Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Samii Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

Samii Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

Samii Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

GARA samii dhaquuf abdii qabaachuun baayʼee kan nama gammachiisudha! Namoonni amantii Islaamaa, Hinduufi Budihaa hordofan, miseensonni Saba Kiristiyaanaa, akkasumas namoonni amantii hin qabne hedduunillee, karaa addaddaatiin taʼus duʼa booda jireenyi akka jiru amanu. Yeroo baayʼee samiin, bakka bareedaafi gammachiisaa, namoonni rakkinarraa itti furamaniifi “michootasaanii duʼaan dhabanii” wajjin itti wal argatan akka taʼetti yaadama. Namoonni baayʼeen gara samii dhaquu kan barbaadan taʼus, namni achi dhaquuf duʼuu barbaadu garuu hin jiru. Maaliif?

Duʼuufi gara samii dhaquuf utuu uumamneerra taʼee, akkuma mucaa xinnoon tokko yeroo guddaa itti taʼu hawwu ykn dargaggeessi tokko yeroo itti fuudhu hawwu, namoonni baayʼeen wanta kana hawwiidhaan hin eeggatan tureeree? Haataʼu malee, namoonni baayʼeen duʼuu hin barbaadan.

Barsiistonni amantii garuu lafarra yeroo muraasaaf erga jiraannee booda, samiin bakka jireenyaa nuuf yaadame akka taʼe dubbatu. Fakkeenyaaf, Phaaphaasii Kaatolikii Waashingitan, Dii.Sii. kan taʼan Teewodoor Edgar Kaardiinaal Mikaariik “Kan uumamne jireenya isa ammaa kanaaf miti. Samiirra jiraachuuf uumamne” jechuudhaan akka dubbatan ibsameera. Haaluma wal fakkaatuun, pireezidaantii Yuunaayitid Isteetis Naashinaal Asooseeshin oov Ivaanjalikaal kan turan Teed Haagaardi, “Kaayyoon jireenyaa Waaqayyoof ulfina fiduufi gara samii dhaquudha. . . sababiinsaa samiin bakka jireenyaa keenya waan taʼeefidha” jedhaniiru.

Namoonni duʼa booda jireenyi samiirra jira jedhanii amanan baayʼeen, amantiinsaanii kan hundaaʼe beekumsa xinnoorratti. Pireezidaantii dhaabbata yaadawwan amantii qoru tokkoo kan taʼan Joorji Baarnan, namoonni baayʼeen “ilaalchi jireenyaafi jireenya duʼa booda jira jedhamee yaadamuuf qaban, maddawwan akka fiilmii, muuziqaafi barruu asoosamaarratti” kan hundaaʼe akka taʼe hubataniiru. Filooriidaa keessatti qeesiin Ephisqophosotaa tokko, “Waaqayyo samiirra jiraachuusaarraa kan hafe, waaʼee samii waan beeknu hin qabnu” jedhaniiru.

Haataʼu malee, Macaafa Qulqulluu keessatti waaʼeen samii balʼinaan ibsameera. Akka Macaafa Qulqulluutti samiin maal fakkaata? Namni samiirra akka jiraatuuf uumamee? Namoonni gara samii kan dhaqan yoo taʼe, achitti maal hojjetu?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 15rra jiru]

Gara samii dhaquu kan barbaadan namoota baayʼee, duʼuu kan barbaadan garuu namoota muraasa kan taʼan maaliifi?