Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti ba’an dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

• Waaqayyo badhaadhaa si gochuu kan danda’u akkamitti?

Bara duriitti Yihowaa, namoota akka Abrahaamiifi Solomoon tokko tokko qabeenya hedduu kennuudhaan eebbiseera. Ta’us, qabeenyi Kiristiyaanotaaf hunda caalaa barbaachisaa ta’eefi Waaqayyo namaaf argamsiisu, amantii, nagaafi gammachuu dabalata.—10/1, ful. 25-29.

• Phexros galaana keessa lixuuf yeroo turetti, Yesus isa oolchuunsaa maal nu barsiisuu danda’a? (Mat. 14:28-31)

Obboleessi tokko amantii dhabuusaa ifatti yoo argine, fakkeenyaan harka keenya diriirsinee amantii dabalataa akka argatu isa gargaaruu dandeenya.—9/15, ful. 8.

• Fayyinni keenya Yihowaa maal kaffalchiisa?

Yihowaan dhiphinaafi salphina Ilmasaarra ga’e obsaan danda’eera. Akkuma Abrahaam fedhiidhaan ilmasaa aarsaa godhe, Yihowaanis Ilmisaa akka nama yakka raawwateetti yeroo ajjeefamu obsaan danda’eera.—9/15, ful. 28-29.

Fakkeenyi 24:27 ‘mana dhaabbachuu’ ilaalchisee maal nu barsiisa?

Namni gaa’ela godhachuu barbaadu, itti gaafatamummaa kana raawwachuuf dursee qophaa’uu qaba. Kunimmoo, maatiidhaaf waan karaa foonii barbaachisu qopheessuufi karaa hafuuraa maaticha akka gaariitti geggeessuu dabalata.—10/15, ful. 12.

• Yihowaafi Yesus amala gaariidhaan fakkeenya kan nuu ta’an akkamitti?

Yihowaan aangoo olaanaa qabaatus, gaarummaafi kabajaan ilmaan namootaa qaba. Abrahaamiifi Musee yeroo haasofsiisu, Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaatiin jecha “maaloo” jedhu fayyadameera. (Uma. 13:14; Bau. 4:6) Kana malees, Waaqayyo ilmaan namootaa ni dhaggeeffata. (Uma. 18:23-32) Yesusis akkas godheera; akkasumas, namoota isa bira dhufan gargaaruuf qophaa’aafi fedhii kan qabu ta’uusaarrayyuu, yeroo baay’ee maqaasaaniillee dha’uuudhaan kabaja isaaniif qabu argisiiseera.—11/15, ful. 25.

• Macaafa Qulqulluu hubachuu kan dandeenyu akkamitti?

Yihowaan yaada Macaafa Qulqulluu akka hubannu ni barbaada. Tarkaanfiin jalqabaa, Yihowaan akka nu gargaaru kadhachuudha. Ergamoonni Yesus “barumsa dheeraa akka hin qabne” godhamanii ilaalamu turan. (HoE. 4:13) Yesus yaada Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hubachuu akka danda’an isaanii mirkaneessee ture. Akkamitti? Yesus, “Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa” jechuudhaan isaanii ibseera. (Yoh. 14:26) Lammaffaammoo, Macaafa Qulqulluu yaada walaba ta’e qabaachuudhaan dubbisuun barbaachisaadha. Namni tokko, jibba ykn yaada walaba hin taane qabaachuudhaan, Macaafa Qulqulluu dubbisuunsaa, dhugaa achi keessa jiru akka hin hubanne isa godha. Yaada walaba ta’e qabaachuudhaan dhaamsa Yihowaa isa dinqisiisaa, Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hubachuuf fedhii qabaachuu qabna. Tarkaanfii sadaffaan, hojii rakkisaa tokko fiixaan baasuuf, yeroo hedduu nama waa’ee hojii sanaa muuxannoo qaburraa barachuun barbaachisaadha. Haalli kun Macaafa Qulqulluu dubbisuu wajjinis wal fakkaata.—10/1, ful. 14-18.