Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barabaraaf Lafarra Jiraachuu—abdii Kiristos Barsiisedhaa?

Barabaraaf Lafarra Jiraachuu—abdii Kiristos Barsiisedhaa?

Barabaraaf Lafarra Jiraachuu—abdii Kiristos Barsiisedhaa?

“[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; . . . duuni deebi’ee hin argamu.”—MUL. 21:4.

1, 2. Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan hedduun abdii barabaraaf lafarra jiraachuu akka qaban akkamitti beekuu dandeenya?

DARGAGEESSI sooressaafi beekamaa ta’e tokko, Yesusitti fiigee fuulasaa duratti jilbeenfatee, “Yaa barsiisaa gaarii! Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta’a?” jedhee gaafate. (Mar. 10:17) Dargaggeessi kun jireenya barabaraatti galuuf kan gaafate, lafarrattimoo samiirratti ture? Akkuma mataduree darberratti mari’anne, Waaqayyo jaarraawwan hedduu dura Yihudootaaf abdii du’aa ka’uufi barabaraaf lafarra jiraachuu kenne ture. Abdiin kunis Yihudoota jaarraa jalqabaa hedduu biratti bal’inaan kan beekamu ture.

2 Michuu Yesus kan turte Maartaan, obboleessashee isa du’e ilaalchisee, “Guyyaa isa dhumaatti, . . . akka inni ka’u ani beeka” jettee Yesusiif deebii kennuunshee, namoonni du’an du’aa ka’anii lafarra akka jiraatan waan amantuuf ta’uu danda’a. (Yoh. 11:24) Saduqoonni bara sana turan abdii du’aa ka’uutti hin amanan. (Mar. 12:18) Haata’u malee, Joorji Fuut Mooreen kitaabasaanii isa Juudiizim in za Sencharii oov za Kiristiyaan Eeraa jedhamurratti akkas jedhaniiru: “Barreeffamoonni . . . Dh.K.D. jaarraa lammaffaa ykn tokkoffaatti turan namoonni baay’een warri isaan dura du’an du’aa ni ka’u jedhanii akka amanan mirkaneessu.” Dargageessi sooressi gara Yesus dhufee sunis lafarra barabaraaf jiraachuu barbaada ture.

3. Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?

3 Yeroo har’aatti, amantiiwwaniifi hayyoonni Macaafa Qulqulluu hedduun, Kiristos abdii barabaraaf lafarra jiraachuu barsiisuusaa ni ganu. Namoonni baay’een du’a booda addunyaa hafuuraa keessa jiraanna jedhanii abdatu. Kanaaf, namoonni Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii dubbisan jecha “jireenya barabaraa” jedhu yeroo argan hundatti, jireenya samiitu yaadasaaniitti dhufa. Kun sirriidhaa? Yesus waa’ee jireenya barabaraa yeroo dubbate maal jechuusaa ture? Bartoonnisaa maal jedhanii amanu turan? Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikii barabaraaf lafarra jiraachuu akka dandeenyu ni barsiisuu?

“Biyya Lafaa Ishee Haaraa” Keessa Barabaraan Jiraachuu

4. “Biyya lafaa ishee haaraa” keessatti maaltu raawwatama?

4 Macaafni Qulqulluun, Kiristiyaanonni dibamoon samiirra taa’anii lafa bulchuuf du’aa akka ka’an ni ibsa. (Luq. 12:32; Mul. 5:9, 10; 14:1-3) Haata’u malee, Yesus waa’ee jireenya barabaraa yeroo dubbatu hundatti namootuma gara samii dhaqan qofa yaadatti qabatee hin turre. Dargageessi sooressi sun, afeerrii Kiristos qabeenyasaa hundumaa dhiisee duuka buutuusaa akka ta’u isaaf dhiheessetti gaddee erga adeemee booda, wanta Yesus bartootasaatiin jedhee qalbeeffadhaa. (Maatewos 19:28, 29 dubbisi.) Yesus bartoonnisaa, “gosa Israa’el kudha lamaan,” jechuunis ilmaan namootaa garee kanaa ala ta’an irratti mootiifi abboota firdii ta’uudhaan samiirra taa’anii akka bulchan isaanitti himeera. (1 Qor. 6:2) Eebba “namni” isa duukaa bu’u argatus dubbateera. Namoonni akkasiis “jireenya bara baraatti galu.” Kun hundumtuu “biyya lafaa ishee haaraa” keessatti kan raawwatamudha.

5. Jecha Yesus Maatewos 19:28⁠rratti “biyya lafaa ishee haaraa” jedhe maal jettee ibsita?

5 Yesus “biyya lafaa ishee haaraa” yeroo jedhu maal jechuusaati? Jecha kana Macaafni Qulqulluun Ze Hoolii Baayibil—Niiwu Intarnaashinaal Varshin jedhamu, “yeroo wanti hundumtuu deebi’ee itti haaromu” jechuudhaan hiikeera. Yesus jecha “biyya lafaa ishee haaraa” jedhutti yeroo fayyadame, wanta Yihudoonni jaarraawwan hedduuf abdachaa turan caqasuusaa akka ta’e beekamaadha. Haalawwan biyya lafaa akkuma Addaamiifi Hewwaan utuu cubbuu hin hojjetin dura dhaaba Eeden keessa jiraachaa turanitti deebi’ee haaraa ta’a jechuudha. Abdiin Waaqayyo, “bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa nan uuma” jechuudhaan gale biyya lafaa ishee haaraa keessatti raawwatama.—Isa. 65:17.

6. Fakkeenyi hoolotaafi re’ootaa ilaalchisee dubbatame waa’ee abdii barabaraaf jiraachuu maal nu barsiisa?

6 Yesus dhuma barichaa ilaalchisee yeroo dubbatettis waa’ee jireenya barabaraa caqaseera. (Mat. 24:1-3) Akkas jedhe: “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa’a. Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re’ootattii akka gargar fo’u, innis namoota sana gargar in fo’a.” Warri itti faradame “gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara baraa in dhaqu.” “Warri qajeelonni,” jechuunis namoonni Kiristiyaanota dibamoo “obboloota” Yesus ta’an amanamummaadhaan deggeran jireenya barabaraa argatu. (Mat. 25:31-34, 40, 41, 45, 46) Dibamtoonni Mootummaa samii keessatti bulchitoota akka ta’an kan filataman taanaan, “warri qajeelonni” lafarra jiraatanimmoo namoota Mootummicha jalatti bulan ta’uu qabu. Macaafni Qulqulluun, “[Mootiin Yihowaan muude] galaanaa hamma galaanaatti laga [Efraaxiisii] hamma andaara lafaatti haa mo’u!” jechuudhaan raajii dubbateera. (Far. 72:8) Namoonni isa jalatti bulan kun barabaraaf gammachuudhaan lafarra jiraatu.

Wangeelli Yohannis Maal Ibsa?

7, 8. Abdiiwwan addaddaa lamaan Yesus Niqoodemositti dubbate kamfa’i?

7 Haalawwan armaan oliirratti akkuma ilaalle, Yesus Wangeelota Maatewos, Maarqosiifi Luqaasirratti jecha “jireenya bara baraa” jedhutti fayyadameera. Wangeelli Yohannis, jecha Yesus barabaraaf jiraachuu jechuudhaan dubbate si’a 17 ta’u caqaseera. Yesus waa’ee abdii barabaraaf lafarra jiraachuu yoom akka dubbate tokko tokko haa qorru.

8 Akka Wangeelli Yohannis jedhutti, Yesus jecha jireenya barabaraa jedhu jalqaba kan dubbate Niqoodemos isa Fariisota keessaa tokko turettidha. “Eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u” jedheenii ture. Namoonni Mootummaa Waaqayyootti galan ‘olii dhalachuu’ qabu. (Yoh. 3:3-5) Wanti Yesus dubbate garuu kana qofa hin turre. Abdii ilmaan namootaa hundumaaf kennames dubbateera. (Yohannis 3:16 dubbisi.) Yesus, abdii jireenya barabaraa duuka buutonnisaa dibamtoota ta’an samiirratti, namoonni kaanimmoo lafarratti argatan caqasuusaa ture.

9. Yesus dubartii Samaariyaa sanatti kan dubbate waa’ee abdii isa kamii ture?

9 Yesus, Niqoodemosii wajjin Yerusaalemitti marii kana erga godhe booda, gara kaabaa Galiilaatti adeeme. Utuu adeemaa jiruus, boolla bishaanii Yaaqoob isa mandara Siikaar Samaariyaatti dhihoo jiru biratti dubartii tokko arge. Akkas jedheen: “Bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta’ao.” (Yoh. 4:5, 6, 14) Bishaan kun, qophiiwwan Waaqayyo warra lafarra jiraatan dabalatee, ilmaan namootaa hundumaa jireenya barabaraa akka argataniif qopheesse kan argisiisudha. Macaafa Mul’ataarratti, Waaqayyo, “Ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennuu irraa tola nan kennaaf” jechuudhaan dubbateera. (Mul. 21:5, 6; 22:17) Kanaaf, wanti Yesus dubartii Samaariyaa sanatti dubbate waa’ee jireenya barabaraa namoota dibamoo Mootummicha dhaalanii qofa utuu hin ta’in, ilmaan namoota lafarra jiraachuuf abdatanis kan dabalatu ture.

10. Yesus namicha bishaan kuufamaa Betzataa bira ture erga fayyisee booda, waa’ee jireenya barabaraa geggeessitoota amantii isa mormaniin maal jedhee ture?

10 Waggaa ittaanuttis Yesus Yerusaalemiin ture. Achitti nama dhukkubsataa bishaan kuufamaa Betzataa bira ture fayyiseera. Yesus, Yihudoota wanta inni dubbate mormaniin, “ilmi ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda’u, isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta” jedhee ture. Abbaan “firdii hundumaa harka ilma isaatti kenneera” erga isaaniin jedhee booda, “dubbii koo dhaga’ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba” jedheera. Itti dabaluudhaanis akkas jedhe: “Warri du’anii awwaalaman sagalee [Ilma namaa] yeroon itti dhaga’an in dhufa. Isaan awwaala keessaa in ba’u, warri waan gaarii hojjetan jireenya argachuudhaaf in ka’u, warri waan hamaa hojjetan immoo firdiitti dhi’aachuudhaaf in ka’u.” (Yoh. 5:1-9, 19, 22, 24-29) Yesus namoota du’an kaasuudhaan abdii Yihudoonni barabaraaf lafarra jiraachuuf qaban akka raawwatu Waaqayyoon kan muudame Isa ta’uusaa Yihudoota isa ari’achaa turanitti himaa ture.

11. Wanti Yesus Yohannis 6:48-51⁠rratti dubbate, abdii lafarra barabaraaf jiraachuu kan dabalatu ta’uusaa akkamitti beekna?

11 Galiilaatti, namoonni kumaan lakkaa’aman dinqiidhaan buddeena akka isaanii kennu waan barbaadaniif Yesus duukaa bu’uu jalqaban. Yeroo kanatti Yesus waa’ee buddeena gara biraa jechuunis—‘buddeena jireenya’ namaa kennuu dubbateera. (Yohannis 6:40, 48-51 dubbisi.) “Buddeenni ani . . . kennus, foon koo ti” jedheera. Yesus lubbuusaa kan kenne warra samiirratti isaa wajjin Mootummaasaa keessatti bulchaniif qofa utuu hin ta’in, ilmaan namootaa furee, “biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf” akka ta’e ibseera. “Eenyu illee buddeena kanattii yoo nyaate” jechuunis, aarsaan Yesus furuuf humna akka qabu yoo amane, abdii jireenya barabaraa argata. Dhugumayyuu, jechi “jireenya bara baraa” jedhu, abdii Yihudoonni bulchiinsa Masihiichaa jalatti barabaraaf jiraachuuf yeroo dheeraaf eegaa turan kan dabalatudha.

12. Yesus ‘hoolotasaatiif jireenya bara baraa nan kenna’ jedhee namoota isa mormanitti yeroo dubbate waa’ee abdii isa kamii caqasuusaa ture?

12 Booddees, Ayyaana Mana Qulqullummaa Yerusaalem Eebbisuurratti, Yesus warra isa mormaniin akkas jedheera: “Isin garuu hoolota koo keessaa waan hin ta’iniif, hin amantan. Hoolonni koo sagalee koo in dhaga’u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu’u. Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna.” (Yoh. 10:26-28) Yesus yeroo kana dubbate, waa’ee jireenya samii qofamoo waa’ee barabaraaf lafa jannata taaturra jiraachuus yaadatti qabatee ture? Yesus yeroo muraasa dura duuka buutotasaa, “Isin yaa warra karra xinnayyoo nana! Kana keessaa hin sodaatinaa; abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera” jechuudhaan jajjabeessee ture. (Luq. 12:32) Haata’u malee, ayyaanuma kanarratti, “Warra gola kanatti galan malees hoolota kan biraa qaba; isaan immoo yaasuun anaaf in ta’a” jedheera. (Yoh. 10:16) Kanaaf, wanti Yesus namoota isa morman sanatti dubbate, abdii jireenya samii “karra xinnayyoo,” akkasumas “hoolota kan biraa” barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qabaniifi miliyoonaan lakkaa’aman kan dabalatu ture.

Abdii Ibsa Hin Barbaachisne

13. Yesus, “anaa wajjin jannata keessatti in argamta” yeroo jedhu maal jechuusaa ture?

13 Yesus mukarratti fannifamee dhiphachaa utuu jiruu, abdii ilmaan namootaa haaluun hin danda’amne dubbateera. Namichi hamaan isa cinatti fannifame, “Yaa Yesus, mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!” jedheenii ture. Yesusis, “Dhuguman siin jedha har’a, anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedhee waadaa galeef. (Luq. 23:42, 43, NW) Namichi kun nama Yihudii ta’uu waan hin oolleef, waa’ee Jannataa ibsa isaaf kennuun barbaachisaa hin turre. Addunyaa dhufuuf jiru keessatti waa’ee abdii barabaraaf lafarra jiraachuu beeka ture.

14. (a) Abdii samiirra jiraachuu Yesus caqase hubachuun ergamootasaatti ulfaatee akka ture kan argisiisu maalidha? (b) Duuka buutonni Yesus abdii samii ilaalchisee hubannaa ifa ta’e kan argatan yoomi?

14 Wanti Yesus abdii samii ilaalchisee caqase garuu ibsi kan isa barbaachisu ture. Duuka buutonnisaa samiirratti iddoo jireenyaa isaaniif qopheessuu akka adeemu yeroo itti himetti, wanta inni isaaniin jedhe hin hubanne turan. (Yohannis 14:2-5 dubbisi.) Boodas akkas isaaniin jedheera: “Ani waan baay’ee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baachuu hin dandeessan. Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa.” (Yoh. 16:12, 13) Duuka buutonni Kiristos, samiirratti mootota ta’anii kan bulchan ta’uusaanii kan hubatan, guyyaa Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33 erga hafuura qulqulluudhaan dibamanii booda ture. (1 Qor. 15:49; Qol. 1:5; 1 Phe. 1:3, 4) Abdiin samiirra jiraachuu yeroo booda kan dhufe waan tureef, ergaawwan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii abdii kanarratti xiyyeeffataniiru. Haata’u malee, ergaawwan kun abdii ilmaan namootaa barabaraaf lafarra jiraachuuf qaban ilaalchisees ragaa dabalataa ni kennuu?

Ergaawwan Geggeessaa Hafuura Qulqulluutiin Barreeffaman Maal Jedhu?

15, 16. Ergaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin warra Ibrootaaf barreeffameefi jechoonni Phexros, waa’ee abdii barabaraaf lafarra jiraachuu kan ibsan akkamitti?

15 Phaawulos ergamaan, ergaa warra Ibrootaaf barreesserratti, namoota hidhata amantiisaa ta’aniin, “obboloota Waaqayyoof qulqullooftanii, waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattan” jedhee ture. Haata’u malee, Waaqayyo “biyya lafaa isa dhufuuf jiru” sanas Yesusiif akka bitamu gochuusaa dubbateera. (Ibr. 2:3, 5; 3:1) Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii keessatti, jechi “biyya lafaa” jedhu yeroo hundumaa lafa ilmaan namootaa irra jiraatan kan argisiisudha. Kanaaf, ‘biyyi lafaa inni dhufuuf jiru’ wantoota gara fuulduraatti bulchiinsa Yesus Kiristos jalatti lafarratti dhufan kan argisiisanidha. Yeroo sanatti Yesus, abdii Waaqayyo, “Toloonni lafandhaalu isarras barabaraan injiraatu” jechuudhaan kenne raawwata.—Far. 37:29, hiika bara 1899.

16 Phexros ergamaanis geggeessaa hafuura qulqulluutiin waa’ee jireenya ilmaan namootaa gara fuulduraa barreesseera. Akkas jedhe: “Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaa’amanii jiru.” (2 Phe. 3:7) Mootummoonni bantiiwwan waaqaatti fakkeeffamaniifi hawaasni ilmaan namootaa hamaa yeroo ammaatti jiran maaliin bakka buufamu? (2 Phexros 3:13 dubbisi.) “Bantiiwwan waaqaa haaraa,” jechuunis Mootummaa Waaqayyoo Masiihichaan geggeeffamuun, akkasumas “lafa haaraa,” jechuunis haawaasa waaqeffattoota dhugaa ilmaan namootaa qajeeloo ta’aniin bakka buufamu.

17. Abdiin ilmaan namootaa Mul’ata 21:1-4⁠rratti kan ibsame akkamitti?

17 Kutaa Macaafa Qulqulluu isa xumuraa keessatti, mul’anni waa’ee yerootti ilmaan namootaa deebi’anii cubbuurraa walaba itti ta’an ibsu garaa keenya gammachuudhaan guuta. (Mul’ata 21:1-4 dubbisi.) Kun, abdii ilmaan namootaa amanamoo ta’an erga dhaaba Eeden keessatti namni cubbuutti kufee kaasee eegaa turanidha. Namoonni qajeeloon utuu hin dulloomin lafa Jannata taaterra barabaraaf jiraatu. Abdiin kun, guutummaatti Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarrattis ta’e Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikiirratti kan hundaa’e si’a ta’u, tajaajiltoota Yihowaa amanamoo hanga har’aatti jiranis jajjabeessuusaa itti fufeera.—Mul. 22:1, 2.

Ibsuu Dandeessaa?

• Yesus “biyya lafaa ishee haaraa” yeroo jedhu maal jechuusaa ture?

• Yesus Niqoodemositti waa’ee maalii dubbatee ture?

• Yesus namicha hamaa isa cinatti fannifamee tureef abdii isa kam kenne?

• Ergaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin warra Ibrootaaf barreeffameefi jechoonni Phexros, waa’ee abdii barabaraaf lafarra jiraachuu kan mirkaneessan akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Namoonni hoolotatti fakkeeffaman barabaraaf lafarra jiraatu

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Yesus waa’ee barabaraaf lafarra jiraachuu namoota kaanitti himeera