Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaadhaaf Kan Of Murteessitu Maaliifi?

Yihowaadhaaf Kan Of Murteessitu Maaliifi?

Yihowaadhaaf Kan Of Murteessitu Maaliifi?

“Waaqayyo koo isa ani kan isaa ta’e hojjedhuuf biraa, ergamaan eda halkan na bira dhufe.”—HoE. 27:23.

1. Warri cuuphamuuf of dhiheessan tarkaanfii akkamii fudhataniiru? Kunoo gaaffiiwwan akkamii kaasa?

“AARSAA furii Yesus Kiristositti amantanii, waa’ee cubbuu keessaniitiif qalbii geddarachuudhaan, jaalala Yihowaa raawwachuuf of murteessitaniittuu?” Gaaffiin kun, gaaffiiwwan lamaan kaadhimamtoonni cuuphamuuf jedhan xumura haasawaa cuuphaarratti gaafataman keessaa tokkodha. Kiristiyaanonni Yihowaadhaaf of murteessuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Waaqayyoof of murteessuun kan nu fayyadu akkamitti? Namni tokko utuu Waaqayyoof of hin murteessin, karaa fudhatama qabuun isa waaqeffachuu kan hin dandeenye maaliifi? Gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf, dura of murteessuu jechuun maal jechuu akka ta’e qoruu nu barbaachisa.

2. Yihowaadhaaf of murteessuu jechuun maal jechuudha?

2 Waaqayyoof of murteessuu jechuun maal jechuudha? Phaawulos ergamaan walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu akkamitti akka ibse hubadhu. Namoota baay’ee markaba caccabuuf jedhu keessa turan duratti, “Waaqayyo koo isa ani kan isaa ta’e” jechuudhaan Yihowaa waameera. (Hojii Ergamootaa 27:22-24 dubbisi.) Kiristiyaanonni dhugaan hundi kan Yihowaati. Haala kanarraa faallaa ta’eenimmoo biyyi lafaa hundi, ‘harka isa hamaa jala jira.’ (1 Yoh. 5:19) Kiristiyaanonni kan Yihowaa kan ta’an, yommuu karaa fudhatama qabuun kadhannaadhaan isaaf of murteessanidha. Of murteessuun waadaa namni tokko dhuunfaatti galudha. Itti aansees cuuphaatu raawwatama.

3. Yesus cuuphamuunsaa maal kan argisiisu ture? Duuka buutonnisaa fakkeenyasaa hordofuu kan danda’an akkamitti?

3 Yesus yommuu fedha Waaqayyoo raawwachuuf dhuunfaatti filannaa godhe fakkeenya nuu kaa’eera. Saba Israa’el warra Waaqayyoof of murteessan keessatti waan dhalateef, jalqabumayyuu kan of murteesse ture. Ta’us, yommuu cuuphame wanta Seerichi gaafatu caalaa barbaachisaa ta’e tokko raawwateera. Dubbiin Waaqayyoo Yesus yommuu cuuphame, “Yaa Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera” jechuusaa akka ture ibsa. (Ibr. 10:7; Luq. 3:21) Kanaaf, Yesus cuuphamuunsaa fedha Abbaasaa raawwachuuf Waaqayyoof akka of dhiheesse kan argisiisu ture. Duuka buutonnisaas yommuu cuuphamuuf of dhiheessan fakkeenyasaa hordofu. Haata’u malee, bishaaniin cuuphamuunsaanii kadhannaadhaan dhuunfaatti Waaqayyoof akka of murteessan karaa itti namoota duratti argisiisanidha.

Of Murteessuun Kan Nu Fayyadu Akkamitti?

4. Michummaan Daawitiifi Yonaataan gidduu ture waa’ee waadaa galuu maal nu barsiisa?

4 Waaqayyoof of murteessuun wanta akka laayyootti ilaalamu miti. Of murteessuun waadaa galuu caalaa waan dabalatu qaba. Haata’u malee, of murteessuun kan nu fayyadu akkamitti? Mee dhimma kana nama tokkoo wajjin waadaa galuun akkamitti akka nu fayyadu fakkeenya argisiisuu wajjin wal bira qabnee haa ilaallu. Michummaa akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Nama tokko michuu godhachuudhaan faayidaa argachuudhaaf, itti gaafatamummaa michuu ta’uun fidu fudhachuu qabna. Kunimmoo, michuu keenyaaf yaaduuf dirqama akka qabnu nutti dhaga’amuudhaan waadaa galuu dabalata. Michummaa hunda caaluufi Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame keessaa tokko, michummaa Daawitiifi Yonaataan gidduu turedha. Namoonni kun, michoota walii ta’uuf walii kakatanii turan. (1 Saamu’el 17:57; 18:1, 3 dubbisi.) Yeroo har’aa namoonni michoota akkasaanii ta’uuf waadaa walii galan baay’inaan hin jiran. Ta’us, hiriyoonni yommuu waadaa walii galan ykn inni tokko isa kaaniif hamma tokko itti gaafatamummaa akka qabu itti dhaga’amu, michummaan gidduusaanii jiru ni jabaata.—Fak. 17:17; 18:24.

5. Garbichi tokko hamma dhumaatti kan gooftaasaa isa gaarii ta’uudhaan fayyadaa argachuu kan danda’u akkamitti?

5 Seerri Waaqayyo Israa’eliif kennes, namoonni waadaa walii galuudhaan faayidaa argachuu akka danda’an ibsa. Garbichi tokko hamma dhumaatti qabeenya gooftaasaa isa gaarii ta’uu yoo barbaade, waliigaltee dhaabbataa ta’eefi gooftaasaarraa adda akka hin baane isa dirqisiisu galuu danda’a ture. Seerichi akkas jedha: “Garbichichi garuu, ‘Ani gooftaa koo, haadha manaa koo, ijoollee koos nan jaalladha, birmadummaa argachuus matumaa hin barbaadu’ yoo jedhe, gooftaan isaa gara Waaqayyootti isa haa dhi’eessu! Gara balbalaatti yookiis michichilaatti geessee mutaadhaan gurra isaa haa uru! Kana booddee guutummaa bara jireenya isaatti garbicha isaaf haa ta’u!”—Bau. 21:5, 6.

6, 7. (a) Waliigaltee gochuun namootaaf faayidaa kan argamsiisu akkamitti? (b) Kana gochuun keenya Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabnu argisiisa?

6 Gaa’elli michummaa waadaa cimaa galuu gaafatudha. Waadaan gaa’elaa, nama tokkoof kan galamu malee, dirqama waliigalteerra jiru guutuuf galamu miti. Namoonni utuu wal hin fuudhin akkasumaan waliin jiraatanis ta’e ijoolleensaanii, tasumaa tasgabbii argachuu hin danda’an. Namoonni waadaa walii galuudhaan gaa’ela ulfina qabeessa ta’e dhaabbatan garuu, yeroo wal dhabiinsi gidduusaaniitti uumamu akka Caaffanni Qulqullaa’oon jedhanitti jaalalaan hiikuuf dirqama qabu.—Mat. 19:5, 6; 1 Qor. 13:7, 8; Ibr. 13:4.

7 Bara duriitti namoonni daldalaafi qacaramanii hojjechuu wajjin haala wal qabateen waliigaltee gochuudhaan faayidaa argataniiru. (Mat. 20:1, 2, 8) Yeroo har’aas haallisaa kan wal fakkaatudha. Fakkeenyaaf, hojii daldalaa tokko utuu hin jalqabin ykn kubbaaniyyaa tokko keessatti qacaramnee hojjechuu utuu hin jalqabin dura, waliigaltee barreeffamaan taa’e gochuun keenya faayidaa nu argamsiisa. Kanaaf waadaa galuun, walitti dhufeenya namootaa kan akka michummaa, gaa’elaafi qacaramanii hojjechuu kan cimsu erga ta’ee, Yihowaadhaaf guutummaatti of murteessuunis walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu cimsuudhaan faayidaa akka nuuf argamsiisu beekamaadha. Mee amma namoonni bara durii Yihowaadhaaf of murteessuudhaan akkamitti akka fayyadaman, akkasumas of murteessuun waadaa galuurra akka caalu haa ilaallu.

Faayidaa Israa’eloonni Waaqayyoof Of Murteessuudhaan Argatan

8. Saba Israa’eliif, Waaqayyoof of murteessuu jechuun maal jechuu ture?

8 Guutummaan saba Israa’el Yihowaadhaaf kan of murteessan, yommuu Waaqayyoof kakuu galan ture. Yihowaan Tulluu Siinaa biratti walitti isaan qabuudhaan, “Isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu” isaaniin jedhe. Isaanis afaan tokkoon, “Wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in goona” jedhanii deebisan. (Bau. 19:4-8) Saba Israa’eliif of murteessuu jechuun, waan tokko raawwachuuf waadaa galuurra baay’ee kan caalu ture. Kana jechuun, isaan kan Yihowaa ta’u; Yihowaanis sana booda akka kan ‘dhuunfaasaa ta’anitti’ isaan ilaala jechuudha.

9. Israa’eloonni Waaqayyoof of murteessuudhaan fayyadaa kan argatan akkamitti?

9 Israa’eloonni kan Yihowaa ta’uusaaniitiin faayidaa argatanii turan. Yihowaan isaaniif amanamaa kan ture si’a ta’u, akka abbaan jaalala qabeessi mucaasaa kunuunsutti isaan kunuunseera. Waaqayyo Israa’elootaan, “Haati mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu in dandeessii? Mucaa ishee isa ofii deesseef hin ootuu ree? Utuma isheen isa irraanfattee iyyuu, ani matumaa si hin irraanfadhu!” jedhee ture. (Isa. 49:15) Yihowaan Seerrisaa akka isaan qajeelchu, raajonnisaa akka isaan jajjabeessaniifi ergamoonnisaa akka isaan eegan godhee ture. Faarfatichi, “Waaqayyo dubbii isaa Yaaqoobitti, seerrata isaa, wanta qajeelaa ta’ee isa duratti fudhatames Israa’elitti in hima. Inni saba biraatiif akkas hin goone” jedhee barreesseera. (Far. 147:19, 20; Faarfannaa 34:7, 19; 48:14 dubbisi.) Yihowaan akkuma sabasaa durii kunuunse, yeroo har’aattis warra isaaf of murteessan ni kunuunsa.

Waaqayyoof Of Murteessuu Kan Qabnu Maaliifi?

10, 11. Maatii Waaqayyoo isa uumama cufaa keessa jiru keessatti dhalannee? Ibsi.

10 Namoonni tokko tokko waa’ee of murteessuufi cuuphamuu yommuu yaadan, ‘Utuun of hin murteessin Waaqayyoon waaqeffachuu hin danda’uu?’ jedhanii gaafatu ta’a. Deebiin gaaffii kanaa, ejjennoo yeroo ammaa Waaqayyo biratti qabnu yommuu qorru ifa nuu ta’a. Cubbuu Addaamiin kan ka’e, hundi keenya maatii Waaqayyoorraa adda baanee dhalanneerra. (Rom. 3:23; 5:12) Maatiisaa isa uumama cufaa keessatti fudhatama argachuuf, Waaqayyoof of murteessuun barbaachisaadha. Kana gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliif akka ta’e haa ilaallu.

11 Hundi keenya, akka Waaqayyo jalqaba yaadetti abbaa jireenya barabaraa nuu kennu argachuu hin dandeenye. (1 Xim. 6:19) Addaamiifi Hewwaan yommuu cubbuu raawwatan, ilmaan namootaa Abbaafi Uumaasaanii jaalala qabeessa ta’erraa waan adda ba’aniif, nuti ijoollee Waaqayyoo taanee hin dhalanne. (Keessa Deebii 32:5 waliin ilaali.) Yeroo sanaa kaasee ilmaan namootaa Waaqayyorraa adda ba’uudhaan maatii Yihowaa isa uumama cufa keessa jirurraa ala ta’aniiru.

12. (a) Ilmaan namootaa cubbamoota ta’an, miseensota maatii Waaqayyoo ta’uu kan danda’an akkamiiti? (b) Cuuphamuu keenya dura tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu qabna?

12 Haata’u malee, Waaqayyo maatii tajaajiltootasaa isa biratti fudhatama argatan keessaa tokko akka nu godhu dhuunfaatti isa kadhachuu dandeenya. * Nuyi warri cubbamoota taane mirga kana argachuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos ergamaan, ‘Nuyi ammallee diinota utuma jirruu, du’a ilmasaatiin Waaqayyotti araaramne’ jechuudhaan barreesseera. (Rom. 5:10) Yeroo cuuphamnu, isa biratti fudhatama argachuuf yaada garaa qulqullaa’aa akka nuu kennu Waaqayyoon kadhanna. (1 Phe. 3:21) Haata’u malee, cuuphamuu keenya dura tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuu qabna. Waaqayyoon beekuu, isatti amanamuu, yaada garaa geddarachuufi akkaataa jireenyaa keenya jijjiiruu qabna. (Yoh. 17:3; HoE. 3:19; Ibr. 11:6) Maatii Waaqayyoo keessaa tokko ta’uu keenya dura wanti gochuu qabnu gara biraanis jira. Wanti kun maalidha?

13. Namni tokko maatii waaqeffattoota Yihowaa warra isa biratti fudhatama argatan keessaa tokko ta’uuf, isaaf of murteessuudhaan waadaa galuunsaa sirrii kan ta’e maaliifi?

13 Namni Waaqayyorraa adda ba’e tokko miseensa maatii Waaqayyoo warra isa duratti fudhatama argatan keessaa tokko ta’uusaa dura, Yihowaadhaaf waadaa cimaa galuun isa barbaachisa. Kun maaliif barbaachisaa akka ta’e hubachuuf, waa’ee abbaa kabajamaa, mucaa warrisaa irraa du’an tokko akka miseensa maatiisaatti guddisuu barbaaduu tokko yaadi. Namichi kun abbaa gaarii ta’uusaatiin beekama. Ta’us, mucicha akka ilmasaatti fudhachuusaa dura, mucichi waadaa akka isaa galu barbaada. Kanaaf namichi akkas jedha, “Akka ilmakootti si fudhachuukoo dura, akka abbaakeetti akka na jaallattuufi akka na kabajju baruun barbaada.” Namichi kun mucicha akka miseensa maatiisaatti kan fudhatu, mucichi waadaa cimaa galuuf fedhii yoo qabaate qofadha. Kana gochuunsaa sirrii mitii? Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan miseensota maatiisaa akka ta’an kan simatu, namoota isaaf of murteessuudhaan waadaa galuuf fedhii qaban qofadha. Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’utti, aarsaa jiraatu godhaa of dhi’eessaa’ jechuudhaan dubbata.—Rom. 12:1.

Of Murteessuun Jaalalaafi Amantii Akka Qabnu Argisiisa

14. Of murteessuun jaalala akka qabnu kan argisiisu akkamitti?

14 Waaqayyoof of murteessuudhaan waadaa galuun Yihowaadhaaf jaalala garaadhaa madde akka qabnu kan argisiisudha. Kana gochuun karaawwan tokko tokkoon waadaa gaa’elaa wajjin wal fakkaata. Kiristiyaanni misirroo ta’e tokko, kaadhimasaa akka jaallatuufi wanti fedheyyuu yoo dhufe isheedhaaf amanamaa akka ta’u waadaa galuudhaan ibsa. Waadaan akkasii wanta tokko hojjechuuf utuu hin ta’in, nama tokkoof kan galamudha. Misirroon tokko, waadaa gaa’elaa utuu hin galin kaadhimasaa wajjin jiraachuuf mirga akka hin qabne beeka. Haaluma wal fakkaatuun, isaaf of murteessuudhaan utuu waadaa hin galin, guutummaatti faayidaa miseensa maatii Yihowaa ta’uudhaan argamu argachuu hin dandeenyu. Cubbamoota yoo taaneyyuu, kan isaa ta’uu waan barbaannuufi hamma dhumaatti isaaf amanamaa ta’uuf waan kutanneef of murteessina.—Mat. 22:37.

15. Of murteessuun amantii akka qabnu kan argisiisu akkamitti?

15 Waaqayyoof yommuu of murteessinu amantii akka qabnu argisiisna. Akkas kan jennu maaliifi? Amantiin Yihowaarratti qabnu, Waaqayyotti dhihaachuun keenya gaarii akka ta’e nuu mirkaneessa. (Far. 73:28) “Dhaloota micciiramaadhaa fi karaa irraa kaate” gidduu waan jiraannuuf, Waaqayyoo wajjin adeemuun yeroo hundaa salphaa akka hin taane beekna; ta’us, abdii Waaqayyo carraaqqii goonu akka nuu eebbisu kennetti ni amanna. (Filp. 2:15; 4:13) Cubbamoota ta’uu keenya beeknus, yommuu dogoggorru Yihowaan araara akka nuu godhu ni amanna. (Faarfannaa 103:13, 14; Roomaa 7:21-25 dubbisi.) Yihowaan amanamummaa keenya eeguuf murtoo goone akka nuu eebbisu amantii qabna.—Iyo. 27:5.

Waaqayyoof Of Murteessuun Gammachuu Argamsiisa

16, 17. Yihowaadhaaf of murteessuun gammachuu kan argamsiisu maaliifi?

16 Yihowaadhaaf of murteessuun isaaf of kennuu waan dabalatuuf gammachuu argamsiisa. Yesus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jechuudhaan dhugaa barbaachisaa ta’e tokko ibseera. (HoE. 20:35) Yesus tajaajilaasaa isa lafarratti gammachuu kennuurraa argamu guutummaatti argateera. Warri kaan karaa jireenyaa akka argatan gargaaruuf jecha yeroo barbaachisaa ta’etti, boqonnaasaa, nyaatasaafi gammachuusaa aarsaa godhee ture. (Yoh. 4:34) Yesus garaa Abbaasaa ciibsuudhaan gammada ture. ‘Ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisun hojjedha’ jedheera.—Yoh. 8:29; Fak. 27:11.

17 Kanaaf, Yesus ‘namni tokkollee ana duukaa bu’uu yoo barbaade, waa’ee ofiisaa haa dhiisu’ yommuu jedhu, karaan jireenyaa inni gammachuu argamsiisu isa kam akka ta’e duuka buutotasaatti argisiisuusaa ture. (Mat. 16:24) Kana gochuun keenya caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaara. Qaamni kana caalaa jaalalaan nu kunuunsuu danda’uufi itti of kennachuu dandeenyu gara biraan jiraa?

18. Yihowaadhaaf of murteessuun, wanta tokkoof ykn nama kamiifiyyuu of murteessuu caalaa gammachuu kan argamsiisu maaliifi?

18 Yihowaadhaaf of murteessuufi fedhasaa raawwachuudhaan, murtoo keenyaa wajjin haala walsimuun jiraachuun, wanta tokkoof ykn nama kamiifiyyuu of murteessuu caalaa gammachuu argamsiisa. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun qabeenya argachuuf carraaqqii cimaa godhan gammachuu dhugaa hin argatan. Namoonni Yihowaadhaaf of murteessan garuu gammachuu barabaraa argatu. (Mat. 6:24) ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuun’ kan isaan gammachiisu ta’us, kan of murteessan Waaqasaanii isa isaan dinqisiifatuuf malee hojii tokkoof miti. (1 Qor. 3:9, hiika bara 1899) Isa caalaa namni fedhii ofii aarsaa gochuusaanii dinqisiifatu hin jiru. Namoota isaaf amanamoo ta’an gara dargaggummaatti deebisuudhaan barabaraaf kunuunsasaarraa akka fayyadaman godha.—Iyo. 33:25; Ibroota 6:10 dubbisi.

19. Namoonni Yihowaadhaaf of murteessan eebbawwan akkamii argatu?

19 Yihowaadhaaf of murteessuun, isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaattu si gargaara. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhi’aadhaa, innis isinitti in dhi’aata” jedha. (Yaq. 4:8; Far. 25:14) Mataduree itti aanurratti kan Yihowaa ta’uuf filachuun keenya sirriidha kan jennu maaliif akka ta’e qorra.

[Miiljaleewwan]

^ key. 12 ‘Hoolonni kan biraa’ warri kan Yesus ta’an, hanga dhuma waggaa kumaatti ijoollee Waaqayyoo hin ta’an. Ta’us, Waaqayyoof waan of murteessaniif, “Abbaa” jedhanii isa waammachuufi miseensota maatii waaqeffattoota Yihowaa akka ta’anitti lakkaa’amuu danda’u.—Yoh. 10:16; Isa. 64:8; Mat. 6:9; Mul. 20:5.

Maal Jettee Deebista?

• Waaqayyoof of murteessuu jechuun maal jechuudha?

• Waaqayyoof of murteessuudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

• Kiristiyaanonni Yihowaadhaaf of murteessuunsaanii barabaachisaa kan ta’e maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 6rra jiru

Of murteessuufi murtoo goonee wajjin haala walsimuun jiraachuun keenya gammachuu barabaraa nuuf argamsiisa