Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maarqos Isa ‘Ergamuudhaan Waa’ee Baasu’

Maarqos Isa ‘Ergamuudhaan Waa’ee Baasu’

Maarqos Isa ‘Ergamuudhaan Waa’ee Baasu’

GUMIIN Anxokiyaa rakkoo tokko tokko kan qabu ta’us, walitti bu’iinsi Phaawulosiifi Barnaabaas gidduu jiru adda ture. Adeemsa misiyoonummaaf karoora baafachaa kan turan ta’uyyuu, eenyuu wajjin akka deeman yeroo murteessan “waliin morkii” guddaan gidduusaaniitti uumamee ture. (HoE. 15:39) Lamaanuu gargar ba’anii karaa addaddaarra bu’an. Walitti bu’insa isaaniitiif sababii kan ture, Maarqos isa misiyoonii sadaffaa ta’edha.

Maarqos eenyu ture? Ergamoonni lamaan isarratti akka wal morman kan taasise maalidha? Ilaalcha addaddaa kan qabaatan maaliifi? Ilaalchisaanii kun jijjiiramee turee? Seenaa Maarqosirraa maal barachuu dandeessa?

Mana Yerusaalem Keessa Jirutti

Maarqos, maatii Yihudootaa sooressa ta’eefi magaalaa Yerusaalem keessa jiraatu keessatti kan guddate ta’uu hin oolu. Waa’eensaa jalqaba kan ibsame, seenaa gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa wajjin haala wal qabateenidha. Phexros, Dh.K.B. bara 44, yeroo ergamaan Yihowaa dinqiidhaan mana hidhaa Herodis Agriiphaa Tokkoffaa keessaa isa baase, “gara mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamuu dhaqe; achitti namoonni baay’een walitti qabamanii kadhachaa turan.”—HoE. 12:1-12. *

Yeroo sanatti gumiin Yerusaalem, walga’iiwwan geggeessuuf mana haadha Maarqositti fayyadamuu hin oolu. Yaanni “namoonni baay’een” achitti walga’anii turan jedhu manichi guddaa akka ture argisiisa. Phexros “balbala kellichaa rukunnaan” hojjettuun Maariyaam Roodaa jedhamtu dhuftee jalaa owwaatte. Maariyaam hojjettuu akka qabdu ibsamuunsaa soorettii akka turte kan argisiisudha. Manichi kan abbaa manaashee utuu hin ta’in kanshee akka ta’e kan ibsame, Maariyaam dubartii abbaan manaa irraa du’ee waan taateefi Maarqosimmoo baay’ee xinnoo waan tureef ta’uu hin oolu.—HoE. 12:13.

Maarqos namoota kadhannaaf walitti qabaman sana keessa akka ture beekamaadha. Ergamoota Yesusiifi namoota wanta Yesus raawwate ijaan arganii turanii wajjin sirriitti akka wal beeku hin shakkisiisu. Maarqos dargaggeessa marxifatee tureefi jalqaba yeroo Yesus qabametti isa duukaa bu’uuf yaale, yommuu isa qabuuf jedhan garuu baqate sana ta’uu hin oolu.—Mar. 14:51, 52.

Mirgawwan Gumii Keessatti Qabu

Kiristiyaanota karaa hafuuraa ga’eessota ta’anii wajjin michoomuunsaa, Maarqosirratti dhiibbaa gaarii akka geessise beekamaadha. Karaa hafuuraa guddachuunsaa, xiyyeeffannaa obboloota kanaa harkiseera. Phaawulosiifi Barnaabaas Maarqosiif xiyyeeffannaa kan kennan, Dh.K.B. bara 46, yeroo sababii beelaatiin ‘gargaarsaaf’ Anxokiyaadhaa gara Yerusaalemitti ergamanitti ture. Phaawulosiifi Barnaabaas yeroo Anxokiyaatii deebi’an, Maarqosiin fudhatanii deeman.—HoE. 11:27-30; 12:25.

Namni akkasumaan seenaa kana dubbisu tokko, Phaawulosiifi Barnaabaas Maarqosiin kan filatan dandeettiisaa qofaaf jedhanii malee, namoota sadan kana Kiristiyaanota ta’uusaaniirraa kan hafe wanti walitti isaan fidu hin jiru jedhee yaaduu danda’a. Haata’u malee, xalayaawwan Phaawulos keessaa tokko Maarqos durbii Baarnaabaas akka ture ibsa. (Qol. 4:10) Kun, haala Maarqosii wajjin wal qabateen wantoota ittaansuudhaan raawwataman ibsuuf nu gargaaruu danda’a.

Waggaa tokko ykn lama booda, hafuurri qulqulluun Phaawulosiifi Barnaabaas adeemsa misiyoonummaa akka godhan qajeelfama isaanii kennee ture. Isaanis Anxokiyaadhaa gara Qophros dhaquuf ka’an. “Isaan haa gargaaruuf” Maarqos isa Yohannis jedhame fudhatanii adeeman. (HoE. 13:2-5) Tarii Maarqos yeroo ergamoonni kun dhimmawwan hafuuraarratti xiyyeeffatan, wanta adeemsasaaniirratti isaan barbaachisu kan isaanii raawwatu ta’uu hin oolu.

Phaawulos, Barnaabaasiifi Maarqos Qophrosirra goranii lallabaa adeeman; achiis Asiyaa Ishee Xinnoo dhaqan. Utuu achi jiranii, Maarqos inni Yohannis jedhame murtoo Phaawulosiin mufachiise godhe. Seenaansaa akka ibsutti mandara Phergee yeroo ga’an, “Yohannis inni Maarqos jedhamu immoo achitti isaan dhiise Yerusaalemitti deebi’e.” (HoE. 13:13) Sababiin kana itti godheef hin ibsamne.

Waggoota muraasa booda, Phaawulos, Barnaabaasiifi Maarqos Anxokiyaatti deebi’an. Ergamoonni Yesus lamaan hojii adeemsa misiyoonummaa isa jalqabaarratti raawwatan cimsuuf, waa’ee adeemsa isa lammaffaa mari’achaa turan. Barnaabaas Maarqos isa durbiisaa ta’e fudhatee adeemuu kan barbaadu si’a ta’u, Phaawulos garuu Maarqos kanaan dura isaan dhiisee waan deebi’eef amma isaanii wajjin akka adeemu matumaa hin barbaanne. Haalli seensarratti ibsame kan uumame kanaaf ture. Barnaabaas Maarqosiin fudhatee gara biyya dhalootaasaa Qophros yeroo dhaqu, Phaawulosimmoo gara Sooriyaa dhaqe. (HoE. 15:36-41) Phaawulosiifi Barnaabaas murtoo Maarqos godheef ilaalcha addaddaa qabu turan.

Araaramuu

Maarqos haalli kun uumamuusaatti baay’ee gaddee akka ture beekamaadha. Haata’u malee, tajaajilaa amanamaa ta’ee itti fufeera. Maarqos Phaawulosii wajjin erga gargar ba’ee gara waggaa 11 ykn 12 booda, seenaa Kiristiyaanummaa jaarraa jalqabaarratti deebi’ee ibsameera. Eessatti? Tarii bakka ati tasumaa hin yaannetti jechuunis Phaawulosii wajjin ibsameera!

Dh.K.B. bara 60-61⁠tti, Phaawulos mana hidhaa Roomaa utuu jiruu xalayaawwan amma kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’an hedduu ergeera. Ergaa warra Qolosaayisiif barreesserratti akkas jedhe: “Arisxaarkos inni anaa wajjin hidhamee jiru nagaa isiniif in dhaama. Maarqos inni durbiin Baarnaabaas akkasuma nagaa isiniif in dhaama. Waa’ee Maarqos kanaan dura dhaamsi isin ga’eera; inni gara keessan yommuu dhufu simadhaa! . . . Isaan kana kophaatu mootummaa Waaqayyootiif anaa wajjin hojjeta; isaan immoo guddaa na jajjabeessan.”—Qol. 4:10, 11.

Kun jijjiirama guddaa mitii? Maarqos inni Phaawulos baay’ee itti aaree ture, amma hojjetaa bakka guddaan kennamuuf ta’eera. Phaawulos Maarqos dhaqee isaan daawwachuu akka danda’u warra Qolosaayisitti himeera. Dhaqee isaan daawwateera taanaan, Maarqos bakka bu’aa Phaawulos ta’ee tajaajileera jechuudha.

Waggoota sanaan dura jiranitti Phaawulos Maarqosiin garmalee ceepha’aa turee? Maarqos adaba isa barbaachisu kanarraa fayyadameeraa? Moo wantoonni kun lamaanuu dhugaa ta’uu danda’u? Haallisaa maaliyyuu yoo ta’e, araaramuunsaanii Phaawulosis ta’e Maarqos karaa hafuuraa ga’eessota ta’uusaanii mirkaneessa. Hundumaa itti dhiisanii deebi’anii waliin tajaajiluusaanii itti fufaniiru. Nama hidhata amantiisaa wajjin walitti bu’eef fakkeenya gaarii mitii?

Maarqos Isa Biyyoota Hedduu Adeeme

Adeemsa Maarqos godhe addaddaa yeroo dubbistu karaa dheeraa adeemuusaa hubatta. Yerusaalemii ka’ee Anxokiyaa, achiis markaba yaabbatee gara Qophrosiifi Phergee, achiis gara Roomaa dhaqeera. Achiimmoo Phaawulos gara Qolosaayisitti isa erguu barbaadee ture. Bakkawwan biraas adeemeera!

Phexros ergamaan xalayaasaa isa jalqabaa kan barreesse Dh.K.B. naannoo bara 62 hanga 64⁠tti ture. Akkas jedhee barreesseera: “Waldaan . . . Baabilon jirtu, nagaa isiniif in ergiti; Maarqos ilmi koos akkasuma nagaa isiniif in dhaama.” (1 Phe. 5:13) Kanaaf, Maarqos ergamaa waggoota hedduu dura gumii Kiristiyaanaa mana haadhasaatti godhamaa turerratti argamaa turee wajjin tajaajiluuf gara Baabilon dhaqeera.

Phaawulos yeroo lammataatiif Dh.K.B. bara 65 Roomaatti yeroo hidhametti, Ximotewosiif Efesoonii garasaa akka dhufu xalayaa kan barreesseef si’a ta’u, itti dabaluudhaan, “Maarqosin of duukaa fidii kottu!” jedheenii ture. (2 Xim. 4:11) Kanaaf yeroo sanatti Maarqos Efesooniin ture jechuudha. Phaawulos, Maarqos Ximotewosii wajjin gara Roomaa akka dhufu yeroo isa gaafatus akka ajajame hin shakkisiisu. Yeroo sanatti karaa adeemuun rakkisaa ta’us, Maarqos gammachuudhaan dhaqeera.

Mirga Dabalataa Adda Ta’e

Mirga addaa Maarqos argate keessaa tokko hafuura Yihowaatiin geggeeffamee Wangeelota keessaa isa tokko barreessuu ture. Wangeelli inni lammaffaa eenyuun akka barreeffame ibsuu baatuyyuu, afoolli Yihudootaa durii Maarqos odeeffannoo Phexrosirraa argateen akka barreesse ibsa. Phexros wanta Maarqos galmeesse hundumaa ijasaatiin argeera.

Hayyoonni Macaafa Qulqulluu, Maarqos barsiifata Yihudootaarratti ibsa waan kenneef, Wangeelli Maarqos namoota saba Waaqayyoo hin taaneef barreeffame jedhanii amanu. (Mar. 7:3; 14:12; 15:42) Maarqos jechoota afaan Aramaayikii namoonni Yihudoota hin taane hubachuun isaanitti ulfaatu hiikeera. (Mar. 3:17; 5:41; 7:11, 34; 15:22, 34) Jechoota Laatinii hedduu kan fayyadame ta’uusaarrayyuu, isaanitti gargaaramee jechoota Giriikii beekamaa ta’anirrattillee ibsa kenneera. Gatiin saantima Yihudootaa horii warra Roomaatiin hangam akka ta’e ibseera. (Mar. 12:42) Ragaan kun hundi, yaada Maarqos Roomaa taa’ee Wangeelasaa barreesse jedhamee yeroo dheeraaf itti amanamaa turee wajjin kan walsimu fakkaata.

“Ergamuudhaan Waa’ee Anaaf In Baasa”

Maarqos Roomaa keessatti Wangeelasaa barreessuu malees waan raawwate qaba. Phaawulos Ximotewosiin, “Maarqosin of duukaa fidii kottu!” jechuusaa yaadadhu. Phaawulos sababiisaa yeroo ibsu, “Inni anaaf ergamuudhaan waa’ee anaaf in baasa” jedheera.—2 Xim. 4:11.

Caqasni waa’een Maarqos yeroo dhumaatiif irratti caqasame kun, waa’eesaa waan hedduu ibsa. Hojii Maarqos gumii keessatti qabu ilaalchisee bakka kamittiyyuu, ergamaa, geggeessaa ykn raajii ta’uunsaa hin ibsamne. Ergamtuu ta’ee warra kaan tajaajila ture. Yeroo kanatti Phaawulos du’uusaa yeroo muraasa dura, gargaarsi Maarqos baay’ee isa fayyadee akka ture homaa hin shakkisiisu.

Waa’ee Maarqos odeeffannoowwan xixinnoo hedduun yeroo walitti qabaman, inni nama kutaawwan addunyaa addaddaatti misraachoon akka babal’atuuf hinaaffaadhaan tajaajilaa tureefi gammachuudhaan namoota kaan tajaajilu ta’uusaa hubanna. Dhugumayyuu, Maarqos abdii kutachuu dhiisuusaatiin mirga guddaa argateera!

Nuyis tajaajiltoota Waaqayyoo waan taaneef, akkuma Maarqos misraachoo Mootummichaa lallabuuf murteessineerra. Akkuma Maarqos, nu keessaa tokko tokko naannoo fagoo, biyya alaallee dhaqanii misraachoo lallabuu danda’u ta’a. Baay’een keenya bakka fagoo dhaquu kan hin dandeenye ta’uyyuu, hundi keenya karaa barbaachisaa ta’e tokkoon fakkeenya Maarqos hordofuu dandeenya. Maarqos obboloota gumii keessaa tajaajiluuf carraaqqii addaa akkuma godhe, nuyis obboloonni hidhata amantii keenya ta’an tajaajila Waaqayyoof dhiheessan akka raawwatan karaa ta’e tokkoon gargaaruuf carraaqqii gochuu barbaanna. Akkas kan goonu taanaan, eebba Yihowaa argachuu keenya akka itti fufnu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Fak. 3:27; 10:22; Gal. 6:2.

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Bara Maarqositti maqaa lammataa warra afaan Ibrootaa ykn biyya kan biraatiin moggaafamuun baramaa ture. Maqaan Maarqos, afaan Yihudootaatiin Yohaanaan isa Afaan Oromootiin Yohannis jedhamu ture. Laatiiniidhaan maqaansaa Maarqos jedhama.—HoE. 12:25.

[Kaartaa/Fakkii fuula 8, 9rra jiru]

(For fully formatted text, see publication)

Magaalaawwan Maarqos Dhaqe Tokko Tokko

Roomaa

Efesoon

Qolosaayis

Phergee

Anxokiyaa (kutaa biyya Sooriyaa)

Qophros

GALAANA MEDETARANIYAA

Yerusaalem

Baabilon