Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”

“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”

“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”

“Jaalala Waaqayyoo keessatti of egaa; araara ittiin gooftaan keenya Yesus Kristos jireenya bara baraatti isin geessu eeggadhaa!”—YIH. 21.

1, 2. Yihowaan jaalala nuuf qabu akkamitti argisiise? Wanta feene goonuyyuu akka inni jaalalasaa keessatti nu hin eegne akkamitti beekuu dandeenya?

YIHOWAAN karaa hedduudhaan jaalalasaa nutti argisiiseera. Aarsaan furii Yesus Kiristosis, jaalala guddaa Yihowaan nuuf qabu kan mirkaneessudha. Jaalalli inni ilmaan namootaatiif qabu baay’ee guddaa waan ta’eef, Ilmisaa inni jaallatamaan nuuf jedhee akka du’uuf jecha hamma gara lafaatti isa ergutti ga’eera. (Yoh. 3:16) Yihowaan kana kan godhe, barabaraaf akka jiraannu, akkasumas jaalalasaarraa barabaraaf faayidaa akka argannu waan barbaaduufidha!

2 Haata’u malee, wanta feene yoo goone Yihowaan jaalalasaa keessatti nu eega jennee yaaduu dandeenyaa? Waawuu! Yihudaa lakkoobsa 21⁠rratti gorsa cimaa akkas jedhu dubbisna: “Jaalala Waaqayyoo keessatti of egaa; araara ittiin gooftaan keenya Yesus Kristos jireenya bara baraatti isin geessu eeggadhaa!” Jechi, “jaalala Waaqayyoo keessatti of eegaa” jedhu tarkaanfiin gama keenyaan fudhachuu qabnu akka jiru argisiisa. Akkas taanaan, jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf maal gochuu nu barbaachisaree?

Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eeguu Kan Dandeenyu Akkamitti?

3. Yesus jaalala Abbaasaatti qabamee jiraachuuf wanti isa barbaachisu maal akka ta’e dubbate?

3 Deebii gaaffii kanaa, dubbii Yesus galgala dhuma jireenyasaa isa lafarraatti dubbaterraa argachuu dandeenya. Akkas jedhe: “Akkuma ani abboommii abbaa kootii hundumaa eegee, jaalala isaattis qabamee jiraadhu, isinis abboommii koo hundumaa yoo eegdan jaalala kootti qabamtanii in jiraattu.” (Yoh. 15:10) Kanarraa ifatti hubachuun akka danda’amutti, Yesus jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguufi Abbaasaa duratti akka fudhatama argatetti itti fufuuf, abboommota Yihowaa eeguun murteessaa ta’uusaa beeka ture. Ilmi Waaqayyoo inni mudaa hin qabne akkas gochuun erga isa barbaachise, nutoo akkas gochuun nu hin barbaachisuu?

4, 5. (a) Yihowaa akka jaallannu karaa itti argisiisnu keessaa inni guddaan isa kami? (b) Abboommii Yihowaa eeguurraa duubatti jechuuf sababii kan hin qabne maaliifi?

4 Waaqayyoon akka jaallannu karaa itti argisiisnu keessaa inni guddaan Isaaf abboomamuudha. Yohannis ergamaan barbaachisummaa wanta kanaa karaa kanaan ibseera: “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti.” (1  Yoh. 5:3) Namoonni hedduun yeroo har’aatti argaman eenyuufiyyuu abboomamuu hin barbaadan. Kanaaf, jecha, “abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti” jedhu qalbeeffadhaa. Yihowaan wanta humna keenyaa ol ta’e akka raawwannu nu hin gaafatu.

5 Kana fakkeenyaan ibsuuf: Michuun baay’ee itti dhihaattan akka inni baachuu hin dandeenye utuu beektanii ba’aa baay’ee ulfaatu akka isinii baatu ni gaafattuu? Akkas akka hin goone beekamaadha! Yihowaan nu caalaa baay’ee gaarii ta’uusaarrayyuu, daangaa humna keenyaa nu caalaatti beeka. Macaafni Qulqulluun, Yihowaan “biyyoo ta’uu keenya in yaadata” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Far. 103:14) Matumaa wanta humna keenyaa ol ta’e akka raawwannu nu hin gaafatu. Kanaaf, abboomii Yihowaa eeguurraa duubatti jechuuf sababii hin qabnu. Kanaa mannaa, abboomamuun keenya carraa Abbaa keenya isa samii akka jaallannuufi jaalalasaa keessaa utuu hin ba’in jiraachuu akka barbaannu itti argisiisnu goone ilaalla.

Kennaa Addaa Yihowaa Biraa Arganne

6, 7. (a) Dhageettiin yaada garaa maalidha? (b) Dhageettiin yaada garaa jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf kan nu gargaaru akkamitti akka ta’e fakkeenyaan ibsi.

6 Biyya lafaa isa hunkuramaa kana keessa yommuu jiraannu, wantoonni murtoo Waaqayyoof abboomamuuf goone nu jalaa mancaasan hedduun nu mudatu. Kanaaf, murtoon keenya fedha Waaqayyoo wajjin akka walsimu akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? Yihowaan gama kanaan kennaa addaa abboomamuuf nu gargaaruu nuu kenneera. Kennaan kunis dhageettii yaada garaati. Dhageettiin yaada garaa maalidha? Kennaa addaa, gochi, amalliifi filannoon keenya sirrii ykn dogoggora ta’uufi dhiisuusaa baruuf nu gargaarudha. Dhageettiin yaada garaa filannoowwan jireenya keessatti nu mudatan akka madaallu ykn tarkaanfiiwwan fudhanne irra deebinee akka ilaalluufi tarkaanfiiwwan kun gaarii ykn gadhee, sirrii ykn dogoggora ta’uusaanii akka madaallu kan nu dandeessisu ta’uusaarrayyuu, keessa keenyaa kan nuu falmu ykn kan nu hadheessu ta’ee tajaajila.—Roomaa 2:14, 15 dubbisi.

7 Dhageettii yaada garaa keenyatti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Namni tokko lafa onaa keessa adeemaa jira haa jennu. Faanni namootaa, karaan ykn mallattoon karaa argisiisu hin jiru. Ta’us namni kun bakka yaade ga’uuf utuu gargar hin kutin adeemaa jira. Kun akkamitti ta’uu danda’a? Koompaasii waan qabateefidha. Koompaasiin, meeshaa kallattii arfan argisiisuufi mallattoo yeroo hundaa gara kaabaatti argisiisu qabudha. Namni kun koompaasii utuu hin qabu ta’ee karaarraa akka badu beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuunis, namni tokko dhageettii yaada garaa hin qabu taanaan, jireenyasaa keessatti filannoo sirrii, gaariifi ulaagaa qajeelummaa wajjin walsimu gochuun isa rakkisuu danda’a.

8, 9. (a) Dhageettiin yaada garaa keenyaa kan daangeffame ta’uusaa ilaalchisee maal dagachuu hin qabnu? (b) Yaanni garaa keenya qajeelfama faayidaa qabu akka nuu kennuuf maal gochuu dandeenya?

8 Kanaaf, akkuma koompaasii dhageettiin yaanni garaas daangaa qaba. Namni karaa adeemu kun koompaasicha bira utuu maagneetii kaa’ee, mallattoon sun gara kaabaa argisiisuusaa dhaaba. Haaluma wal fakkaatuun nutis, fedhii mataa keenyaatiif bakka guddaa kan kenninu taanaan maaltu ga’uu danda’a? Fedhiin ofittummaa dhageettii yaada garaa keenyaa mancaasuu danda’a. Macaafni Qulqulluun, “Garaan namaa waan hundumaa irra jal’aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda’u” jechuudhaan nu akeekkachiisa. (Er. 17:9; Fak. 4:23) Kana malees, kara adeemaan kun kaartaa sirriifi amansiisaa ta’e qabaachuu baannaan, koompaasichi qofaasaatti faayidaa isaaf argamsiisuu hin qabu. Nutis, qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu isa sirriifi hin gegeeddaramneen hin geggeeffamnu taanaan, yaanni garaa keenya qofti faayidaa nuu argamsiisu hin qabu. (Far. 119:105) Kan nama gaddisiisu, namoonni biyya lafaa fedhiisaaniitiif bakka guddaa kan kennan si’a ta’u, amala argisiisuu qabnuufi Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuuf garuu dantaa hin qaban. (Efesoon 4:17-19 dubbisi.) Namoonni baay’een dhageettii yaada garaa kan qaban ta’anillee, wantoota nama suukanneessan kan raawwatan kanumaafidha.—1 Xim. 4:2.

9 Nutis akka namoota kanaa akka hin taaneef, murtoo gochuu qabna! Kanaa mannaa, yaanni garaa keenya qajeelfama bu’a qabeessa akka nuu kennuuf, yeroo hundaa Dubbii Waaqayyoorraa barumsaafi leenjii akka argatu gochuu keenya itti haa fufnu. Fedhiin ofittummaa, yaada garaa keenya akka to’atu gochuu mannaa, wanta yaanni garaa keenya inni Macaafa Qulqulluudhaan leenjifame nutti himu dhaga’uu qabna. Kana malees, obbolootaafi obboleettota keenya warra karaa hafuuraa hidhata keenya ta’an waan jaallannuuf, yaada garaasaanii kabajuuf carraaqqii gochuu qabna. Dhageettiin yaada garaa obboloota keenyaa kan keenya caalaa salphaatti kan miidhamu ykn jabaa ta’uu akka danda’u tilmaama keessa galchuudhaan, isaan gufachiisuurraa fagaachuuf of eeggannoo guddaa goona.—1 Qor. 8:12; 2 Qor. 4:2; 1 Phe. 3:16.

10. Kanatti aansinee kallattii jireenyaa sadan kamirratti mari’anna?

10 Mee ammammoo karaawwan sadan abboomamuudhaan jaalala Yihowaaf qabnu itti argisiisuu dandeenyu haa ilaallu. Karaawwan sadanuu yaanni garaa ga’ee guddaa akka qabu beekamaadha; ta’us yaanni garaa keenya amala qabaachuu qabnu ilaalchisee hunda caalaatti Macaafa Qulqulluu isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffameen kan leenjifame ta’uu qaba. Karaawwan sadan abboomamuudhaan Yihowaa akka jaallannu itti argisiisnu: (1) Namoota Yihowaan jaallatu jaallachuu, (2) aboodhaaf ulfina qabaachuufi (3) Waaqayyo duratti qulqulluu taanee jiraachuuf carraaquu.

Namoota Yihowaan Jaallatu Jaallachuu

11. Namoota Yihowaan jaallatu jaallachuu kan qabnu maaliifi?

11 Jalqaba, namoota Yihowaan jaallatu jaallachuu qabna. Waa’een michoomaa yommuu ka’u, namoonni ispoonjii wajjin wal fakkaatu jechuun ni danda’ama. Utuu nutti hin beekamin wanta naannoo keenya jiru ofitti fudhanna. Uumaan keenya michoomni hammam balaa geessisuu akka danda’uufi hammam faayidaa akka qabu akka gaariitti beeka. Kanaan kan ka’es gorsa gaarii, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in ta’a; miiltoon gowwootaa garuu in bada” jedhu nuu kenneera. (Fak. 13:20; 1 Qor. 15:33) Hundi keenyayyuu ‘ogeessa ta’uu’ malee, ‘baduu’ hin barbaannu. Ogummaan Yihowaa mudaa kan hin qabne waan ta’eef, michoomni warra kaanii ogummaa isaaf dabaluu ykn eenyuyyuu matumaa amalasaa mancaasuu hin danda’u. Ta’us, michooma ilaalchisee fakkeenya gaarii nuu ta’a. Mee yaadaa, Yihowaan namoota cubbamoo ta’an keessaa michootasaa akka ta’aniif eenyufaa filata?

12. Yihowaan namoota akkamii michoota godhee filata?

12 Yihowaan Abrahaam isa abbaa amantii ta’e “Michuukoo” jedhee waameera. (Isa. 41:8, hiika bara 1899) Nama amantii kan ta’e Abrahaam, amanamummaa argisiisuufi ajajamuudhaan, akkasumas qajeelummaa jaallachuudhaan fakkeenya gaarii ta’a. (Yaq. 2:21-23) Yihowaan michoomaaf nama akkasii filata. Har’as namoota akkasii michoota godhee filata. Yihowaan namoota akkasii michoota godhee kan filatu taanaan, nutis ogeessotaa wajjin deemuudhaan ogeessota ta’uuf, michoota keenya of eeggannoodhaan filachuu hin qabnuu?

13. Michoota filachuu ilaalchisee filannoo sirrii gochuuf maaltu nu gargaara?

13 Gama kanaan filannoo gaarii gochuuf maaltu isin gargaaruu danda’a? Seenaa namoota Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman qayyabachuun keenya filannoo sirrii gochuuf nu gargaaruu danda’a. Michooma Ruutiifi amaatiishee Naa’omii, Daawitiifi Yonaataan, Phaawulosiifi Ximotewos gidduu ture mee yaadaa. (Rut. 1:16, 17; 1 Sam. 23:16-18; Filp. 2:19-22) Sababii guddaan namoonni kun michoota baay’ee walitti dhihaatan akka ta’an godhe, Yihowaaf jaalala dhugaa qabaachuusaaniiti. Michoota akka keessan Yihowaa jaallatan argachuu dandeessuu? Carraan michoota akkasii gumii keessaa argachuuf qabnu bal’aa ta’uusaa mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Michoonni akkasii wanta Yihowaa gaddisiisu akka raawwattan isin hin taasisan. Kanaa mannaa, Yihowaaf akka ajajamtan, karaa hafuuraa guddina akka argisiistaniifi akka yaada hafuuraatti akka facaastan isin gargaaru. (Galaatiyaa 6:7, 8 dubbisi.) Jaalala Waaqayyoo keessattis akka of eegdan isin gargaaru.

Aboo Kabajuu

14. Yeroo baay’ee wantoonni aboo kabajuun akka nutti ulfaatu godhan maalfa’i?

14 Karaa lammaffaan Yihowaa akka jaallannu itti argisiisnummoo aboo wajjin kan wal qabatedha. Aboo kabajuu qabna. Haata’u malee, yeroo tokko tokko aboo kabajuun kan nutti ulfaatu maaliifi? Sababii tokkoffaan namoonni aboorra jiran cubbamoota ta’uusaaniiti. Nutis akkasuma cubbuu dhaallee dhalanneerra. Amala diddaa keessa keenya jiruu wajjin waldhaansoo wal qabna.

15, 16. (a) Namoota Yihowaan sabasaa akka kunuunsaniif aboorra kaa’e kabajuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Yommuu Israa’eloonni Museerratti ka’an wanta Yihowaatti dhaga’ameeraa barumsa gaarii akkamii arganna?

15 ‘Aboo kabajuun akkas kan ulfaatu erga ta’ee, akkas gochuun kan nu barbaachisu maaliifi?’ jettanii gaafattu ta’a. Deebiin gaaffii kanaa, gaaffii olaantummaa wajjin kan wal qabatedha. Eenyuun bulchaa olaanaa keessan gootanii filattu? Yihowaa bulchaa olaanaa keenya goonee filannaan, aboosaa kabajuu qabna. Aboosaa hin kabajnu taanaan, Bulchaan keenya isadha jechuun keenya dhugaa ta’uu danda’aa? Kana malees, Yihowaan yeroo baay’ee qajeelfama kan nuu kennu karaa namoota cubbamoo ta’aniifi sabasaatiif qajeelfama akka kennaniif isaan mudeenidha. Namoota kanarratti yoo kaane, Yihowaan gocha keenya akkamitti ilaala?—1 Tasaloniiqee 5:12, 13 dubbisi.

16 Fakkeenyaaf, Israa’eloonni yommuu Museerratti guungumaniifi isarratti ka’an, Yihowaan gochasaanii kana kallattiidhaan akka isarratti ka’anitti ilaaleera. (Lak. 14:26, 27) Har’as Waaqayyo hin jijjiiramne. Namoota inni aboorra kaa’erratti kan kaanu taanaan, isarratti ka’uu keenya ta’a!

17. Namoota gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniif ilaalcha sirrii qabaachuuf, carraaqqii akkamii gochuu qabna?

17 Phaawulos ergamaan, namoota gumii Kiristiyaanaa keessatti aboo qabaniif ilaalcha sirrii qabaachuu akka qabnu ibseera. Akkas jechuun barreesseera: “Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf! Kanas gaddaan utuu hin ta’in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba’eessa miti.” (Ibr. 13:17) Amala gaarii bitamuufi ajajamuu gaafatu akkasii kana horachuuf, gama keenyaan carraaqqii guddaa gochuu akka nu barbaachisu hin shakkisiisu. Carraaqqiin keenya jaalala Waaqayyoo keessatti of eegnee jiraachuu akka ta’e dagachuu hin qabnu. Galma kanarra ga’uuf wanta dandeenyu hundaa gochuu hin qabuu?

Yihowaa Duratti Qulqulluu Ta’anii Jiraachuu

18. Yihowaan qulqulluu taanee akka jiraannu kan barbaadu maaliifi?

18 Karaa sadaffaan jaalala Yihowaaf qabnu itti argisiisnummoo, isa duratti qulqulluu taanee jiraachuuf yaalii gochuudha. Yeroo baay’ee warri qulqullina ijoolleesaanii eeguuf carraaqqii cimaa godhu. Maaliif? Sababii tokkoffaan, qulqullinni nageenyaafi fayyaa daa’ima tokkootiif murteessaa waan ta’eefidha. Kana malees, mucaan tokko qulqulluu ta’uunsaa warrisaa akka galateeffataman kan godhu ta’uusaarrayyuu, warrisaa akka isa jaallataniifi akka isa kunuunsan argisiisa. Yihowaanis qulqulluu akka taanu kan nurraa barbaadu sababii kanaa wajjin wal fakkaatu waan qabuufidha. Qulqullinni nageenya keenyaaf murteessaa ta’uusaa beeka. Kana malees, qulqulluu ta’uun keenya Abbaa keenya isa samiitiif ulfina fida. Kun dhimma bakka guddaan kennamuufii qabudha; sababiinsaas, qulqulluu ta’uun keenya namoonni biyya lafaa isa manca’aa keessatti, warra kaanirraa adda ta’uu keenya akka hubataniifi Waaqa isa nuti tajaajillutti akka dhihaatan gochuu waan danda’uufidha.

19. Qulqullinni qaamaa barbaachisaa ta’uusaa akkamitti beekna?

19 Qulqulluu ta’uun kan nu barbaachisu karaawwan kamiini? Guutummaa jireenya keenyaan akka ta’e beekamaadha. Yihowaan Israa’eloota duriitiif qulqullinni qaamaa barbaachisaa ta’uusaa ifa godheera. (Lew. 15:31) Seerri Musee, naannoo ofii qulqullinaan qabuu, mi’oota qulqulleessuu, harkaafi miilla, akkasumas uffata miicuu wajjn wantoota wal qabatan kan dabalatu ture. (Bau. 30:17-21; Lew. 11:32; Lak. 19:17-20; Kes. 23:13, 14) Israa’eloonni, Waaqnisaanii Yihowaan qulqulluu akka ta’e isaanitti himamee ture. Namoonni Waaqa isa qulqulluu tajaajilanis qulqulluu ta’uutu isaanirraa eegama.Lewwoota 11:44, 45 dubbisi.

20. Karaawwan kamiin qulqulluu taanee jiraachuu qabna?

20 Akkuma qulqullinni qaamaa barbaachisaa ta’e, keessi keenyas qulqulluu ta’uu qaba. Wanti yaannus qulqulluu akka ta’uuf carraaqqii goona. Ilaalchi namoonni biyya lafaa saalaaf qaban manca’aa adeemus, nuti garuu ulaagaa Yihowaan amala qulqulluu ilaalchisee baase cimsinee hordofna. Hunda caalaattimmoo, amantii sobaatiin faalamuurraa of eeguudhaan waaqeffannaan keenya qulqulluu ta’ee akka itti fufu gochuuf wanta dandeenyu hundaa goona. Akeekkachiisa Isaayaas 52:11⁠rratti argamuufi geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame dagachuu hin qabnu: “Sokkaa, achii ba’aatii sokkaa! Wanta xuraa’aas harkaan hin qabinaa! . . ., of qulleessaa, ishee keessaa ba’aatii sokkaa!” Har’as, wantoota amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya qabaniifi Abbaan keenya inni samii akka xuraa’aatti ilaalu kamirraayyuu fagaachuudhaan guutummaatti karaa hafuuraa qulqulluu taanee jiraanna. Fakkeenyaaf, ayyaanawwan amantii sobaatiin ayyaaneffatamaniifi biyya lafaa isa yeroo ammaatti argamu keessatti baay’ee jaallatamoo ta’anirraa kan fagaannus kanumaafidha. Qulqullina ofii eeganii jiraachuun carraaqqii cimaa akka gaafatu beekamaadha. Sabni Yihowaa gama kanaan carraaqqii cimaa kan godhan, jaalala Waaqayyoo keessatti of eeganii akka jiraatan waan isaan gargaaruufidha.

21. Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegnee jiraachuu akka dandeenyu akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

21 Yihowaan barabaraaf jaalalasaatti qabamnee akka jiraannu barbaada. Haata’u malee, hundi keenyayyuu dhuunfaadhaan jaalala Waaqayyoo keessaa utuu hin ba’in jiraachuuf, wanta dandeenyu hundaa gochuu qabna. Jaalala Yihowaaf qabnu, fakkeenya Yesus hordofuufi abboommii Yihowaatiif ajajamuudhaan argisiisuu dandeenya. Akkas kan goonu taanaan, homtinuu “jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda’ee gargar nu hin baasu.”—Rom. 8:38, 39.

Ni Yaadattaa?

• Dhageettiin yaada garaa keenya jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?

• Namoota Yihowaan jaallatu jaallachuu kan qabnu maaliifi?

• Aboo kabajuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

• Sabni Waaqayyoo qulqulluu ta’uun kan isaan barbaachisu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/Fakkii fuula 20rra jiru]

Kitaaba Amala Gaarii Horachuuf Nu Gargaaru

Walga’ii koonyaa bara 2008/2009 godhamerratti kitaabni “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamuufi fuula 224 qabu ba’uunsaa himamee ture. Kitaabni haaraan kun kaayyoo maaliitiif qophaa’e? Kitaabichi kan xiyyeeffatu, amala Kiristiyaanni tokko argisiisuu qaburratti si’a ta’u, Kiristiyaanonni ulaagaa Yihowaan jireenyaaf baase akka beekaniifi ulaagaawwan kana akka jaallatan gargaaruudha. Kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu of eeggannoon qayyabachuufi ulaagaa jireenyaa Yihowaan baasee wajjin haala walsimuun jiraachuun, yeroo ammaatti daandiin kun karaa hundarra caalu akka ta’eefi gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa akka nuuf argamsiisu ilaachisee amantii qabnu caalaatti nuu jabeessa.

Caalaattimmoo, kitaabni kun Yihowaaf abboomamuun ba’aa ulfaataa akka hin taane akka hubannu nu gargaaruuf yaadamee qophaa’e. Kanaa mannaa, abboomamuun keenya hammam Yihowaa akka jaallannu karaa itti argisiisnudha. Kanaaf, kitaabni kun ‘Yihowaaf kanan abboomamu maaliifi?’ jennee akka of gaafannu nu kakaasa.

Namoonni tokko tokko jaalala Yihowaa keessatti of eeguu dhiisuudhaan dogoggora nama gaddisiisu kan raawwatan, yeroo baay’ee wanti rakkoo kanaaf sababii ta’u barumsa bu’uuraa hubachuu dhabuu utuu hin ta’in amalaa wajjin kan wal qabate ta’ee argama. Kanaaf, jaalala, dinqisiifannaa seerawwaniifi seerawwan bu’uuraa Yihowaa, jireenya keenyaaf qajeelfama ta’uudhaan nu gargaaraniif qabnu guddifachuun keenya baay’ee barbaachisaadha! Kitaabni haaraan kun hoolonni Yihowaa addunyaa maratti argaman wanta sirrii ta’eef ejjennoo cimaa akka qabaatan, akkasumas Seexanni sobduu ta’uusaa akka mirkaneessaniifi hunda caalaattimmoo, jaalala Waaqayyoo keessatti of eeganii jiraachuuf akka isaan gargaaru ni abdanna!—Yih. 21.

[Fakkii fuula 18rra jiru]

“Akkuma ani abboommii abbaa kootii hundumaa eegee, jaalala isaattis qabamee jiraadhu, isinis abboommii koo hundumaa yoo eegdan jaalala kootti qabamtanii in jiraattu”