Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

NAMNI Raastafariyaan * taʼe tokko rifeensa isaa dheeraffatee ture akka muratuu fi jibba halaalaa namoota adii taʼaniif qabu akka moʼu kan isa kakaase maali dha? Akkasumas wanti dargaggeessi hamaan namoota qoricha sammuu namaa hadoochu gurguraniif qarshii sassaabaa ture jireenya isaa akka jijjiiru isa dandeessise maali dha? Mee wanta namoonni kunneen jedhan haa dhaggeeffannu.

“Jibba Halaalaa Qabu Moʼeera.”​—HOOFANII DOOMOO

UMURII: 34

BIYYA DHALOOTAA: ZAAMBIYAA

SEENAA: RAASTAFARIYAAN

JIREENYA KOO DURAA: Zaambiyaa kaampii baqattootaa keessattin dhaladhe. Haati tiyya yeroo waraanni geggeeffamaa ture tokkotti Naamiibiyaatii baqatte; achiis miseensa Dhaabbatan Saboota Afriikaa Kibba Dhihaa (SWAPO) taate. Dhaabbanni kun mootummaa Afriikaa Kibbaa yeroo sanatti Naamiibiyaa bulchuu wajjin wal waraanaa ture.

Hamma umuriin koo waggaa 15 taʼutti kaampii baqattootaa garaagaraa keessa jiraadheera. Dargaggoonni kaampii Dhaabbata Saboota Afriikaa Kibba Dhihaa keessa jiraannu qabsoo bilisummaa kana babalʼisuu akka qabnu baranna turre. Barumsi siyaasaa nuu kennamaa kan ture taʼuu isaa irra iyyuu, namoota adii akka jibbinu ni baranna turre.

Yeroo umuriin koo waggaa 11 turetti, miseensa Waldaa Kaatolikii Roomaa, Luutaraanii, Anjeliikaanii fi kan biroo keessaa babaʼaniin hundeeffamee taʼuun barbaade. Paastariin ani haasofsiise garuu tarkaanfii kana akkan hin fudhanne na jajjabeesse. Yeroo sanaa kaasee, Waaqayyo jiraachuu isaatti amanuun dhiise. Yeroo umuriin koo waggaa 15 taʼu garuu, jaalalli ani muuziqaa reegeetiif qabuu fi fedhii ani jalʼina haqaa namoota gurraachoota Afriikaa irra gaʼu hambisuuf qabu, sochii Raastafariyaan godhan irratti akkan hirmaadhu na kakaase. Kanaafuu, yeroo sanaa kaasee rifeensa koo guddifachuu, maariwaanaa xuuxuu, foon lagachuu fi waaʼee bilisummaa gurraachootaa lallabuun jalqabe. Haa taʼu malee, jireenya gadhiisii taʼe jiraachuu fi fiilmiiwwan gochawwan hamminaatiin guutaman ilaaluu koo hin dhiisne. Kana malees, jechoota gadhee taʼan dubbachuu koo hin dhiisne.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Bara 1995 yeroo umuriin koo gara waggaa 20 taʼu, jireenya koo gara fuulduraatti akkamitti itti fayyadamuu akkan qabu sirriitti irratti yaaduun jalqabe. Kanaafuu, barreeffamoota Raastafariyaan kanan argadhe hunda dubbisuun jalqabe. Barreeffamoota kanneen keessaa tokko tokko Kitaaba Qulqulluu irraa kan caqasan taʼus, ibsi isaan kennan kan na amansiisu hin turre. Kanaan kan kaʼes, ofuma kootiin Kitaaba Qulqulluu dubbisuufan murtesse.

Yeroo booda, michuun koo Raastafariyaan taʼe tokko kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf qophaaʼe naa kenne. Anis kitaabicha Kitaaba Qulqulluu wajjin wal bira qabeen ofuma koon qoʼadhe. Yeroo boodas, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argee isaanii wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo itti fufe.

Qabsoo hedduu booda araada xuuxuu fi gar malee dhuguu dhiisuu dandaʼeera. (2 Qorontos 7:1) Qulqullina koo eeggachuun jalqabe, rifeensa koo isa dheeraa nan muradhe, poornoogiraafii fi fiilmiiwwan gochawwan hammeenyaa argisiisan ilaaluu nan dhiise, akkasumas dubbii gadhee dubbachuu nan dhiise. (Efesoon 5:3, 4) Oolee bulees, jibba halaalaa namoota adii taʼaniif qabu illee moʼuu dandaʼeera. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Jijjiiramawwan kanneen gochuuf, muuziqaa jibba sanyii jajjabeessu dhaggeeffachuu dhiisuu fi michoota jireenya koo duraatti akkan deebiʼu na jajjabeessan irraa fagaachuun na barbaachiseera.

Jijjiiramawwan kanneen ergan godhee booda, bakka Galmi Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa jiru barbaadee argachuudhaan miseensa amantii isaanii taʼuun akka naaf heyyamamun gaafadhe. Cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf murteessuun koo garuu maatii koo hin gammachiisne. Haati koo Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu mannaa amantaa Kiristiyaanaa kan biroo kam iyyuu akkan filadhu natti himte. Eessumni inni abbootii taayitaa aangoo ol aanaa qaban keessaa tokko taʼe, Dhugaa Baatotaa wajjin walitti dhihaachuu jalqabuu kootiin yeroo hunda na ceephaʼa ture.

Taʼus, Yesuus namootaaf ilaalcha akkamii akka qabu barachuun koo fi gorsa inni kenne hojii irra oolchuun koo yommuu na mormanii fi yommuu natti qoosan dandamachuuf na gargaareera. Barumsa Dhugaa Baatonni Yihowaa barsiisan Kitaaba Qulqulluu wajjin wal bira qabee yommuun ilaalu amantaa dhugaa akkan argadhe mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼeera. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa ajaja Kitaabni Qulqulluun namootaaf lallabuu akka qabnu kennu ni hordofu. (Maatewos 28:19, 20; Hojii Ergamootaa 15:14) Kana malees, dhimmoota siyaasaa keessa hin galan.—Faarfannaa 146:3, 4; Yohaannis 15:17, 18.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun jiraachuun baayʼee na fayyadeera. Fakkeenyaaf, maariwaanaa xuuxuu dhiisuun jiʼa jiʼaan doolaara dhibbaan lakkaaʼamu qisaasessuu irraa na baraareera. Amma abjuuwwan yaadaan uumaman na hin burjaajessan, fayyaan qaamaa fi sammuu koos fooyyaʼeera.

Kana malees, amma jireenyi koo kaayyoo fi galma qaba; kun immoo wantan ijoollummaa kootii kaasee hawwaa ture dha. Hunda caalaa garuu, gara Waaqayyotti akkan dhihaadhe natti dhagaʼama.—Yaaqoob 4:8.

[Miiljalee]

^ key. 2 Raastafariyaan kan jedhaman garee miseensa amantaa Jaamaayikaa yeroo baayʼee rifeensa isaanii dheeraffatanii fi mootii Itoophiyaa Haayila Sillaasee akka waaqaatti waaqeffatani dha.

“Aarii Koo Toʼachuu Baradheera.”​—MAARTIINOO PEEDREETII

UMURII: 43

BIYYA DHALOOTAA: AWUSTIRAALIYAA

SEENAA: NAMA QORICHA SAMMUU NAMAA HADOOCHU GURGURAA TURE

JIREENYA KOO DURAA: Yeroon ijoollee turetti warri koo yeroo baayʼee bakka jiraatan ni jijijjiiru turan. Magaalota xixinnoo fi guguddaa, akkasumas yeroo muraasaaf baadiyyaatti mishiinii Pirootestaantii keessa jiraadheera. Baadiyyaatti yeroo gaarii eessumootaa fi firoota koo kaanii wajjin qurxummii qabuudhaan, adamoo dhaquudhaan, meeshaalee ittiin taphatanii fi wantoota kan biroo hojjechuudhaan dabarse matumaa hin irraanfadhu.

Abbaan koo nama buunyaa taphatu waan tureef, wal reebuu kan na barsiise xinnummaa kootti ture. Kanaafuu yeroo hundumaan namootaa wajjin wal lola ture. Yeroon umurii waggoota kurnanii keessa turetti, yeroo koo harka caalaa isaa kanan dabarsu manneen dhugaatii keessatti dhuguudhaan ture. Anii fi hiriyoonni koo taʼe jennee namoota dubbii barbaanna turre. Achiis cuubee fi ulee qabannee namoota 20 ykn isaa ol taʼan lolla turre.

Maallaqa kanan argadhu qoricha sammuu namaa hadoochuu fi meeshaalee namoonni buufata dooniitii hojjetan hatan gurguruudhaan ture. Kana malees, namoota qoricha sammuu namaa hadoochuu gurguraniif maallaqan sassaaba, namoota liqiin isaan irra jiru immoo qawwee fi shugguxiidhaan doorsiseen namoota qoricha sammuu namaa hadoochuu gurguraniif maallaqa harkaa fuudha ture. Kaayyoon koo nama maallaqaan qacaramee nama ajjeesu taʼuu ture. Akeekni ani ittiin geggeeffamu ajjeesi ykn ni ajjeefamta kan jedhu dha.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa ijoollummaa kootti dhagaʼeen ture. Yeroon jalqaba umurii waggoota 20mmannii keessa turetti, haadha tiyya bakka Dhugaa Baatonni Yihowaa jiran kan beektu taʼuu ishii gaafadhee akkan ture nan yaadadha. Guyyaa lama booda, Dhugaa Baatuun Diiksan jedhamu dhufee balbala koo rurrukute. Saʼaatii muraasaaf erga mariʼannee booda, walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti akkan argamu na affeere. Anis walgaʼii sana irratti nan argame; amma walgaʼii kana irratti argamuu ergan jalqabee gara waggaa 20 olii taʼeera. Dhugaa Baatonni gaaffii koo hundaaf Kitaaba Qulqulluu irraa deebii naa kennu turan.

Yihowaan namoota hamoo taʼan dabalatee namoota hundumaaf kan yaadu taʼuu isaa barachuun koo na gammachiiseera. (2 Pheexiros 3:9) Inni yeroo namni naaf yaadu tokko illee hin jirretti, Abbaa jaalala qabeessa na barbaadu taʼuu isaan hubadheera. Kana malees, akkaataa jireenya koo yoon jijjiire dhiifama akka naaf godhu hubachuun koo boqonnaa guddaa naaf argamsiiseera. Caqasni Kitaaba Qulqulluu Efesoon 4:22-24 irra jiru jijjiirama guddaa akkan godhu na gargaareera. Yaanni caqasicha irra jiru, ‘namummaa moofaa of irraa baasee akkan gatuu’ fi ‘namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti uumame akkan uffadhu’ na jajjabeesseera.

Akkaataa jireenyaa koo jijjiiruun yeroo dheeraa natti fudhateera. Torban guutuu qoricha sammuu namaa hadoochu utuu hin fudhatin ergan dabarsee booda, Sanbadduraa fi Dilbata yeroon hiriyoota koo wajjin taʼu araada kanaanan moʼama ture. Akkaataa jireenyaa koo jijjiiruu yoon barbaade hiriyoota koo irraa fagaachuu akkan qabu waanan hubadheef, magaalaa kan biraa dhaqee jiraachuufan murteesse. Hiriyoonni koo tokko tokko na geggeessuu akka barbaadan yommuu na gaafatan, anis yaada isaanii irrattin walii gale. Utuu waliin deemaa jirruu maariwaanaa xuuxuu jalqaban, anis akkan xuuxu na affeeran. Araada kana dhiisaa akkan jiruun isaanitti hime, achiis daangaa irraa kaasee kophaa koon imala koo itti fufe. Utuma baayʼee hin turinis hiriyoonni koo qawweedhaan doorsisanii baankii akka saamaniin dhagaʼe.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Hiriyoota koo irraa yommuun adda baʼu jireenya koo keessatti jijjiirama barbaachisuu gochuun caalaatti salphaa naaf taʼe. Kanaafuu, bara 1989⁠tti cuuphamee Dhugaa Baatuun taʼe. Ergan cuuphamee booda, obboleettiin tiyya, haati tiyyaa fi abbaan koo Yihowaa tajaajiluu jalqabaniiru.

Amma ergan fuudhee waggoonni 17 darbaniiru; ijoollee babbareedoo sadiis godhadheera. Amma yeroo namoonni na aarsanitti illee aarii koo toʼachuu baradheera. Kana malees, namoonni sanyiin, ‘gosnii fi qooqi’ isaanii maal iyyuu yoo taʼe namoota hunda jaallachuu baradheera. (Mulʼata 7:9) Wanti Yesuus akkana jechuudhaan dubbate dhugaa taʼuu isaa jireenya koo keessatti arguu dandaʼeera: “Isin dubbii kootiin yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti; dhugaa ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa.”—Yohaannis 8:31, 32.

[Yaada gabaabaatti fudhatame]

Jijjiirama gochuun muuziqaa jibba sanyii jajjabeessu dhaggeeffachuu dhiisuu dabalata

[Yaada gabaabaatti fudhatame]

Anii fi hiriyoonni koo taʼe jennee namoota dubbii barbaanna turre. Achiis cuubee fi ulee qabannee namoota 20 ykn isaa ol taʼan lolla turre