Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Galateeffannaadhaan Fudhadhu, Garaa Guutuudhaan Kenni

Galateeffannaadhaan Fudhadhu, Garaa Guutuudhaan Kenni

Galateeffannaadhaan Fudhadhu, Garaa Guutuudhaan Kenni

ABBAA keenya isa samii kan ta’e Yihowaan, dhuunfaatti nuu yaada. Macaafni Qulqulluun, Yihowaan tajaajiltootasaa hundaaf baay’ee akka yaadu nuu mirkaneessa. (1 Phe. 5:7) Yihowaan, amanamummaadhaan akka isa tajaajilluuf gargaarsa addaddaa nuu gochuunsaa, dhugumaan akka nuu yaadu kan argisiisudha. (Isa. 48:17) Keessumaa rakkoowwan nu dhiphisan yommuu nu mudatan, qophii inni nuu godhetti akka fayyadamnu barbaada. Seerri Musee, kun dhugaa ta’uusaa mirkaneessa.

Yihowaan Seera Musee keessatti, warri “hiyyeessota” ta’an jechuunis, ijoolleen abbaan irra hin jirre, dubartiin abbaan manaa irraa du’eefi warri galaa ta’an gargaarsa akka argatan jaalalaan kaka’ee qophii godhee ture. (Lew. 19:9, 10; Kes. 14:29) Yihowaan, tajaajiltoonnisaa tokko tokko gargaarsi Kiristiyaanota kaanii akka isaan barbaachisu beeka. (Yaq. 1:27) Kanaaf, tajaajiltoonnisaa gargaarsa Yihowaan karaa warra kaanii isaaniif kennu fudhachuu diduu hin qaban. Gargaarsa akkasii yommuu fudhannu garuu, ilaalcha sirrii qabaachuu barbaanna.

Dubbiin Waaqayyoo, sabnisaa warra kaaniif kennuuf carraa akka qabanis ni ibsa. Seenaa ‘haadha hiyyeessaa’ Yesus mana sagadaa Yerusaalem keessatti ilaalees yaadadhu. (Luq. 21:1-4) Dubartiin kun, qophii Yihowaan Seericha keessatti haadhotii hiyyeessaatiif godherraa fayyadamuu hin ooltu. Haati hiyyeessaa kun dhabduu yoo taateyyuu, kan beekamtu warra kaaniif kennuudhaan malee, warra kaanirraa fudhachuudhaan miti. Yesus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” waan jedheef, haati hiyyeessaa kun warra kaaniif kennuunshee gammachuu isheedhaaf argamsiisee ta’uu qaba. (HoE. 20:35) Kana sammuutti qabachuudhaan, gammachuu ‘kennuun’ namaaf argamsiisu argachuu kan dandeessu akkamitti?—Luq. 6:38.

“Ani Waaqayyoof Maalan Deebisa?”

Faarfatichi, “Wanta gaarii inni anaaf godhe hundumaaf, Waaqayyoof maalan deebisa?” jechuudhaan dinqisiifannaasaa ibseera. (Far. 116:12) Waaqayyo maal isaaf godhee ture? Yihowaan, yeroo inni “muddamaa fi gadda” keessa turetti isa gargaaree ture. Kana malees, ‘lubbuusaa du’arraa oolcheera.’ Kanarraa ka’uudhaan, Yihowaadhaaf hamma tokko ‘deebisuu’ barbaade. Faarfatichi maal gochuu danda’a ture? “Wareega koo Waaqayyoof nan baasa” jedheera. (Far. 116:3, 4, 8, 10-14) Wareega Yihowaadhaaf gale hunda eegee jiraachuusaa itti fufuufi dirqama qabu hunda ba’uuf murteessee ture.

Atis akkasuma gochuu dandeessa. Akkamitti? Yeroo hundumaa seerawwaniifi seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo wajjin wal simtee jiraachuudhaan kana gochuu dandeessa. Kanaaf, waaqeffannaan Yihowaa jireenyakee keessatti iddoo guddaa akka qabaatuufi wanta gootu hundumaarratti hafuurri Waaqayyoo akka si geggeessu godhi. (Lal. 12:13; Gal. 5:16-18) Wanta inni sii godhe hundumaaf, guutummaatti Yihowaadhaaf deebisuu akka hin dandeenye beekamaadha. Ta’us, Yihowaan garaa guutuudhaan isa tajaajiluuf of dhiheessuukee arguunsaa ‘garaasaa ciibsa.’ (Fak. 27:11) Karaa kanaan Yihowaa gammachiisuun mirga guddaa mitii?

Guddina Gumichaatiif Gumaacha Godhi

Gumii Kiristiyaanaarraa karaa hedduu faayidaa akka argatte beekamaadha. Yihowaan karaa gumii nyaata hafuuraa hedduu dhiheessa. Dhugaa isa barumsa amantii sobaafi karaa hafuuraa dukkana keessaa si baasu argatteetta. (Yoh. 8:32) Walga’iiwwan gumiifi walga’iiwwan gurguddaa “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessurratti, beekumsa lafa jannata taaturra rakkinaafi dhiphina tokko malee barabaraaf jiraachuuf si dandeessisu argatteetta. (Mat. 24:45-47) Faayidaawwan karaa gumii argatteefi gara fuulduraatti argattu, lakkooftee fixuu ni dandeessa? Gatii kanaa, gumiidhaaf maal deebisuu dandeessa?

Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Bu’aan dhagnaa hundinuu wal fudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin walitti qabsiifamaniiru; yeroo bu’aan dhagnaa adduma addaan tooraan hojjetuttis, dhagnichi in guddata, jaalalaanis of in cimsa.” (Efe. 4:15, 16) Caqasni kun adda durummaadhaan Kiristiyaanota dibamoodhaaf kan hojjetu ta’us, seerri bu’uuraa achi keessatti ibsame, Kiristiyaanota yeroo har’aa jiran hundaaf kan hojjetudha. Eeyyee, miseensonni gumii hundi guddinaafi nageenya gumichaatiif gumaacha gochuu danda’u. Karaawwan kamiin?

Yeroo hunda warra kaan jajjabeessuufi karaa hafuuraa isaan gargaaruuf carraaquudhaan kana gochuu dandeenya. (Rom. 14:19) Walitti dhufeenya obboloota gumii keessatti argamanii wajjin qabnuun ija hojii hafuuraa horachuudhaan, ‘dhagnichi akka guddatuuf’ gumaacha gochuu dandeenya. (Gal. 5:22, 23) Kana malees, ‘nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii gochuudhaaf’ carraa argannetti fayyadamuu dandeenya. (Gal. 6:10; Ibr. 13:16) Obboloonniifi obboleettonni akkasumas dargaggoonniifi maanguddoonni gumii keessatti argaman hundi, ‘dhagnichi jaalalaan akka guddatu’ gochuurratti ga’ee qabaachuu danda’u.

Akkasumas, hojii lubbuu baraarsaa gumichi raawwaturratti dandeettii, humnaafi qabeenya keenyaan gumaacha gochuu dandeenya. Yesus Kiristos, “Gatii utuu itti hin baasin fudhattan” jedheera. Gama keenyaan maal gochuu qabnaree? “Isinis gatii utuu itti hin baasisin kennaa!” jedheera. (Mat. 10:8) Kanaaf, hojii barbaachisaa Mootummicha labsuufi bartoota gochuurratti guutummaatti hirmaadhu. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Kana gochuuf humnikee kan daangeffamedhaa? Haadha hiyyeessaa Yesus caqase yaadadhu. Wanti isheen kennite baay’ee xinnoo ture. Ta’us, Yesus wanti isheen goote kan warra kaaniirra akka caalu dubbateera. Hamma humnishee heyyame hunda kenniteetti.—2 Qor. 8:1-5, 12.

Gargaarsa Sii Godhamu, Ilaalcha Sirrii Qabaachuudhaan Fudhadhu

Haata’u malee, yeroon itti gumiirraa gargaarsa argachuun si barbaachisu jiraachuu danda’a. Dhiibbaa sirni hamaan kun sirraan ga’u mo’uuf yommuu qabsoo gootu, gargaarsa gumiin sii godhu kamiyyuu fudhachuurraa matumaa duubatti hin jedhin. Yihowaan, ‘Waldaa Kiristiyaanaa akka eeganiif’ dhiirota ga’umsa qabaniifi warra kaaniif yaadan qopheesseera. Kana kan godhes, obboloonni kun yommuu qorumsiifi rakkinni sirra ga’u akka si gargaaraniifi. (HoE. 20:28) Jaarsoliifi warri gumii keessa jiran kaan, yeroo rakkinaatti si jajjabeessuu, si gargaaruufi si eeguu barbaadu.—Gal. 6:2; 1 Tas. 5:14.

Haata’u malee, yommuu gargaarsa si barbaachisu tokko tokko fudhattu ilaalcha sirrii qabaadhu. Yeroo hundumaa gargaarsa sii godhamu dinqisiifannaadhaan fudhadhu. Gargaarsa obboloonnikee sii godhan akkasii, karaa kennaan Waaqayyoo itti argisiifamu akka ta’etti ilaali. (1 Phe. 4:10) Kana gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Sababiinsaa, akkuma warri biyya lafaa hedduun godhan, utuu hin galateeffatin fudhachuu waan hin barbaanneefidha.

Ilaalcha Sirrii Qabaadhu

Phaawulos ergaa warra Filiphisiiyusiif barreesserratti Ximotewosiin ilaalchisee, “Ani nama akka kootti garaa qulqulluudhaan waa’ee keessaniif yaadu isa malee hin qabu” jedheera. Haata’u malee itti dabaluudhaan, “Warri kaan hundinuu waan Yesus Kristositti tolu utuu hin ta’in, waan ofii isaaniitti toluuf in dhimmu” jedheera. (Filp. 2:20, 21) Yaada cimaa Phaawulos dubbate sammuutti qabachuudhaan, yeroo har’aa ‘waan ofii keenyatti tolurratti’ garmalee xiyyeeffachuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Warri gumii keessa jiran, rakkina keenya akka moonuuf yeroofi xiyyeeffannaa nuu kennuudhaan akka nu gargaaran yommuu gaafannu, matumaa isaan rakkisuu hin qabnu. Maaliif? Mee dhimma armaan gadiirratti xiinxali: Obboleessi tokko yeroo rakkinni akka tasaa nu mudate karaa foonii gargaarsa yoo nuu godhe, guddaa akka isa galateeffannu homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee, gargaarsa akkasii akka nuu godhu isa rakkisuu qabnaa? Tasumaa akkas gochuu hin qabnu. Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni keenya yeroo hundaa nu gargaaruun kan isaan gammachiisu ta’us, yeroosaanii akka nuu wajjin dabarsan yommuu eegnu ilaalcha sirrii qabaachuun nu barbaachisa. Kanaaf, obboloonni keenya haala rakkisaa keessa jirru akka moonuuf gargaarsa akkamiiyyuu yoo nuu godhan, fedhiidhaan kaka’anii akka nuu godhan barbaanna.

Kiristiyaanonni obbolootakee ta’an, yeroo hunda si gargaaruuf qophaa’oo akka ta’aniifi fedhii akka qaban beekamaadha. Ta’us, yeroo tokko tokko gargaarsa si barbaachisu hunda sii gochuu hin danda’an ta’a. Haalli akkasii yoo si mudate, Yihowaan akkuma faarfaticha gargaare, siinis qorumsa akkamiiyyuu keessatti si gargaaruu akka danda’u mirkanaa’aa ta’i.—Far. 116:1, 2; Filp. 4:10-13.

Kanaaf, keessumaa yeroo rakkinaafi dhiphinaatti qophiiwwan Yihowaan sii godhu kamiyyuu galateeffannaadhaan fudhachuurraa duubatti hin jedhin. (Far. 55:22) Yihowaan kana akka gootu barbaada. Haata’u malee, ‘gammachuudhaan akka kennitus’ ni barbaada. Kanaaf, waaqeffannaa dhugaa deggeruuf, hamma dandeesse kennuuf guutummaatti ‘garaakeetti murtoo godhi.’ (2 Qor. 9:6, 7) Karaa kanaan, galateeffannaadhaan fudhachuufi garaa guutuudhaan kennuu dandeessa.

[Saanduqa/Fakkii fuula 31rra jiru]

“Wanta gaarii inni anaaf godhe hundumaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?”—Far. 116:12

▪ ‘Nama hundumaaf gaarii gochuuf’ carraa argattetti fayyadami

▪ Warra kaan kan jajjabeessituufi karaa hafuuraa kan isaan gargaartu ta’i

▪ Hanga haallikee sii heyyame hojii bartoota gochuurratti guutummaatti hirmaadhu