Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maqaa Eenyuufi Maaliitiin Cuuphamuu Qabna?

Maqaa Eenyuufi Maaliitiin Cuuphamuu Qabna?

Maqaa Eenyuufi Maaliitiin Cuuphamuu Qabna?

“Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan . . .  bartoota koo godhaa!”—MAT. 28:19.

1, 2. (a) Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee Yerusaalemitti maaltu raawwatame? (b) Namoota achitti sassaabaman keessaa hedduun kan cuuphaman maaliifi?

MAGAALAAN Yerusaalem namoota biyya hedduutii dhufaniin guutamteetti. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee, ayyaanni bakki guddaan kennamuuf kabajamaa kan ture si’a ta’u, namoonni biyya kan biraatii dhufan hedduun irratti argamaniiru. Haata’u malee, Phexros haasawaa miira namaa kakaasu erga kennee booda, wanti sanaan dura raawwatamee hin beekne tokko ni ta’e. Yihudoonniifi namoonni gara amantii Yihudiitti jijjiiraman 3,000 ta’an dubbiisaa dhaga’anii garaansaanii waan tuqameef, qalbii geddaratanii bishaaniin cuuphaman. Achiis gumii Kiristiyaanaa haaraa hundeeffametti dabalaman. (HoE. 2:41) Namoonni hedduun kuufama bishaaniifi haroo naannoo Yerusaalem jirutti cuuphamuunsaanii wacni guddaan akka uumamu godhee ta’uu qaba!

2 Namoonni hedduun akka cuuphaman kan godhe maal ture? Guyyaa sana ganama, “huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga’ame[e]” ture. Bartoonni Yesus 120 ta’aniifi kutaa mana isa gubbaarra turan hafuura qulqulluudhaan guutaman. Achii booda, dhiironniifi dubartoonni Waaqayyoon sodaatan walitti qabamanii, bartoonni kun ‘afaan garagaraa yeroo dubbatan’ dhaga’uu dhufan. Waa’ee du’a Yesus dabalatee wanta Phexros dubbate yeroo dhaga’an, namoonni hedduun “garaan isaanii [ni] baqaqe.” Maal gochuu qabu turan? Phexros akkas jechuudhaan deebiseera: “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; . . .  tokkon tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.”—HoE. 2:1-4, 36-38.

3. Guyyaa Phenxeqostee, Yihudoonnis ta’an namoonni amantii Yihudiitti jijjiiramaniifi qalbii jijjiirtan maal gochuu qabu turan?

3 Yihudoonnis ta’e namoonni amantii Yihudiitti jijjiiramaniifi wanta Phexros dubbate dhaga’an, haala amantii akkamii keessa akka turan yaadaa. Yihowaan Waaqasaanii akka ta’e ni amanu turan. Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa, hafuurri qulqulluun humna Waaqayyo yeroo wantoota uumeefi sana booda itti fayyadamu akka ta’e beeku turan. (Uma. 1:2; Abo. 14:5, 6; 1 Sam. 10:6; Far. 33:6) Wanti beekuu qaban kan biraan garuu jira ture. Yesus inni Masiihii ta’e, karaa Waaqayyo ittiin fayyisu ta’uusaa hubachuufi amanuunsaanii barbaachisaa ture. Kanaaf, Phexros ‘maqaa Yesus Kristosiin cuuphamuun’ akka isaan barbaachisu ibseera. Guyyoota muraasa dura, Yesus inni du’aa ka’e Phexrosiifi namoota kaan, ‘maqaa abbaatiifi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis akka isaan cuuphan’ ajajee ture. (Mat. 28:19, 20) Kun jaarraa jalqabaatti hiika guddaa qaba ture; ammas akkasuma. Hiiknisaa kun maalidharee?

Maqaa Abbaatti

4. Namoota Yihowaa wajjin hariiroo uumuu barbaadan ilaalchisee jijjiirama akkamiitu godhame?

4 Akkuma olitti ibsame, namoonni haasawaa Phexros kenne dhaga’an Yihowaa kan waaqeffataniifi isaa wajjin hariiroo kan qaban turan. Biyyoota biraatii gara Yerusaalem kan dhufan sababii kanaatiif waan tureef, Seerasaa hordofuuf carraaqaa turan. (HoE. 2:5-11) Haata’u malee, Waaqayyo walitti dhufeenya namootaa wajjin godhurratti jijjiirama guddaa godheera. Yihudoonni sabasaa addaa ta’uunsaaniis ta’e, Seericha eeguun isa duratti fudhatama argachuuf kan isaan dandeessisu ta’uunsaa ni hafe. (Mat. 21:43; Qol. 2:14) Namoonni dhaggeeffachaa turan sun hariiroosaanii cimsachuu yoo barbaadan, wanti dabalataan raawwachuun isaan barbaachisu jira.

5, 6. Jaarraa jalqabaatti Yihudoonniifi namoonni amantii Yihudiitti jijjiiraman hedduun, Yihowaa wajjin hariiroo uumuuf maal gochuu qabu turan?

5 Jijjiiramni kun Yihowaa isa Uumaasaanii ta’erraa akka garagalan kan godhu hin turre. (HoE. 4:24) Namoonni ibsa Phexros kenne fudhatan, amma isa kanaan duraa caalaa Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa ta’uusaa hubachuu danda’u. Isaan fayyisuuf Masiihicha isaanii ergeera; namoota Phexros, “Yesus isa isin muka irratti fanniftan kana gooftaadhaa fi Masiihii akka godhe, Israa’eloonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan!” jedheefillee dhiifama gochuuf fedhii qaba ture. Namoonni wanta Phexros dubbate hojiirra oolchan, wanta Abbaan namoota isaa wajjin hariiroo uumuu barbaadan hundaaf godhe dinqisiifachuuf sababii ga’aa qabu!—Hojii Ergamootaa 2:30-36 dubbisi.

6 Dhugumayyuu, Yihudoonniifi namoonni amantii Yihudiitti jijjiiraman, Yihowaa wajjin hariiroo uumuun inni karaa Yesus akka isaan fayyisu amanuu akka dabalatu hubachuu danda’aniiru. Amma, beekaas ta’e utuu hin beekin Yesusiin ajjeesuu dabalatee, cubbuu raawwataniif qalbii kan jijjiirratan maaliif akka ta’e hubachuu dandeesseetta. Akkasumas, sababii guyyoota itti aananitti ‘barsiisa ergamootaatti qabamanii itti jiraatan’ hubachuun ulfaataa miti. (HoE. 2:42) ‘Ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti dhihaachuu’ kan barbaadan ta’uusaaniirrayyuu, dhihaachuu danda’aniiru.—Ibr. 4:16.

7. Yeroo har’aatti namoonni hedduun ilaalcha Waaqayyoof qaban kan jijjiiraniifi maqaa Abbaatti kan cuuphaman akkamitti?

7 Yeroo har’aatti, namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi akkaataa guddinaa addaddaa qaban, waa’ee Yihowaa dhugaasaa Macaafa Qulqulluurraa barataniiru. (Isa. 2:2, 3) Isaan keessaa tokko tokko Waaqayyo hin jiru ykn yoo jiraates namootaaf hin yaadu jedhanii kan amanan turanis, Uumaan isaa wajjin hariiroo gaarii uumuun danda’amu akka jiru amananiiru. Kaanimmoo, sillaaseetti ykn waaqayyolii tolfamoo garagaraatti kan amanan turan. Waaqni hundumaa danda’u Yihowaa qofa akka ta’e kan baratan ta’uusaarrayyuu, amma maqaasaatiin isa waamu. Kunis, wanta Yesus bartoonnisaa maqaa Abbaatti cuuphamuu akka qaban dubbatee wajjin kan walsimudha.

8. Namoonni cubbuu Addaam akka dhaalan hin beekne, waa’ee Abbaa maal beekuu isaan barbaachisa?

8 Addaamirraa cubbuu akka dhaalanis hubataniiru. (Rom. 5:12) Kun barumsa haaraa amananii fudhachuu qaban ture. Namoonni akkasii, nama dhukkubsateefi dhukkubsachuusaa hin beeknee wajjin wal fakkaatu. Mallattoo tokko jechuunis darbee darbee waraansi isatti dhaga’ama ta’a. Haata’u malee, mana yaalaa dhaqee dhukkubnisaa maal akka ta’e waan hin qoramneef, haalli fayyaasaa gaarii isatti fakkaachuu danda’a. Dhugaansaa garuu faallaa kanaati. (1 Qorontos 4:4 waliin ilaali.) Dhukkubasaa sirriitti yoo qoramehoo maal godha? Yaalii beekamaa, gaariifi bu’a qabeessa ta’e barbaaduufi fudhachuunsaa sirrii mitii? Haaluma wal fakkaatuun, namoonni hedduun cubbuu dhaaluusaanii sirriitti erga hubatanii booda, “yaalii” Macaafa Qulqulluu fudhataniiru; akkasumas Waaqayyo “qoricha” akka isaaniif dhiheesse hubataniiru. Eeyyee, namoonni Abbaarraa fagaatan hundi Isa “qoricha” isaanii kennuu danda’utti deebi’uu isaan barbaachisa.—Efe. 4:17-19.

9. Yihowaan isaa wajjin hariiroo uumuu akka dandeenyu gochuuf maal raawwateera?

9 Kiristiyaana Yihowaaf of murteessitee cuuphamte taanaan, Yihowaa wajjin hariiroo uumuu jechuun wanta hundarra caalu ta’uusaa beekta. Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa ta’uusaa dinqisiifachuu dandeessa. (Roomaa 5:8 dubbisi.) Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaan isarratti cubbuu hojjetaniyyuu, nunis dabalatee ijoolleensaanii isaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu akka danda’aniif dursee tarkaanfii fudhateera. Kunis, Waaqayyo yeroo Ilmisaa inni jaallatamaan gidiraadhaan du’u arguun dhiphina isarraan geessisu danda’uu isa gaafateera. Kana beekuun keenya, aangoo Waaqayyoo amannee fudhachuudhaan, jaalalaan kakaanee abboommiiwwan isaatiif akka bitamnu kan nu gargaaru mitii? Hanga ammaatti akkas hin goone taanaan, Waaqayyoof of murteessuufi cuuphamuuf sababii ga’aa qabda.

Maqaa Ilmaatiin

10, 11. (a) Yesus wanta guddaa akkamii sii godheera? (b) Yesus furii ta’ee du’uusaatti maaltu sitti dhaga’ama?

10 Ammas wanta Phexros namoota walitti qabamanii turanitti dubbate mee yaadaa. Yesusitti amanuu isa ‘maqaa ilmaatti’ cuuphamuu wajjin kallattiidhaan wal qabate jabeessee ibseera. Kun yeroo sanatti barbaachisaa kan ture maaliifi? Ammahoo barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Yesusitti amanuufi maqaasaatiin cuuphamuu jechuun, ga’ee inni Uumaa keenyaa wajjin hariiroo akka qabaannu gochuuf qabu amananii fudhachuu jechuudha. Yesus abaarsa Seerichi Yihudootatti fide isaanirraa fuudhuuf mukarratti fannifamuu qaba ture; haata’u malee duutisaa bu’aa kanarra caalu qaba ture. (Gal. 3:13) Aarsaa furii ilmaan namootaa hundaaf barbaachisu dhiheesseera. (Efe. 2:15, 16; Qol. 1:20; 1 Yoh. 2:1, 2) Kana raawwachuufis, Yesus dabni isarratti raawwatameera, arrabsameera, mukarratti fannifameera, dhumarrattis ajjeefameera. Aarsaa kana hangam dinqisiifatta? Mucaa waggaa 12 doonii Taayitaanikii jedhamtuufi bara 1912 tulluu cabbii galaana keessaatti rukutamte keessa jirtu akka taate godhii yaadi. Bidiruu lubbuu baraarsuuf qophaa’etti utaaluuf yeroo yaalii gootu bidiruun sun guuteera. Namichi bidiruu lubbuu baraarsuuf qophaa’e sanarra ture tokko, haadha manaasaatti nagaa dhaamee gara doonichaatti utaalee deebi’uudhaan, bidiruu lubbuu baraarsuuf qophaa’e sana si yaabbachiise. Maaltu sitti dhaga’ama? Guddaa akka isa galateeffattu beekamaadha! Mucaan muuxannoo akkasii keessa darbe tokko wanta isatti dhaga’ame hubachuu dandeessa. * Yesus garuu wanta kanarraa caalu sii godheera. Jireenya dhuma hin qabne akka jiraattuuf siif jedhee du’eera.

11 Wanta Ilmi Waaqayyoo siif godhe yeroo barattu maaltu sitti dhaga’amee ture? (2 Qorontos 5:14, 15 dubbisi.) Guddaa galateeffattee akka turte beekamaadha. Kunis, Waaqayyoof akka of murteessituufi ‘isa nuuf jedhee du’eef malee, ofii keetiif akka hin jiraanne’ si gargaareera. Maqaa Ilmaatiin cuuphamuu jechuun, wanta Yesus siif godhe beekuufi aangoo inni namoota ‘gara jireenyaatti geessuudhaan’ qabu amantee fudhachuu jechuudha. (HoE. 3:15; 5:31) Kanaan dura Uumaa wajjin hariiroo hin qabdu turte; akkasumas abdii qabatamaa ta’e hin qabdu. Dhiiga Yesus Kiristos isa dhangala’erratti amanuudhaan erga cuuphamtee booda garuu, amma Abbaa wajjin hariiroo uumuu dandeesseetta. (Efe. 2:12, 13) Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin dur hamaa yaaduu keessaniin, hojjechuu keessaniinis orma, diina Waaqayyoos taatanii turtan. Amma garuu Waaqayyo du’a namummaa ilma isaatiin isin araarsee, warra isaaf qulqullaa’an, warra mudaa hin qabne, warra balleessaa hin qabnes godhee, of dura isin dhaabachiiseera.”—Qol. 1:21, 22.

12, 13. (a) Yeroo namni tokko si mufachiisu, maqaa Ilmaatiin cuuphamuunkee deebii kenniturratti jijjiirama fiduu kan qabu akkamitti? (b) Kiristiyaana maqaa Yesusiin cuuphame ta’uunkee, itti gaafatamummaa maalii sitti fida?

12 Maqaa Ilmaatiin kan cuuphamte ta’uyyuu, cubbuun dhiibbaa akka sirraan geessisu akka gaariitti hubatta. Hubannaan akkasii yeroo hundumaa nu gargaara. Fakkeenyaaf, namni tokko yoo si mufachiise, lamaan keessanuu cubbuu kan dhaaltan ta’uu keessan ni yaadattaa? Lamaan keessanuu dhiifamni Waaqayyoo kan isin barbaachisu si’a ta’u, isinis dhiifama namaaf gochuu qabdu. (Mar. 11:25) Kun barbaachisaa ta’uusaa ibsuuf Yesus fakkeenya tokko dubbateera: Mootiin tokko hojjetaasaarraa meetii miliyoona baay’ee (dinaara miliyoona 60) qaba ture. Booda garuu, hojjetaan sun hojjetaa akka isaa birrii 100 irraa qabu gadhiisuu dide. Wanti Yesus jechuu barbaade kanadha: Yihowaan nama obboleessa isaatiif dhiifama hin gooneef dhiifama hin godhu. (Mat. 18:23-35) Eeyyee, maqaa Ilmaatiin cuuphamuu jechuun, namoota kaaniif dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu dabalatee, aangoo Yesus amananii fudhachu, fakkeenyasaafi barumsasaa hordofuuf carraaquu jechuudha.—1 Phe. 2:21; 1 Yoh. 2:6.

13 Cubbuu kan dhaalte waan taateef, fakkeenya Yesus guutummaatti hordofuu hin dandeessu. Haata’u malee, garaa guutuudhaan Waaqayyoof of murteessuu keetiin haala walsimuun, hamma dandeesse fakkeenya Yesus hordofuu barbaadda. Kunimmoo, namummaa moofaa ofirraa baasanii namummaa haaraa uffachuu dabalata. (Efesoon 4:20-24 dubbisi.) Michuu jaallattu tokko yoo qabaattee, fakkeenyasaafi amalawwansaa warra gaariirraa barumsa argachuuf carraaquunkee hin oolu. Haaluma walfakkaatuun, waa’ee Kiristos barachuufi fakkeenyasaa hordofuu barbaadda.

14. Yesus aangoo Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’uusaatiin qabu akka amantu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

14 Karaan maqaa Ilmaatiin cuuphamuun maal jechuu akka ta’e akka hubatte itti argisiisuu dandeessu kan biraanis jira. Waaqayyo, “waan hundumaa miilla Kristos jala kaa’e; goofticha waan hundumaa gararraa jiru kanas waldaa kristiyaanaatiif mataa godhee kenne.” (Efe. 1:22) Kanaaf, karaa Yesus namoota Yihowaadhaaf of murteessan itti qajeelchu kabajuu si barbaachisa. Kiristos, namoota gumii keessaa cubbuu dhaalanitti fayyadama; keessumaammoo warra karaa hafuuraa ga’eessa ta’aniifi jaarsolii ta’anii muudamanitti fayyadama. Namoonni kun, ‘warra Waaqayyoof qulqullaa’an qopheessuuf waldaa isa dhagna Kristos ta’e sana cimsuuf’ muudaman. (Efe. 4:11, 12) Namoonni cubbuu dhaalan dogoggora kan hojjetan yoo ta’eyyuu, Yesus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’e, yeroofi karaa barbaadeen sirreessuu danda’a. Kana ni amantaa?

15. Kan hin cuuphamne taanaan, cuuphamuunkee eebba akkamii akka sii argamsiisu eeguu dandeessa?

15 Namoonni tokko tokko garuu, Yihowaaf of murteessanii hin cuuphamne. Atis isaan keessaa tokko yoo taate, Ilmaa beekuun sirriifi karaa dinqisiifannaakee ittiin ibsitu ta’uusaa yaadawwan armaan oliirraa hin hubannee? Maqaa Ilmaatiin cuuphamuun eebba baay’ee siif argamsiisa.—Yohannis 10:9-11 dubbisi.

Maqaa Hafuura Qulqulluutti

16, 17. Hafuura qulqulluutiin cuuphamuu jechuun siif hiika maalii qaba?

16 Maqaa hafuura qulqulluutti cuuphamuu jechuun maal jechuudha? Akkuma olitti ibsame, namoonni guyyaa Phenxeqosteetti Phexrosiin dhaggeeffachaa turan hafuurri qulqulluu akka jiru hubataniiru. Waaqayyo hafuura qulqulluutti fayyadamuusaa akka itti fufe ijasaaniitiin arganiiru. Phexros, namoota ‘hafuura qulqulluudhaan guutamanii, afaan gara garaa dubbachuu jalqaban’ keessaa tokko ture. (HoE. 2:4, 8) Jechi “maqaa” jedhu maqaa nama tokkoo qofa kan argisiisu miti. Yeroo ammaatti, wantoonni baay’een “maqaa mootummaatiin” raawwatamu; kun garuu nama tokko kan argisiisu miti. Wantoota aangoo mootummaatiin raawwataman kan argisiisudha. Haaluma wal fakkaatuun, namni maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamu, hafuurri qulqulluun qaama mataasaa kan qabu utuu hin ta’in, humna Yihowaa isa hojiirra jiru ta’uusaa ni amana. Maqaa kanaan cuuphamuun, ga’ee hafuurri qulqulluun kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu amanuu jechuudha.

17 Waa’ee hafuura qulqulluu qayyabannaa Macaafa Qulqulluurraa barumsa hin argannee? Fakkeenyaaf, Caaffanni Qulqullaa’oon geggeessaa hafuura qulqulluutiin akka barreeffaman hubatteetta. (2 Xim. 3:16) Karaa hafuuraa guddina argisiisaa yeroo adeemtu, siinis dabalatee ‘Abbaan keenya inni waaqarraa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu akka kennu’ caalaatti hubachaa akka dhufte beekamaadha. (Luq. 11:13) Tarii hafuurri qulqulluun jireenya keerratti hojjechaa akka jiru argiteetta ta’a. Haata’u malee, maqaa hafuura qulqulluutiin hin cuuphame taanaan, jechi Yesus Abbaan inni samii hafuura qulqulluu akka kennu dubbate, hafuura qulqulluu argachuun eebba guddaa akka sii argamsiisu kan mirkaneessudha.

18. Namoonni maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphaman eebba akkamii argatu?

18 Yihowaan yeroo har’aatti, gumii Kiristiyaanaa karaa hafuurasaa geggeessaa akka jiru ifadha. Hafuurri qulqulluun sochii guyyaa guyyaan goonurrattis dhuunfaatti nu gargaara. Maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamuu jechuun, ga’ee hafuurri qulqulluun jireenya keenya keessatti qabu amananii fudhachuufi fedhiidhaan haala hafuura sanaa wajjin walsimuun jiraachuu kan dabalatudha. Haata’u malee warri tokko tokko, Yihowaaf of murteessuu keenyaa wajjin haala walsimuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’eefi hafuurri qulqulluun gama kanaan ga’ee maalii akka qabu gaafatu ta’a. Mataduree ittaanurratti waa’ee kanaa ilaalla.

[Miiljaleewwan]

^ key. 10 Dammaqaa! Onkoloolessa 22, 1981, fuula 3-8 ilaali. (Ingiliffa)

Ni Yaadattaa?

• Maqaa Abbaatiin cuuphamuunkee hiika maalii qaba?

• Maqaa Ilmaatiin cuuphamuu jechuun maal jechuudha?

• Barbaachisummaa maqaa Abbaafi Ilmaatiin cuuphamuu akka hubatte argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

• Maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamuu jechuun maal jechuudha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee, bartoonni haaraan Abbaa wajjin hariiroo akkamii uumuu danda’anii turan?

[Madda]

By permission of the Israel Museum, Jerusalem