Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantii Gaariin Dubbiin Waaqayyoo Akka Kabajamu Barsiisa

Amantii Gaariin Dubbiin Waaqayyoo Akka Kabajamu Barsiisa

Amantii Gaariin Dubbiin Waaqayyoo Akka Kabajamu Barsiisa

YESUS, Dubbii Waaqayyoo kan ta’e Macaafni Qulqulluun akka kabajamu barsiiseera. Kun dhugaa ta’uusaa, yommuu Seexanaan qorametti deebii kennerraa hubachuun ni danda’ama. (Maatewos 4:4-11) Fakkeenyaaf, yommuu Seexanni dhagaa gara buddeenaatti akka jijjiiru isa qore maal godhe? Yesus, jecha Museen geggeessaa hafuuraatiin dubbateefi Keessa Deebii 8:3⁠rratti argamu caqasuudhaan qorumsa kanaaf deebii kenneera. Seexanni, Yesus lafa dha’ee yoo isaaf sagade mootummoota biyya lafaa hunda akka isaaf kennu itti himuudhaan yeroo isa qoretti maal godhe? Seera bu’uuraa Keessa Deebii 6:13⁠rratti argamu caqasuudhaan, afeerrii sana fudhachuu dideera.

Mee dhimma kanarratti yaadi! Yesus, Ilma Waaqayyoo yoo ta’ellee, yommuu namoota barsiisu Macaafa Qulqulluurratti amantaa guddaa akka qabu argisiiseera. Aadaa namootaa deggeruuf jecha, Dubbii Waaqayyoo hojiirra oolchuurraa matumaa duubatti jedhee hin beeku. (Yohannis 7:16-18) Geggeessitoonni amantii bara Yesus turan hedduun garuu, Dubbii Waaqayyootiif ulfina hin laanne. Maaliif? Yaada Caaffata Qulqullaa’oo caalaa, aadaa namootaatiif bakka guddaa waan kennaniif ture. Yesus geggeessitoota amantii sanaan ifatti akkas jedheera: “Akkasitti seera muka abbaa keessaniitiif jettanii dubbii Waaqayyoo busheessitu. Isin of hin arginee nana! Isaayaas waa’ee keessaniif raajii isaa keessatti, ‘Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baay’ee anattii fagoo dha; ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu’ isa jedhe ba’eessa dubbate.”—Maatewos 15:6-9.

Amantiiwwan addunyaa hedduun warri Kiristiyaana ta’anis warri hin taanes, Macaafa Qulqulluu akka kabajan dubbatu. Haata’u malee, yommuu barumsi Macaafa Qulqulluu aadaa namootaa wajjin wal faallessutti, Dubbii Waaqayyoo kan deggeran meeqansaanii beekta? Fakkeenya lama qofa ilaali.

MATADUREE: Maqaa ulfinaa.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?: Yesus geggeessitoonni amantii bara sana turan, maqaa ulfinaatiin waamamuu waan jaallataniifi bakka guddaa argachuu waan hawwaniif isaan balaaleffateera. Yesus namoonni kun, “Lafa cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaattis taa’umsa olaanuu jaallatu. Gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan, barsiisaa guddaa akka isaaniin jedhanis in jaallatu” jedheera. Achiis bartootasaatiin, “Isin garuu ‘Barsiisaa guddaa’ ofiin hin jechisiisinaa! Barsiisaan keessan inni guddaan tokkicha; isin immoo hundumti keessan obboloota. Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti” jedheen.—Maatewos 23:1-10.

GAAFFII: Geggeessitoonni amantii kun, maqaa ulfinaatiin waamamuufi hawaasa keessatti bakka guddaa qabaachuu barbaadumoo, abboommii Yesus akkas akka hin goone isaanii kenne kabaju?

MATADUREE: Waaqeffannaarratti fakkiiwwaniin fayyadamuu.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?: “Bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaqa irra jiruu, gad lafa irra jiruu, yookiis bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin! Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin!”—Ba’uu 20:4, 5.

Yohannis ergamaan, “Waaqayyolii tolfaman irraa of eeggadhaa” jechuudhaan Kiristiyaanotaaf barreesseera.—1 Yohannis 5:21.

GAAFFII: Amantiin kun, abboommii Macaafa Qulqulluurratti fakkiiwwaniifi waaqolii tolfamoorraa akka fagaannu nuu kenname ni kabajaa?

Amantii Isa Gaarii Beekuu Dandeessa

Yeroo ammaatti amantiiwwan hedduun filannaadhaaf nama rakkisan yoo jiraataniyyuu, amantii isa jireenyatti geessu beekuu ni dandeessa. Wantoonni amantii “inni Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenya duratti qullaa’ee fi xurii hin qabne” isa kam akka ta’e beekuuf si gargaaran hedduun jiru. (Yaaqoob 1:27) Caqasoonni matadureewwan kana keessatti ibsaman, amantii gaarii kana adda baastee beekuuf si gargaaruu danda’u.

Gaaffilee matadureewwan kana keessatti ka’an akka sii ibsaniif, Dhugaa Baatota Yihowaa maaliif hin gaafattu? Deebii isaan sii kennan yommuu dhageessu, fakkeenya gaarii namoonni jaarraa jalqabaatti magaalaa Beriyaa keessa jiraachaa turan kaa’an hordofi. Namoonni sun lallaba Phaawulos erga dhaga’anii booda, “waan dubbatame kun dhugaa ta’uu isaa baruudhaaf, guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu in qoru turan.” (Hojii Ergamootaa 17:11) Atis akkuma namoota Beriyaa Dubbii Waaqayyootiif ulfina yoo laatteefi dhimmitee qorannaa yoo goote, daandii isa jireenyatti geessu beekuu dandeessa. Sana booda daandii sanarra deemuun ykn dhiisuun filannaakee ta’a.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 9rra jiru]

Amantiin, wanti namoonni baratan dhugaa ta’uusaa mirkaneeffachuuf Caaffata Qulqullaa’oo akka qoratan isaan jajjabeessu isa kami?