Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barumsa Dogoggoraa 3: Namoonni Gaariin Hundi Gara Samii Dhaqu

Barumsa Dogoggoraa 3: Namoonni Gaariin Hundi Gara Samii Dhaqu

Barumsa Dogoggoraa 3: Namoonni Gaariin Hundi Gara Samii Dhaqu

Barumsi dogoggoraa kun eessaa madde? Ergamoonni Yesus erga du’anii booda, DH.K.B. jalqaba jaarraa lammaffaatti Abbootiin Waldaa durii fudhatama argachuu jalqaban. Barumsa namoonni kun barsiisan ilaalchisee za Niwuu Kaatolik Insaayikilooppiidiyaan (2003), Jildii 6, fuula 687⁠rratti akkas jedha: “Barumsi du’a booda lubbuun fooniirraa adda baate, qulqullinni barbaachisu kamiyyuu erga taasifameefii booda, yeruma sana gara samii dhaqxi jedhu bal’inaan fudhatama argachuu jalqabe.”

Macaafni Qulqulluun maal jedha? “Warri garraamiin haa gammadan, isaan [‘lafa in dhaalu’oo,’ hiika bara 1899].”Maatewos 5:5.

Yesus bartootasaatiif akka ‘iddoo qopheessu’ waadaa galus, namoonni qajeeloon hundi gara samii akka hin dhaqne ifa godheera. (Yohannis 3:13; 14:2, 3) Yesus jaalalli Waaqayyoo “waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhee kadhatee hin turree? (Maatewos 6:9, 10) Abdiin namoonni qajeeloon qaban samiirra ykn lafarra jiraachuudha. Namoonni muraasni Kiristosii wajjin samiirratti kan bulchan si’a ta’u, ilmaan namootaa garri caalaanimmoo barabaraaf lafarra jiraatu.—Mul’ata 5:10.

Yeroo booda, ilaalchi waldaan durii hojii biyya lafaarratti raawwachuuf qabdu ni jijjiirame. Kunoo maal geessise? Za Niwuu Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaan akka ibsutti, “Waldaan, namoonni Mootummaa Waaqayyoo akka eeggatan jajjabeessuu mannaa, abdiisaanii isheerra akka kaa’atan gochuudhaan bakka Mootummaa Waaqayyoo fudhatte.” Waldaan sun abboommii Yesus bartoonnisaa ‘kan biyya lafaa akka hin taane’ ifatti dubbate tuffachuufi siyaasa keessa seenuudhaan aangooshee jabeeffachuu jalqabde. (Yohannis 15:19; 17:14-16; 18:36) Dhiibbaa Qosxanxiinos, Mootii Moototaa warra Roomaatiin mo’amtee barumsawwan itti amantu tokko tokko kan jijjiirte si’a ta’u, isaan keessaas tokko eenyummaa Waaqayyoo kan ilaallatudha.

Caqasoota Macaafa Qulqulluu kana waliin ilaali: Faarfannaa 37:10, 11, 29 hiika bara 1899; Yohannis 17:3; 2 Ximotewos 2:11, 12

DHUGAANSAA:

Ilmaan namootaa qajeeloo ta’an garri caalaan samiirra utuu hin ta’in lafarra jiraatu

[Madda fakkii fuula 12rra jiru]

Art Resource, NY