Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoolleen Keessan Rakkoowwan Hedduu Isaanirra Ga’an Akka Mo’an Gargaaraa

Ijoolleen Keessan Rakkoowwan Hedduu Isaanirra Ga’an Akka Mo’an Gargaaraa

Ijoolleen Keessan Rakkoowwan Hedduu Isaanirra Ga’an Akka Mo’an Gargaaraa

DARGAGGOONNI keenya dhiibbaa guddaan isaanirra ga’aa jira. Hafuura biyya lafaa isa Seexanni seerratuuf kan saaxilaman waan ta’aniif, “kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu” ofirraa ittisuuf qabsoo gochuu qabu. (2 Xim. 2:22; 1 Yoh. 5:19) Kana malees, ‘uumaasaanii yaadachuuf’ carraaqqii gochuusaaniitiin, ga’isaafi doorsisa namoonni amantiisaanii morman isaanirraan ga’an mo’uu qabu. (Lal. 12:1) Obboleessi Viinsenti jedhamu, wanta ijoollummaasaatti isarra ga’e yaadachuudhaan akkas jedheera: “Namichi tokko Dhugaa Baatuu waanan ta’eef yeroo hunda na doorsisa, akkasumas na lola ture. Doorsisnisaa waan natti cimeef, yeroo baay’ee mana barumsaa dhaquullee hin barbaadun ture.” *

Ijoolleen keenya, dhiibbaa namoota kaanirraa isaanitti dhufu malees, fedhii hiriyootasaanii fakkaachuuf qabanii wajjin qabsoo gochuun isaan barbaachisa. Obboleettiin Kaatliin jedhamtuufi umriinshee waggaa 16 ta’e, “Warra kaanirraa adda ta’uun ulfaataadha” jetteetti. Obboleessi Aalan jedhamuufi umriinsaa waggaa 21 ta’emmoo “Yeroo baay’ee hiriyoonnikoo mana barumsaa, Sanbadduraafi Dilbata isaanii wajjin akkan ta’u na afeeru; anis isaanii wajjin ta’uun natti tola ture” jedheera. Fedhiin dargaggoonni ispoortiiwwan mana barumsaarratti hirmaachuuf qabanis, dhiibbaa cimaa hiriyyummaa gadheedhaaf isaan saaxilu ta’uu danda’a. Obboleettiin Taaniye jedhamtuufi umriinshee waggaa 19 ta’e, “Ispoortii nan jaalladha. Barsiisaan ispoortii yeroo hunda tuuta tokko keessatti akkan taphadhu na rakkisa. Afeerrii kana diduun baay’ee natti ulfaata ture” jetteetti.

Ijoolleen keessan, rakkina hedduu isaanirra ga’u akka mo’an gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Yihowaan, warri ijoolleesaaniitiif qajeelfama akka kennan ajajeera. (Fak. 22:6; Efe. 6:4) Warri Waaqayyoon sodaatan, ijoolleensaanii Yihowaadhaaf abboomamuuf fedhii akka qabaatan gochuuf kaayyoo qabaachuu qabu. (Fak. 6:20-23) Kana yoo godhan, ijoolleen yeroo warrisaanii isaan hin arginettillee, dhiibbaa biyya lafaa mo’uuf kaka’uu danda’u.

Warri, wanta jireenyaaf barbaachisu dhiheessuun, ijoollee guddisuufi gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban ergaan takkaa raawwachuun isaan rakkisuu danda’a. Isaan keessaa tokko tokko, utuma kophaasaanii ijoollee guddisanii ykn utuma hiriyaan gaa’elaasaanii isaan mormuu kana raawwatu. Ta’us, Yihowaan warri ijoolleesaanii barsiisuufi gargaaruuf yeroo akka ramadan isaanirraa eega. Maarree, ijoolleen keessan dhiibbaa hiriyoonnisaanii isaanirraan ga’an, akkasumas qorumsaafi doorsisa yeroo yeroodhaan isaanirra ga’u akka mo’an gargaaruuf maal gochuu qabdu?

Dhuunfaatti Yihowaa Wajjin Walitti Dhufeenya Gaarii Qabaachuu

Dargaggoonni gumii keessa jiran, dura Yihowaan dhugaa ta’ee isaanitti mul’achuu qaba. ‘Isa ijaan hin argamne akka waan arganiitti’ akka isaanitti dhaga’amu gargaarsi godhamuufii qaba. (Ibr. 11:27) Viinsenti inni olitti ibsame, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaatu, warrisaa akkamitti akka isa gargaaran akkas jechuudhaan dubbateera: “Faayidaa kadhannaan qabu na barsiisaniiru. Ijoollummaakootii kaasee, yeroo hunda ciisuukoo dura Yihowaa kadhachaa akkan ture nan yaadadha. Yihowaan anaaf dhugaa ture.” Isinoo, ijoollee keessanii wajjin ni kadhattuu? Maal jedhanii Yihowaa akka kadhatan maaliif hin dhaggeeffattan? Yeroo hunda jecha wal fakkaatu irra deddeebi’anii dubbatumoo, dhugumaan waa’ee Yihowaa maaltu akka itti dhaga’amu kadhannaadhaan ibsu? Kadhannaasaanii dhaggeeffachuudhaan, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaniifi akka hin qabne hubachuu dandeessu.

Dargaggoonni caalaatti Yihowaatti akka dhihaatan wanti isaan gargaaru inni kaanimmoo, yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuudha. Kaatliin isheen olitti ibsamte akkas jetteetti: “Dargaggummaa kootti Macaafa Qulqulluu dubbisuunkoo na gargaareera. Namoonni yoo na mormanillee, Yihowaan akka na gargaaru amantaa akkan qabaadhu na godheera.” Ijoolleen keessan, sagantaa Macaafa Qulqulluu itti dubbisan qabuu?—Far. 1:1-3; 77:12.

Dhugaadha, ijoolleen qajeelfama warrasaaniirraa argatan hojiirra oolchuurratti garaa garummaa qabu. Karaa hafuuraa guddachuunsaaniis umriisaaniirratti kan hundaa’e ta’uu danda’a. Ta’us, dargaggoonni qajeelfama yoo argatan malee, Yihowaan dhugaa ta’ee isaanitti mul’achuu dhiisuu danda’a. Warri, irra deddeebi’anii dubbii Waaqayyoo ijoolleesaanii barsiisuudhaan, ijoolleen eessayyuu yoo jiraatan ilaalcha Yihowaa akka qabaatan gargaaruu danda’u. (Kes. 6:6-9) Ijoolleen keessan, Yihowaan dhuunfaatti akka isaaniif yaadu amanuu qabu.

Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Mari’achuun Kan Danda’amu Akkamitti?

Ijoollee keessan gargaaruuf wanti isin fayyadu inni kaanimmoo, waliin mari’achuudha. Akka gaariitti mari’achuu jechuun, isaanii wajjin haasa’uu jechuu qofa akka hin taane beekamaadha. Kana gochuun gaaffii gaafachuufi deebii isin eegdanirra adda ta’e yoo kennaniyyuu, obsaan isaan dhaggeeffachuu dabalata. Obboleettiin ilmaan lama qabduufi Aanee jedhamtu, “Wanta isaan yaadaniifi rakkina isaan keessa jiran akkan hubadhe hamma natti dhaga’amuttan gaaffii isaan gaafadha” jetteetti. Ijoolleen keessan, akka isaan dhaggeeffattan itti dhaga’amaa? Taaniyaan isheen olitti ibsamte akkas jetteetti: “Warrikoo akka gaariitti na dhaggeeffatu, wanta mari’annes ni yaadatu turan. Maqaa barattoota kutaakoo jiranii beeku. Waa’eesaaniifi wantoota kanaan dura mari’anne deebisanii na gaafatu.” Wanta isaan dubbatan dhaggeeffachuufi yaadachuun, maree gaarii gochuuf nama gargaara.

Maatiiwwan hedduun, yeroon nyaataa akka gaariitti mari’achuuf carraa akka isaanii argamsiisu hubataniiru. Viinsenti, “Waliin nyaachuun, maatii keenyaaf baay’ee barbaachisaa ture; hamma danda’ametti hundi keenya iddoo tokkotti akka nyaannu nurraa eegama ture. Yeroo nyaataatti, televijiinii ilaaluun, raadiyoo dhaggeeffachuun ykn dubbisuun hin heyyamamu ture. Yeroo baay’ee haala falmii keessa nama hin galchineen mari’achuun keenya, yeroo hunda jeequmsaafi rakkina mana barumsaatti uumamu tasgabbiidhaan bira darbuuf na gargaareera” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Yeroo nyaataatti warrakoo wajjin mari’achuunkoo, dhimmawwan gurguddaarratti yommuu gargaarsi na barbaachisu sodaa malee akkan isaan mariisisu na gargaareera” jedheera.

‘Torban keessatti maatiin keenya yeroo hammamiitiif waliin nyaata?’ jedhaa of gaafadhaa. Gama kanaan sirreeffama gochuun keessan, caalaatti ijoollee keessanii wajjin mari’achuuf carraa isinii banuu danda’aa laata?

Yeroo Shaakalaa Qabaachuun Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi?

Torban torbaniin Waaqeffannaa Maatii gochuun, akka gaariitti waliin mari’achuuf kan gargaaru ta’uusaarrayyuu, dargaggoonni rakkoowwan isaan mudatan tokko tokko akka mo’an isaan dandeessisa. Aalan isheen olitti ibsamte akkas jetteetti: “Warri keenya, yeroo qayyabannaa maatii goonu yaada keenya hubachuuf gaaffii nu gaafatu. Matadureewwan rakkina keenyaa wajjin walitti dhufeenya qaban akka qayyabannu godhu.” Haati Aalan akkas jetteetti: “Qayyabannaa keenya keessaa yeroo muraasa fudhannee shaakalaaf itti fayyadamna. Kunimmoo, ijoolleen keenya mormii amantiisaaniirratti ka’uuf akkamitti deebii akka kennaniifi wanti itti amanan dhugaa akka ta’e ibsuuf isaan gargaareera. Akkas gochuun keenya rakkoowwan isaan mudatan mo’uuf ija jabina isaanii kenneera.”

Ijoolleen, yommuu dhiibbaan hiriyaa isaanirra ga’u, hin ta’u jedhanii adeemuunsaanii qofti ga’aa miti. Kanaa mannaa, gaaffiiwwan wanti tokko sirrii kan ta’e maaliifi akkasumas sirrii kan hin taanehoo maaliifi jedhan deebisuu qabu. Waa’ee amantiisaaniitiif yommuu itti ga’ifamu, maal gochuu akka qaban sirriitti beekuu qabu. Waa’ee amantiisaanii deebii kennuu hin danda’an taanaan, ija jabinaan waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuun isaan rakkisa. Yeroon shaakalaas ija jabina akkasii argachuuf isaan gargaara.

Saanduqni fuula 18⁠rra jiru, dhimmawwan Waaqeffannaa Maatiirratti shaakalamuu qaban tokko tokko ibsa. Ijoollee keessan gaaffiiwwan ulfaataa gaafachuudhaan, yeroo shaakalaa kana akka gaariitti itti fayyadamaa. Dabalataanis, barumsa gaarii namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokkorraa argamurratti mari’adhaa. Ijoolleen keessan manatti leenjii akkasii argachuunsaanii, rakkoowwan mana barumsaafi iddoo kaanitti isaan mudatan mo’uuf akka isaan gargaaru beekamaadha.

Manni Keessan Bakka Nagaafi Gammachuun Itti Argamudhaa?

Haalli mana keessanii, ijoolleen keessan mana barumsaatii gammachuudhaan gara manaatti akka deebi’an kan godhudhaa? Taanaan, ijoolleen keessan rakkoowwan isaan mudatan mo’uuf isaan gargaaruu danda’a. Obboleettiin yeroo ammaatti miseensa maatii Bet’el taate tokko akkas jetteetti: “Yommuun ijoollee turetti, wanta na gammachiisu keessaa inni guddaan manni keenya iddoo nagaafi gammachuun itti argamu ta’uusaati. Haalli mana barumsaa hammamiyyuu gadhee yoo ta’e, yommuun manatti deebi’u wanti hundi akka na gammachiisu nan beekan ture.” Manni keessanoo maaliin beekama? Bakka ‘dheekkamsi, ofittummaafi yaadaan gargar ba’uun’ jirumoo, bakka ‘jaalalli, gammachuufi nagaan’ jirudha? (Gal. 5:19-23) Yeroo baay’ee manni keessan nagaa hin qabu yoo ta’e, ijoolleen keessan nagaafi gammachuu akka argatan gochuuf jijjiiramni akkamii akka barbaachisu beekuuf carraaqqii gootuu?

Ijoolleen keessan rakkina isaanirra ga’u mo’uu akka danda’an karaan itti isaan gargaartan inni kaan, michuuwwan gaggaarii akka argatan gochuudha. Fakkeenyaaf, yommuu maatiidhaan bashannantan, obboloota gumii keessanii karaa hafuuraa ciccimoo ta’an itti dabaluu dandeessuu? Daawwataa olaanaa aanaa ykn obboloota tajaajila yeroo guutuurratti hirmaatan mana keessanitti nyaata salphaa afeeruu dandeessuu? Misiyoonota ykn warra Bet’elitti tajaajilan xalayaadhaan, iimeeliidhaan ykn darbee darbee bilbilaan ijoollee keessaniif michoota ta’uu danda’an beektuu? Michummaan akkasii, ijoolleen keessan daandii qajeelaarra akka adeemaniifi galmawwan hafuuraa akka qabaatan gargaaruu danda’a. Phaawulos, dhiibbaa gaarii Ximotewos isa dargaggeessarratti geessise yaadadhaa. (2 Xim. 1:13; 3:10) Ximotewos, michuu Phaawulos ta’uunsaa, galmawwan hafuuraarratti akka xiyyeeffatu isa gargaareera.—1 Qor. 4:17.

Ijoollee Keessan Galateeffadhaa

Yihowaan, dargaggoonni biyya lafaa Seexanni seerraturraa utuma dhiibbaan isaanirra ga’uu, wanta sirrii ta’e cina yommuu dhaabatan arguunsaa isa gammachiisa. (Far. 147:11; Fak. 27:11) Warra kan taatanis, dargaggoonni daandii ogummaa yommuu filatan arguun akka isin gammachiisu beekamaadha. (Fak. 10:1) Ijoolleen keessan waa’eesaanii maaltu akka isinitti dhaga’amu akka beekan godhaa; jaalalaanis kaka’aatii isaan galateeffadhaa. Gama kanaan Yihowaan warraaf fakkeenya gaarii ta’a. Yihowaan yommuu Yesus cuuphame, “Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama” jedheera. (Mar. 1:11) Yesus Abbaasaarraa jecha kana dhaga’uunsaa, rakkina hedduu itti dhufuuf jiru mo’uuf humna isaa kenneera. Haaluma wal fakkaatuun, ijoolleen keessan akka isaan jaallattaniifi wanta isaan godhan akka dinqisiifattan akka beekan godhaa.

Ijoolleen keessan guutummaatti dhiibbaafi doorsisni akka isaanirra hin geenye, akkasumas akka itti hin ga’isamne gochuu akka hin dandeenye beekamaadha. Ta’us, isaan gargaaruuf wanti gochuu dandeessan hedduun jira. Maalfaa gochuu dandeessu? Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaatan gargaaraa. Akka gaariitti mari’achuu akka dandeessan haala mijeessaa. Waaqeffannaa Maatii barumsi gaariin irraa argamu qopheessaa; manni keessan bakka nagaafi gammachuun jiru akka ta’u godhaa. Kana gochuun keessan, ijoolleen keessan rakkoowwan hedduu isaanirra ga’an mo’uuf akka isaan qopheessu beekamaadha.

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

[Saanduqa/Fakkii fuula 18rra jiru]

YEROON SHAAKALAA NU GARGAARUU DANDA’A

Rakkoowwan ijoollee keessan mudachuu danda’an tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru. Dhimmawwan kana keessaa muraasasaanii, Waaqeffannaa maatiirratti maaliif hin shaakaltan?

▸ Barsiisaan ispoortii tokko intalli keessan tuuta ispoortii keessa galtee akka taphattu ishee gaafata.

▸ Ilmi keessan yommuu mana barumsaatii deebi’u sijaaraa akka xuuxu afeerama.

▸ Dargaggoonni tokko tokko, ilmi keessan lammata utuu lallabuu yoo argan akka isa rukutan isa doorsisu.

▸ Intalli keessan manaa gara manaatti utuu tajaajilaa jirtuu, hiriyaanshee mana barumsaa tokko mana keessaa gad itti baati.

▸ Intalli keessan, barattoota dura dhaabattee alaabaadhaaf ulfina addaa maaliif akka hin laanne gaafatamti.

▸ Mucaan tokko, ilmi keessan Dhugaa Baatuu ta’uusaatti yeroo hunda itti ga’isa.

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Ijoolleen keessan, sagantaa Macaafa Qulqulluu itti dubbisan qabuu?

[Fakkii fuula 19rra jiru]

Yommuu bashannantan, namoota karaa hafuuraa ciccimoo ta’an ni afeertuu?