Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhuguma Ogeeyyiin Sadii Yesus Yeroo Daa’ima Turetti Isa Bira Dhaqaniiruu?

Dhuguma Ogeeyyiin Sadii Yesus Yeroo Daa’ima Turetti Isa Bira Dhaqaniiruu?

Gaaffii Dubbistootaa

Dhuguma Ogeeyyiin Sadii Yesus Yeroo Daa’ima Turetti Isa Bira Dhaqaniiruu?

Barsiifanni Ayyaana Qillee addunyaa maratti babal’atee jiru, mootonni ykn ogeessonni sadii yommuu Yesus dhalate kennaa gati jabeessa fidaniifii akka dhufan fakkiidhaan argisiisa. Seenaan kun dhugaadhaa? Dhugaa jiruu wajjinoo walsimaa? Mee haa ilaallu.

Barreessitoonni Wangeelaa Maatewosiifi Luqaas seenaa dhalootaa Yesus ibsaniiru. Wangeelonni kun lamaan, yommuu Yesus dhalate dhaqanii kan isa ilaalan tiksitoota naannoo sanatti horiisaanii tiksaa turan qofa akka turan dubbatu. Warri mootota ykn ogeessota jedhaman, namoota urjii lakkaa’an malee mootota hin turre; kana malees lakkoofsi namoota kanaa hin caqasamne. Ogeeyyiin urjii lakkaa’an achi kan ga’an, yommuu Yesus siree horiin keessaa nyaatan keessa ciisutti utuu hin ta’in, yommuu inni xinnoo jabaatetti ture. Achi dhaquunsaanii Yesusiin balaadhaaf kan saaxilu ture.

Dhaloota Yesus ilaalchisee seenaa Luqaas barreesse akka gaariitti yommuu qorattu, yaada armaan gadii argatta: “Tiksoonni tokko . . . bakkeetti halkan darabee dammaqanii, hoolota isaanii in eegu turan. Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabatee, . . . mucaa wayyaan itti maramee siree horiin keessaa nyaatu irra ciisu in argitu’ isaaniin jedhe. . . . Ariifachaa yommuu dhaqan Maariyaamii fi Yoseefin, mucichas, siree horiin keessaa nyaatu irra ciisee argatan.”—Luqaas 2:8-16.

Mucicha bira kan turan, Yoseef, Maariyaamiifi tiksitoota qofa turan. Namni garabiraan akka achi ture, seenaa Luqaas keessatti hin ibsamne.

Mee ammammoo seenaa Maatewos 2:1-11⁠rra jiru haa ilaallu. “Bara mooticha Herodisitti, Yesus mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaatti yommuu dhalate, kunoo, namoonni ogeeyyiin urjii lakkaa’an tokko ba’a-biiftuutii gara Yerusaalem dhufan. . . . Manatti lixaniis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argatan.”

Caqasichi, “namoonni ogeeyyiin” jedha malee, “namoonni ogeeyyiin sadii” akka hin jenne hubadhu; kana malees, namoonni kun jalqaba ba’a biiftuutii gara Yerusaalem akka dhaqan malee, gara magaalaa Betlihem iddoo Yesus itti dhalate dhaquusaanii hin dubbatu. Dhumarratti yommuu Yerusaalem ga’an, Yesus ‘mucaa’ mana keessa ture malee, daa’ima siree horiin keessaa nyaatu keessa ciisu hin turre.

Macaafni Qulqulluun afaan Oromoo namoota kanaan, ‘ogeeyyii urjii lakkaa’an’ jechuudhaan kan ibsu yommuu ta’u, hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokkommoo ‘warra qoricha namatti godhan’ jechuudhaan ibsu. Kitaabni Ee Haandibuuk oon za Goospil oov Maatiwu jedhamu, jechi “Namoonni ogeeyyiin” jedhamee hiikame: “bara duriitti maqaa afaan Giriikiitiin, luboota Faares warra akka gaariitti urjii lakkaa’uudhaan beekaman kan argisiisudha” jedheera. Kitaabni Za Eksipaandid Vaayin Eksipooziitarii Dikshinarii oov Niiwu Teestaamant Wordis jedhamu jecha kana, “qaalluu, warra qoricha namatti godhan, warra ayyaana hedan” jechuudhaan hiikeera.

Ogeeyyiin urjii lakkaa’aniifi warri qoricha namatti godhan, namoota biratti fudhatama yoo qabaataniyyuu, Macaafni Qulqulluun gocha akkasiirratti akka hin hirmaanne nu akeekkachiisa. (Isaayaas 47:13-15) Wantoonni kun, gochawwan hafuurota xuraa’oo Yihowaa hin gammachiisnedha. (Keessa Deebii 18:10-12) Ergamaan Waaqayyoo tokkollee, Yesus dhalachuusaa namoota urjii lakkaa’an kanaaf kan hin ibsine kanaafidha. Haata’u malee, namoonni kun Herodis Mooticha isa hamaa Yesusiin ajjeesisuu barbaadutti deebi’anii akka hin himne Waaqayyo abjuudhaan isaan akeekkachiise. Kanaaf, “karaa biraatiin gara biyya isaaniitti deebi’uudhaaf sokkan.”—Maatewos 2:11-16.

Kiristiyaanonni dhugaan, ayyaanni sobaan guyyaa dhalootaa Yesus jedhame, kabajamuusaa akka itti fufu gochuu barbaaduu? Deebiinsaa matumaa hin barbaadan kan jedhudha.