Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantii Hundi Gaariidhaa?

Amantii Hundi Gaariidhaa?

Amantii Hundi Gaariidhaa?

YEROO amantiin itti baay’ate keessa jiraanna. Qorannoon dhiheenyatti godhame tokko, addunyaa maratti amantiiwwan gurguddaan 19fi amantiiwwan xixinnoon 10,000 ta’an akka jiran ibseera. Kunimmoo namoonni hedduun amantii barbaadan akka filatan isaan godheera. Haata’u malee, amantii isa kamiyyuu yoo filatte jijjiirama qabaa?

Namoonni tokko tokko, amantiiwwan addaddaa akkuma daandiiwwan addaddaa gaara tokkotti nama geessanii wajjin wal fakkaatu jedhanii dubbatu. Daandiiwwan hundi iddoo tokkootti nama geessu jedhanii waan yaadaniif, daandii isa kamiyyuu yoo filatan jijjiirama akka hin qabne itti dhaga’ama. Waaqni Hundumaa Gararraa ta’e tokko qofa waan ta’eef, amantiiwwan hundi garasaatti nama geessu jedhanii yaadu.

Amantiiwwan Hundi Gara Waaqayyootti Nama Geessuu?

Yesus Kiristos inni barsiisaa amantii beekamaa ta’e, dhimma kana ilaalchisee maal jedheera? Duuka buutotasaatiin akkas jedheera: “Karra isa dhiphaadhaan ol galaa! Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas bal’aa dha; namoonni ittiin ol galan immoo baay’ee dha. Karaan gara jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan muraasa.”—Maatewos 7:13, 14.

Yesus amantiiwwan tokko tokko “gara badiisaatti” geessu jechuusaa turee? Moo, namoonni Waaqayyotti hin amanne karaa isa bal’aarra, namoonni amananimmoo amantii isa kamiyyuu keessa yoo jiraatan, karaa isa dhiphaa jireenyatti geessurra jiru jechuusaa ture?

Yesus daandiin lama qofti akka jiru erga dubbatee booda, “Raajota sobduu irraa of eeggadhaa, isaan hoolaa fakkaachuudhaaf raroo hoolaa uffatanii gara keessan in dhufu; keessa isaaniitiin garuu yeeyyii butatanii dha” jedheera. (Maatewos 7:15) Achiis, “‘Yaa gooftaa yaa gooftaa’ kan naanjedhu hundinuu mootummaa Waaqaatti kan galu miti’oo, waaqarra kan jiru jaalala abbaakoo kan godhu malee” jedhe. (Maatewos 7:21, hiika bara 1899) Namni tokko raajii yoo jedhame ykn Yesus ‘gooftaasaa’ akka ta’e yoo dubbate, namni kun nama amantii qabu malee, nama amantii hin qabne hin jedhamu. Haata’u malee, Yesus amantiiwwan hundi gaariidha, namni waa’ee amantii barsiisu hundi amanamuu qaba jechuusaa akka hin taane beekamaadha.

Karaa Isa Dhiphaa Beekuun Ni Danda’amaa?

Karaan hundi Waaqayyotti kan nama geessu erga hin taanee, daandiiwwan kumaan lakkaa’aman keessaa, daandii isa dhiphaa jireenyatti geessu akkamitti addaan baastee beekuu dandeessa? Fakkeenya kana ilaali: Magaalaa guddaa tokko keessatti karaan si jalaa bade haa jennu. Namoonni akka si gargaaran gaafachuuf murteessite. Namni tokko, gara bahaatti akka deemtu shakkii malee sitti hime. Inni tokkommoo gara dhihaa akka deemtu si gorse. Namni biraanimmoo kallattii ati gaariidha jettee yaaddurra akka deemtu si gorse. Dhumarratti namni tokko kaartaa amansiisaa baasee, daandiin sirriin isa kam akka ta’e sitti argisiisa. Achiis karicha ilaallachaa akka deemtuuf, kaartaa sana sii kenne. Gargaarsa kana argachuunkee, bakka barbaadde sana ga’uuf caalaatti akka si gargaaru sitti hin dhaga’amuu?

Haaluma wal fakkaatuun, nuyis daandii amantii gaarii filachuu keenya dura, kaartaa amansiisaa argachuun nu barbaachisa. Gama kanaan kaartaa nu gargaaru argachuu dandeenyaa? Eeyyee ni dandeenya. Kaartaan kun Macaafa Qulqulluudha. Macaafichi, “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa” jedha.—2 Ximotewos 3:16.

Hiika Macaafa Qulqulluu afaan keetiin qophaa’eefi akka kaartaa daandiitti si gargaaru utuu hin qabaatiin hin ooltu. Dhugaa Baatonni Yihowaa barruu kana maxxansan, hiika Macaafa Qulqulluu amansiisaa ta’eefi Caaffata Qulqullaa’oo Hiika Addunyaa Haaraa jedhamu qopheessaniiru. Haata’u malee, Dhugaa Baatuu Yihowaa yoo ta’uu baatte, waa’ee amantii gaariifi gadhee addaan baastee beekuuf yommuu qorannaa gootu, hiika Macaafa Qulqulluu garabiraatti fayyadamuu filatta ta’a. Kanaan kan ka’es matadureen walitti aansee dhihaate kun, hiika Macaafa Qulqulluu amantiiwwan garabiraa keessatti fudhatama qaban lamatti fayyadameera.

Matadureewwan itti aananii jiran yommuu dubbistu, wanta beektu, wanta Macaafni Qulqulluun jedhuu wajjin wal bira qabii ilaali. Amantii gaariifi gadhee ta’an addaan baasuu ilaalchisee, wanta Yesus dubbate sammuutti qabadhu. Yesus, “Mukti gaariin ija ba’eessa in godhata, mukti gadheenis ija hamaa in godhata. Mukti gaariin ija hamaa godhachuu, mukti gadheenis ija ba’eessa godhachuu hin danda’u” jedheera. (Maatewos 7:17, 18) Ija gaarii Macaafni Qulqulluun “mukti gaariin” ittiin beekamu ilaalchisee dubbate sadii qofa ilaali.

[Saanduqa fuula 3rra jiru]

Macaafni Qulqulluun, kaartaa amansiisaa namni tokko amantii gaarii akka beeku isa gargaaruu wajjin wal fakkaata