Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

2. Yaada Walaba Ta’e Qabaachuudhaan Dubbisi

2. Yaada Walaba Ta’e Qabaachuudhaan Dubbisi

Macaafa Qulqulluu Hubachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

2. Yaada Walaba Ta’e Qabaachuudhaan Dubbisi

Hiriyaankee tokko nama ati kanaan dura hin beekne ilaalchisee, wanta gadhee sitti himee beekaa? Nama kanaa wajjin yommuu wal argitu, yaanni hiriyaankee dubbate sun, dandeettiifi amalawwan gaarii namichi kun qabu akka hin hubanne si godheeraa? Yaanni kun Macaafa Qulqulluurrattis ni hojjeta.

PHAAWULOS ERGAMAAN yaada walaba ta’e qabaachuudhaan Macaafa Qulqulluu hin dubbisnu taanaan, rakkinni akkamii ga’uu akka danda’u akeekkachiiseera. Yihudoota bara sana turan tokko tokko ilaalchisee, “Isaan Waaqayyoof akka hinaafan dhugaa nan ba’aaf; haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyoof hinaafuun isaanii akka hubannaa dhugaatti miti” jechuudhaan barreesseera.—Roomaa 10:2.

Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa, Yesus Masiihii ta’uusaa ifatti kan dubbatan ta’uyyuu, Yihudoonni jaarraa jalqabaa tokko tokko, yaada kana fudhachuuf fedhii hin qaban turan. Yesus nama Naazireet ilaalchisee yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti tokko tokkoon ibsaman, akkasumas wantoota Masiihichi raawwatu ilaalchisee raajiidhaan dubbataman hundi isarratti raawwatamaniiru. Ta’us, Yihudoonni bara sana turan hedduun yaada walaba ta’e utuu hin qabaatin hafuunsaanii, Dubbii Waaqayyoo akka hin hubanne isaan godheera.

Seenaa kanarraa maal baranna? Macaafa Qulqulluu yaada walaba ta’e qabaachuudhaan dubbisuun barbaachisaadha. Namni tokko, jibba ykn yaada walaba hin taane qabaachuudhaan, Macaafa Qulqulluu dubbisuunsaa, dhugaa achi keessa jiru akka hin hubanne isa godha.

Fakkeenyaaf, namichi Yuunaayitid Isteetis Ameerikaa, kutaa Karolaayinaa Kaabaa jiraatuufi piroofeesara amantiitti ta’e tokko, Macaafa Qulqulluu ilaalchisee akkas jedheera: “macaafni kun namaan waan barreeffameef yaadaafi ilaalcha namaa kan qabudha, yaadawwan achi keessan jiran hedduun kan wal faallessan si’a ta’u, akkaataa itti jiraachuu qabnu ilaalchisee gorsi amansiisaa ta’e achi keessatti hin argamu.” Namni Macaafa Qulqulluu dubbisu tokko, ergaan achi keessa jiru, yaada Waaqayyoo utuu hin ta’in, “yaada namaa” akka ta’etti ilaala taanaan, qajeelfamoota ilaalchasaa wajjin wal hin simne mormuuf qoramuu danda’a.

Haala kanarraa faallaa ta’een garuu, Macaafni Qulqulluun, Dubbii Waaqayyoo dhimminee akka dubbisnu nu jajjabeessa. Namoota Beriyaa bara Phaawulos turan ilaalchisee Caaffanni Qulqullaa’aan, “Dubbicha fudhachuudhaaf qophaa’anii, waan dubbatame kun dhugaa ta’uu isaa baruudhaaf, guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu in qoru turan” jedha. (Hojii Ergamootaa 17:11) Atis akkuma namoota Beriyaa, jibba ykn ceephoo Macaafa Qulqulluurratti qabdu of keessaa balleessuudhaan macaafa kana dubbisuun si barbaachisa. Yaada walaba ta’e qabaachuudhaan dhaamsa Yihowaa isa dinqisiisaa, Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hubachuuf fedhii qabaadhu.