Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Tokko Qofan Dabaladha”

“Tokko Qofan Dabaladha”

“Tokko Qofan Dabaladha”

AALAN * dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu kan jalqabe umrii waggaa 11⁠tti ture. Inniifi hiriyoonnisaa taatota fiilmiirratti argan fakkeessanii daggala keessatti taphatu turan. Taatonni isaan fakkeessan asoosamarratti kan hundaaʼan taʼus, alkooliin Aalaniifi hiriyoonnisaa dhugan garuu kan dhugaa ture.

Tooniin suutuma suuta dhugaatii alkoolii galgala galgala birciqqoo tokko ykn lama dhugu gara shan ykn jaʼaatti dabalaa yeroo dhufu, umriinsaa waggaa 40 ture. Oolee bulee garuu, guyyaatti meeqa akka dhuguyyuu wallaale.

Aalan rakkoo dhugaatiisaa moʼuuf gargaarsa barbaade. Tooniin garuu gargaarsa maatiifi hiriyoonni isaaf yaadan godhaniif fudhachuu dide. Aalan yeroo harʼaa lubbuudhaan waan jiruuf seenaasaa dubbachuu dandaʼeera; Tooniin garuu waggoota muraasa dura dhugaatii alkoolii garmalee dhuguusaatiin balaa doqdoqqeetiin duʼeera.

Namni tokko garmalee yoo dhuge, jireenya namootaarrattis miidhaa geessisuu dandaʼa. * Namni alkoolii garmalee dhugu tokko, nama arrabsuu, qaama namootaarratti miidhaa geessisuu, namoota doorsisuu, akkasumas lubbuu namaa balleessuu dandaʼa. Kana malees, garmalee dhuguun, balaa konkolaataatiifis taʼe bakka hojiitti gaʼuuf, akkasumas dhibee fayyaa hedduudhaaf sababii taʼuu dandaʼa. Garmalee alkoolii dhuguun, miidhaa miiraa dhuunfaatti namootarra, maatiifi ijoolleerra geessisu malees, hawaasarra waggaatti kasaaraa doolaara biliyoonaan lakkaaʼamuu geessisa.

Dhaabbanni Fayyaa Yunaaytid Isteetis akka jedhutti, “namni yeroo hunda dhugaatii alkoolii dhugu hundi dhugaatiirratti rakkina qaba jechuu miti; akkasumas guyyaa guyyaadhaan alkoolii kan dhugu namoota dhugaatiirratti rakkina qaban hunda miti.” Namoonni araada dhugaatii alkoolii hin qabne hedduun, utuu hin hubatin garmalee dhuguu amaleeffataniiru. Warri kaanimmoo darbee darbee kan dhugan taʼus, takkaatti shan caalaa fudhatu.

Alkoolii dhuguu yoo filatte, garmalee dhugdeetta kan jedhamu hammam yoo dhugdedha? “Tokko qofan dabaladha” jechuu kan hin qabne yoom akka taʼe akkamitti beekta? (Fakkeenya 23:29, 30, Kontemporaarii Ingilish Varshin) Matadureewwan kanatti aananii jiran, mataduree kana ilaalchisee odeeffannoo gaarii nuu kennu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 5 Dhiironni dhugaatii alkoolii dhuguudhaan dubartootarra harka afuriin waan caalaniif, matadureewwan walitti aanan kun saala dhiiraatiin fayyadamu. Barumsisaa garuu, saala lamaaniifuu ni hojjeta.