Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhuguma Waaqayyo Akka Nuuf Yaadu—Akkamitti Beekna?

Dhuguma Waaqayyo Akka Nuuf Yaadu—Akkamitti Beekna?

Dhuguma Waaqayyo Akka Nuuf Yaadu​—Akkamitti Beekna?

GAAFFIIN, Waaqayyo kan nu jaallatu yoo ta’e, rakkinni kun hundi maaliif jiraate? jedhu gaaffii barbaachisaa namoonni bara duriitii kaasee waggoota dheeraadhaaf gaafachaa turan keessaa tokkodha. Atis, namni jaallattu tokko akka rakkatu hin barbaaddu; namni kun rakkina keessa yoo jiraatemmoo isa gargaaruuf yaalii akka gootu beekamaadha. Kanarraa ka’uudhaan, namoonni baay’een rakkinni hedduun addunyaarra jiraachuunsaa, Waaqayyo akka nuuf hin yaadne argisiisa jedhanii yaadu. Kanaaf, Waaqayyo akka nuuf yaadu hubachuuf, jalqaba ragaawwan dhugumaan akka inni nu jaallatu argisiisan qoruun keenya barbaachisaadha.

Uumamni Jaalala Waaqayyoo Argisiisa

“Waaqaa fi lafa, galaanas, isaan kana keessa kan jiran hundumaas kan uume” Yihowaadha. (Hojii Ergamootaa 4:24) Wantoota Yihowaan uumerratti yommuu xiinxallu, inni akka nuuf yaadu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Fakkeenyaaf, wantoota gammachuu siif argamsiisan yaadi. Nyaata gaarii nyaachuu jaallattaa? Yihowaan lubbuu keenya akka ittiin turfannuuf nyaata gosa tokkoo qofa uumuu danda’a ture. Haata’u malee, nyaatarraa gammachuu akka argannuuf, akaakuu nyaataa garagaraa hedduu nuu uumeera. Kana malees, jireenya gammachuu qabu akka jiraannuuf, mukkeetii addaddaa, abaaboowwaniifi akkaataa teessuma lafaatiin addunyaa kana miidhagseera.

Akkaataa uumama keenyaas yaadi. Taphachuun, muuziqaa dhaggeeffachuutti gammaduufi wanta miidhagu dinqisiifachuun, wantoota dirqama jiraachuuf nu barbaachisan utuu hin ta’in, kennaa Waaqayyo jireenyatti akka gammannu nuu kennedha. Hiriyyummaa warra kaanii wajjin qabdus yaadi. Namni hiriyaa gaarii wajjin ta’uutti ykn nama baay’ee jaallatu hammachuutti hin gammanne jiraa? Warra kaan jaallachuu danda’uunis, kennaa Waaqa isa jaalala qabeessa ta’erraa argannedha. Waaqayyo, namoonni jaalala akka qabaatan godhee waan isaan uumeef, amalli kun amalawwan Waaqayyoo keessaa tokko ta’uu qaba.

Macaafni Qulqulluun Waaqayyo Akka Nu Jaallatu Mirkaneessa

Macaafni Qulqulluun Waaqayyo jaalala akka ta’e nutti hima. (1 Yohannis 4:8) Jaalallisaa uumamasaa qofarratti utuu hin ta’in, Macaafa Qulqulluu keessattis ibsameera. Fakkeenyaaf Macaafni Qulqulluun, qajeelfama fayyaa qabaachuuf gargaaru ni kenna; wanta hundaaf ilaalcha sirrii qabaachuu jajjabeessa; machooftuufi albaadhessa ta’uurraa akka fagaannus nu akeekkachiisa.—1 Qorontos 6:9, 10.

Macaafni Qulqulluun akka wal jaallannu, akkasumas kabajaafi gaarummaadhaan namoota akka qabnu nutti himuudhaan, warra kaanii wajjin akkamitti jiraachuu akka qabnu gorsa gaarii kenna. (Maatewos 7:12) Gochawwaniifi ilaalchawwan rakkina guddaa fidan kan akka sassataa, hamii, hinaaffaa, ejjaafi ajjeechaa fakkaatan ni balaaleffata. Namoonni hundi gorsa Caaffata Qulqullaa’oorratti argaman hojiirra oolchuuf utuu ni yaalu ta’ee, addunyaa maratti rakkinni akka hir’atu beekamaadha.

Haata’u malee, hundarra caalaa karaan jaalalli Waaqayyoo itti mul’ate inni guddaan, ilmaan namootaa furuuf Ilmasaa Yesusiin kennuusaati. Yohannis 3:16, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti” jedha. Kanaaf, Yihowaan barabaraaf du’aafi rakkina hunda balleessuuf qophii godheera jechuudha.—1 Yohannis 3:8.

Kanarraa hubachuun akka danda’amutti ragaawwan Yihowaan akka nu jaallatu argisiisan hedduun jiru. Kanaaf Waaqayyo yommuu rakkannu ilaaluun akka isa hin gammachiisne beekamaadha. Rakkina balleessuuf tarkaanfii ni fudhata. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo akkamitti rakkina akka balleessu sirriitti waan nutti himuuf, dhimma kana tilmaamuun nu hin barbaachisu.

[Fakkii fuula 20rra jiru]

Jaalala qabaachuun, kennaa Waaqa jaalala qabeessa ta’erraa argannedha