Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalala Isa Yoomiyyuu Hin Badne Hordofaa

Jaalala Isa Yoomiyyuu Hin Badne Hordofaa

Jaalala Isa Yoomiyyuu Hin Badne Hordofaa

‘Jaalalli hundumaa obsa. Jaalalli yoom iyyuu hin badu.’ —1 QOR. 13:7, 8.

1. (a) Yeroo baay’ee jaalalli akkamitti ibsama? (b) Jaalalli namoota hedduu eenyuufi maalirratti kan xiyyeeffatedha?

WAA’EE jaalalaa wanti baay’een jedhameera. Amalli kun sirbaan baay’ee faarsameera. Jaalala argachuun fedhii bu’uuraa ilmaan namootaati. Haata’u malee, yeroo baay’ee kitaabonniifi fiilmiiwwan seenaa jaalalaa asoosama ta’an kan qabatan si’a ta’u, wantoonni kunis bal’inaan gabaarratti argamu. Jaalalli dhugaan namoonni Waaqayyoofi warra kaaniif qaban badaa adeemuunsaa garuu baay’ee nama gaddisiisa. Wanti Macaafni Qulqulluun waa’ee guyyoota gara dhumaa kanaa dubbate yeroo raawwatamu argaa jirra. Namoonni “ofittoo, sassatoota, . . . Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan” ta’aniiru.—2 Xim. 3:1-5.

2. Jaalala sirrii hin taane ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akeekkachiisa maalii kenna?

2 Ilmaan namootaa jaalala argisiisuuf dandeettii kan qaban ta’us, Dubbiin Waaqayyoo jaalala sirrii hin taane ilaalchisee akeekkachiisa kenna. Macaafni Qulqulluun jaalalli akkasii garaa keenya keessatti hundee godhannaan balaa ga’uu danda’u ni ibsa. (1 Xim. 6:9, 10) Wanta Phaawulos ergamaan waa’ee Deemaas barreesse ni yaadattaa? Deemaas michuu Phaawulos kan ture ta’us, wanta biyyi lafaa isaaf argamsiisu jaallatee isa dhiisee adeemeera. (2 Xim. 4:10) Yohannis ergamaan, Kiristiyaanonni balaa akkasiirraa akka of eegan akeekkachiiseera. (1 Yohannis 2:15, 16 dubbisi.) Biyya lafaa, wantoota isa keessaa darbuuf jiraniifi akkaataa jireenyaasaa jaallachuun, Waaqayyoofi wantoota isa biraa ba’an jaallachuu wajjin kan walsimu miti.

3. Rakkoowwan akkamiitu nu mudata? Kunoo gaaffiiwwan akkamii akka ka’an godha?

3 Biyya lafaa keessa kan jiraannu ta’us, kutaa biyya lafaa kanaa miti. Kanaaf, ilaalcha dogoggoraa biyyi lafaa jaalalaaf qabu ofirraa ittisuuf qabsoo goona. Kiyyoo jaalala dogoggora ta’e akkasii kanaan akka hin qabamne gochuun keenya barbaachisaadha. Maarree jaalala isa seera bu’uuraatiin geggeeffamu guddifachaa deemuufi argisiisuu kan qabnu eenyutti? Qophiiwwan jaalala isa hundumaa danda’uufi matumaa hin badne guddifachuuf nu gargaaran maalfa’i? Akkas gochuun keenya yeroo ammaattis ta’e gara fuulduraatti kan nu fayyadu akkamitti? Gaaffiiwwan kanaaf deebii sirrii argachuun keenya, haala ilaalcha Waaqayyoo wajjin walsimuun jiraachuuf nu gargaara.

Jaalala Yihowaaf Qabnu Guddifachuu

4. Jaalalli Waaqayyoof qabnu kan guddatu akkamitti?

4 Mee waa’ee qotee bulaa lafa qotuudhaan midhaan facaasuuf jabaatee hojjetuu yaadaa. Sanyiin inni facaase ni guddata jedhee eega. (Ibr. 6:7) Jaalalli Waaqayyoof qabnus guddachuu qaba. Kun akka ta’uuf garuu maal gochuutu barbaachisa? Garaa keenya isa lafa gaarii ta’eefi sanyiin dhugaa Mootummichaa itti facaasame tottolchuu qabna. Beekumsa waa’ee Waaqayyoo qabnu guddifachuuf dhimminee Dubbiisaa qayyabachuudhaan kana gochuu dandeenya. (Qol. 1:10) Walga’iiwwan gumiirratti yeroo hundumaa argamuufi hirmaachuunis, beekumsa qabnu guddifachuuf nu gargaara. Dhuunfaatti beekumsa keenya guddifachuuf carraaqqii walirraa hin cinne gochaa jirraa?—Fak. 2:1-7.

5. (a) Amalawwan Yihowaa warra gurguddaa barachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Waa’ee firdii qajeelaa, ogummaafi humna Waaqayyoo maal jechuu dandeenya?

5 Yihowaan karaa Dubbisaa amalasaa nuuf ibseera. Caaffata Qulqullaa’oo qayyabachuufi beekumsa Yihowaa irraa jalaan argachuudhaan, dinqisiifannaa amalawwansaa jechuunis firdii qajeelaa, humna, ogummaafi hunda caalaammoo jaalalasaatiif qabnu guddifachuu dandeenya. Yihowaan firdiinsaa qajeelaa ta’uusaa, karaawwansaa hundaan akkasumas karaa seerasaa isa mudaa hin qabneen argisiiseera. (Kes. 32:4; Far. 19:7) Wantoota Yihowaan uume hundarratti xiinxaluudhaan, ogummaasaa isa guddaa akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. (Far. 104:24) Uumamni cuftis, Yihowaan Madda humna guddaafi hangana hin jedhamnee akka ta’e mirkaneessa.—Isa. 40:26.

6. Waaqayyo jaalala kan nutti argisiise akkamitti? Kunoo kan si tuqu akkamitti?

6 Waa’ee jaalala amala Waaqayyoo isa guddaa ta’eehoo maal jechuutu danda’ama? Amalli kun bal’ina kan qabuufi hunda keenya kan tuqudha. Yihowaan ilmaan namootaatiif furii dhiheessuudhaan jaalala kana argisiiseera. (Roomaa 5:8 dubbisi.) Qophiin kun ilmaan namootaa hundumaaf kan dhihaate ta’us, namoota jaalala Yihowaaf deebii kennaniifi Ilmasaarratti amantii qaban qofatu faayidaa irraa argata. (Yoh. 3:16, 36) Waaqayyo, cubbuu keenyaaf jecha Yesusiin aarsaa furii godhee dhiheessuunsaa, nuyis Waaqayyoon akka jaallannu nu kakaasuu qaba.

7, 8. (a) Jaalala Waaqayyoof qabnu argisiisuuf maaltu nurraa eegama? (b) Sabni Waaqayyoo haala akkamii keessa utuu jiranii abboommotasaa eegu?

7 Wanta Waaqayyo nuu godhe hundaaf nuyis akka isa jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Deebiinsaa geggeessaa hafuuraatiin akkas jechuudhaan ibsameera: “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti.” (1 Yoh. 5:3) Eeyyee, jaalalli Yihowaaf qabnu abboommotasaa eeguuf nu kakaasa. Sababiin waa’ee maqaasaafi Mootummaasaa isa namootaaf faayidaa argamsiisuu itti lallabnuuf inni tokko kanadha. Wanta garaa keenya keessa guuteen kakaanee kana raawwachuun keenya, ragaa yaada qulqulluudhaan abboommota Waaqayyoo eegaa akka jirru argisiisudha.—Mat. 12:34.

8 Obboloonni keenya addunyaa mararra jiran, namoonni ergaa Mootummichaatiif dantaa dhabaniifi fuulleetti isaan mormanillee abboommota Waaqayyoo eeguusaanii itti fufaniiru. Tajaajilasaanii guutummaatti raawwachuuf carraaquurraa duubatti hin jedhan. (2 Xim. 4:5) Haaluma walfakkaatuun, nuyis beekumsa Waaqayyoo namootaaf hiruufi abboommotasaa warra kaan hundumaa eeguuf kakaaneerra.

Sababii Gooftaa Keenya Yesus Kiristosiin Itti Jaallannu

9. Qorumsi Yesus obsaan danda’e maalidha? Akkas gochuuf kan isa kakaasehoo maalidha?

9 Waaqayyoon jaallachuu malees, jaalala Ilmasaatiif qabnu guddifachuuf sababiiwwan hedduu qabna. Yesusiin arginee kan hin beekne ta’us, waa’eesaa caalaatti barachaa yeroo adeemnu jaalalli isaaf qabnu guddachaa adeema. (1 Phe. 1:8) Wantoonni Yesus obsaan danda’e tokko tokko maalidha? Yesus fedha Abbaasaa utuma raawwatuu, sababii malee jibbameera, ari’atameera, sobaan himatameera, arrabsameera. Akkasumas gochawwan salphinaa hedduun isarratti raawwatamaniiru. (Yohannis 15:25 dubbisi.) Jaalalli Yesus Abbaasaa isa samiif qabu, qorumsawwan kana hundumaa obsaan danda’uuf isa kakaaseera. Jaalalaan kaka’ee du’a aarsaa du’uudhaan, namoota hedduudhaaf furii dhiheesseera.—Mat. 20:28.

10, 11. Wanta Yesus nuu godhe yeroo ilaallu, galma akkamii baafachuu qabna?

10 Wanti Yesus raawwate, nuyis akka isa jaallannu nu kakaasa. Wanta Kiristos nuuf godhe yommuu yaannu, jaalalli isaaf qabnu guddachaa adeema. Duuka buutotasaa waan taaneef, abboommii Mootummicha akka lallabnuufi bartoota akka goonu nuu kenne raawwachuu keenya itti fufuu, jaalala akka Kiristos qabaachuufi jaalala kana akka qabaannetti itti fufuuf galma baafachuu qabna.—Mat. 28:19, 20.

11 Jaalala Kiristos guutummaa ilmaan namootaatti argisiiseef deebii kennuuf, dhumni dhufuusaa dura hojii nuuf kenname xumuruuf dirqamni akka nurra jiru nuti dhaga’ama. (2 Qorontos 5:14, 15 dubbisi.) Jaalalli Kiristos argisiise, kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu galmaan ga’uurratti ga’ee guddaa qaba. Fakkeenyi Kiristos akka hordofnu nuuf dhiise, tokkoon tokkoon keenya kaayyoo Waaqayyoo keessatti iddoo akka qabaannu kan nu taasisudha. Kunimmoo hanga dandeenye jaalala Waaqayyoof qabnu guddisuu kan dabalatudha. (Mat. 22:37) Barumsaafi abboommii Yesus hordofuudhaan, wanti fedhe yoo nurra ga’ellee, akka isa jaallannuufi akkumasaa olaantummaa Waaqayyoo deggeruuf akka murteessine ni argisiisna.—Yoh. 14:23, 24; 15:10.

Jaalala Isa Hundumaarra Caalu Hordofuu

12. Phaawulos “isaan kana hundumaa irra isa caalu” yeroo jedhu maal jechuusaa ture?

12 Phaawulos ergamaan fakkeenya Yesus hordofeera. Faana Kiristos sirriitti kan hordofu waan tureef, afaansaa guutee obboloonnisaa fakkeenyasaa akka hordofan jajjabeessuu danda’eera. (1 Qor. 11:1) Phaawulos, Kiristiyaanonni Qorontos kennaawwan hafuuraa jaarraa jalqabaatti turan, kan akka dinqiidhaan fayyisuu, afaan haaraa dubbachuu jiran argachuuf akka dhama’an isaan gorsee ture; ta’us wanti caalaatti hordofuun isaan barbaachisu kan biraan akka jiru ibseera. Qorontos Isa Duraa 12:31⁠rratti, “Ani immoo isaan kana hundumaa irra isa caalu iyyuu isinittan argisiisa” jechuudhaan ibseera. Yaanni caqasa kanatti aanee jiru wanti hundumaarra caalu jaalala ta’uusaa ibsa. Hundumaarra caala yeroo jedhu maal jechuusaati? Phaawulos maal jechuusaa akka ta’e ittaansee fakkeenyaan ibseera. (1 Qorontos 13:1-3 dubbisi.) Dandeettii adda ta’e yoo qabaateefi wanta guddaa raawwachuu yoo danda’ellee, jaalala hin qabu taanaan faayidaa maalii qaba? Faayidaa tokkoyyuu hin qabu! Hafuura Waaqayyootiin kaka’ee, yaada nama amansiisu kana dubbateera. Wanti inni kanatti aansee dubbate dhiibbaa guddaa nurraan geessisa!

13. (a) Caqasni waggaa 2010 maalidha? (b) Jaalalli yoomiyyuu hin badu kan jennu maaliifi?

13 Phaawulos ittaansuudhaan jaalalli maal akka ta’eefi maal akka hin taane ibseera. (1 Qorontos 13:4-8 dubbisi.) Amma, wanta jaalalli gaafatu hammam raawwachaa akka jirtan qoruuf yeroo ramadaa. Keessumaa jechoota dhuma lakkoofsa 7fi jalqaba lakkoofsa 8⁠rratti, ‘Jaalalli hundumaa obsa. Jaalalli yoom iyyuu hin badu’ jedhuufi caqasa waggaa 2010 ta’erratti xiyyeeffadhaa. Phaawulos lakkoofsa 8⁠rratti, raajiifi afaan haaraa dubbachuu dabalatee, kennaawwan hafuuraa yeroo gumiin Kiristiyaanaa reefuu hundeeffame turan akka hafan dubbachuusaa qalbeeffadhaa. Yeroon isaan itti hafan jira ture. Jaalalli garuu yoomiyyuu hin hafu. Yihowaan madda jaalalaa ta’uusaarrayyuu, barabaraaf jiraata. Kanaaf jaalalli yoomiyyuu hin badu. Amala Waaqayyoo isa barabaraaf jiraatuu waan ta’eef ittuma fufa.—1 Yoh. 4:8.

Jaalalli Hundumaa Obsa

14, 15. (a) Jaalalli qorumsa nurra ga’u obsaan danda’uuf kan nu gargaaru akkamitti? (b) Dargaggeessi tokko ejjennoosaa utuu hin laaffisin kan hafe maaliifi?

14 Kiristiyaanonni qorumsi, haalliifi rakkoon akkamiiyyuu yoo isaan mudate, wanti obsaan akka danda’an isaan taasisu maalidha? Jaalala isa seera bu’uuraatiin geggeeffamudha. Jaalalli akkasii qabeenya keenya dhiisuu caalaa waan dabalatu qaba. Amanamummaa keenya eeguufi Kiristosiif jecha hamma lubbuu keenya dabarsinee kennuttillee ga’uu danda’a. (Luq. 9:24, 25) Amanamummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaafi isa booda, kaampiilee hojiin humnaa itti hojjetamutti gidiraan hedduun yeroo irra ga’e argisiisanirratti xiinxalaa.

15 Fakkeenyaaf, dargaggeessa Dhugaa Baatuu Viilheelmi jedhamuufi lammii Jarman ta’e haa ilaallu. Loltoonni Naazii rasaasaan yeroo isa ajjeesuuf jedhanitti, ejjennoosaa laaffisuu mannaa hanga dhumaatti amanamaa ta’eera. Xalayaan maatiisaatti nagaa dhaamuuf barreesse akkas jedha: “Akkuma Geggeessaan keenya Yesus Kiristos nu abboome, wanta hundumaa caalaa Waaqayyoon jaallachuu qabna. Isa cina yoo dhaabanne, innis nu badhaasa.” Yeroo booda, Masaraa Eegumsaa tokkorratti miseensota maatiisaa keessaa isheen tokko akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Yeroo jeequmsaan guutame sana keessatti, maatiin keenya wanta kamiyyuu caalaa jaalala Waaqayyoof qabuuf dursa kenna ture.” Obboloonni yeroo ammaatti manneen hidhaa Armeeniyaa, Ertiraa, Kooriyaa Kibbaafi biyyoota biraa jiranis ilaalchuma akkasii qabu. Obboloonni kun jaalala Yihowaaf qaban cimsanii itti fufaniiru.

16. Qorumsi obboloota keenya Maalaawwii jiraatanirra ga’ee ture maalidha?

16 Biyyoota hedduutti, amantiifi obsi obboloota keenyaa karaa addaddaa qorama. Dhugaa Baatonni Maalaawwii keessa jiraatan, waggoota 26f mootummaan hojiisaanii dhowweera, ari’atamniifi gidiraa cimaan isaanirra ga’aa tureera. Obsaan danda’uunsaanii garuu isaan kiiseera. Yeroo ari’atamni jalqabetti Dhugaa Baatonni biyyattii gara 18,000 turan. Waggaa soddoma booda lakkoofsisaanii dachaa lama caalaa, jechuunis 38,393 ta’eera. Biyyoota biraattis bu’aan wal fakkaatu argameera.

17. Dhugaa Baatonni maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa jiraatan rakkina akkamiitu isaanirra ga’a? Rakkina isaanirra ga’e danda’uuf kan isaan gargaare maalidha?

17 Ari’atamni fuulleetti saba Waaqayyoorra ga’u ulfaataa akka ta’e beekamaadha. Ari’atamni miseensota maatiirraa Kiristiyaana tokkorra ga’ummoo kanarraa baay’ee addadha. Miseensonni maatii ykn firoonni dhi’oon dhiphina geessisuu danda’u. Yesus kun akka ta’u dubbatee hin turee? Dubbateera, namoonni baay’een kun dhugaa ta’uusaa wanta isaanirra ga’erraa hubataniiru. (Mat. 10:35, 36) Ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessatti argaman, warrasaanii Dhugaa Baatota hin taanerraa mormiin isaanirra ga’eera. Kaanimmoo, manaa kan ari’aman si’a ta’u, Dhugaa Baatonni gaarummaadhaan manasaaniitti isaan simataniiru. Kaanis warrisaanii isaan gananiiru. Obboloonni kun wanta isaanirra ga’e akka danda’an kan isaan gargaare maalidha? Jaalala obboloota kaaniif qaban qofa utuu hin ta’in, hunda caalaa jaalala Yihowaafi Ilmasaatiif qabanidha.—1 Phe. 1:22; 1 Yoh. 4:21.

18. Jaalalli inni hundumaa danda’u, hiriyoota gaa’elaa Kiristiyaana ta’an kan gargaaru akkamitti?

18 Jireenya keessatti haalawwan hedduun jaalala isa hundumaa danda’u argisiisuu gaafatan gara biraanis jiru. Jaalalli, hiriyoonni gaa’elaa gorsa Yesus, “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuuf isaan dandeessisa. (Mat. 19:6) Kiristiyaanonni gaa’ela godhatan “jireenya isaaniitti rakkinni” yeroo isaan argatu, Yihowaan gaa’elasaanii keessatti bakka guddaa akka qabu of yaadachiisuu qabu. (1 Qor. 7:28) Dubbiinsaa ‘jaalalli hundumaa akka danda’u’ kan ibsu si’a ta’u, abbaan manaafi haati manaa amala kana qabaachuunsaanii walitti akka maxxananiifi gaa’ellisaanii jabaatee akka dhaabatu gargaara.—Qol. 3:14.

19. Balaan uumamaa erga ga’ee booda sabni Waaqayyoo maal godhan?

19 Jaalalli, balaawwan uumamaa yeroo ga’an hundatti jabaannee dhaabachuuf nu gargaara. Yeroo socho’i lafaa kibba Peeruu rukuteefi Obomboleettiin Kaatriinaa jedhamtu Yuunaayitid Isteetis keessatti magaalaawwan galaana qarqara jiran balleessite, kun dhugaa ta’uunsaa argameera. Obboloonni keenya hedduun balaa uumamaa kanaan manasaanii ykn qabeenyasaanii dhabaniiru. Jaalalli, gumiiwwan addunyaa mararra jiran gargaarsa akka godhan, akkasumas obboloonni fedhii qaban manasaanii deebisanii akka isaaniif ijaaraniifi Galmawwan Mootummaa akka suphan isaan kakaaseera. Gochi akkasii obboloonni keenya jaalala akka waliif qaban, yeroofi haala hundumaa keessatti akka waliif yaadan kan mirkaneessudha.—Yoh. 13:34, 35; 1 Phe. 2:17.

Jaalalli Yoomiyyuu Hin Badu

20, 21. (a) Jaalalli faayidaa hundarra caalu qaba kan jennu maaliifi? (b) Jaalala hordofuuf kan murteessite maaliifi?

20 Yeroo har’aatti saba Yihowaa gidduutti, jaalala isa hundumaarra caalu hordofuun gaarii akka ta’e ni hubanna. Amalli kun karaa hundumaanuu caalmaa qaba. Phaawulos ergamaan akkaataa dhugaa kana itti ibse qalbeeffadhaa. Jalqaba, kennaawwan hafuuraa akka hafaniifi gumiin Kiristiyaanaa gara ga’eessummaatti akka guddatu caqaseera. Achiis, “Egaa amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu caala” jechuudhaan xumureera.—1 Qor. 13:13.

21 Dhumarratti wantoonni abdiidhaan eeggachaa turre waan raawwatamaniif, sana booda isaanirratti amantii qabaachuun barbaachisaa hin ta’u. Wanti hundumtuu haaraa erga ta’ee booda, abdiin hawwiidhaan eegaa turre kan yaadamu hin ta’u. Jaalallihoo? Jaalalli yoomiyyuu hin badu. Barabaraaf jiraata. Barabaraaf yeroo jiraannu sanatti, bifawwan jaalala Waaqayyoo dabalataa caalaatti ilaalaafi hubachaa adeemna. Jaalala isa hundumaarra caaluufi yoomiyyuu hin badne hordofuudhaan, fedha Waaqayyoo raawwachaa barabaraaf jiraachuu dandeessu.—1 Yoh. 2:17.

Maal Jettee Deebista?

• Jaalala sirrii hin taanerraa of eeguu kan qabnu maaliifi?

• Jaalalli maal obsaan danda’uuf nu gargaara?

• Jaalalli yoomiyyuu hin badu jedhamuu kan danda’u akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Caqasni waggaa 2010, ‘Jaalalli hundumaa obsa. Jaalalli yoom iyyuu hin badu’ kan jedhu ta’a. —1 Qor. 13:7, 8.

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Jaalalli Waaqayyoof qabnu lallabuuf nu kakaasa

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Jaalalli inni yoomiyyuu hin badne, obboloonni keenya Maalaawwii keessa jiran qorumsa isaanirra ga’e obsaan danda’uuf isaan gargaareera