barsiisa ture. Gorsisaa yeroo hundumaa jaalalarratti kan hundaa’e ta’us, dhaggeeffattootasaa gammachiisuuf jecha dhugaa jiru irra dibee hin dubbanne. (Yoh. 15:9-12) Fakkeenyaaf, Yesus ergamoonnisaa isaan keessaa eenyu akka caalu irra deddeebi’anii yeroo wal mormanitti, gad of deebisuun barbaachisaa ta’uusaa jabeessee ibsus obsaan isaan gargaareera. (Mar. 9:33-37; Luq. 9:46-48; 22:24-27; Yoh. 13:14) Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliin gumii qajeelummaadhaaf ejjennoo jabaa qabaatanis karra Waaqayyoorratti gooftummaa hin argisiisan. (Mar. 10:42-44) Hariiroo namootaa wajjin qabaniin, gorsa “walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa” jedhuu wajjin haala wal simuun fakkeenya Kiristos hordofu.

11. Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu arraba keenyatti akkamitti akka fayyadamnu nu kakaasuu qaba?

11 Obboloota keenyatti dhugaa dubbachuun barbaachisaa ta’us, wanta nutti dhaga’ame hunda dubbanna jechuu miti; akkas gochuun keenya utuu isaan hin mufachiisin yaada keenya ibsuuf nu gargaara. Dhugumayyuu, arrabni keenya akka “qarabaa qaramaa” akka ta’uufi dubbii nama madeessu ykn nama salphisu dubbachuudhaan warra kaan akka miidhuu tasumaa hin barbaannu. (Far. 52:2; Fak. 12:18) Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu ‘arraba keenya hamaattii, afaan keenyas sossoba dubbachuuttii akka eegnu’ nu kakaasa. (Far. 34:13) Akkas gochuudhaan, Waaqayyoof ulfina kennina, akkasumas nagaan gumii keessatti akka dagaagu goona.

12. Koree murtiitiin kan ilaalamu soba akkamiiti? Ibsi.

12 Jaarsoliin, namoota ta’e jedhanii hamminaan soba dubbatanirraa gumii eeguuf jabaatanii hojjetu. (Yaaqoob 3:14-16 dubbisi.) Ta’e jedhanii hamminaan soba dubbachuun nama tokko miidhuuf dubbatama; kaayyoonsaas namni sun akka dhiphatu ykn akka gaddu gochuudha. Sobni akkasii, wantoota miidhaa hin geessisne fakkaatan dubbachuu, dubbii nama dogoggorsiisu ykn dhugaa jiru tokko arbeessanii dubbachuurraa addadha. Sobni hundi dogoggora akka ta’e beekamaadha; ta’us wanti dhugaa hin taane waan dubbatameef qofa koree firdiitti dhihaata jechuu miti. Kanaaf, jaarsoliin sobni namni tokko dubbate itti yaadamee ykn ta’e jedhee hamminaan kan dubbatame, kan amaleeffatame, akkasumas koree firdiitti kan dhiheessu ta’uusaa murteessuuf ilaalcha sirriifi hubannaa qabaachuu isaan barbaachisa. Al tokko tokko gorsa jabaa jaalalarratti hundaa’e kennuun qofti ga’aa ta’uu danda’a.

Hojii Wajjin Haala Wal Qabateen Dhugaa Dubbachuu

13, 14. (a) Namoonni tokko tokko, nama isaan qacareef amanamoo utuu hin ta’in kan hafan karaawwan kamiini? (b) Bakka hojiitti amannamoo ta’uufi dhugaa dubbachuun bu’aa akkamii argamsiisa?

13 Yeroo itti amanamummaa dhabuun babal’ate keessa jiraanna; kanaaf, qorumsa nama nu hojjechiisu akka sobnu nu godhu mo’uun ulfaataa ta’uu danda’a. Namoonni hedduun hojii qacaramuuf yeroo iyyata galchatan ni sobu. Fakkeenyaaf, hojii miindaa guddaa isaaniif argamsiisu argachuuf jecha muuxannoo ykn sadarkaa barumsaasaanii ilaalchisee ragaa sobaa dhiheessu ta’a. Karaa biraatiinimmoo, namoonni hedduun seera dhaabbata keessaa hojjetanii wajjin kan wal faalleessu ta’us, sa’aatii hojiitti hojii dhuunfaasaanii hojjetu. Barreeffamoota hojiisaanii wajjin walitti dhufeenya hin qabne dubbisu, dhimma dhuunfaasaaniitiif bilbilu, meeshaa elektirooniksiitiin ergaa dhuunfaa walii ergu ykn Intarneetii sakatta’u ta’a.

14 Kiristiyaanonni dhugaa, amanamummaafi dhugaa dubbachuun filannoo dhuunfaaf kan dhiifame qofa godhanii hin ilaalan ta’a. (Fakkeenya 6:16-19 dubbisi.) Phaawulos, “Nuyi karaa hundumaa waan gaarii hojjechuuf [“haqaan jiraachuuf,” NW] hawwa” qabna jedheera. (Ibr. 13:18) Kanaaf, Kiristiyaanonni mindaa guyyaa guutuuf isaaniif kaffalamuuf guyyaa guutuu hojjechuu qabu. (Efe. 6:5-8) Namni hojiisaatti cimaa ta’es Abbaasaa isa samiitiif ulfina argamsiisa. (1 Phe. 2:12) Fakkeenyaaf, Roobeertoo inni biyya Ispeen jiraatu, nama amanamaafi itti gaafatamummaan isatti dhaga’amu waan ta’eef, namni isa hojjechiisu isa galateeffateera. Amalli gaariin Roobeertoon argisiise, dhaabbatichi Dhugaa Baatota garabiraas akka qacaru godheera. Isaanis hojiisaanii ciminaan akka hojjetan mirkaneessaniiru. Waggoottan darbanitti, Roobeertoon Dhugaa Baatonni 23fi namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan 8 akka qacaraman godheera!

15. Kiristiyaanni hojii daldalaarratti bobba’e dhugaa dubbachuusaa akkamitti argisiisuu qaba?

15 Hojii dhuunfaa keenyaa kan hojjennu taanaan, haala hojii keenyaa wajjin walqabate hundaan namootatti dhugaa dubbannamoo al tokko tokko wanta dhugaa hin taane dubbanna? Kiristiyaanni hojii daldalaarratti bobba’e tokko mi’isaa dafee akka isaaf gurguramu gochuuf jecha wanta namoota dogoggorsu dubbachuu, akkasumas matta’aa kennuus ta’e fudhachuu hin qabu. Wanta warri kaan akka nuu godhan barbaannu, nuyis isaaniif gochuu barbaanna.—Fak. 11:1; Luq. 6:31.

Warra Aboo Qabanitti Dhugaa Dubbachuu

16. Kiristiyaanonni (a) warra biyya bulchuuf aboo qabaniif maal kennuu qabu? (b) Yihowaafoo?

16 Yesus, “Egaa mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa; Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa!” jedheera. (Mat. 22:21) Wanti mootummaan, jechuunis namoonni biyya bulchuuf aboo qaban ‘fudhachuun isaaniif ta’u’ maalidha? Yesus kana kan dubbate haala gibira kaffaluu wajjin wal qabateenidha. Kanaaf, Kiristiyaanonni Waaqayyoofi namoota duratti yaada garaa nama hin ceephaane qabaachuuf, gibira kaffaluu dabalatee seera biyyasaanitiif ni abboomamu. (Rom. 13:5, 6) Haata’u malee, Yihowaan uumama cufarratti Olaantummaa kan qabuufi Waaqa dhugaa tokkicha ta’uusaa waan amannuuf garaa, jireenya, yaadaafi humna keenya guutuudhaan isa jaallanna. (Mar. 12:30; Mul. 4:11) Kanaaf daangaa tokko malee Yihowaadhaaf bitamna.—Faarfannaa 86:11, 12 dubbisi.

17. Sabni Yihowaa mootummaarraa gargaarsa argachuuf ilaalcha akkamii qabu?

17 Biyyoonni hedduun qophii lammiiwwansaanii rakkatan gargaaruuf isaan dandeessisu qabu. Kiristiyaanni tokko ulaagaa barbaadamu kan guutu taanaan gargaarsa akkasii fudhachuunsaa dogoggora hin qabu. Haata’u malee, gargaarsa akkasii argachuuf jecha namoota biyya bulchuuf aboo qabaniif odeeffannoo dogoggoraa kan kenninu taanaan, namootatti dhugaa dubbachaa jirra jechuu hin dandeenyu.

Eebba Dhugaa Dubbachuudhaan Argamu

18-20. Namootatti dhugaa dubbachuun eebba akkamii argamsiisa?

18 Dhugaa dubbachuun eebba hedduu argamsiisa. Yaada garaa nama hin ceephaane kan argannu si’a ta’u, kunimmoo garaa qulqulluufi yaada nagaa qabu nuu argamsiisa. (Fak. 14:30; Filp. 4:6, 7) Yaada garaa nama hin ceephaane qabaachuun Waaqayyo duratti gatii guddaa qaba. Kana malees, waan hundumaan dhugaa kan dubbannu taanaan, balleessaan keenya nurratti beekama ykn ni saaxilamna jennee hin dhiphannu.—1 Xim. 5:24.

19 Eebba dhugaa dubbachuun argamsiisu kan biraas haa ilaallu. Phaawulos, “Nuyi karaa hundumaan akka hojjetoota Waaqayyootti of in dhi’eessina . . . dubbii isa dhugaadhaan” jedheera. (2 Qor. 6:4, 7) Dhugaa Baatuun Biritaaniyaa jiraatu tokko dhugaa dubbachuudhaan kana raawwateera. Konkolaataasaa gurguruuf yommuu jedhutti, nama bitu sanaaf rakkina konkolaatichaa isa ifatti hin mul’anne dabalatee wanta hundumaa ibseefii ture. Namichi haala konkolaatichaa sakkatta’uuf erga oofee ilaalee booda, “Ati Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokkodhaa?” jedhee isa gaafate. Namni kun akkas jedhee akka isa gaafatu kan isa kakaase maalidha? Amanamaa ta’uusaafi akkaataa uffannaasaa isa sabrii qabu akka gaariitti hubatee waan tureefidha. Mareen isaan godhan, obboleessi kun namicha kanaaf akka lallabuuf carraa baneeraaf.

20 Nutoo, yeroo hundumaa amanamoo ta’uufi dhugaa dubbachuudhaan Uumaa keenyaaf ulfina ni argamsiisnaa? Phaawulos, “Waan yeellaasisaa namni dhoksaatti hojjetu garuu dhiifneerra; haxxummaadhaan hin hojjennu” jedheera. (2 Qor. 4:2) Egaa, namootatti dhugaa dubbachuuf waan dandeenye hundaa haa goonu. Akkas gochuudhaan, Abbaa keenya isa samiifi sabasaatiif ulfina argamsiisna.

Maal Jettee Deebista?

• Nama kan jedhame eenyudha?

• Namootatti dhugaa dubbachuu jechuun maal jechuudha?

• Dhugaa dubbachuun Waaqayyoof ulfina fiduu kan danda’u akkamitti?

• Dhugaa dubbachuun eebba akkamii argamsiisa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Dogoggora xixinnoo raawwattu amantee ni fudhattaa?

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Hojii qacaramuuf yeroo iyyata galchattu dhugaa dubbataa?