Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Hundumaa Amanamaa Taʼuu Qabdaa?

Yeroo Hundumaa Amanamaa Taʼuu Qabdaa?

Yeroo Hundumaa Amanamaa Taʼuu Qabdaa?

NAMNI hundi al tokko tokko amanamaa taʼuu dandaʼa; tarii namoonni baayʼeenimmoo yeroo hedduu amanamoo taʼuu dandaʼu. Haataʼu malee, namoota yeroo hundumaa amanamoo taʼanii jiraachuuf carraaqan meeqa beekta?

Yeroo harʼaa bifawwan jireenyaa hedduu keessatti amanamummaa dhabuun babalʼateera. Ilaalchi Waaqayyo amanamummaaf qabu garuu ifadha. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun Abboommii Kurnan beekamaa taʼan keessaa isa saddeettaffaa, “Hin hatin!” jedhu akka gaariitti beeku. (Baʼuu 20:15) Haataʼu malee namoonni baayʼeen, haalawwan hanniifi amanamummaa hirʼisuun sirrii itti taʼu tokko tokko akka jiru isaanitti dhagaʼama. Mee hannawwan akaakuu sadii namoonni hatuun sirrii akka taʼe itti dubbatan haa ilaallu.

Hiyyummaan Hatuuf Sababii Taʼaa?

Bulchaan biyya Roomaa tokko, “Hiyyumni madda yakkaati” jedhanii turan. Namni hiyyeessa taʼe tokko hatuun sirrii akka taʼe isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Namoonni isa arganis akkasuma isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Yesus dhimma kanaaf ilaalcha akkamii qaba ture? Namoota hiyyeessa taʼaniif baayʼee gadda ture. Kanaaf “Isaaniif ooʼe[era].” (Maatewos 9:36) Haataʼu malee, haala akkamii keessattiyyuu hatuun sirrii akka taʼe matuma hin dubbanne. Namni hiyyeessa taʼe tokko maal gochuu qabaree?

Waaqayyo namoota garaadhaa isaaf abboomamuuf carraaqaniif kan ooʼu taʼuusaarrayyuu, carraaqqii wanta isaan barbaachisu argachuuf godhan ni eebbisaaf. (Faarfannaa 37:25) Macaafni Qulqulluun abdii akkas jedhu kenna: “Waaqayyo, warri qajeelonni akka beelaʼan hin godhu, kajeellaa warra jalʼootaa garuu lafatti in dabala.” (Fakkeenya 10:3) Namni hiyyeessa taʼe tokko abdii kanatti amanuu dandaʼaa? Obboleettiin Viiktooriin jedhamtu tokko abdiin kun dhugaa taʼuusaa hubatteetti.

Viiktooriin dubartii abbaan manaa irraa duʼeefi ijoollee mana barumsaa galuu gaʼan shan qabdu waan taateef, kana gochuun isheef salphaa hin ture. Biyya guddachaa jiru keessa waan jiraattuuf, gargaarsi mootummaarraa argattu gad aanaa ture. Yerooshee gara caalaa kan dabarsitu manaa alatti bakka hatuuf carraa balʼaan jirutti ture. Haataʼu malee, Viiktooriin hatuuf qoramtee hin beektu. Kanaa mannaa, amanamummaadhaan karaarratti daldaluudhaan wanta guyyaadhaaf ishee barbaachisu argatti turte. Amanamtuu taatee kan jiraattu maaliifi?

Akkas jetteetti: “Tokkoffaa, Waaqayyo amanamaa akka taʼeefi yoon fakkeenyasaa hordofe innis anaaf amanamaa akka taʼu nan amana. Lammaffaammoo, ijoolleenkoo waaʼee amanamummaa barachuu kan dandaʼan, ani amanamtuu taʼuukoo yoo argan qofadha.”

Haalli jireenyaashee maal fakkaata? “Nyaata, uffataafi mana jireenyaa qabna. Haataʼu malee, wantoota akka tasaa uumamaniif, fakkeenyaaf wantoota akka baasii yaalii fayyaa jiran akka na gargaaraniif yeroon itti michootakoo gaafadhu jira. Yeroo hundumaa wanta na barbaachisu nan argadha. Maaliif? Michoonnikoo haalan keessa jiru amanamummaadhaan akkan dubbadhuufi wanta na barbaachisu caalaa argachuuf akkan hin carraaqne beeku.

“Ijoolleenkoo amanamoo akka taʼanitti guddifamaniiru. Dhiheenya kana dubartiin ollaakoo tokko minjaala keenyarratti farankaa argitee, ijoolleen ni fudhatu jedhee maaliif akka hin sodaanne na gaafatte. Ijoolleenkoo matumaa quba itti hin buusan jedhee yeroon deebisuuf amanuun isheetti ulfaatee ture. Utuu ani hin beekin isaan qoruuf murteessite. Utuu namni ishee hin argin, farankaa abbaa 100 lama [saantima Ameerikaa 20] bakka ijoolleenkoo salphaatti arguu dandaʼan keesse. Borumtaasaa yeroo dhuftu, farankaa sana idduma sanatti arguunshee baayʼee ishee dinqisiiseera. Ijoollee amanamoo taʼan qabaachuun, qabeenya hedduu qabaachuu caalaa kan nama gammachiisuudha.”

“Namni Hundi Ni Hata”

Bakka hojiitti hanni baayʼee babalʼatee argama. Kanaaf namoonni hedduun, “Nama hundumaatu hata, anis yoon hate rakkina maalii qaba?” jedhu. Macaafni Qulqulluun garuu, “Wanta hamaa hojjechuudhaan tuuta duukaa hin buʼin” jedha. (Baʼuu 23:2) Viiktiwaar gorsa kana hojiirra oolchiteetti. Akkas gochuunshee buʼaa argamsiiseeraa?

Viiktiwaar yeroo umriinshee waggaa 19 taʼu, warshaa zayitiin meexxii itti oomishamu keessatti qacaramte. Dubartoonni achitti qacaraman 40⁠ni ija meexxii guuboosaanii keessa dhoksanii fudhatanii akka galan hubatte. Dhuma torbanii hundatti, qarshiin ija meexxii sana itti gurguratan miindaasaanii guyyaa sadii hanga afurii wajjin qixxee ture. Viiktiwaar akkas jetti: “Dhugaa dubbachuuf namuma hundumaatu akkas godha ture. Anis akkumasaanii akkan godhu eeganii kan turan taʼuyyuu, amanamtuu taʼee akkan jiraadhu isaanitti himuudhaan akka isaan jedhan gochuun dide. Carraa gaariin akka na jala darbe dubbachuudhaan natti gaʼisu turan.

“Gaaf tokko hundi keenya utuu baʼaa jirruu, hogganaan warshichaa akka tasaa dhufe. Guuboo keenya hundumaa kan sakattaʼe siʼa taʼu, ija meexxii kan hin arganne guubookoo keessaa qofa ture. Warri qabaman sun hundi yerooma sana hojiirraa ariʼamuu ykn torban lama miindaa malee hojjechuu qabu turan. Torban lamaan sanatti dubartoonni sun wanti natti hafe akka hin jirre hubataniiru.”

“Argannaan Hin Kennin”

Wanta gati jabeessa nama tokko jalaa buʼe yoo argatte maaltu sitti dhagaʼama? Namoonni hedduun waan argatan tokko yeruma sana akka qabeenya ofiitti kan ilaalan taʼuusaarrayyuu, deebisuun matumaa gara sammuusaaniitti hin dhufu. Yaada, “Argannaan hin kennin” jedhu qabu. Tokko tokkos, kun dogoggora akka hin taane isaanitti dhagaʼama taʼa. Namni jalaa bade sunis taanaan deebiseen argadha jedhee hin yaadu jedhu. Kaanimmoo, abbaa jalaa bade sana barbaaduun dhimmasaanii akka hin taane dubbatu.

Waaqayyo kanaaf ilaalcha akkamii qaba? Akka Keessa Deebiin 22:1-3 jedhutti, namni waan bade argate calluma jedhee of bira kaaʼuu hin qabu; kanaa mannaa, “Hamma obboleessi kee barbaacha dhufuttis si bira haa turu, yommuu inni dhufu immoo isaaf deebisi!” jedhameera. Namni wanta nama jalaa bade argatee utuu hin beeksisin hafe akka hatetti lakkaaʼama. (Baʼuu 22:9) Kun yeroo keenyatti hojiirra ooluu ni dandaʼaa? Kiristiin hojiirra ooluu akka dandaʼu hubatteetti.

Kiristiin dirikteera mana barumsaa dhuunfaa tokkooti. Guyyaa Roobii tokko miindaashee jiʼaa fudhattee turte. Akkuma namoonni Lixa Afriikaa jiran godhan, martee boorsaashee keessa kaaʼatte. Achiis doqdoqqee akka taaksiitti tajaajilu dhaabsistee saffisaan gara walgaʼiitti adeemte. Yeroo bakka sana geessu, namicha ishee fideef boorsaashee keessaa sakattaatee farankaa kenniteef. Yeroo kanatti dukkana keessa miindaanshee akkuma marametti utuu isheen hin beekin lafa buʼe.

Daqiiqaawwan muraasa booda, Biileez inni umriinsaa waggaa 19 taʼuufi naannoo sanaaf haaraa taʼe karaa sanarra dhufe. Biileez, michuusaa walgaʼii Kiristiin irratti argamturratti argamuu wajjin wal arguuf beellama qabatee ture. Wanta maramaa sana lafaa fuudhee kiisiisaa keessa kaaʼe. Yeroo walgaʼiin sun xumuramu, michuusaatti lafaa waa tokko akka argateefi namni waa jalaa bade akka isaaf bilbilu ykn akka isa gaafatu itti hime.

Kiristiin galgala sana yeroo mana geessu, miindaanshee jalaa baduusaa yommuu beektu baayʼee naate. Torban tokko booda, wanta ishee jalaa bade michuushee Joozeefiinitti yeroo himtu, namni keessummaan walgaʼiirratti argamee ture tokko waa argachuusaa isatti himee akka ture isheetti hime. Kiristiin Biileeziif bilbiltee qarshiin akka jalaa badee isatti himte. Biileez qarshii sana yeroo isheedhaaf deebisu baayʼee gammadde. Biileezittoo maaltu dhagaʼame? Qarshiin sun torban tokkoof kan isa bira ture taʼus akkas jedheera: “Gammachuun ani qarshii sana deebisuu kootiin argadhe, gammachuun yeroo qarshiin sun na bira ture qaburra kan caalu ture.”

Yeroo Hundumaa Amanamoo Taʼuuf Kan Carraaqan Maaliifi?

Viiktooriin, Viiktiwaariifi Biileez bakkawwan addaddaa kan jiraatan taʼuusaanirrayyuu ijaan argaa walii hin beekan. Haataʼu malee, wanta wal isaan fakkeessu tokko qabu. Dhugaa Baatota Yihowaa wanta Macaafni Qulqulluun waaʼee amanamummaa ibsu hojiirra oolchanidha. Abdii Waaqayyo waaʼee addunyaa haaraa akkas jechuudhaan kenne yeroo raawwatamu eeggatu: “Akka abdii inni nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.” Namoonni yeroo sanatti jiraatan hundi qajeelotaafi amanamoo taʼu.—2 Phexros 3:13.

Viiktiwaar hanga Waaqayyo wantoota jijjiirutti haalli dinagdeeshee hamma tokko akka fooyyaʼu hin abdattu. Haataʼu malee, qabeenya hafuuraa guddaa isa qarshiin bituu hin dandeenye qabdi. Ijoolleenshee amanamoo kan taʼaniifi sabrii kan qabanidha. Dilbata hundumaa waaʼee gaarummaa Yihowaafi inni fedha “warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaa” akka guutu, akkasumas ‘warra isa jaallatan hundumaa akka eegu’ ollaawwansaaniitti yeroo himan ‘gammaachuutu’ isaanitti dhagaʼama.—Faarfannaa 145:7, 18, 20.

Viiktiwaar yeroo booda, warshaa zayitiin meexxii itti oomishamu gadhiistee baateetti. Daldala mataashee, jechuunis garrii (kaasaavaa affeelamaa hiddisaa nyaatamu) gabaatti gurguruu jalqabde. Amanamtuu taʼuunshee maamila hedduu baafachuuf ishee gargaareera. Utuma baayʼee hin turin yeroo gabaarratti dabarsitu hirʼistee, yerooshee gara caalu abdii addunyaa namoota amanamoo hin taanerraa walaba taʼe keessa jiraachuuf qabdu namootaaf lallabuurratti dabarsuu dandeesseetti. Yeroo booda kan heerumte siʼa taʼu, amma abbaa manaashee wajjin tajaajilaa yeroo guutuurratti hirmaachaa jiru.

Qarshiin Kiristiin kan jalaa buʼe, Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa duratti ture. Biileez namoota walgaʼii sanarratti argaman keessaa kan beeku muraasa taʼaniyyuu, obbolootasaa yeroo hundumaa amanamoo taʼuuf carraaqan taʼuusaanii beeka ture.

Namoota yeroo hundumaa amanamoo taʼuuf garaasaaniitii carraaqan meeqa beekta? Namoota akkasii 50, 100 ykn 200 wajjin taʼuun maal akka fakkaatu yaadi. Kun haala gammachiisaa Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessa jirudha. Achi dhaqxee maaliif isaanii wajjin wal hin bartu?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 28rra jiru]

“Ijoollee amanamoo taʼan qabaachuun, qabeenya hedduu qabaachuu caalaa kan nama gammachiisudha.”—VIIKTORIIN

[Saanduqa fuula 30rra jiru]

Fakkeenyi 6:30 Hatuun Yeroon Itti Sirrii Taʼu Akka Jiru Ibsaa?

Fakkeenyi 6:30, “Hattuun yommuu beeloftu beela baʼuudhaaf yoo hatte, namoonni ishee in tuffatu laataa?” jedha. Yaanni kun hatuun dogoggora akka hin qabne ibsaa? Matumaa. Yaanni naannoo caqasichaa jiru akka argisiisutti, Waaqayyo nama hate sana balleessaasaatiif ni adaba. Lakkoofsi ittaanu akkas jedha: “Yoo qabamte garuu, wanta isheen manaa qabdu hundumaa yoo gaagaʼe iyyuu, dachaa torba baasuutu isheedhaaf taʼa mitii ree?” (Fakkeenya 6:31) Namni beelaʼee hate tokko, nama sassataaf ykn nama biraa miidhuuf jedhee hatee wajjin qixxee hin ilaalamu taʼa; taʼuyyuu waan hate sana “baasuu” ykn deebisuu qaba. Namoonni Waaqayyo duratti fudhatama argachuu barbaadan, haala akkamii keessa kan jiran taʼuyyuu hatuu hin qaban.