Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kanaan Dura Tajaajilaa Turtee? Ammas Tajaajiluu Dandeessaa?

Kanaan Dura Tajaajilaa Turtee? Ammas Tajaajiluu Dandeessaa?

Kanaan Dura Tajaajilaa Turtee? Ammas Tajaajiluu Dandeessaa?

KANAAN DURA gumii Kiristiyaanaa keessatti itti gaafatamummaa fudhattee tajaajilaa turtee? Tajaajilaa ykn jaarsa gumii, tariimmoo tajaajila yeroo guutuu tokkorratti hirmaachaa turte ta’a. Mirga kanatti gammachuu guddaa argattee akka turte homaa hin shakkisiisu; ta’us, sababiiwwan tokko tokkoon kan ka’e amma tajaajila kanarratti hirmaachaa hin jirtu.

Tarii maatiikee kunuunsuuf, yookiinimmoo, sababii dullumaafi fayyaa wajjin wal qabateen mirgakee kana dhiisuuf dirqamtee ta’a. Murtoo akkasiirra kan geesse sababiiwwan kanaan taanaan, kun dadhabaa ta’uukee kan argisiisu miti. (1 Xim. 5:8) Filiphos inni jaarraa jalqabaatti jiraate, misiyoonii ta’ee tajaajilaa kan ture ta’us, yeroo booda garuu maatiisaa kunuunsuuf jecha Qiisaariyaa keessa jiraachuu jalqabe. (HoE. 21:8, 9) Daawit inni Mootii Israa’el tures, yeroo dulloometti Solomoon bakkasaa bu’ee akka mo’uuf haala mijeesseera. (1 Mot. 1:1, 32-35) Filiphosis ta’e Daawit itti gaafatamummaa qaban dhaabanis, jaalalliifi ulfinni Yihowaan isaaniif qabu hin hir’anne; har’as namoota biratti bakka guddaa qabu.

Karaa biraatiinimmoo mirga gumii keessatti qabdu akka dhabdu taasifamteetta ta’a. Tarii kun kan ta’e amala sirrii hin taane waan argisiisteef ta’innaa? Yookiinimmoo maatiikee gidduu rakkoon waan jiruufidhaa? (1 Xim. 3:2, 4, 10, 12) Mirgakee akka dhabdu taasifamuunkee sirrii akka hin taane sitti dhaga’ama ta’a; tariimmoo mufannaan yeroo sana sitti dhaga’ame ammayyuu keessa keetii hin baane ta’a.

Mirga Dhabde Argachuuf Carraaqqii Gochuu Dandeessa

Namni tokko mirga dhabe deebisee argachuu hin danda’uu? Yeroo baay’ee argachuu hin danda’u jechuu miti. Haata’u malee, mirga tajaajilaa dhabde argachuuf carraaquu qabda. (1 Xim. 3:1) Ta’us mirga dhabde argachuuf kan si kakaasu maalidha? Sababii Yihowaaf akka of murteessitu si kakaasee wajjin tokko si’a ta’u, sababiin kunis jaalala Yihowaafi namoota isa tajaajilaniif qabdudha. Mirga dhabde argachuuf fedhii qabaachuudhaan jaalala akkasii akka qabdu yoo argisiiste, Yihowaan muuxannoo mirga kana dhabuukee dura qabduufi isa booda argatteen caalaatti akka isa tajaajiltu carraa sii bana.

Yihowaan Israa’eloonni balleessaa raawwataniin mirga addaa isa duratti qaban akka dhaban erga godhee booda, jajjabina inni isaaniif kenne yaadachuu yaali. Dubbiinsaa akkas jedha: “Ani Waaqayyo waanan ta’eef, hin geddaramu; kanaaf yaa ilmaan Yaaqoob isin raawwattanii hin badne.” (Mil. 3:6) Yihowaan Israa’eloota kan jaallatu ta’uusaarrayyuu, caalaatti isaanitti gargaaramuu barbaadee ture. Sittis akkasuma fayyadamuu barbaada. Haala amma keessa jirtuun maal gochuu dandeessa? Gumii keessatti mirga argachuuf, wanti caalaatti barbaachisu dandeettii uumamaa utuu hin ta’in hariiroo namni tokko Yihowaa wajjin qabuudha. Kanaaf, yeroo itti gaafatamummaa dabalataa hin qabne kana, hariiroo Yihowaa wajjin qabdu jabeessuuf itti fayyadami.

Amantiitti ‘jabaa’ ta’uuf, ‘Waaqayyoofi aangoosaa qorachuu’ qabda. (1 Qor. 16:13; Far. 105:4) Karaan itti kana gochuu dandeessu keessaa tokko, kadhannaa onneerraa madde dhiheessuudha. Haala keessatti argamtu yommuu Yihowaadhaaf ibsitu, wanta sitti dhaga’amu itti himi, akkasumas hafuurasaa akka sii kennu kadhadhu. Akkas goonaan, caalaatti Yihowaatti kan dhihaattu si’a ta’u, kunimmoo jabina argachuuf si gargaara. (Far. 62:8; Filp. 4:6, 13) Tarkaanfii garabiraan hariiroo Yihowaa wajjin qabdu cimsuuf si gargaarummoo, akkaataa Dubbii Waaqayyoo itti dubbistu fooyyessuudha. Kanaan dura qayyabannaa dhuunfaa ykn maatii karaa dhaabbataa ta’een gochuun si rakkiseera taanaan, amma itti gaafatamummaa hedduu waan hin qabneef fooyyeffachuu dandeessa.

Ammas taanaan, Dhugaa Baatota Yihowaa warra isa bakka bu’an keessaa tokko ta’uukee dagachuu hin qabdu. (Isa. 43:10-12) Mirgi guddaan argachuu dandeenyu hundarra caalu, ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuu’ keenyadha. (1 Qor. 3:9, hiika bara 1899) Sochii tajaajilarratti gootu guddisuunkee, hariiroo atis taate obboloonni si wajjin tajaajilan Yihowaa wajjin qaban jabeessuuf si gargaara.

Miira Sitti Dhaga’amu Mo’uu

Mirga gumii keessatti qabdu dhabuunkee, si yeellaasisuu ykn si gaabbisiisuu danda’a. Wanta raawwatteefis sababii dhiheessita ta’a. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban falmii ati dhiheessitu dhaga’anis, mirga tokko tokko dhabuu akka qabdu yoo itti dhagamehoo? Haalli akkasii yommuu uumamu obboloota kanatti akka aartu, darbees mirgakee deebistee argachuuf carraaqqii akka hin gooneefi haala sirra ga’erraa barumsa akka hin arganne gufuu sitti ta’uu danda’a. Namni tokko fakkeenya Iyoob, Minaaseefi Yoseef qoruunsaa miira gadhee isatti dhaga’amu mo’uuf kan isa gargaaru akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Iyoob namoota kaan bakka bu’ee Yihowaatti kan dhihaatu ta’uusaarryyuu, hawaasicha keessatti jaarsaafi abbaa firdii ta’ee tajaajila ture. (Iyo. 1:5; 29:7-17, 21-25) Haata’u malee, Iyoob jireenyasaa keessatti yeroo murteessaa ta’e tokkotti qabeenyasaa, ijoolleesaafi fayyaasaa dhabe. Kanaan kan ka’es, fudhatama namoota duratti qabu dhabee ture. Iyoob, “warri na booddee ta’an anatti in kolfu” jedheera.—Iyo. 30:1.

Iyoob dogoggora akka raawwate waan isatti hin dhaga’amneef, Waaqayyoo duratti nama sirrii ta’uusaa falmachuu barbaadee ture. (Iyo. 13:15) Ta’us, Iyoob obsaan Yihowaa eeguuf fedhii qabaachuunsaa eebba isaaf argamsiiseera. Keessumaa qorumsa isarra ga’eef deebiin inni kenne, sirreeffamni akka isa barbaachisu isa hubachiiseera. (Iyo. 40:6-8; 42:3, 6) Iyoob amala gad of deebisuu argisiisuunsaa, Waaqayyo biraa wantoota eebbawwan hedduu akka argatu isa taasiseera.—Iyo. 42:10-13.

Mirgakee kan dhabde dogoggora raawwatteen yoo ta’e, Yihowaanis ta’e obboloonni hidhata amantiikee ta’an garaasaaniitii dhiifama akka sii godhaniifi gocha raawwatte irraanfachuusaanii ni shakkita ta’a. Mee seenaa Minaasee isa Mootii Yihudaa ture haa ilaallu. Inni “wanta hamaa baay’ee hojjechuu isaatiin dheekkamsa Waaqayyoo of irratti in kaase.” (2 Mot. 21:6) Ta’us Minaaseen deebi’ee mootii kan ta’e ta’uusaarrayyuu, amanamaa ta’ee du’eera. Kun akkamitti ta’uu danda’e?

Minaaseen yeroo booda adaba isaaf kenname fudhateera. Akeekkachiisa sanaan dura isaaf kenname fudhachuu waan dideef, Yihowaan warra Asor itti kaasuufi fuuncaadhaan hidhanii boojuudhaan biyya Baabilonitti akka isa geessan godhee ture. Minaaseen achitti, “gara Waaqayyo gooftaa isaatiitti in deebi’e; Waaqayyo isa kan abboota isaatii durattis guddaa gad of in deebise. Inni Waaqayyoon [in kadhate].” Minaaseen garaasaatii qalbii geddaratee balleessaasaa sirreessuuf tarkaanfii waan fudhateef, Yihowaan dhiifama isaaf godheera.—2 Sen. 33:12, 13.

Carraan namni tokko mirga dhabe hundaa takkaatti argachuuf qabu baay’ee dhiphaadha. Haata’u malee, suuta suuta mirgawwan tokko tokko argachuu dandeessa. Itti gaafatamummaa sii kenname fudhattee raawwachuuf wanta dandeessu hundaa goonaan, yeroo baay’ee mirgawwan warra kaanis argachuuf karaa sii banuu danda’a. Akkas jechuun garuu haallikee yeroo gabaabaa gidduutti sirreeffama jechuu miti. Wantoonni gufuu ta’anis jiraachuu danda’uu. Ta’us fedhiifi obsa qabaachuunkee bu’aa gaarii argamsiisa.

Yoseef, ilma Yaaqoob akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Yommuu umriinsaa 17 turetti, obboloonnisaa garbummaatti isa gurguruudhaan daba irratti raawwataniiru. (Uma. 37:2, 26-28) Ijoolleen abbaasaa daba akkasii narratti raawwatu jedhee yaaduun akka isatti ulfaatu beekamaadha. Ta’us, Yoseef haala uumamee wajjin karaa wal simuun jiraachuuf fedhii argisiiseera; eebbi Yihowaas waan isaa wajjin tureef, “mana gooftaasaa keessatti itti gaafatamummaan ni kennameef.” (Uma. 39:2, NW) Yeroo booda garuu, Yoseef mana hidhaa seene. Yoseef achittis amanamaa ta’ee waan dhaabateef Yihowaan isaa wajjin kan ture si’a ta’u, boodas mana hidhaa sana keessatti itti gaafatamummaan isaaf kennameera.—Uma. 39:21-23.

Yoseef wantoonni kun hundi kan isarra ga’an kaayyoo maaliitiif akka ture hin hubanne. Ta’us wanta danda’u gochuusaa itti fufeera. Kanaan kan ka’es, Yihowaan toorri hidda dhaloota Sanyii isa abdachiifame sanaa eegamee akka turu gochuuf Yoseefitti akka fayyadamu Isa dandeessiseera. (Uma. 3:15; 45:5-8) Nu keessaa eenyu keenyayyuu akka Yoseef ga’ee addaa raawwanna jennee eeguu baannus, seenaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun tajaajiltoonnisaa mirga akka argatan kan taasisu Yihowaa ta’uusaa argisiisa. Atis fakkeenya Yoseef hordofuudhaan, karaan gumii keessatti mirga itti argachuu dandeessu banaa akka ta’u gochuukee itti fufi.

Haalawwan Rakkisoo Ta’anirraa Barumsa Argachuu

Iyoob, Minaaseefi Yoseef haalawwan abdii nama kutachiisan isaan mudataniiru. Sadansaaniiyyuu wanta Yihowaan akka isaanirra ga’u heyyame fudhachuudhaan barumsa bu’a qabeessa ta’e argataniiru. Atoo maal barachuu dandeessa?

Yihowaan maal si barsiisuu akka barbaade hubachuu yaali. Iyoob haala abdii isa kutachiisuu keessa yommuu turetti, ofirratti qofa waan xiyyeeffateef wantoota murteessaa ta’an kaan hin hubatin hafeera. Haata’u malee, sirreeffama Yihowaan jaalalaan isaaf kenne fudhachuudhaan ilaalcha sirrii qabaachuu kan danda’e si’a ta’u, “ani waanan hin hubatin dubbadheera” jechuudhaan dogoggorasaa ifatti amaneera. (Iyo. 42:3) Mirgawwan qabdu dhabuukeetiin miirrikee akka miidhame kan sitti dhaga’amu taanaan, ‘waan yaaduun siif ta’u caalaatti of yaaduu mannaa, akka of ilaaluun siif ta’utti yaadi.’ (Rom. 12:3) Yihowaan karaa ati ammayyuu guutummaatti hin hubanneen si sirreessuuf yaalaa jira ta’a.

Adaba fudhadhu. Minaaseen tarii jalqabarratti adabni isaaf kenname garmalee jabaa akka ta’e itti dhaga’amee ta’uu danda’a. Ta’us, barsiisa ykn ifata isaaf kenname fudhachuufi qalbii geddarachuudhaan gochasaa isa gadheerraa deebi’eera. Atis adaba sii kennameef wanti sitti dhaga’amu maaliyyuu yoo ta’e, Yihowaa ‘duratti gad of deebisi, innis ol si qabaa.’—1 Phe. 5:6; Yaq. 4:10.

Obsaafi fedhii qabaadhu. Haalli Yoseefin mudate, salphaadhumatti jibba akka qabaatuufi ijaa akka ba’u isa gochuu danda’a ture. Inni garuu, hubannaa akka qabu argisiisuudhaan dhiifama isaanii godheera. (Uma. 50:15-21) Atis wanti si mufachiisu kan uumame taanaan, obsa qabaadhu. Yihowaan akka si leenjisuuf fedhii qabaadhu.

Kanaan dura gumii Kiristiyaanaa keessatti itti gaafatamummaa fudhattee tajaajilaa turtee? Yihowaan gara fuulduraattis mirga akka sii kennuuf karaa baniif. Hariiroo Yihowaa wajjin qabdu cimsi. Obsaafi amala gad of deebisuu horachuudhaan miira gadhee sitti dhaga’amu mo’uuf carraaqi. Hojii sii kennamu hundaa gammachuun fudhadhu. Yihowaan, “wanta gaarii ta’e warra balleessaa malee deddeebi’an duraa [akka hin hambisne]” mirkanaa’aa ta’i.—Far. 84:11.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 30rra jiru]

Kadhannaa onneerraa madde dhiheessuudhaan amantiidhaan jabaachuu dandeessa

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Hirmaannaa tajaajilarratti gootu guddisuunkee hariiroo Yihowaa wajjin qabdu sii jabeessa

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Yihowaan gara fuulduraattis mirga akka sii kennuuf karaa baniif