Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akkuma Kiristos Kan Abboomamtaniifi Kan Ija Jabaattan Ta’aa

Akkuma Kiristos Kan Abboomamtaniifi Kan Ija Jabaattan Ta’aa

Akkuma Kiristos Kan Abboomamtaniifi Kan Ija Jabaattan Ta’aa

“Jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo’eera.”—YOH. 16:33.

1. Yesus hamma maaliitti Waaqayyoof abboomame?

YESUS KIRISTOS yeroo hundaa fedha Waaqayyoo raawwata ture. Abbaasaa isa samiif abboomamuu diduun tasumaa gara yaadasaatti dhufee hin beeku. (Yoh. 4:34; Ibr. 7:26) Haata’u malee, haalawwan yeroo inni lafarra ture isa mudatan abboomamuun akka isaaf salphatu kan godhan hin turre. Yeroo Yesus hojii lallabaa jalqabee kaasee, Seexana dabalatee diinonnisaa, amanamummaasaa akka hir’isu gochuuf isa amansiisuu, dirqisiisuu ykn haxxummaadhaan gowwoomsuuf yaalii godhaniiru. (Mat. 4:1-11; Luq. 20:20-25) Diinonni kun sammuu, miiraafi qaama Yesusirratti dhiphina guddaa geessisaniiru. Dhumarrattis, mukarratti fannisanii isa ajjeesaniiru. (Mat. 26:37, 38; Luq. 22:44; Yoh. 19:1, 17, 18) Yesus dhiphinni guddaan kun hundi irra ga’us, “hamma du’aatti . . . abboomamaa ta’e[era].”—Filiphisiiyus 2:8 dubbisi.

2, 3. Yesus dhiphinni isarra ga’uyyuu abboomamaa ta’uusaarraa barumsa maalii argachuu dandeenya?

2 Jireenyi Yesus nama ta’uudhaan lafarratti dabarse, abboomamuu akka haaraatti akka baratu isa taasiseera. (Ibr. 5:8) Yesus, Yihowaa tajaajiluu ilaalchisee barumsi dabalataa kan isa hin barbaachisne fakkaachuu danda’a. Inni waggoota hangana hin jedhamneef Yihowaa wajjin hariiroo cimaa kan qabu ta’uusaarrayyuu, hojii uumuurratti “ijaartuu isa gaarii” ture. (Fak. 8:30, NW) Dhiphinni isarra ga’us amantiisaa eeguudhaan guutummaatti amanamaa ta’uusaa mirkaneesseera. Kunis, caalaatti gara Abbaasaatti akka dhihaatu isa gargaareera. Nutoo muuxannoosaarraa barumsa maalii argachuu dandeenya?

3 Yesus cubbuurraa walaba kan ture ta’us, guutummaatti abboomamaa ta’uuf ofitti hin amanamne. Abboomama ta’ee itti fufuuf gargaarsa Waaqayyoo gaafateera. (Ibroota 5:7 dubbisi.) Nuyis hamma dhumaatti abboomamoo taanee itti fufuuf, amala gad of deebisuu qabaachuufi gargaarsa Waaqayyoo argachuuf yeroo hundumaa kadhannaa gochuu nu barbaachisa. Phaawulosis akkas jedhe Kiristiyaanota kan gorse kanumaaf ture: “Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa!” “Inni gad of deebisee, hamma du’aatti . . . abboomamaa ta’e.” (Filp. 2:5-8) Akkaataan jireenyaa Yesus, namoonni hawaasa hamaa ta’e keessa jiraatanillee abboomamuu akka danda’an mirkaneesseera. Yesus cubbuurraa walaba akka ture beekamaadha; haata’u malee ilmaan namoota cubbuu dhaalanoo amanamoo ta’uu danda’uu?

Cubbuu Kan Dhaalle Taanus Abbomamuu Ni Dandeenya

4. Filannoo gochuuf mirga qabna jechuun maal jechuudha?

4 Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin, dandeettii yaaduu, akkasumas filannoo gochuuf mirga akka qabaatan godhee isaan uumeera. Nutis ijoolleesaanii waan taaneef filannoo gochuuf mirga qabna. Kana jechuun maal jechuudha? Wanta sirrii ykn dogoggora ta’e gochuuf murteessuu dandeenya jechuudha. Karaa biraatiin, Waaqayyo isaaf abboomamuuf ykn abboomamuu dhiisuuf akka filannu mirga nu kenneera jechuudha. Kunimmoo itti gaafatamummaa guddaa fida. Dhugumayyuu, murtoon mirga keenyatti fayyadamnee goonu jireenya nuu argamsiisuu ykn du’a nutti fiduu danda’a. Namoota nutti dhihaatanirrattis dhiibbaa geessisuu danda’a.

5. Hundi keenyayyuu qabsoo akkamii goona? Qorumsa nurra ga’u akka gaariitti mo’uu kan dandeenyuhoo akkamitti?

5 Cubbuu kan dhaalle waan ta’eef, yeroo baay’ee abboomamuun nutti ulfaata. Kanaaf, seerawwan Waaqayyootiif abboomamuun yeroo hundumaa salphaa miti. Phaawulosis qabsoo akkasii gochuun isa barbaachisee ture. Akkas jedhee barreesseera: “Seerri kan biraa immoo bu’aa dhagna kootii keessaa, seera isa yaadni garaa kootii fudhatee wajjin utuu wal loluu nan arga; lola kanaanis seera cubbuu, isa bu’aa dhagna kootii keessatti hojjechaa jiru jalatti na boojisiisa.” (Rom. 7:23) Aarsaa kan hin gaafanne, rakkina kan hin qabne ykn yeroo mijaa’aa ta’etti abboomamuun salphaa akka ta’u beekamaadha. Fedhiin abboomamuuf qabnu, ‘hawwii fooniifi hawwii ijaa’ wajjin yommuu wal faallessanitti garuu maal goona? Dhiibbaawwan gadhee ta’an kun cubbuu dhaalleefi “hafuura biyya lafaa” keessa jiraannurraa kan maddan si’a ta’u, isaanis dhiibbaa cimaa nurraan ga’uu danda’u. (1 Yoh. 2:16; 1 Qor. 2:12) Dhiibbaawwan kana mo’uuf, haalli nama rakkisu ykn qorumsi nu mudachuusaa dura ‘yaada garaa keenyaa qopheessuu,’ akkasumas wanti fedhe yoo nurra ga’ellee Yihowaaf abboomamuuf murteessuu qabna. (Far. 78:8, NW) Gama kanaan, fakkeenyawwan namoota garaasaanii qopheessuudhaan qorumsa isaanirra ga’e akka gaariitti mo’aniifi Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman hedduu qabna.—Iz. 7:10, hiika bara 1899; Dan. 1:8.

6, 7. Qayyabannaan dhuunfaa murtoo sirrii gochuuf akkamitti nu gargaaruu akka danda’u fakkeenyaan ibsi.

6 Karaan itti garaa keenya qopheessuu dandeenyu tokko, Caaffata Qulqullaa’oofi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an dhimminee qayyabachuudha. Haala kanaa gaditti ibsame keessa akka jirtu godhi yaadi. Galgala qayyabannaa dhuunfaa gochaa jirta haa jennu. Yihowaan wanta Dubbisaa keessaa barate hojiirra oolchuuf akka si gargaaru kadhatteetta. Galgala itti aanus fiilmii televijiiniidhaan dhihaatu ilaaluuf sagantaa qabatteetta. Namoonni wanta akkasiirratti yaada kennan fiilmicha ilaalchisee yaada gaarii kennuusaanii dhageesseetta; hamma tokko gocha addaggummaafi hammeenyaa qabaachuusaas beekta.

7 Gorsa Phaawulos Efesoon 5:3⁠rratti akkas jechuun kennerratti xiinxali: “Akka warra Waaqayyoof qulqullaa’aniitti jiraadhaa malee, halalummaan, xuraa’ummaan hundinuu, sassatis isin gidduutti hin dhaga’amin.” Gorsa inni Filiphisiiyus 4:8⁠rratti kennes ni yaadatta. (Dubbisi.) Gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kanarratti yeroo xiinxaltu akkas jedhii of gaafadhu, ‘Garaafi sammuukoo sagantaawwan akkasiitiif beekaa yoon saaxile, fakkeenya Yesus hordofuudhaan Waaqayyoof sirriitti abboomamaan jiraa?’ Maal murteessita? Wantuma fedheyyuu yoo ta’e fiilmii sana ni ilaaltaa?

8. Murtoo seera Yihowaan qajeelummaadhaaf baase eeguuf goone laaffisuu kan hin qabne maaliifi?

8 Bashannanawwan hammeenyaafi amala addaggummaa calaqqisiisan dabalatee hiriyaa gadheen dhiibbaa nurraan geessisuyyuu, homaa ta’uu akka hin dandeenye yaaduudhaan, murtoo seera Yihowaan qajeelummaadhaaf baase eeguuf goone laaffisuun dogoggoradha. Kanaaf, ofiis ta’e ijoollee keenya dhiibbaa hafuura Seexanaa isa manca’aa ta’erraa eeguu qabna. Vaayirasoonni gadheen kompiitara mancaasan tokko tokko galmee balleessuu, hojii gufachiisuufi kompiitara nama tokkootti fayyadamanillee kompiitara kaan mancaasuu danda’u; namoonni kompiitara qabanis wanti akkasii akka isaan hin mudanneef dammaqinaan eegu. Nutoo, “haxxummaa” Seexanaarraa dammaqinaan of eeguuf carraaqqii kanaa gad ta’e gochuu qabnaaree?—Efe. 6:11.

9. Guyyaa guyyaan Yihowaaf abboomamuuf murtoo gochuu kan qabnu maaliifi?

9 Guyyaa guyyaan, wanta tokko karaa Yihowaa gammachiisuun raawwachuu ykn dhiisuuf filannoo gochuun nu barbaachisa. Fayyina argachuuf, Waaqayyoof abboomamuufi seera bu’uuraasaa isa qajeelaa ta’ee wajjin haala wal simuun jiraachuu qabna. Fakkeenya Yesus isa “hamma du’aatti” abboomamaa ta’ee hordofuudhaan amantii dhugaa akka qabnu argisiisna. Yihowaanis amanamummaan jiraachuu keenyaaf nu kiisa. Yesus, “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya” jechuudhaan waadaa galeera. (Mat. 24:13) Kunimmoo, akka Yesus ija jabina argisiisuu gaafata.—Far. 31:24.

Yesus Ija Jabina Argisiisuudhaan Fakkeenya Guddaa Ta’a

10. Dhiibbaawwan akkamii nurra ga’uu danda’u? Nutoo maal gochuu qabna?

10 Ilaalchaafi amalawwan biyya lafaa nu marsanii jiraniin akka hin mancaaneef ija jabinni nu barbaachisa. Kiristiyaanonni dhiibbaawwan karaa Yihowaa isa qajeelaarraa isaan kaachisuu danda’an, karaa amalaa, hawaasaa, qarshiifi amantii isaan mudatu. Hedduunsaaniimmoo maatiisaaniirraa mormiin irra ga’a. Dhaabbileen barumsaa, jijjirama tirannaa caalaatti barsiisuusaanii kan itti fufan ta’uusaaniirrayyuu, amantiin Waaqayyo hin jiru jedhu namoota hedduu biratti fudhatama argachaa dhufeera. Dhiibbaawwan kun yeroo nurra ga’an, harka marannee ta’uu mannaa, ofirraa isaan ittisuufi balaarraa of eeguuf tarkaanfii fudhachuu qabna. Gama kanaan fakkeenya Yesusirraa qorumsa nurra ga’u akkamitti mo’uu akka dandeenyu barumsa arganna.

11. Ija jabina Kiristosirratti xiinxaluun keenya, caalaatti ija jabeeyyii ta’uuf kan nu gargaaru akkamitti?

11 Yesus bartootasaatiin, “Biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo’eera” jedheera. (Yoh. 16:33) Inni matumaa dhiibbaa biyya lafaatiin mo’amee hin beeku. Biyyi lafaa hojii lallabaa isaaf kenname raawwachuu akka isa dhowwu ykn waaqeffannaa dhugaafi amala sirrii ta’ee wajjin haala wal qabateen ejjennoo qabu akka jalaa laaffisu tasumaa hin heyyamne; nutis akkasuma gochuu qabna. Yesus kadhannaa waa’ee bartootasaatiif dhiheesserratti, “Akkuma ani kan biyya lafaa hin ta’in, isaanis kan biyya lafaa miti” jedheera. (Yoh. 17:16) Ija jabina Kiristos argisiise qayyabachuufi isarratti xiinxaluun keenya, ija jabina biyya lafaarraa adda ba’uuf nu barbaachisu nuu kennuu danda’a.

Ija Jabina Yesusirraa Baradhaa

12-14. Fakkeenyota Yesus ija jabeessa ta’uusaa argisiisan caqasi.

12 Yesus yeroo tajaajilu hundaatti ija jabina guddaa argisiiseera. Aangoo Ilma Waaqayyoo ta’uusaatiin argatetti fayyadamuudhaan, ija jabinaan akkas godheera: “Mana qulqullummaatti ol lixee, warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi warra gurguran hundumaa gad baase; gabatoota warra horii callaa gegeddaraniitii fi taa’umsa warra gugee gurguranii gad garagalche.” (Mat. 21:12) Galgala du’asaa dura turetti loltoonni isa qabuu yeroo dhufanittis, bartootasaa eeguuf ija jabinaan itti ba’ee, “Ana barbaaddu yoo ta’e, isaan kana dhiisaa, haa dhaqan!” jedhe. (Yoh. 18:8) Utuma baay’ee hin turinis, Phexros billaasaa iddoosaatti akka deebisu itti himuunsaa, meeshaa waraanaatti utuu hin ta’in Yihowaatti akka amanamu kan argisiisudha.—Yoh. 18:11.

13 Yesus barsiisota sobaa barasaatti turaniifi namootaaf jaalala hin qabne, akkasumas barumsa sobaa isaan barsiisan sodaa tokko malee saaxileera. “Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, mootummaa waaqaa namoota duraa waan cuftaniif isiniif wayyoo!” isaaniin jedheera. “Seera Waaqayyoo keessaa isa caalaa barbaachisu kan akka firdii qajeelaa, gara-laafina, amanamummaa in dhiiftu. . . . Kubbayyaadhaa fi waciitii duuba duuba isaa in qulleessitu, garuu keessi isaanii sassataa fi of gad dhiisuudhaan guutuu dha!” (Mat. 23:13, 23, 25) Geggeessitoonni amantii sobaa bartoota Yesus kan ari’ataniifi isaan keessaa tokko tokkos kan ajjeesan waan ta’aniif, isaanis ija jabina akkasii argisiisuunsaanii barbaachisaa ture.—Mat. 23:34; 24:9.

14 Yesus hafuuronni hamoon yeroo isa qunnamanittillee tarkaanfii ija jabina gaafatu fudhateera. Yeroo tokko, nama hafuurri hamaan keessa tureefi humna guddaa waan qabuuf namni tokkoyyuu funyoo sibiilaatiinillee isa hidhuu hin dandeenye wajjin wal arge. Yesus hafuurota hamoo hedduu namichicha to’annaasaanii jala galchanii turan sodaa tokko malee isa keessaa baaseera. (Mar. 5:1-13) Yeroo har’aatti, Waaqayyo Kiristiyaanotaaf humna dinqiiwwan akkasii raawwachuuf dandeessisu hin kennine. Haata’u malee, nutis hojii lallabaafi barsiisuu keenyaan, Seexanaa isa ‘yaada warra hin amanin jaamse’ wajjin lola hafuuraa goona. (2 Qor. 4:4) Akkuma Yesus, mi’i waraanaa keenya barumsawwan amantii sobaa, isa “da’oo jajjabaa jigsuudhaaf Waaqayyoof hojjechuu danda’uu dha malee, mi’a namni foonii ittiin hojjetu miti.” (2 Qor. 10:4) Mi’a waraanaa hafuuraa kanatti fayyadamuu ilaalchisee, fakkeenya Yesusirraa waan hedduu barachuu dandeenya.

15. Ija jabinni Yesus maalirratti kan hundaa’e ture?

15 Ija jabinni Yesus, amantiirratti malee, gootummaa argisiisuurratti kan hundaa’e hin turre. Ija jabinni keenyas amantiirratti kan hundaa’e ta’uu qaba. (Mar. 4:40) Amantii dhugaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gama kanaanis fakkeenya Yesusirraa barumsa arganna. Inni Caaffata Qulqullaa’oo guutummaatti kan beeku ta’uusaarrayyuu isaanittis akka amanamu argisiiseera. Mi’i waraanaa Yesus itti fayyadame, Dubbii Waaqayyoo isa billaa hafuuraatti fakkeeffame malee, billaa namni foonii itti fayyadamu hin turre. Barumsisaa Caaffata Qulqullaa’oorratti kan hundaa’e ta’uusaa irra deddeebi’ee mirkaneesseera. Yeroo baay’ee wanta tokko si’a dubbatu, Dubbii Waaqayyoo caqasuudhaan “kan jedhu caafameera” jedha ture. *

16. Amantii cima qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Nuyis, amantii qorumsawwan bartoota ta’uu keenyaan nurra ga’uu danda’an jala dandeenyee jabinaan akka dhaabannu nu gargaaru horachuuf, yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuu, walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu, akkasumas yaanni keenya amantii dhugaarratti kan hundaa’e akka ta’u gochuu qabna. (Rom. 10:17) Kana malees, wanta barannerratti gadi fageenyaan xiinxaluufi barumsichi garaa keenya akka tuqu gochuu qabna. Tarkaanfii ija jabina gaafatu fudhachuuf kan nu kakaasuu danda’u, amantii jiraataa ta’e qofadha. (Yaq. 2:17) Amantiin ija hojii hafuuraa keessaa tokko waan ta’eef, hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu qabna.—Gal. 5:22.

17, 18. Shamarreen tokko mana barumsaatti ija jabina kan argisiiste akkamitti?

17 Shamarreen Kittee jedhamtu, amantiin jiraataa ta’e ija jabina akka namaa kennu muuxannoosheerraa hubatteetti. Ijoollummaasheetii kaastee, mana barumsaatti ‘wangeelatti yeella’uu’ akka hin qabne kan beektu ta’uusheerrayyuu, ijoollee ishee wajjin barataniif akka gaariitti lallabuuf fedhii qabdi turte. (Rom. 1:16) Waggaa waggaatti, isaanii lallabuuf carraaqqii cimaa gootus, ija jabina dhabuunshee lallabuurraa duubatti akka jettu ishee taasisee ture. Umriinshee gara naannoo kudha sagalii yeroo ta’u, mana barumsaa garabiraa galte. “Amma, carraawwan hanga har’aatti na darban iddoo buusuun qaba” jettee murteessite. Kitteen ija jabina akka Kiristos, hubannaafi carraa lallabuuf ishee dandeessisu argachuuf kadhannaa dhiheessite.

18 Guyyaa jalqabaa mana barumsichaa dhaqxetti, barattoonni hundi eenyummaasaanii akka beeksisan gaafataman. Hedduunsaanii amantiinsaanii maal akka ta’e dubbatanis, waaqeffannaasaanii keessatti hirmaanna akka hin goone ibsaniiru. Kitteen yeroo kanatti, carraan kun kan isheen argachuuf kadhannaa gochaa turte ta’uusaa hubatte. Yeroo dabareenshee ga’u, ija jabinaan “Ani Dhugaa Baatuu Yihowaati, waaqeffannaafi amala sirrii ilaalchisee amantiinkoo Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’edha” jette. Yeroo isheen dubbachuushee itti fuftu barattoonni tokko tokko tuffiidhaan ishee ilaalan. Kaan garuu xiyyeeffannaadhaan kan ishee dhaggeeffatan si’a ta’u, gaaffiis ishee gaafachaa turan. Barsiisaanshees amantii ofiitiif falmuu ilaalchisee fakkeenya gaarii akka taate ibseera. Kitteen ija jabina Yesus argisiiserraa barachuusheetiin gammachuu guddaatu isheetti dhaga’ama.

Amantiifi Ija Jabina Akka Kiristos Argisiisaa

19. (a) Amantii dhugaa qabaachuun maalfaa dabalata? (b) Garaa Yihowaa ciibsuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Ergamoonnis tarkaanfiin ija jabinaan fudhatan amantiisaaniirratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu hubatanii turan. Kanaaf, “Amantii keenya nuuf guddisi!” jedhanii Yesusiin gaafataniiru. (Luqaas 17:5, 6 dubbisi.) Amantii dhugaa qabaachuu jechuun Waaqayyo jira jedhanii amanuu caalaa waan dabalatu qaba. Kana gochuun akkuma mucaan xinnoon tokko abbaasaa isa gaariifi jaalala qabeessa ta’ee wajjin hariiroo cimaa qabaatu, Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuu dabalata. Solomoon hafuura qulqulluudhaan kaka’ee akkas jedhee barreesseera: “Yaa ilma ko, ati ogeessa yoo taate, garaan koo immoo in gammada. Afaan kee dubbii qajeelaa yommuu dubbatu, keessi namummaa kootii in gammada.” (Fak. 23:15, 16) Haaluma wal fakkaatuun, seera bu’uuraa qajeelaa ta’eef ija jabinaan falmuun keenya garaa Yihowaa ciibsa; kana beekuun keenyammoo ija jabina qabnu nuu guddisa. Kanaaf, yeroo hundumaa qajeelinaaf ija jabinaan dhaabachuudhaan fakkeenya Kiristos haa hordofnu!

[Miiljaleewwan]

Ibsuu Dandeessaa?

• Cubbuu kan dhaalle ta’us abboomamuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaara?

• Amantiin dhugaa maalirratti kan hundaa’edha? Kun ija jabeeyyii ta’uuf nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?

• Abboomamuufi akka Yesus ija jabina argisiisuun keenya bu’aa maalii qaba?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Qorumsawwan sirra ga’an danda’uuf ‘garaakee qopheessaa’ jirtaa?

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Nuyis akkuma Yesus ija jabina amantiirratti hundaa’e argisiisuu dandeenya