Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guyyaa Sanbataa Kabajuu Qabdaa?

Guyyaa Sanbataa Kabajuu Qabdaa?

Guyyaa Sanbataa Kabajuu Qabdaa?

GARA dhumaa bara 1980manii keessa, gareen hordoftoota amantii Meetodistii muraasni Suuvaa ishee magaalaa guddoo Fiijii taate marsanii turan. Dhiironni, dubartoonniifi ijoolleen uffata waldaasaanii uffatanii daandiiwwan magaalattii cufanii turan. Sochii daldalaa, akkasumas biyyicha keessas taʼe gara biyya kan biraa xiyyaaraan deemuu dhowwanii turan. Kana gochuuf kan isaan kakaase maalidha? Biyyattiin akkuma kanaan duraa, guyyaa Sanbataa kabajuutti akka deebitu dirqisiisuuf jedhaniiti.

Israaʼel keessatti, gamoowwan dhedheeraan bara 2001 asitti ijaaraman, yoo xinnaate liiftiin utuu namni itti hin buʼin ofumasaatiin fooqii hundarratti dhaabatu tokko akka qabaatan godhamanii ijaaramu. Maaliif? Yihudoonni amantiisaanii cimsaniifi Jimaata galgalaa kaasanii hanga Sanbadduraa galgalaatti guyyaa Sanbataa kabajan, bantuu liiftiitti buʼuudhaan “hojii” akka hin hojjenneef jedhameeti.

Toongaa ishee bulchiinsa Paasiifiik Kaabaa taatetti guyyaa Sanbataatti hojii kamiyyuu hojjechuun dhorkamaadha. Xiyyaarriifi dooniin akka sochoʼu hin heyyamamu. Walii galteen gaafa sana mallatteeffame gatii hin qabaatu. Seerri mootummaa Toongaa, amantiinsaa maaliyyuu yoo taʼe namni hundi, guyyaa Sanbataa “qulqulluu godhee akka ilaalu” ajaja. Maaliif? Guutummaa biyyattii keessatti guyyaan Sanbataa akka kabajamuuf jechadha.

Akka fakkeenyawwan armaan olii ibsanitti, namoonni hedduun Waaqayyo guyyaa Sanbataa akka kabajan akka isaanirraa eegu itti dhagaʼama. Warri tokko tokko fayyina barabaraa keenyaa wajjin kan walqabatedha jedhanii waan amananiif, guyyaa Sanbataa kabajuun baayʼee barbaachisaadha jedhu. Kaanis abboommiiwwan Waaqayyoo keessaa inni baayʼee barbaachisaa taʼe guyyaa Sanbataa kabajuu akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Haataʼu malee, Sanbatni maalidha? Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanonni torban torbaniin guyyaa Sanbataa akka kabajan ni ajajaa?

Sanbatni Maalidha?

Jechi afaan Oromoo “Sanbata” jedhu jecha afaan Ibrootaa hiika “boqonnaa, dhaabuu, dhiisuu” jedhu qaburraa kan dhufedha. Seenaan Seera Uumamaarra jiru Waaqayyo guyyaa torbaffaatti uumuurraa akka boqote kan ibsu taʼuyyuu, hanga bara Museetti sabni Waaqayyoo guyyaa Sanbataa saʼaatii 24f turu akka boqotan ykn akka kabajan abboommiin hin kennamneef ture. (Uumama 2:2) Israaʼeloonni Dh.K.D. bara 1513 erga Gibxii baʼanii booda, Yihowaan lafa onaa keessatti dinqiidhaan mannaa isaaniif kenne. Mannaa funaannachuu ilaalchisee qajeelfamni, “Guyyaa jaʼa in funaannattu; guyyaa torbaffaa, guyyaa Sanbataatti garuu tokko illee bakkeedhaa hin argattan” jedhu kennameefii ture. (Baʼuu 16:26) Jimaata erga biiftuun lixxee jalqabee hanga Sanbadduraa galgalaatti, “Jarri sunis guyyaa torbaffaatti in boqotan” kan jedhu dubbisna.—Baʼuu 16:30.

Erga qajeelfamni kun kenname yeroo muraasa booda, Yihowaan guyyaa Sanbataa kabajuun Abboommiiwwan Kurnan keessatti akka dabalamu godhe. (Baʼuu 19:1) Abboommiin inni afuraffaan gar tokkoonsaa akkas jedha: “Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu! Guyyaa jaʼa hojii kee hojjedhu, jiruu kees hundumaa godhadhu! Guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata ana Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuu dha.” (Baʼuu 20:8-10) Kanaaf, yeroo sanaa kaasee guyyaa Sanbataa kabajuun kutaa jireenya Israaʼelootaa isa guddaa taʼe.—Keessa Deebii 5:12.

Yesus Guyyaa Sanbataa Kabajeeraa?

Eeyyee, kabajeera. Waaʼeesaa akkas kan jedhu dubbisna: “Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo ilma isaa erge; innis yeroo ergame dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame.” (Galaatiyaa 4:4) Yesus saba Israaʼel keessatti waan dhalateef, guyyaa Sanbataa kabajuu dabalatee Seera Musee jala ture. Hanga Yesus duʼutti kakuun Seerichaa hin hafne. (Qolosaayis 2:13, 14) Seenaa keessatti yeroo wantoonni kun itti raawwataman beekuun keenya, ilaalcha Waaqayyo dhimma kanaaf qabu hubachuuf nu gargaara.—Chaartii fuula 27⁠rra jiru ilaali.

Yesusis akkas jedheera: “Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin seʼinaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne.” (Maatewos 5:17) Haataʼu malee jechi “raawwachuu” jedhu maal jechuudha? Fakkeenyaan ibsuuf: Namni gamoo ijaaru tokko walii galtee ijaaree xumuruuf godhe kan raawwatu, waraqata walii galtee sana tarsaasuudhaan utuu hin taʼin gamoo sana ijaaree xumuraadhaani. Taʼus, hojichi karaa abbaan gamoo sun barbaaduun erga xumuramee booda walii galteen sun waan raawwatuuf isaan booda namni gamoo ijaaru sun itti gaafatamummaan isarra hin jiru. Haaluma walfakkaatuun, Yesus Seericha hin diigne ykn hin tarsaasne; kanaa mannaa guutummaatti eeguudhaan raawwateera. “Walii galteen” Seerichaa takkaa erga raawwatamee booda, sabni Waaqayyoo eeguuf dirqamni isaanirra hin jiru.

Kiristiyaanonni Kabajuu Qabuu?

Yesus Kiristos Seericha erga raawwatee, Kiristiyaanonni guyyaa Sanbataa kabajuun dirqamni isaanirra jiraa? Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin deebii akkas jedhu kenneera: “Kanaafis waaʼee nyaataa fi dhugaatiitti, waaʼee guyyaa ayyaanaatti, waaʼee baatii lakkaaʼuutti yookiis waaʼee Sanbata eeguutti, namni tokko illee isinitti hin faradin! Isaan kun gaadidduu wanta dhufuuf jiru sanaa duwwaa dha; wantichi inni dhugaan garuu kan Kristos.”—Qolosaayis 2:16, 17.

Jechoonni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kun, Waaqayyo ulaagaa tajaajiltootasaarra eeguurratti jijjiiramaa guddaa akka godhe ibsu. Ulaagaasaa jijjiiruun kan isa barbaachise maaliifi? Kiristiyaanonni seera haaraa, jechuunis “seera Kristos” jala waan jiraniifidha. (Galaatiyaa 6:2) Kakuun Seeraa inni duraa karaa Musee Israaʼelootaaf kennamee ture yeroo Yesus duʼetti hafeera. (Roomaa 10:4; Efesoon 2:15) Abboommiin guyyaa Sanbataa kabajuu ilaalchisee kennamehoo hafeeraa? Eeyyee. Phaawulos “seerattiis hiikamneerra” erga jedhee booda, Abboommiiwwan Kurnan sana keessaa tokko caqaseera. (Roomaa 7:6, 7) Seera guyyaa Sanbataa kabajuu dabalatee, Abboommiiwwan Kurnan kutaa Seerichaa taʼan hafaniiru. Kanaaf, tajaajiltoonni Waaqayyoo guyyaa Sanbataa kabajuun isaaniirraa hin eegamu.

Jijjiirama akkaataa waaqeffannaa Israaʼelootaarraa gara Kiristiyaanummaatti godhame fakkeenya kanaan ibsuun ni dandaʼama: Mootummaan tokko seera ittiin bulchu ni jijjiira taʼa. Seerrii ittiin bulan takkaa jijjiiramnaan, namoonni isa jalatti bulan seera isa duraa sanaaf bitamuun isaanirraa hin eegamu. Seerawwan duraa keessaa tokko tokko seera isa haaraa keessa kan jiran taʼuyyuu, kaan garuu haaraa taʼuu dandaʼu. Kanaaf namni tokko seerawwan amma hojjechaa jiran beekuuf, seerawwan haara kana of eeggannoodhaan qayyabachuu isa barbaachisa. Kana malees, lammiin gaarii taʼe tokko yeroon seerri inni haaraan hojiirra itti ooluu yoom akka taʼe beekuu barbaada.

Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis, warra gurguddaa taʼan kudhan dabalatee seerawwan 600 ol taʼan saba Israaʼeliif kennee ture. Isaanis, seerawwan amala, aarsaa, dhimmawwan fayyaa wajjin wal qabataniifi guyyaa Sanbataa kabajuu ilaalchisee kennaman kan dabalatan turan. Haataʼu malee, Yesus duuka buutonnisaa dibamtoota taʼan “saba” haaraa taʼanii akka hundeeffaman dubbateera. (Maatewos 21:43) Dh.K.B. bara 33 jalqabee, saba kanaaf ‘seerri’ haaraan seerawwan buʼuura taʼan lamarratti, jechuunis Waaqayyoofi namaaf jaalala qabaachuurratti hundaaʼe kennameeraaf. (Maatewos 22:36-40) Qajeelfamawwan, “seera Kristos” keessa jiran, warra Israaʼelootaaf kennamanii turanii wajjin kan wal fakkaatan taʼus, seerawwan tokko tokko baayʼee haaraa, kaanimmoo sana booda kan hin hojjenne taʼuunsaanii nu dinqisiisuu hin qabu. Warra hin hojjenne keessaa tokko Seera guyyaa Sanbataa kabajuu ilaalchisee kennamedha.

Waaqayyo Ejjennoosaa Jijjiireeraa?

Seerri Musee seera Kiristositti jijjiiramuunsaa, Waaqayyo ejjennoosaa akka jijjiire argisiisaa? Lakki. Akkuma abbaan ykn haati tokko umriifi haala ijoolleesaanii tilmaama keessa galchuudhaan seera ijoolleesaaniitiif baasanirratti sirreeffama godhan, Yihowaanis seerawwan sabnisaa eeguu qabanirratti sirreeffama godheera. Phaawulos ergamaan dhimma kana akkas jechuudhaan ibseera: “Utuu amantiin hin dhufin dura, hamma gaafa inni mulʼifameetti boojiʼamnee harka seeraa jalatti hidhamnee turre. Nuyi amantiidhaan qajeelota taanee akka lakkaaʼamnuuf, seerri adabduu keenya isa gara Kristositti nu geessu ture. Amantiin erga dhufee garuu, nuyi siʼachi harka adabduu jala hin jiraannu.”—Galaatiyaa 3:23-25.

Wanti Phaawulos dubbate kun guyyaa Sanbataa wajjin haala wal qabateen kan hojjetu akkamitti? Fakkeenya kana ilaali: Barataan tokko utuu mana barumsaa jiruu, torbanitti guyyaa tokko barumsawwan akka hojii mukaa jiran akka baratu dirqamni isarra jira taʼa. Haataʼu malee, yeroo hojiirratti bobaʼu, ogummaa barate torbanitti guyyaa tokko qofa utuu hin taʼin, hojii kana torban guutuu hojjechuu isa barbaachisa taʼa. Haaluma walfakkaatuun, Israaʼeloonni Seericha jala yeroo turanitti, boqonnaafi waaqeffannaadhaaf torbanitti guyyaa tokko ramaduun isaanirra eegama ture. Kiristiyaanonni garuu, torbanitti guyya tokko qofa utuu hin taʼin, guyyaa hundumaa Waaqayyoon waaqeffachuutu isaanirraa eegama.

Haataʼu malee, torbanitti guyyaa tokko boqonnaafi waaqeffannaaf ramaduun dogoggoradha jechuudhaa? Lakki. Dubbiin Waaqayyoo dhimmi kun murtoo dhuunfaa taʼuusaa yeroo ibsu akkas jedha: “Namni guyyaa tokko guyyoota warra kaan irra caalchifatu jira; inni kaan immoo guyyoota hundumaa wal qixxeetti ilaala. Kana irratti namni adduma addaan akkuma fudhatetti yaada isaa gar tokkotti haa kutatu!” (Roomaa 14:5) Namoonni tokko tokko guyyaa tokko isa kaanirra caalchisanii ilaaluuf kan filatan taʼus, Macaafni Qulqulluun Waaqayyo Kiristiyaanonni guyyaa Sanbataa akka kabajan akka isaanirraa hin eegne ibsa.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 24rra jiru]

“Guyyaa jaʼa in funaannattu; guyyaa torbaffaa, guyyaa Sanbataatti garuu tokko illee bakkeedhaa hin argattan.”BAʼUU 16:26

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 24rra jiru]

“Nuyi amantiidhaan qajeelota taanee akka lakkaaʼamnuuf, seerri adabduu keenya isa gara Kristositti nu geessu ture. Amantiin erga dhufee garuu, nuyi siʼachi harka adabduu jala hin jiraannu.”GALAATIYAA 3:24, 25

[Saanduqa/Diyaagraamii fuula 25rra jiru]

Sarara Guyyaa Addunyaafi Sanbata

Sararri guyyaa addunyaa, namoota guyyaan Sanbataa bakkawwan hundaatti guyyaa tokko kabajamuu qaba jedhanii amananiif rakkisaa isaanitti taʼeera. Sararri guyyaa addunyaa, meridiyaanii digirii 180n sarara yaadaa Garba Paasifiik qixxe lamaan kutee darbudha. Biyyoonni sarara yaadaa kanarraa karaa dhihaatiin jiran, biyyoota gara bahaa jiran guyyaa tokkoon dursu.

Fakkeenyaaf, Fiijiifi Toongaatti guyyaansaa Dilbata yoo taʼe, Saamooʼaafi Niiyuuttimmoo Sanbadduraa taʼa. Kanaaf namni Fiijii tokko Sanbadduraa guyyaa Sanbataa yeroo kabaju, Saamooʼaa ishee kiilomeetira 1,145 fagaattee jirtutti namoonni miseensota amantiisaa taʼan, guyyaan sun isaaniif Jimaata waan taʼeef gaafas ni hojjetu.

Adveentistoonni Guyyaa Torbaa Toongaa keessa jiraatan, miseensota amantiisaanii Saamooʼaa ishee kiilomeetira 850 fagaattee jirtutti argamanii wajjin Sanbata guyyaa tokkotti kabajuuf guyyaa Dilbataa kabaju. Haataʼu malee, Fiijii ishee kiiloomeetira 800 hin guunne fagaattee argamtutti, guyyaan kun Dilbatarra waan ooluufi Adveentistoonni achitti argaman Sanbata kan kabajan Sanbadduraa waan taʼeef guyyaa sana hin boqotan!

[Diyaagraamii]

(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barruu kana ilaali)

\

\

\

\ SAAMOOʼAA

\

— ― ― ― ― ― ― ―

FIIJII \

Sanbadduraa \ Dilbata

\

\

TOONGAA \

\

\

\

[Chaartii fuula 27rra jiru]

(For fully formatted text, see publication)

Guyyaa Sanbataa Ilaalchisee Wantoota Hubatamuu Qaban:

Caqasoonni Macaafa Qulqulluu guyyaa Sanbataa kabajuun barbaachisaa akka taʼan ibsan tokko tokko jiraataniyyuu, yaadawwan caqasoota sanarratti argaman yeroo itti dubbataman tilmaama keessa galchuu nu barbaachisa.

Dh.K.D. bara 4026⁠tti

ADDAAM NI UUMAME

BARA MUSEE DURA

Seerri waaʼee Sanbata kabajuu dubbatu, bara Musee duras taʼe bara Israaʼelootaa dura hin kennamne.—Keessa Deebii 5:1-3, 12-14.

Dh.K.D. bara 1513⁠tti

ISRAAʼELOOTAAF SEERRI NI KENNAME

SEERA WAAQAYYO ISRAAʼELOOTAAF KENNE

Seerri waaʼee Sanbataa ibsu saboota garabiraadhaaf hin kennamne. (Faarfannaa 147:19, 20) Seerichi Yihowaafi ijoollee Israaʼel gidduutti “milikkita” akka taʼuuf kenname.—Baʼuu 31:16, 17.

Guyyaan Sanbata torbanii Sanbataa Israaʼeloonni akka kabajaniif isaanii kennaman keessaa tokko qofa ture.—Lewwoota 16:29-31; 23:4-8; 25:4, 11; Lakkoobsa 28:26.

Dh.K.B. bara 33⁠tti

SEERRI ISRAAʼELOOTAAF KENNAME NI HAFE

SEERA KIRISTOS

Ergamoonniifi jaarsoliin Yerusaalem keessa turan Dh.K.B. bara 49⁠tti Waaqayyo Kiristiyaanotarraa maal akka barbaadu yeroo murteessan, Guyyaa Sanbataa kabajuu ilaalchisee wanti ibsan hin jiru.—Hojii Ergamootaa 15:28, 29.

Phaawulos ergamaan waaʼeen Kiristiyaanota guyyoota muraasa akka guyyaa addaatti ayyaaneffatanii isa yaaddessee ture.—Galaatiyaa 4:9-11.

Dh.K.B. bara 2010

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Namoonni amantii Meetodistii hordofan Fiijiin akkuma kanaan duraa Sanbata akka kabajju dirqisiisuuf, daandiiwwan magaalattii cufanii akka turan gaazexoonni gabaasaniiru

[Madda]

Courtesy of the Fiji Times