Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Masiihichi Karaa Waaqayyo Ittiin Fayyisudha

Masiihichi Karaa Waaqayyo Ittiin Fayyisudha

Masiihichi Karaa Waaqayyo Ittiin Fayyisudha

“Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka du’an akkasuma immoo harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu.”—1 QOR. 15:22.

1, 2. (a) Indriiyaasiifi Filiphos Yesusiin yeroo argan maal godhan? (b) Yesus Masiihii ta’uusaatiif Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turan caalaa ragaa qabna kan jennu maaliifi?

INDRIIYAAS, Yesus inni Naazireet Isa Waaqayyo Dibe ta’uusaa waan amaneef, “Masiihicha arganneerra” jedhee obboleessasaa Phexrositti himee ture. Filiphosis kana amanuusaatiin michuusaa Naataanaa’eliin barbaadee yeroo argatu, “Isa Museen macaafa seeraa keessatti, raajonnis immoo macaafa isaanii keessatti waa’ee isaa caafan arganneerra; inni namicha Naazireet, Yesus ilma Yoseef” jedheen.—Yoh. 1:40, 41, 45.

2 Isinoo, Yesus Masiihii isa abdachiifameefi Yihowaan “Bakka Bu’aa fayyinaa isa Guddaa” taasise ta’uusaa guutummaatti amantaniittuu? (Ibr. 2:10, NW) Yeroo har’aatti, duuka buutotasaa jaarraa jalqabaatti turan caalaa isa Waaqayyo dibe ta’uusaatiif ragaa hedduu qabna. Dubbiin Waaqayyoo, dhaloota Yesusii kaasee hanga du’aa ka’uusaatti, inni Kiristos ta’uusaatiif ragaa amansiisaa kenna. (Yohannis 20:30, 31 dubbisi.) Kana malees, Macaafni Qulqulluun Yesus, gahee Masiihii ta’uusaatiin qabu samiirrattis raawwachuusaa akka itti fufe ibsa. (Yoh. 6:40; 1 Qorontos 15:22 dubbisi.) Isinis, yeroo har’aatti wanta Macaafa Qulqulluurraa barattanirraa ka’uudhaan, “Masiihicha arganneerra” jechuu ni dandeessu. Mee dura bartoonni jaarraa jalqabaatti turan Masiihicha arganneerra jedhanii guutummaatti akka amanan kan isaan taasise maal akka ta’e haa ilaallu.

Masiihicha Ilaalchisee Wanti ‘Dhoksaa’ Ture Irraa Jalaan Ifa Ta’e

3, 4. (a) Bartoonni jaarraa jalqabaa ‘Masiihicha argachuu’ kan danda’an akkamitti? (b) Raajiiwwan Masiihiicha ilaalchisee dubbataman raawwachuu kan danda’e Yesus qofadha kan jennu maaliifi?

3 Duuka buutonni Yesus jaarraa jalqabaa, inni Masiihii ta’uusaa mirkanaa’oo kan ta’an akkamitti? Yihowaan karaa raajotaa mallattoowwan Masiihii dhufu addaan baasanii beeksisan irraa jalaan ibseera. Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko haala kana, siidaa tokko ijaaruuf dhagaawwan adii walitti qabuu wajjin wal fakkeessaniiru. Namoonni hedduun matumaa wal arganii hin beekne dhagaa tokko tokko kutaa tokkotti yommuu fidan isinitti haa mul’atu. Dhagaawwan kun walitti qabamanii siidaa tokko yoo ta’an, namni qajeelfama kenneefi dhagaawwan sana soofee namoota sanatti erge jiraachuusaa hubachuun keessan hin oolu. Akkuma tokkoo tokkoon dhagaawwan siidaa sanaa, raajiiwwan waa’ee Masiihichaa dubbataman hundi waa’eesaa odeeffannoo barbaachisaa ta’e tokko kan kennanidha.

4 Raajiiwwan waa’ee Masiihichaa dubbataman hundi nama tokkorratti kan raawwataman akkuma tasaa ta’uu danda’aa? Namni Macaafa Qulqulluurratti qorannaa geggeessu tokko, raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee dubbataman hundi nama tokkorratti kan raawwataman akkuma tasaatti jechuun, “waan hin fakkaannee” ta’uusaa dubbataniiru. “Seenaa ilmaan namootaa keessatti wantoota kana raawwachuu kan danda’e Yesus qofadha.”

5, 6. (a) Murtoon Seexanarratti dabarfame kan raawwatamu akkamitti? (b) Waaqayyo hidda dhalootaa “sanyii” abdachiifame sanaa irraa jalaan kan ibse akkamitti?

5 Raajiiwwan waa’ee Masiihichaa dubbataman, “dhoksaa” dhimmawwan hedduu uumama cufa keessatti barbaachisaa ta’anirratti kan xiyyeeffatanidha. (Qol. 1:26, 27; Uma. 3:15) Dhoksaan sun murtoo Seexana, ‘bofa bara durii’ isa Diiyaabilos jedhame, isa ilmaan namootaa cubbuufi du’atti geesserratti murteeffame kan dabalatu ture. (Mul. 12:9) Murtoon kun kan raawwatamu akkamitti? Yihowaan, ‘sanyiin’ ‘dubartiin’ tokko godhattu mataa Seexanaa akka buruqsu raajii dubbatee ture. ‘Sanyiin’ raajiidhaan dubbatame sun mataa bofichaa buruqsuudhaan, madda hammeenyaa, dhukkubaafi du’aa ni dhabamsiisa. Dura garuu Seexanni heyyama Waaqayyootiin koomee “sanyii” dubartittii fakkeenyaan ibsamtee iddee madeessa.

6 Yihowaan eenyummaa ‘sanyii’ abdachiifamee irraa jalaan ibseera. Waaqayyo, “Sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu” jedhee Abrahaamiif waadaa galee ture. (Uma. 22:18) Museen, Sanyichi “raajii” isa caalu akka ta’u dubbatee ture. (Kes. 18:18, 19) Daawitis ta’e raajonni isa booda ka’an, Masiihiin hidda dhalootaa Daawitirraa akka dhufuufi barabaraaf teessoo Daawit akka dhaalu mirkaneessaniiru.—2 Sam. 7:12, 16; Er. 23:5, 6.

Ragaawwan Yesus Masiihii Ta’uusaa Mirkaneessan

7. Yesus “dubartii” Waaqayyoorraa kan dhalate akkamitti?

7 Waaqayyo, jaarmiyaasaa uumamawwan hafuuraa samiitti argaman qabateefi haadha manaasaatti fakkeeffame keessaa, Ilmasaa isa jalqaba uume “sanyii” abdachiifame akka ta’u ergeera. Kunimmoo, Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi jireenyasaa isa samii dhiisuudhaan, ‘akka waan tokkotti hin galle of gochuufi’ nama cubbuu hin qabne ta’ee dhalachuu kan isa gaafatu ture. (Filp. 2:5-7; Yoh. 1:14) Hafuurri qulqulluun Maariyaamirra kan ‘golboobe’ ta’uunsaa, mucaan isheen godhattu sun ‘qulqulluufi ilma Waaqayyoo jedhamee akka waamamu’ mirkaneesseera.—Luq. 1:35.

8. Yesus yeroo bishaaniin cuuphamuuf of dhiheessetti raajii Masiihiicha ilaalchisee dubbatame kan raawwate akkamitti?

8 Raajiiwwan waa’ee Masihiichaa dubbatan inni eessattiifi yoom akka dhalatu ibsaniiru. Yesus akkuma raajiidhaan dubbatame kan dhalate Betlihemitti ture. (Mik. 5:2) Jaarraa jalqabaatti, Yihudoonni Masiihiicha hawwii guddaadhaan eegaa turan. Kanaaf, warri tokko tokko Yohannis Cuuphaadhaan, “Kun Kristos ta’inna laataa?” jedhanii gaafatanii turan. Yohannis Cuuphaan garuu, “Ana irra kan jabaatu . . . dhufaa jira” jedhee deebiseef. (Luq. 3:15, 16) Yesus Dh.K.B. bara 29 yeroo waggaa 30 guutu cuuphamuuf gara Yohannis dhufuudhaan, Masiihicha ta’uusaa yeroo sirrii ta’etti beeksiseera. (Dan. 9:25) Yeroo sanatti, Yesus “Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhi’aateera” jechuudhaan tajaajilasaa keessatti hojii hedduu isa eeggatu raawwachuu jalqabuusaa ibseera.—Mar. 1:14, 15.

9. Guutummaatti hubachuu baatanis, bartoonni Yesus amantii cimaa akkamii qabu turan?

9 Haata’u malee, namoonni yeroo sanatti turan ilaalchasaaniirratti sirreeffama gochuun isaan barbaachisa ture. Yesus akka Mootiitti ilaalamuunsaa sirrii kan ture ta’us, isaan bulchiinsisaa samiirratti akka ta’eefi gara fuulduraatti akka jalqabu guutummaatti hin hubanne. (Yoh. 12:12-16; 16:12, 13; HoE. 2:32-36) Haata’u malee Yesus, “Eenyu anaan jettu?” jedhee yeroo isaan gaafatu, Phexros shakkii tokko malee, “Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti” jedhee deebiseef. (Mat. 16:13-16) Phexros yeroo warri kaan barumsasaatti gufatanii adeemanis, deebiidhuma akkasii kennee ture.—Yohannis 6:68, 69 dubbisi.

Masiihicha Dhaggeeffachuu

10. Yihowaan Ilmasaa dhaggeeffachuun barbaachisaa ta’uusaa jabeessee kan ibse maaliif ture?

10 Ilmi Waaqayyoo inni angafni, yeroo samiirra turetti qaama hafuuraa humna jabaa qabu ture. Yesus lafarrattis, “bakka bu’aa Abbaa,” [NW] ture. (Yoh. 16:27, 28) Kanaaf, “Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee” jedheera. (Yoh. 7:16) Yihowaan, yeroo Yesus dinqiidhaan jijjiirametti Masiihii ta’uusaa mirkaneessuuf, “Isa dhaga’aa!” jechuudhaan ajajeera. (Luq. 9:35) Eeyyee, Isa Fo’ame Sana dhaggeeffachuu ykn isaaf abboomamuu qabu turan. Kunimmoo, amantiifi hojii gaarii kan gaafatu yommuu ta’u, Waaqayyoon gammachiisuufi jireenya barabaraa argachuuf lamaanuu baay’ee barbaachisaadha.—Yoh. 3:16, 35, 36.

11, 12. (a) Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan Yesusiin akka Masiihiitti utuu hin fudhatin kan hafan maaliifi? (b) Yesusitti kan amanan eenyufa’i?

11 Ragaawwan Yesus Masiihii ta’uusaa mirkaneessan hedduun jiraatanis, Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan hedduun Masiihii ta’uusaa hin amanne. Maaliif? Masiihii siyaasaa ta’uudhaan cunqursaa warra Roomaa jalaa nu baasa jedhanii yaaduu dabalatee, waa’ee Masiihichaa yaada mataasaanii waan qabaniif ture. (Yohannis 12:34 dubbisi.) Kanaaf, Masiihii raajiiwwan akka tuffatamu, akka jibbamu, akkasumas dhiphinniifi muddamni akka itti baay’atu, dhumarrattis akka ajjeefamu dubbatame raawwatame fudhachuu hin dandeenye. (Isa. 53:3, 5) Bartoonni Yesus amanamoon tokko tokkollee, yeroo sanatti haala siyaasaa sana keessaa bilisa isaan baasuu dhiisuusaatti mufatanii turan. Ta’us, amanamoo ta’anii kan jiraatan si’a ta’u, yeroo booda hubannaa sirrii argataniiru.—Luq. 24:21.

12 Sababiin namoonni hedduun Yesus Masiihii abdachiifame ta’uusaa fudhachuu itti didan kan biraammoo, barumsasaa fudhachuun waan isaanitti ulfaateef ture. Mootummaa Waaqayyootti galuun ‘waa’ee ofii dhiisuu,’ foon Yesus ‘nyaachuufi’ dhiigasaa ‘dhuguu,’ ‘olii dhalachuufi’ ‘kan biyya lafaa ta’uu dhiisuu’ kan gaafatudha. (Mar. 8:34; Yoh. 3:3; 6:53; 17:14, 16) Namoonni kooran, sooreyyiifi of hin arginee ta’an, ulaagaalee kana raawwachuun baay’ee ulfaataa akka ta’e itti dhaga’ama ture. Haata’u malee, Yihudoonni amala gad of deebisuu qaban Yesusiin akka Masiihiitti kan fudhatan si’a ta’u, akkuma namoota Samaariyaa tokko tokkoo, “Inni kun dhuguma fayyisaa biyya lafaa akka ta’es in beekna” jedhaniiru.—Yoh. 4:25, 26, 41, 42; 7:31.

13. Yesus fakkeenyaan koomeensaa kan iddame akkamitti?

13 Yesus hangafa lubootaatiin yakki akka itti muramu, namoota saba Waaqayyoo hin taaneen akka fannifamu, guyyaa sadaffaatti garuu akka du’aa ka’u raajii dubbatee ture. (Mat. 20:17-19) Yaa’ii warra Yihudootaa duratti “Masiihicha, ilma Waaqayyoo” ta’uusaa dubbachuunsaa akka Waaqayyoon arrabsetti ilaalameera. (Mat. 26:63-66) Philaaxos “waan firdii du’aatiin isa ga’u tokko illee akka inni hin hojjetin” beekus, Yihudoonni mootummaarratti fincila kaaseera jedhanii waan isa himataniif, “Yesusin . . . fedha isaaniitti dabarsee kenne.” (Luq. 23:13-15, 25) Kanaaf, Waaqayyo kan isa erge ta’uusaa ilaalchisee ragaa amansiisaa qabaatanillee, isa ‘ganuudhaan,’ “Bakka Bu’aa jireenyaa Isa Guddaa,” [NW] ni ajjeesan. (HoE. 3:13-15) Masiihichi akkuma raajiidhaan dubbatame, Guyyaa Faasikaa Dh.K.B. bara 33⁠tti mukarratti fannifamee “lafarraa in balleeffam[e].” (Dan. 9:26, 27; HoE. 2:22, 23) Du’a suukanneessaa akkasiitiin, akkuma Uumama 3:15⁠rratti raajiidhaan dubbatame ‘koomeen’ isaa iddameera.

Masiihichi Du’uu Kan Qabu Maaliif Ture?

14, 15. (a) Yihowaan Yesus akka du’u kan heyyame sababii lamaan kamiif ture? (b) Yesus erga du’aa ka’ee booda maal raawwate?

14 Yihowaan Yesus akka du’u kan heyyame sababii gurguddaa lamaaf ture. Tokkoffaa, Yesus hamma du’aatti amanamaa ta’uunsaa, wantoota “dhoksaa” ta’an keessaa isa guddaa tokkoof furmaata argamsiisa. Namni cubbuurraa walaba ta’e tokko, Seexanni qorumsa guddaa isarraan geessisuyyuu, “nama Waaqayyoo” ta’uufi olaantummaa Yihowaa deggeruu akka danda’u guutummaatti mirkaneesseera. (1 Xim. 3:16) Lammaffaa, akkuma Yesus jedhe, “Ilmi namaa . . . lubbuu isaa furii namoota baay’eedhaaf kennuuf dhufe.” (Mat. 20:28) ‘Furiin’ kun, gatii cubbuu Addaamirraa dhaalan baasuudhaan, namoonni Yesus karaa Waaqayyo itti fayyina argamsiisu akka ta’e amanan hundi jireenya barabaraa akka argatan karaa baneera.—1 Xim. 2:5, 6.

15 Kiristos guyyaa sadiif awwaala keessa erga turee booda, du’aa ka’ee guyyaa 40f bartootasaatti mul’achuudhaan, jiraataa akka ta’eefi qajeelfama dabalataa akka isaanii kennu mirkaneesseeraaf. (HoE. 1:3-5) Achiis gatii aarsaasaa isa gati jabeessa ta’e Yihowaatti dhiheessuuf samiitti ol deebi’uudhaan, yeroo Mootii Mootummaa Masiihichaa itti ta’u eeggachuu jalqabe. Hammasitti garuu wanta raawwatu hedduu qaba ture.

Ga’ee Masiihii Ta’uusaatiin Qabu Raawwachuu

16, 17. Ga’ee Yesus gara samiitti erga deebi’ee booda Masiihii ta’uudhaan qabu ibsi.

16 Yesus jaarraawwan erga inni du’aa ka’ee booda jiran hundatti, sochii gumii Kiristiyaanaa isa Mootii irratti ta’ee bulchu amanamummaadhaan to’achaa jira. (Qol. 1:13) Yeroo murteeffame sanatti, Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’uudhaan aangoosaatti fayyadamuu jalqabeera. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluufi haalawwan addunyaarratti mul’atan, “dhuma barichaa” bara 1914⁠tti jalqabee kaasee Yesus Mootii ta’uudhaan bulchuu akka jalqabe mirkaneessu. (Mat. 24:3; Mul. 11:15) Achiis utuma hin turin, ergamootaa wajjin ta’ee Seexanaafi hafuurota hamoo samiirraa gad darbateera.—Mul. 12:7-10.

17 Hojiin lallabuufi barsiisuu Yesus Dh.K.B. bara 29⁠tti jalqabe xumuramuu jala ga’eera. Yeroo dhihootti Yesus namoota lubbuudhaan jiran hundarratti murtoo kenna. Namoota hoolotatti fakkeeffamaniifi inni karaa Yihowaan itti fayyisu akka ta’e amananii fudhataniin, “Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaa’etti galaa!” isaaniin jedha. (Mat. 25:31-34, 41) Namoonni Yesus Mootii ta’uusaa hin fudhanne, yeroo inni hammeenya hundumaa balleessuuf loltoota waraanaa samii geggeessutti ni balleeffamu. Achiis, Yesus Seexanaafi hafuurota hamoo hidhee “iddoo isa lafa jalaa” sanatti isaan darbata.—Mul. 19:11-14; 20:1-3.

18, 19. Yesus ga’ee Masiihii ta’uudhaan qabuun maal raawwata? Kunoo ilmaan namootaa abboomamoo ta’aniif eebba akkamii argamsiisa?

18 Yesus bulchiinsasaa isa waggaa kumaatti, hiika maqaawwan ulfinaasaa qaban hundumaa, jechuunis “Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa” jedhan guutummaatti raawwata. (Isa. 9:6, 7) Bulchiinsi Mootummaasaa, warra du’aa ka’an dabalatee ilmaan namootaa guutummaatti cubbuurraa walaba taasisa. (Yoh. 5:26-29) Masiihichi, namoota fedhii qaban “burqaa bishaan jireenya kennuutti” geessuudhaan, ilmaan namootaa abboomamoo ta’an Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan godha. (Mul’ata 7:16, 17 dubbisi.) Qorumsa isa xumuraa booda, Seexanaafi ergamootasaa dabalatee hamoonni hundi, ‘kuufama ibiddaatti gad in darbatamu;’ mataan ‘bofichaas’ ni buruqsama.—Mul. 20:10.

19 Yesus ga’ee Masiihii ta’uudhaan qabu haala dinqisiisaa ta’eefi guutummaatti raawwata! Lafti jannata taatu, ilmaan namootaa furaman, fayyaafi gammachuu guutuu qabaatanii barabaraaf jiraataniin guutamti. Maqaan Yihowaa inni qulqulluun arrabsoorraa walaba kan ba’u si’a ta’u, uumama cufarratti olaanaa ta’uuf mirga kan qabu ta’uunsaa guutummaatti ni mirkaneeffama. Namoota Isa Waaqayyo Dibeef abboomaman hunda yeroo baay’ee gammachiisaa ta’etu isaan eeggata!

Masiihiicha Argattaniittuu?

20, 21. Waa’ee Masiihichaa warra kaanitti himuuf sababii maalii qabdu?

20 Bara 1914 kaasee yeroo Kiristos itti argame ykn paaruusiyaa keessa jirra. Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’ee argamuunsaa ijaan mul’achuu baatus, raajiiwwan raawwatamanirraa ifatti hubachuun ni danda’ama. (Mul. 6:2-8) Namoonni hedduun yeroo har’aa jiranis, akkuma Yihudoota jaarraa jalqabaatti turanii ragaa Masiihichi argamuusaa ibsu fudhachuu hin barbaadan. Isaanis masiihii siyaasaa ykn nama yoo xinnaate bulchitoota siyaasaa wajjin wal ta’iinsaan hojjetu tokko barbaadu. Isin garuu, Yesus yeroo ammaatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’ee bulchaa akka jiru hubachuu dandeessaniittu. Kana beekuu keessanitti gammaddanii hin turree? Akkuma bartoota jaarraa jalqabaa, “Masiihicha arganneerra” jettanii lallabuuf kakaataniittu.

21 Yeroo har’aatti waa’ee dhugaa yeroo lallabnu, ga’ee Yesus Masiihii ta’uusaatiin raawwatu akka gaariitti ni ibsinaa? Akkas gochuun dinqisiifannaa wanta inni kanaan dura nuu godhe, amma gochaa jiruufi gara fuulduraatti raawwatuuf qabnu nuu guddisa. Akkuma Indriiyaasiifi Filiphos godhan, waa’ee Masiihichaa firootaafi michoota keessanitti akka himtan homaa hin shakkisiisu. Hinaaffaa keessan haareffachuudhaan, Yesus Kiristos dhugumaan Masiihii abdachiifame, jechuunis karaa Waaqayyo ittiin fayyisu akka ta’e maaliif isaanitti hin himtan?

Ibsuu Ni Dandeessaa?

• Bartoonni jaarraa jalqabaatti turan Masiihiicha argachuu kan danda’an akkamitti?

• Yesus sababii guddaa lamaan kamiif du’e?

• Ga’een Yesus Masiihii ta’uusaatiin gara fuulduraatti raawwatu maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Namoonni jaarraa jalqabaatti turan Yesus Masiihii abdachiifame ta’uusaa dubbachuu kan danda’an akkamitti?

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Yeroo barsiistu ga’ee Yesus Masiihii ta’uusaatiin raawwatu akka gaariitti ni ibsitaa?