Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hojjii Adeemsiftuufi Qaama Olaanaa

Hojjii Adeemsiftuufi Qaama Olaanaa

Hojjii Adeemsiftuufi Qaama Olaanaa

“Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naa’ota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaan ga’u haa kennuuf, mana isaa irratti hojii adeemsiftuu godhatu, isa kam ree?”—LUQ. 12:42.

1, 2. Yesus guyyoota gara dhumaa ilaalchisee gaaffii barbaachisaa akkamii kaaseera?

YESUS milikkita guyyoota gara dhumaa yeroo dubbatetti gaaffii akkas jedhu kaasee ture: “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naa’ota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaanii akka isaaniif kennuuf mana isaa irra kaa’ate isa kam ree?” Yesus, hojjetaan kun amanamaa ta’uusaatiin Gooftaansaa qabeenyasaa hundumaarratti ajajjuu gochuudhaan akka isa kiisu dubbateera.—Mat. 24:45-47.

2 Yesus yaada armaan olii dubbachuusaa ji’oota hedduu dura, gaaffii kanaan wal fakkaatu gaafatee ture. (Luqaas 12:42-44 dubbisi.) Hojjeticha “hojii adeemsiftuu” jedhee kan waame si’a ta’u, “naa’ota” isaammoo warra “mana isaa” jedhee waameera. Hojii adeemsiftuun mana tokkorratti ykn hojjetoota kaanirratti geggeessaa ta’ee kan muudamudha. Haata’u malee, hojii adeemsiftuunis hojjetaadha. Hojjetaa ykn hojii adeemsiftuu kan jedhame eenyudha? “Yeroodhaan nyaata” kan dhiheessu akkamitti? Hundi keenya karaa nyaata hafuuraa dhiheessuuf tajaajilu kana beekuun keenya barbaachisaadha.

3. (a) Wanta Yesus waa’ee “hojjetaa” dubbate ilaalchisee, hayyoonni Saba Kiristiyaanaa maal jedhanii ibsuu yaalu? (b) “Hojii adeemsiftuu” ykn “hojjetaa” kan jedhame eenyu? “Naa’ota” ykn warra “mana isaa” kan jedhamanoo?

3 Hayyoonni Saba Kiristiyaanaa hedduun jechoonni kun, yeroo baay’ee namoota Kiristiyaanota ofiin jedhaniifi itti gaafatamummaa qaban argisiisa jedhanii amanu. Haata’u malee, Yesus, inni fakkeenyicha keessatti “gooftaa” jedhame, hojjetaan kun hojjetoota hedduu Saba Kiristiyaanaa addunyaa maratti faffaca’anii jiran kan argisiisudha hin jenne. Kanaa manaa, “hojii adeemsiftuu” ykn “hojjetaa” inni qabeenya isaa hundumaarratti muudu tokko qofaa ta’uusaa ibseera. Kanaaf, Masaraan Eegumsaa kun yeroo baay’ee akka ibsutti, hojjetaan kun Kiristiyaanota dibamoo warra “karra xinnayyoo” ta’an tuutaan kan argisiisudha. Yaanni naannoo caqasa Wangeela Luqaasirratti ibsame, Yesus waa’ee karra xinnayyoo akka dubbate argisiisa. (Luq. 12:32) Jechi, “naa’ota isaa” ykn warra “mana isaa” jedhu tuutuma kana kan argisiisu ta’uusaarrayyuu, ga’ee miseensonni kun dhuunfaatti qaban caalaatti kan ibsudha. Gaaffiin, Miseensoonni kutaa hojjetaa kanaa hundi nyaata hafuuraa yeroosaatiif ta’u dhiheessuurratti ni hirmaatuu? jedhu xiyyeeffannaa keenya hawwata. Deebiin kanaa, dhimma kana ilaalchisee wanta Caaffanni Qulqullaa’oon ibsan gad fageenyaan yeroo qorutti ifa ta’a.

Hojjetaa Yihowaa Bara Duriitti Ture

4. Yihowaan saba Israa’el durii maal jedhee waamee ture? Saba sana ilaalchisee maal beekuun barbaachisaadha?

4 Yihowaan sabasaa, jechuunis Israa’el duriitiin walumatti qabaatti hojjetaa ykn garbicha jedhee waameera. “Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi [“hojjetaa,”NW] ani fo’adhes isinuma.” (Isa. 43:10) Kutaan hojjetaa kanaa miseensota sabichaa hunda kan qabate ture. Haata’u malee, saba sana waa’ee Seerichaa barsiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu, lubootaafi Lewwoota luboota hin taane qofa akka ta’an hubachuun barbaachisaadha.—2 Sen. 35:3; Mil. 2:7.

5. Yesus jijjiiramni guddaan akkamii akka raawwatamu dubbatee ture?

5 Hojjetaan Yesus waa’eesaa dubbate saba Israa’el turee? Lakki. Yesus Yihudoota barasaatti turaniin, “Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf [in kennama]” waan jedheef, isaaniin akka hin argisiisne hubachuu dandeenya. (Mat. 21:43) Jijjiiramni godhamuuf akka ture ifadha. Yihowaan saba haaraatti fayyadamuuf jedha. Qajeelfama hafuuraa kennuu wajjin haala wal qabateen garuu, hojiin hojjetaan Yesus fakkeenyasaa keessatti ibse raawwatu, “hojjetaa” Waaqayyoo Israa’el durii keessatti itti fayyadamaa ture raawwatu wajjin wal fakkaata.

Hojjetaa Amanamaan Ni Beekame

6. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee sabni haaraan hundeeffame isa kamidha? Kutaasaa kan ta’anoo eenyufa’i?

6 Sabni haaraan “Israa’el Waaqayyoo” jedhame, Israa’el hafuuraarraa kan hundeeffamedha. (Gal. 6:16; Rom. 2:28, 29; 9:6) Sabni kun guyyaa Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33 yeroo hafuurri qulqulluun itti dhangala’etti hundeeffame. Yeroo sanaa kaasee, Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman hundi, kutaa saba Yesus Kiristos Gooftichi yeroo ammaatti hojjetaa ta’ee akka tajaajiluuf muudee ta’aniiru. Hojiin misraachoo lallabuufi bartoota taasisuu tokkoon tokkoonsaaniitiif kan kenname ture. (Mat. 28:19, 20) Garuu, miseensi tuuta kanaa hundi nyaata hafuuraa yeroosaatiif ta’u dhiheessuurratti hirmaachuu qaba jechuusaa turee? Mee deebii Caaffanni Qulqullaa’oon gaaffii kanaaf kennan haa ilaallu.

7. Jalqabarratti hojiin ergamootaa inni guddaan maal ture? Yeroo boodahoo itti gaafatamummaa dabalataa maalii fudhatan?

7 Yesus ergamootasaa 12 yeroo muudetti, hojiinsaanii inni guddaan misraachoo lallabuu dabalata ture. (Maarqos 3:13-15 dubbisi.) Hojiin kun, hiika bu’uuraa jechi afaan Giriikii apoostoloos, jechuunis “erguu” jedhuu qabuu wajjin kan walsimu ture. Haata’u malee, yeroo booda gumiin Kiristiyaanaa yommuu hundeeffametti, gaheen ergamootaa “geggeessuu” kan dabalatu ta’e.—HoE. 1:20-26.

8, 9. (a) Hojiin ergamoonni 12n adda durummaadhaan irratti xiyyeeffatan maalidha? b) Namoonni itti gaafatamummaan dabalataa isaanii kennameefi muudamnisaanii qaama olaanaa biratti fudhatama argatee eenyufa’i?

8 Hojiin ergamoonni 12n adda durummaadhaan irratti xiyyeeffatan maalidha? Deebii kanaa wanta guyyaa Phenxeqostee booda raawwatamerraa beekuun ni danda’ama. Haadha hiyyeessotaaf guyyaa guyyaan nyaata hiruu ilaalchisee guungummiin yeroo ka’etti, ergamoonni 12n bartoota walitti sassaabanii, “Nuyi soora jara kanaaf kurkuruudhaaf jenne, dubbii Waaqayyoo lallabuutti hir’isuun nuuf hin ta’u” jedhanii turan. (Hojii Ergamootaa 6:1-6 dubbisi.) Kanaaf, ergamoonni obboloota “hojii” barbaachisaa kana raawwachuuf ga’eessota ta’an kan biraa muuduudhaan, “lallaba dubbii Waaqayyoof ergamuutti” muddamanii turan. Yihowaan qophii kana waan eebbiseef, “Dubbiin Waaqayyoo itti fufee bal’achaa, baay’inni amantoota Yerusaalemitti argamaniis ittuma dabalamaa adeeme.” (HoE. 6:7) Kanaaf, itti gaafatamummaan ergamootaa inni guddaan hojii nyaata hafuuraa dhiheessuurratti kan xiyyeeffatu ta’e.—HoE. 2:42.

9 Yeroo boodammoo, itti gaafatamummaa guddaan warra kaaniif ni kenname. Phaawulosiifi Barnaabaas, ajaja hafuura qulqulluutiin misiyoonii ta’anii gumii Anxokiyaatii ergamaniiru. Ergamoota 12n jalqabaa keessa kan hin jirre ta’aniyyuu, ergamoota jedhamanii waamamaniiru. (HoE. 13:1-3; 14:14; Gal. 1:19) Muudamnisaanii kun booda qaama olaanaa Yerusaalem jiru biratti fudhatama argateera. (Gal. 2:7-10) Phaawulos erga muudamee yeroo muraasa booda, nyaata hafuuraa dhiheessuurratti ga’ee qabu raawwachuu jalqabeera. Geeggeessaa hafuura qulqulluutiin ergaasaa isa jalqabaa barreesseera.

10. Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman hundi nyaata hafuuraa dhiheessuurratti hirmaachaa turanii? Ibsi.

10 Haata’u malee, Kiristiyaanonni hafuuraan dibamanii turan hundi hojii lallabaa olaantummaan to’achuufi nyaata hafuuraa dhiheessuurratti hirmaachaa turanii? Lakki. Phaawulos ergamaan, “Hundumatu ergamootaa ree? Hundumatu mul’ata Waaqayyoo dubbataa ree? Hundumatu dubbii isaa barsiisaa ree? Hundumatu dinqii hojjetaa ree?” jechuudhaan nutti hima. (1 Qor. 12:29) Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman hundi hojii lallabaarratti kan hirmaatan ta’uyyuu, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii 27 kan barreessan garuu namoota saddeet qofadha.

Hojjetaa Amanamaa Bara Keenyaa

11. Hojjetaan kun “qabeenya” isa kamirratti muudame?

11 Jechoonni Yesus Maatewos 24:45⁠rratti dubbate, kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessaa guyyoota gara dhumaa keessa lafarra akka jiraatu ifatti argisiisa. Mul’anni 12:17, [NW] namoonni kun sanyii dubartittii “warra hafan” akka ta’an ibsa. Tuutaan, namoonni kun qabeenya Kiristos lafarra jiru hundaarratti muudamaniiru. ‘Qabeenyi’ hojii adeemsiftuu amanamaan akka eeguuf muudame, namoota mootummicha jalatti bulan, gamoowwan misraachoo lallabuuf ittiin fayyadamaniifi qabeenya Gooftaa lafarra jiru hundumaa kan dabalatudha.

12, 13. Kiristiyaanni tokko gara samiitti akka waamame akkamitti beekuu danda’a?

12 Kiristiyaanni tokko, abdii jireenya samii akka qabuufi Israa’el hafuuraa lafarratti hafan keessaa tokko ta’uusaa beeku kan danda’u akkamitti? Deebiinsaa jechoota Phaawulos namoota akkumasaa abdii samiirra jiraachuu qabaniif dubbate keessatti argama: “Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ilmaan Waaqayyoo ti. Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, ‘Abbaa keenya’ jennee Waaqayyoon in waammanna. Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta’uu keenya dhugaa in ba’a. Nuyi ijoollee Waaqayyoo erga taanee, warra waan hundumaa argatan in taana; waan kana hundumaas Waaqayyo biraa in arganna; Kristosii wajjin erga dhiphannee, isaa wajjin immoo ulfaachuudhaaf, waan Kristos argatu hundumaas isaa wajjin in arganna.”—Rom. 8:14-17.

13 Namoonni kun dhuunfaatti hafuura qulqulluun dibamuudhaan, “waamicha” samiirraa argataniiru jechuudha. (Ibr. 3:1) Waamicha kana dhuunfaatti kan isaaniif dhiheesse Waaqayyo yommuu ta’u, isaaniis gaaffii, shakkii ykn sodaa tokko malee ijoollee Waaqayyoo ta’anii dhalachuuf waamicha kana fudhatu. (1 Yohannis 2:20, 21 dubbisi.) Kanaaf, milikkita kan isaanitti godhu ykn hafuura qulqulluudhaan kan isaan dibu Yihowaa malee abdii kanaaf kan of filu isaan miti.—2 Qor. 1:21, 22; 1 Phe. 1:3, 4.

Ilaalcha Sirrii Qabaachuu

14. Kiristiyaanonni dibamoon waamicha isaanii dhihaateef ilaalcha akkamii qabu?

14 Namoonni hafuuraan dibaman badhaasasaanii isa samii yeroo eeggatanitti ilaalcha akkamii ofiif qabaachuu qabu? Waamicha dinqisiisaa kana kan fudhatan ta’anis, kun waamicha qofa akka ta’e beeku. Badhaasasaanii kana argachuuf hanga du’aatti amanamoo ta’uu qabu. Kiristiyaanonni kun Gad of deebisuudhaan akkuma Phaawulos akkas jedhu: “Obboloota ko, ani akka nama harka isaa keessa isa galfateetti of hin lakkaa’u. Haa ta’u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha. Akeeka sana bira ga’ee gonfoo warra mo’anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo’anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha.” (Filp. 3:13, 14) Dibamtoonni lafarratti hafan, “sodaadhaa fi rom’aan” ‘waamicha isa itti waamaman sanaaf akka ta’utti jiraachuuf gad of deebisuuf’ carraaquu qabu.—Efe. 4:1, 2; Filp. 2:12; 1 Tas. 2:12.

15. Kiristiyaanonni namoota Ayyaana Yaadannoorratti maxinoofi wayinii fudhataniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? Dibamtoonnoo ilaalcha akkamii ofiif qabaachuu qabu?

15 Karaa biraatiinimmoo, Kiristiyaanonni kaan namoota dibamtoota ofiin jedhaniifi Ayyaana Yaadannoorratti maxinoofi wayiniirraa fudhachuu jalqabaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? Namoota akkasiitti faraduu hin qaban. Dhimma kana kan beeku nama sanaafi Yihowaa qofadha. (Rom. 14:12) Haata’u malee, Kiristiyaanonni dhugumaan dibamtoota ta’an xiyyeeffannaan addaa akka isaanii kennamu hin barbaadan. Miseensonni ‘tuuta soonaan baay’ee’ muuxannoo qaban tokko tokkos, hubannaa addaa qabaachuu waan danda’aniif, dibamtoota ta’uunsaanii qofti hubannaa isaanirra caaluu nuu argamsiisa jedhanii akka amanan isaan hin godhu. (Mul. 7:9) “Hoolota kan biraa” michootasaanii ta’an caalaatti hafuura qulqulluu qabna jedhaniis hin amanan. (Yoh. 10:16) Xiyyeeffannaan addaa akka isaaniif kennamu hin eegan; akkasumas maxinoofi wayinii fudhachuunsaanii jaarsolii gumii keessatti muudamanii ol akka isaan godhu hin dubbatan.

16-18. (a) Kiristiyaanonni dibamoon hundi dhugaa hafuuraa haaraa ibsuurratti ni hirmaatuu? Fakkeenyaan ibsi. (b) Qaamni Olaanaa namoota dibamoodha ofiin jedhan hunda mariisisuun kan isa hin barbaachisne maaliifi?

16 Dibamtoonni addunyaa mara jiran hundi dhugaawwan hafuuraa haaraa ibsuurratti hamma tokko ni hirmaatuu? Lakki. Walumatti qabaatti kutaan hojjetaa kanaa naa’otasaatiif nyaata hafuuraa dhiheessuuf itti gaafatamummaan isaanirra jira; haata’u malee, namoonni kutaa hojjetaa kanaa ta’an hundi itti gaafatamummaa ykn hojii wal fakkaatu qabaatu jechuu miti. (1 Qorontos 12:14-18 dubbisi.) Akkuma olitti caqasame, jaarraa jalqabaatti hundisaanii hojii lallabaa isa baay’ee barbaachisaa ta’erratti hirmaataniiru. Ta’us, kitaabota Macaafa Qulqulluu kan barreesseefi gumii Kiristiyaanaa olaantummaadhaan to’achaa kan ture muraasasaanii qofadha.

17 Fakkeenyaan ibsuuf: Al tokko tokko Caaffanni Qulqullaa’oon dhimmawwan firdii wajjin walqabataniin “gumiin” tarkaanfii tokko akka fudhatu ibsu. (Mat. 18:17, NW) Dhugaa dubbachuuf garuu, tarkaanfii kana gumii bakka bu’uudhaan kan fudhatu jaarsolii qofadha. Jaarsoliin murtoo tokko gochuusaanii dura, ilaalcha miseensonni gumii hundi qaban hin gaafatan. Ga’ee kana raawwachuudhaan itti gaafatamummaa isaaniif kenname ba’u; guutummaa gumichaa bakka bu’uudhaan tarkaanfii fudhatu.

18 Haaluma wal fakkaatuun, yeroo har’aattis kutaa hojjetaa kana bakka bu’uuf itti gaafatamummaa kan qaban dhiirota dibamoo muraasadha. Isaanis Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaati. Dhiironni hafuuraan dibaman kun hojii Mootummichaafi sagantaa nyaata hafuuraa dhiheessuu olaantummaadhaan to’atu. Akkuma jaarraa jalqabaa, Qaamni Olaanaa murtoo tokko gochuusaa dura miseensa kutaa hojjetaa kanaa hunda hin mariisisu. (Hojii Ergamootaa 16:4, 5 dubbisi.) Haata’u malee, Dhugaa Baatonni dibamoo ta’an hundi hojii lallabaa barbaachisaa yeroo ammaatti raawwatamaa jirurratti guutummaatti hirmaatu. “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” tuutaan qaama tokko ta’aniyyuu, dhunfaasaaniitti hojiiwwan addaa raawwatan qabu.—1 Qor. 12:19-26.

19, 20. Ilaalcha sirriin tuutni soonaan baay’een, ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaaf’ akkasumas Qaama Olaanaasaatiif qabaachuu qaban maalidha?

19 Tuutni soonaan baay’ee lakkoofsisaanii dabalaa adeemuufi lafarra jiraachuuf abdii qaban, yaadawwan olitti caqasaman beekuunsaanii maal gochuuf isaan kakaasuu qaba? Namoonni kun qabeenya Mootichaa keessaa tokko waan ta’aniif, qophii Qaama Olaanaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ bakka bu’uun godhamu hundumaa gammachuudhaan deggeru. Miseensonni tuuta soonaan baay’ee nyaata hafuuraa qajeelfama Qaamni Olaanaan kennuun qophaa’an ni dinqisiifatu. Miseensonni tuuta soonaan baay’ee qaama hojjetaa kanaa tuutaan kan kabajan ta’uyyuu, nama ani miseensa hojjetaa kanaati jedhu kamiifiyyuu ulfina addaa akka hin kennine of eeggatu. Namni dhugumaan Kiristiyaana dibamaa ta’e kamiyyuu, ulfinni akkasii akka isaaf kennamu hin barbaadu ykn hin eegu.—HoE. 10:25, 26; 14:14, 15.

20 Dibamtoota warra ‘manasaa’ jedhamnes taane tuuta soonaan baay’ee, hojii adeemsiftuu amanamaafi Qaama Olaanaasaa guutummaatti deggeruuf murtoo haa goonu. Tokkoon tokkoon keenya ‘dammaqnee’ jiraachuudhaan, hamma dhumaatti amanamoo ta’uu keenya haa mirkaneessinu.—Mat. 24:13, 42.

Ni Yaadattaa?

• “Hojjetaan amanamaa fi ogeessi” eenyu? Warra mana isaa kan jedhamanoo?

• Namni tokko waamichi samii akka isaaf dhihaate akkamitti beekuu danda’a?

• Nyaata hafuuraa haaraa qopheessuuf adda durummaadhaan itti gaafatamummaa kan qabu eenyudha?

• Namni hafuuraan dibame tokko ilaalcha akkamii ofiif qabaachuu qaba?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Yeroo har’aatti Qaamni Olaanaan, hojjetaa amanamaafi ogeessa kan bakka bu’udha. Jaarraa jalqabaattis qophiidhuma akkasiitu jira ture