Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qabeenyi Gati Jabeessi Dhokfamee Ture Ni Argame

Qabeenyi Gati Jabeessi Dhokfamee Ture Ni Argame

Qabeenyi Gati Jabeessi Dhokfamee Ture Ni Argame

BAKKA hin yaannee, qabeenya gati jabeessa dhokfame argattee beektaa? Bitootessa 27, 2005, Dhugaa Baatuun Istooniyaa jiraatuufi Ivoo Lood jedhamu haalli akkasii isa mudatee ture. Obboleessi kun obboleettii maanguddoo Olmaa Vaardiyaa jedhaman manasaanii isa dulloomaa diiguu isaan gargaara ture. Keenyan manaa isa alaa yommuu diigan, utubaa gartokkoonsaa saanqaan itti maxxanfame argan. Saanqicha yommuu utubicharraa kaasan, holqa bal’innisaa seentii meetira 10, dheerinnisaa meetira 1.5, gad fageenyisaa seentii meetira 15 ta’uufi saanqaa xinnoodhaan uwwifame argan. (1) Holqi kun qabeenya gati jabeessa kan qabate ture! Qabeenyi gati jabeessi kun maalidha? Eenyutu achi dhokse?

Holqa kana keessa maraawwan waraqaa furdaadhaan of eeggannoon maraman hedduutu jira ture. (2) Maraawwan kun barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa bara 1947 qophaa’an muraasa dabalatee, mataduree qayyabannaa Masaraa Eegumsaa hedduu kan qabatan turan.  (3) Barreeffamoonni kun afaan Istooniyaatiin of eeggannoodhaan harkaan kan barreeffaman turan. Maraawwan kana keessaa tokko tokko barreeffamoota kana kan dhokse eenyu akka ta’e hamaa tokko wanta ifa godhan qabu. Galmeewwan kunis, abbaan manaa Olmaa, Viilam Vaardiyaa wanta yommuu qorannaan isaanirratti geggeeffame isaan mudate ibsu kan qabatanidha. Galmeewwan kun odeeffannoo obboleessi kun mana hidhaa yommuu turan isaan mudate argisiisus qabataniiru. Obboleessi kun maaliif hidhaman?

Viilam Vaardiyaan, obboloota gumii Dhugaa Baatota Yihowaa Tartuu, boodas gumii Oteeppaa, Istooniyaa ishee bulchiinsa Sooviyeet Sooshaalistii Rippablika durii keessatti argamtutti itti gaafatamummaa qaban keessaa tokko turan. Obboleessi kun dhugaa Macaafa Qulqulluu kan baratan Waraanni Addunyaa lammaffaa jalqabuusaa yeroo muraasa dura ta’uu hin oolu. Bulchiinsi Kooministii yeroo sana ture Obboleessi keenya Vaardiyaan sochii amantii waan godhaniif, waggoota muraasa booda, jechuunis Muddee 24, 1948 akka hidhaman godhe. Maqaa obboloota hidhata amantiisaanii akka isaanii kennan dirqisiisuuf, poolisoonni dhoksaadhaan socho’an qorannoo cimaa isaanirratti gochuudhaan dhiphina irraan ga’anii turan. Mana murtiitti yommuu geeffamanis falmachuuf carraa akka hin arganne kan taasifaman si’a ta’u, boodas mana hidhaa Raashiyaa keessatti waggaa kudhan akka hidhaman itti murteeffame.

Viilam Vaardiyaan Bitootessa 6, 1990 hamma du’anitti Yihowaaf amanamaa ta’anii jiraataniiru. Haati manaasaanii barreeffamoonni kun dhokfamuusaanii wanta beekan hin qaban. Achi dhoksuusaanii haadha manaasaanitti himuu kan dhiisan, yoo qabaman rakkoodhaaf saaxilamuu jedhanii waan yaadaniif ta’uu danda’a. Barreeffamoota sana dhoksuun kan isaan barbaachise maaliifi? Yeroo baay’ee poolisoonni Sooviyeet, jechuunis KGBiin barreeffamoota amantii argachuuf jecha akka tasaa manneen Dhugaa Baatota Yihowaa waan sakatta’aniif ture. Obboleessi keenya Vaardiyaan barreeffamoota kana kan dhoksan, Poolisoonni KGB waan hundumaa yoo fudhatan hidhattoonni amantiisaanii nyaata hafuuraa dhabuu danda’u jedhanii waan yaadaniif ta’uu danda’a. Bona bara 1990⁠tti barreeffamoonni dhokfaman bakka garabiraadhaas argamanii turan. Isaan kana keessaa tokko kibba Istooniyaa, Taartuu jedhamtutti argame. Bakka kanattis barreeffamoota kana kan dhoksan Viilam Vaardiyaa turan.

Barreeffamoonni kun qabeenya gati jabeessadha kan jennu maaliifi? Barreeffamoonni akka gaariitti harkaan barreeffamaniifi of eeggannoodhaan dhokfaman kun, Dhugaa Baatonni yeroo sana turan nyaata hafuuraa yeroo sanatti dhihaatu hangam akka dinqisiifatan akka gaariitti waan mirkaneessaniifidha. (Mat. 24:45) Atoo nyaata hafuuraa yeroo ammaatti dhihaatu ni dinqisiifattaa? Isaan keessaa Masaraan Eegumsaa tokko si’a ta’u, innis afaan Istooniyaa dabalatee afaan 170 oliin qophaa’aa.