Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qeentee Ta’uudhaan Gammaduu Kan Dandeessu Akkamitti?

Qeentee Ta’uudhaan Gammaduu Kan Dandeessu Akkamitti?

Qeentee Ta’uudhaan Gammaduu Kan Dandeessu Akkamitti?

“ACHIIS wal fuudhanii gammachuudhaan jiraatan.” Seenaan ijoolleen dubbatan hedduun jechoota armaan oliitiin xumurama. Fiilmiiwwaniifi kitaabonni asoosamaa waa’ee jaalalaa dubbatanis, gammachuu dhugaa argachuuf gaa’ela godhachuun akka barbaachisu ibsuudhaan, yeroo baay’ee yaada kanaan wal fakkaatu dabarsu. Kana malees, aadaawwan baay’ee keessatti, namoonni gaa’elaaf ga’an akka fuudhan dhiibbaan isaanitti godhama. Deebiin isheen umriinshee naannoo waggaa 25 ta’u, “Namoonni galmi durba tokkoo heerumuu qofa akka ta’e akka isinitti dhaga’amu godhu. Jireenyi gaariin kan jalqabu gaa’ela boodadha yaada jedhu dabarsu” jetteetti.

Namni dhimma kanarratti ilaalcha akka Yihowaa qabu garuu, akkas jedhee hin murteessu. Israa’eloota biratti gaa’ela godhachuun waan barame ta’us, Macaafni Qulqulluun waa’ee namoota qeentee turaniifi jireenya gammachuu qabu jiraatanii ni dubbata. Yeroo har’aa, Kiristiyaanonni tokko tokko filannaasaaniitiin, baay’eenimmoo haala addaddaatiin kan ka’e qeentee ta’anii jiraatu. Namni tokko sababii akkamiitiiniyyuu qeentee yoo ta’e, gaaffiin ka’u, Kiristiyaanni tokko qeentee ta’ee jiraachuudhaan milkaa’ina argachuu kan danda’u akkamitti? kan jedhudha.

Yesusis hojii isaaf kennameen kan ka’e utuu hin fuudhin hafuusaa beekna. Duuka buutonnisaa tokko tokko qeentee ta’uu “fudhachuu” akka danda’an, bartootasaatti himee ture. (Mat. 19:10-12) Kanaafuu Yesus, qeentee taanee jiraachuudhaan milkaa’ina argachuuf, akkaataa jireenyaa kana amannee fudhachuu akka qabnu dubbateera.

Gorsi Yesus kenne, nama hojii Waaqayyootiif dursa kennuuf jecha jireenyasaa guutuu qeentee ta’ee jiraachuu filate qofaaf kan hojjetudhaa? (1 Qor. 7:34, 35) Dirqama akkasi jechuu miti. Mee haala Kiristiyaana gaa’ela godhachuu barbaaduufi ammaaf hiriyaa gaa’elaa isaaf ta’u hin arganne tokkoo ilaalaa. Obboleettii qeenteen umrii waggoota 30 keessa jirtuufi Aanaa jedhamtu akkas jetteetti: “Dhiheenya kana namni naa wajjin hojjetuufi Dhugaa Baatuu hin taane tokko, utuun hin yaadin gaa’elaaf na gaafate. Jalqaba haallisaa na gammachiisee ture; haata’u malee, nama caalaatti Yihowaatti na dhiheessutti heerumuu waanan barbaaduuf dafeen miira sana ofirraa fageesse.”

Obboleettonni hedduun, akkuma Aanaa “nama amanetti” heerumuuf fedhii qabaachuunsaanii, nama hin amannetti heerumuurraa isaan eegeera. * (1 Qor. 7:39; 2 Qor. 6:14) Gorsa Waaqayyootiif kabaja waan qabaniif, yeroodhaaf qeentee ta’anii jiraachuu filataniiru. Haala akkasii keessatti milkaa’ina argachuu kan danda’an akkamittiree?

Faayidaasaarratti Xiyyeeffadhaa

Ilaalchi keenya, haala nuyi hin barbaanne tokkollee akka fudhannu nu gargaara. Obboleettii qeenteen Kaarman jedhamtuufi umrii waggoota 40 keessa jirtu, “Waanan qabuttan gammada malee, waanan hin qabne argachuuf hin abjoodhu” jetteetti. Dhugaadha, yeroo tokko tokko kophummaan nutti dhaga’amuu ykn abdii kutachuu dandeenya. Ta’uyyuu, namoonni waldaa obbolummaa addunyaa maraa keessa jiran hedduun, miirri akkasii akka itti dhaga’amu beekuun keenya, amantiidhaan akka itti fufunu nu jajjabeessuu danda’a. Yihowaan namoonni baay’een qeentee ta’anii jiraachuudhaan milkaa’ina akka argataniifi rakkoowwan kaanis akka mo’an isaan gargaareera.—1 Phe. 5:9, 10.

Kiristiyaanonni baay’een, faayidaa qeentee ta’uun qabu hubataniiru. Obboleettii qeenteen Eestar jedhamtuufi umriinshee gara waggaa 35 ta’u, “Gammachuun kan argamu, haala keessa jirtan kamiifiyyuu ilaalcha gaarii qabaachuudhaan natti fakkaata” jetteetti. Kaarman isheen armaan olitti ibsamtemmoo, “Heerumus heerumuu baadhus, dhimmawwan Mootummichaatiif dursa yoon kenne, Yihowaan waan gaarii ta’e kamiyyuu akka na hin dhoowwanne nan amana.” (Far. 84:11) “Jireenyikoo akkan yaade ta’uu baatus, gammachuu qaba; gara fuulduraattis qabaachuukoo ittan fufa” jetteetti.

Namoota Qeentee Macaafa Qulqulluu Keessatti Caqasaman

Intalli Yiftaa qeentee taatee jiraachuuf kaayyoo hin qabdu turte. Haata’u malee, wareegni abbaashee dargaggummaasheetii kaastee mana qulqullummaatti akka tajaajiltu ishee dirqisiiseera. Haalli utuu itti hin yaadin keessa galte kun, karoorashee akka jijjiirsiseefi fedhii uumamaan qabduu wajjin akka wal hin simne beekamaadha. Heerumuufi maatii godhachuu akka hin dandeenye ennaa hubattu, ji’a lamaaf gaddite. Ta’us, haala jireenyaashee isa haaraa wajjin walsimuudhaan, jireenyashee isa hafetti fedhiidhaan tajaajilteetti. Dubartoonni Israa’el kaan, aarsaa kaffalteef waggaa waggaadhaan ishee galateeffatu turan.—Abo. 11:36-40, hiika bara 1899.

Bara Isaayaasitti namoonni qaamaan xu’aashii ta’an tokko tokko, haalasaaniitti abdii kutatanii ta’uu danda’a. Macaafni Qulqulluun, sababii namoonni kun xu’aashii itti ta’an hin dubbatu. Kanaan kan ka’es, waldaa saba Israa’el keessatti akka miseensa tokkootti hin ilaalaman; akkasumas niitii fuudhuufi ijoollee godhachuu hin danda’an turan. (Kes. 23:1) Ta’uyyuu, Yihowaan miirasaanii ni hubataaf; akkasumas garaa guutuudhaan seerasaatiif waan ajajamaniif isaan jaja ture. Manasaa keessatti “maqaa bara baraan hin badnee fi seenaa isaan ittiin yaadataman” akka kennuuf isaanitti himeera. Kana jechuun, xu’aashonni amanamoon kun, bulchiinsa Yesus jalatti barabaraaf jiraachuuf abdii mirkanaa’aa qabu jechuudha. Yihowaan tasumaa isaan hin irraanfatu.—Isa. 56:3-5.

Haalli Ermiyaasimmoo kanarraa baay’ee adda ture. Waaqayyo Ermiyaas raajii akka ta’u hojii erga kenneefii booda, qeentee ta’ee akka jiraatu itti hime. Kana kan godhe, yeroon inni keessa ture baay’ee rakkisaa waan ta’eefi haala hojiisaatiin kan ka’edha. Yihowaan, “Ati iddoo kanatti niitii hin fuudhin, ilmaan, intalootas hin godhatin!” jedheen. (Er. 16:1-4) Macaafni Qulqulluun, Ermiyaas nama dubbii Yihowaatti gammadu ta’uusaa kan nuu mirkaneessu ta’uyyuu, ajaja isaa kenname kanaaf maaltu akka itti dhaga’ame hin dubbatu. (Er. 15:16) Haata’u malee, Yerusaalem waggaa tokkoof walakkaadhaaf marfamtee haala rakkisaa keessa yeroo turtetti, ajaja Yihowaan qeentee ta’ee akka jiraatu isaa kenne fudhachuunsaa akka isa fayyade hubateera.—Faru. 4:4, 10.

Karaawwan Jireenya Gammachuu Qabu Jiraachuu Itti Dandeessu

Namoonni armaan olitti Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman, qeentee ta’anis, tajaajila Yihowaatti guutummaatti qabamaniiru, gargaarsasaas argataniiru. Har’as haaluma wal fakkaatuun hojii gaariitti qabamuun keenya, jireenya gammachuu qabu akka jiraannu gochuu danda’a. Macaafni Qulqulluun, dubartoonni misiraachoo himan macca guddaa akka ta’an raajii dubbateera. (Far. 68:11) Isaan keessaa kumaan kan lakkaa’aman obboleettota qeentee ta’anidha. Baay’eensaanii tajaajilli isaan raawwatan bu’aa waan godhateef, karaa hafuuraa ijoollee argachuudhaan eebbifamaniiru.—Mar. 10:29, 30; 1 Tas. 2:7, 8.

Looliin waggoota 14iif qajeelchaa erga taatee booda akkas jetteetti: “Qajeelchaa ta’uunkoo, jireenyakoo naa qajeelcheera. Qeentee waanan ta’eef hojiidhaan nan qabama; akkasumas jireenyikoo sochiidhaan kan guutamedha; kunimmoo kophummaan akka natti hin dhaga’amne godheera. Tajaajillikoo dhugumaan namoota akka gargaaru waanan hubadheef, dhuma guyyaa hundumaarratti gammachuu guddaatu natti dhaga’ama.”

Obboleettonni hedduun afaan garabiraa baratanii namoota afaan biyya alaa dubbataniif lallabuudhaan tajaajilasaanii bal’isaniiru. Aanaan isheen armaan olitti ibsamte, “Magaalaa ani jiraadhu keessa, namoota biyya alaa kumaan lakkaa’amantu jira” jetteetti. Namoota afaan Faransaayi dubbataniif ni lallabdi. Akkas jetti: “Afaanan namoota baay’ee wajjin ittiin walii galuu danda’u barachuunkoo, bifa tajaajilaa haaraa kan naa argamsiise ta’uusaarrayyuu, hojii lallabaa baay’ee akkan jaalladhu godheera.”

Yeroo baay’ee namni qeentee ta’e maatii ilaalchisee itti gaafatamummaa hedduu waan hin qabneef, obboloonni tokko tokko bakka tajaajiltoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluuf carraa kanatti fayyadamu. Obboleettii qeenteen umriinshee naannoo waggaa 35 ta’uufi Liidiyaanaa jedhamtu, biyyoota tajaajiltoonni caalaatti barbaachisan dhaqxee tajaajilaa jirti. Akkas jetteetti: “Tajaajila Yihowaarratti hirmaannaa guddaa yoo gootan, hammasuma michoota gaarii akka argattaniifi akka jaallatamtan akka isinitti dhaga’amu nan amana. Michoota akkaataan guddinaasaanii addadda ta’eefi biyya garaagaraatii dhufan argadheera. Michoota akkasii argachuunkoo, jireenyikoo gammachuu akka qabaatu godheera.”

Macaafni Qulqulluun, lallabaa Wangeelaa kan ture Filiphos, intaloota qeentee raajii dubbatan afur akka qabu ibsa. (HoE. 21:8, 9) Tajaajilasaaniirratti, akkuma abbaasaanii hinaaffaa akka qaban hin shakkisiisu. Kennaa raajii dubbachuuf isaanii kenname, Kiristiyaanota Qiisaariyaa gargaaruuf itti fayyadamanii ta’uu hin oolu. (1 Qor. 14:1, 3) Har’as, obboleettonni qeentee ta’an hedduun walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti yeroo hunda argamuufi hirmaachuudhaan, warra kaan ni jajjabeessu.

Karaa garabiraammoo, Liidiyaan dubartii bara duriitti Filiphisiiyus keessa jiraattu yommuu taatu, simannaa namootaaf gootuun galateeffamuushee Macaafni Qulqulluun ni dubbata. (HoE. 16:14, 15, 40) Liidiyaan qeentee ykn dubartii abbaan manaa irraa du’e ta’uu hin ooltu. Dubartiin kun arjaa waan taateef, daawwattoota olaanaa akka Phaawulos, Siilaasiifi Luqaas wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu dandeesseetti. Yeroo har’aas, arjummaan eebba akkasii argamsiisa.

Jaalala Isin Barbaachisu Argachuu

Jireenya gammachuu qabu jiraachuuf, hojii faayidaa qaburratti hirmaachuu dabalatee, hundi keenya jaalala argachuun nu barbaachisa. Namoonni qeentee ta’an, jaalala kana argachuu kan danda’an akkamitti? Tokkoffaa, Yihowaan yeroo hundumaa nu jaallata, nu jajjabeessa, nu dhaggeeffatas. Daawit Mootichi yeroo tokko tokko ‘kophaasaafi gadadamaa akka ta’e’ isatti dhaga’ama ture; ta’uyyuu, yeroo hundumaa gargaarsa Yihowaa argachuu akka danda’u beeka ture. (Far. 25:16; 55:22) “Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata” jechuudhaan barreesseera. (Far. 27:10) Waaqayyo, tajaajiltoonnisaa hundi isatti akka dhihaataniifi michootasaa akka ta’an afeera.—Far. 25:14; Yaq. 2:23, hiika bara 1899; 4:8.

Kana malees, waldaa obboloota addunyaa maraa keessatti abbootii, haadhotii, obbolootaafi obboleettota hafuuraa jaalallisaanii gammachuu nuu kennu argachuu dandeenya. (Mat. 19:29; 1 Phe. 2:17) Kiristiyaanonni qeentee ta’an hedduun, fakkeenya Dorkaas ishee “yeroo ishee hundumaa hojii gaarii hojjechuudhaaf hiyyeessota gargaaruudhaan” dabarsitee hordofuudhaan gammachuu guddaa argatu. (HoE. 9:36, 39) Looliin akkas jetti: “Eessayyuu yoon dhaqe, hiriyoota dhugaa yeroo ani abdii kutadhutti na jaallataniifi na deggeran gumii keessaan argachuuf yaala. Anis hiriyummaa akkanaa cimsuuf, warra kaanitti jaalala argisiisuufi isaaniif yaaduuf nan yaala. Gumiiwwan saddeet keessatti kanan tajaajile yommuu ta’u, hunda keessatti hiriyoota dhugaa argadheera. Yeroo baay’ee hiriyoonnikoo kun umriidhaan kan naan qixxaatan miti; isaan keessaa tokko tokko akkoowwankoo kan ta’an, warri kaanimmoo umrii waggoota kurnanii keessatti kan argamanidha.” Gumii hunda keessa namoonni jaalalaafi michummaa barbaadan jiru. Namoota akkasiitiif garaadhaa yaaduun keenya, gargaarsa guddaa isaanii ta’uu danda’a. Kana malees, fedhii jaallachuufi jaallatamuuf qabnu nuu guuta.—Luq. 6:38.

Waaqayyo Aarsaa Kaffaltan Hin Irraanfatu

Macaafni Qulqulluun, bara rakkisaa keessa jiraannu kanatti, Kiristiyaanonni hundi aarsaa ta’e tokko kaffaluu akka qaban ibsa. (1 Qor. 7:29-31) Obboloota abboommii Waaqayyo nama amane qofaa hiriyaa gaa’elaa akka godhannu kenne eeguuf jecha qeentee ta’anii jiraataniif, kabajniifi xiyyeeffannaan adda ta’e kennamuu qaba. (Mat. 19:12) Haata’u malee, aarsaa ulfina qabeessa ta’e kana kaffalaa jiru jechuun, gammachuu dhugaa argachuu hin danda’an jechuu miti.

Liidiyaanaan akkas jetteetti: “Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii waanan qabuufi waanan isa tajaajiluuf, gammachuu dhugaan qaba. Namoota gaa’ela qaban keessaa gammachuu kan qabanis gammachuu kan hin qabnes beeka. Kunimmoo, gammachuunkoo gara fuulduraatti gaa’ela godhachuu ykn dhiisuu koorratti kan hundaa’e akka hin taane na amansiiseera.” Akkuma Yesus jedhe, gammachuun kan argamu keessumaa kennuufi tajaajiluudhaan yommuu ta’u, kunimmoo wanta Kiristiyaanonni hundi gochuu danda’anidha.—Yoh. 13:14-17; HoE. 20:35.

Wanti gammachuu nuu argamsiisu inni guddaan, Yihowaan fedhasaa raawwachuuf aarsaa kaffallu kamiyyuu akka eebbisu beekuu keenya akka ta’e homaa hin shakkisiisu. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan . . . hin irraanfatu, hin jal’isus” jechuudhaan nuu mirkaneessa.—Ibr. 6:10.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Asirratti waa’ee obboleettotaa dubbannus, seerri bu’uuraa kun obbolootaafis ni hojjeta.

[Fakkii fuula 25rra jiru]

“Waanan qabuttan gammada malee, waanan hin qabne argachuuf hin abjoodhu.”—Kaarman

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Looliiniifi Liidiyaanaan bakka tajaajiltoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajilu

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Waaqayyo tajaajiltoonnisaa hundi akka isatti dhihaatan afeera